Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA SADII

Kaayyoon Waaqayyo Namootaaf Qabu Maali Dha?

Kaayyoon Waaqayyo Namootaaf Qabu Maali Dha?

1. Kaayyoon Waaqayyo namootaaf qabu maali dha?

WAAQAYYO namootaaf kaayyoo gammachiisaa qaba. Dhiiraa fi durba jalqabaa, jechuunis Addaamii fi Hewwaaniin kan uume, jannata bareedduu keessa akka jiraataniif ture. Kaayyoon Waaqayyoo ijoollee akka godhatan, lafa jannata akka godhanii fi bineensota akka kunuunsaniif ture.—Uumama 1:28; 2:8, 9, 15; Ibsa Dabalataa 6 ilaali.

2. (a) Waaqayyo kaayyoo isaa akka galmaan gaʼu akkamitti beekuu dandeenya? (b) Bara baraaf jiraachuu ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal jedha?

2 Gara fuulduraatti jannata keessa waan jiraannu sitti fakkaataa? Yihowaan, “Wantan dubbadhe iddoodhaan nan gaʼa, akeeka koos nan raawwadha” jedheera. (Isaayaas 46:9-11; 55:11) Eeyyee, inni kaayyoo isaa ni raawwata; wanti isa dhowwuu dandaʼus hin jiru. Yihowaan lafa kan uume kaayyoodhaan akka taʼe nutti himeera. Inni lafti “bifa hin qabnee fi onaa akka taʼuuf hin uumne.” (Isaayaas 45:18) Kanaa mannaa, namoonni guutummaa lafaa irra akka jiraatan barbaada. Waaqayyo namoonni akkamii lafa irra akka jiraatan barbaada? Kan jiraatan hoo yeroo hammamiitiif? Kitaabni Qulqulluun, “Toloonni [ykn namoonni ajajaman] lafa indhaalu isarras barabaraan injiraatu” jedha.—Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899; Mulʼata 21:3, 4.

3. Namoonni kan dhukkubsatanii fi kan duʼan taʼuun isaa, gaaffii akkamii sitti uumuu dandaʼa?

3 Yeroo harʼaatti garuu namoonni ni dhukkubsatu, akkasumas ni duʼu. Iddoowwan baayʼeetti wal lolu, wal ajjeesus. Kun kaayyoo Waaqayyoo akka hin taane beekamaa dha. Erga akkas taʼee, rakkina maaliitu uumame? Maaliif? Gaaffiiwwan kanaaf deebii kennuu kan dandaʼu Kitaaba Qulqulluu qofa dha.

DIINA WAAQAYYOO

4, 5. (a) Dhaaba Eeden keessatti bofatti fayyadamee Hewwaanitti kan dubbate eenyu? (b) Namni amanamaan tokko akkamitti hattuu taʼuu dandaʼa?

4 Kitaabni Qulqulluun, Waaqayyo diina “Diyaabilos,” akkasumas ‘Seexana jedhamee’ waamamu akka qabu nutti hima. Seexanni dhaaba Eeden keessatti bofatti fayyadamee Hewwaanitti dubbatee ture. (Mulʼata 12:9; Uumama 3:1) Inni bofti waan dubbachaa jiru fakkeessee ishiitti dubbate.—Ibsa Dabalataa 7 ilaali.

5 Maarree Seexana kan uume Waaqayyo dha jechuu dhaa? Lakki! Maleekaa yeroo Waaqayyo Addaamii fi Hewwaaniif lafa qopheesse samii keessa jiraachaa turetu, yeroo booda jijjiiramee Diyaabilos taʼe. (Iyoob 38:4, 7) Kun akkamitti taʼuu dandaʼe? Namni amanamaan tokko akkamitti hattuu taʼuu dandaʼa? Yeroo dhalatu hattuu hin turre. Haa taʼu malee, wanta kan isaa hin taane hawwuu jalqaba. Dhimma kana irratti yaaduu isaa yommuu itti fufu, hawwiin dogoggoraa inni qabu cimaa deema. Achiis, yeroo haala mijataa argatu ni hata. Ofuma isaatii hattuu of godha.—Yaaqoob 1:13-15 dubbisi; Ibsa Dabalataa 8 ilaali.

6. Maleekaan tokko akkamitti diina Waaqayyoo taʼe?

6 Wanti maleekaa kana mudates kanaa wajjin wal fakkaata. Yihowaan Addaamii fi Hewwaaniin erga uumee booda, akka ijoollee godhatanii fi akka ‘lafa guutan’ isaanitti hime. (Uumama 1:27, 28) Maleekaan kun tarii, ‘Namoonni kun hundi Yihowaa dhiisanii aanaan waaqeffachuu dandaʼu’ jedhee yaadee taʼa. Dhimma kana irra deddeebiʼee yommuu yaadu, hawwii inni wanta Yihowaadhaaf malu fudhachuuf qabu ni dabale. Maleekaan kun namoonni akka isa waaqeffatan barbaade. Kanaaf Hewwaaniin ni sobe; ishiis ni dogoggorse. (Uumama 3:1-5 dubbisi.) Akkas gochuudhaan Seexanaa fi diina Waaqayyoo taʼe.

7. (a) Addaamii fi Hewwaan kan duʼan maaliifi? (b) Kan dulloomnuu fi kan duunu maaliifi?

7 Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan ija mukichaa nyaatan. (Uumama 2:17; 3:6) Yihowaa irratti cubbuu kan hojjetan siʼa taʼu, akkuma Yihowaan dursee dubbatee ture yeroo booda ni duʼan. (Uumama 3:17-19) Ijoolleen Addaamii fi Hewwaanis cubbamoo waan turaniif ni duʼan. (Roomaa 5:12 dubbisi.) Sababii ijoolleen isaanii cubbamoo itti taʼan hubachuuf akka nu gargaaruuf fakkeenya tokko haa ilaallu. Eelee baqaqaa irratti buddeenni tolchame haa jennu. Buddeenichi mallattoo baqaqaa eelee sanaa fudhatee baʼa. Addaam Waaqayyoof ajajamuu yeroo didetti cubbamaa taʼe. Nutis ijoollee Addaam waan taaneef hundi keenya iyyuu cubbamoo dha; yookiin mallattoo “baqaqaa” qabna jechuu dha. Hundi keenya cubbamoo waan taaneef ni dulloomna, ni duunas.—Roomaa 3:23; Ibsa Dabalataa 9 ilaali.

8, 9. (a) Seexanni Addaamii fi Hewwaan maal akka amanan barbaada ture? (b) Yihowaan mormitoota sana battaluma sanatti kan hin balleessine maaliifi?

8 Seexanni, Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof akka hin ajajamne gochuudhaan Yihowaa irratti kaʼe. Seexanni Addaamii fi Hewwaan, Yihowaan sobduu akka taʼee fi bulchaa hamaa wanta gaarii isaaniif hin hawwine akka taʼe akka amanan barbaada. Seexanni, Waaqayyo namoonni wanta gochuu qaban isaanitti himuun akka isa hin barbaachisne, akkasumas Addaamii fi Hewwaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee murtii mataa isaanii gochuu akka dandaʼan dubbachuu isaa ture. Yihowaan hoo maal godha laata? Mormitoota kana ajjeesuu fi mormii kaʼe dhaabsisuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, tarkaanfii akkasii utuu fudhatee, Seexanni sobduu taʼuun isaa ni mirkanaaʼa turee? Lakki.

9 Kanaaf, Yihowaan mormitoota sana battaluma sanatti hin balleessine. Kanaa mannaa, namoonni ofiin akka of bulchaniif yeroo isaaniif kenne. Kunis Seexanni sobduu taʼuu isaa fi Yihowaan wanta namootaaf wayyu akka beeku ifa godha. Waaʼee kanaa Boqonnaa 11 irratti balʼinaan baranna. Haa taʼu malee, murtoo Addaamii fi Hewwaan godhan ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama? Seexana amananii Waaqayyoof ajajamuu diduun isaanii sirrii turee? Addaamii fi Hewwaan wanta qaban hunda kan argatan Yihowaa irraa ti. Jireenya mudaa hin qabne, iddoo jireenyaa bareedaa fi hojii itti gammadan isaaniif kenneera. Seexanni garuu wanta gaarii tokko iyyuu isaaniif hin goone. Ati utuu achi jiraatte, maal goota turte?

10. Hundi keenya iyyuu filannoo murteessaa akkamii gochuu qabna?

10 Yeroo harʼaa hundi keenya iyyuu filannoo akkasii gochuu kan qabnu siʼa taʼu, jireenyi keenyas filannoo kana irratti kan hundaaʼe dha. Yihowaadhaaf akka bulchaa keenyaatti ajajamuuf filachuudhaan, Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessuu dandeenya. Yookiin Seexanni bulchaa keenya akka taʼu filachuu dandeenya. (Faarfannaa 73:28; Fakkeenya 27:11 dubbisi.) Addunyaa kana keessaa namoota baayʼee muraasa taʼantu Waaqayyoof ajajama. Addunyaa kana kan bulchaa jiru Waaqayyo miti. Taanaan eenyu ree?

ADDUNYAA KANA KAN BULCHU EENYU DHA?

Utuu mootummoonni addunyaa kan Seexanaa taʼuu baatanii, afeerraa akkasii Yesuusiif ni dhiheessa turee?

11, 12. (a) Afeerraa Seexanni Yesuusiif dhiheesse irraa maal baranna? (b) Caqasawwan Seexanni bulchaa addunyaa kanaa taʼuu isaa argisiisan kam faʼi?

11 Yesuus eenyu addunyaa kana akka bulchu beeka ture. Yeroo tokko Seexanni, “mootummoota addunyaa hundumaa fi ulfina isaanii isatti argisiise.” Achiis, “Siʼa tokko qofa kuftee yoo na waaqeffatte wantoota kana hunda siif nan kenna” jedhee Yesuusiif waadaa gale. (Maatewos 4:8, 9; Luqaas 4:5, 6) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Utuu mootummoonni kun kan Seexanaa taʼuu baatanii, afeerraa akkasii Yesuusiif ni dhiheessa turee?’ Lakki. Kanaaf, mootummoonni hundi kan Seexanaa ti.

12 Akkana jettee gaafata taʼa: ‘Seexanni bulchaa addunyaa kanaa taʼuu kan dandaʼu akkamitti? Uumama hunda kan uume Yihowaa isa Hundumaa Dandaʼu dha mitii?’ (Mulʼata 4:11) Eeyyee isa dha; haa taʼu malee Yesuus, Seexana ‘bulchaa addunyaa kanaa’ jedhee waameera. (Yohaannis 12:31; 14:30; 16:11) Phaawulos ergamaanis Seexanaan ‘waaqa sirna kanaa’ jedheera. (2 Qorontos 4:3, 4) Kana malees, Yohaannis ergamaan “Guutummaan addunyaa . . . humna isa hamaa sana jala jira” jedhee barreesseera.—1 Yohaannis 5:19.

ADDUNYAAN SEEXANAA KAN BALLEEFFAMU AKKAMITTI?

13. Addunyaa haaraan kan nu barbaachisu maaliifi?

13 Addunyaan kun yeroodhaa gara yerootti mancaʼaa dhufeera. Waraana, malaanmaltummaa, fakkeessitummaa fi jeequmsaan guutameera. Namoonni hammam illee yoo carraaqan, rakkoo kana hunda hambisuu hin dandaʼan. Waaqayyo garuu yeroo dhihootti waraana Armaagedooniin addunyaa hamaa kana balleessee, addunyaa haaraa qajeelummaadhaan guutameen bakka buusa.—Mulʼata 16:14-16; Ibsa Dabalataa 10 ilaali.

14. Waaqayyo Mootii Mootummaa isaa akka taʼuuf eenyuun filate? Kitaabni Qulqulluun hoo waaʼee Yesuus raajii akkamii dubbatee ture?

14 Yihowaan, Yesuus Kiristoos Mootii Mootummaa isaa isa samii akka taʼuuf isa filateera. Waggoota kumaan lakkaaʼaman dura, Kitaabni Qulqulluun Yesuus “angafa nagaa” taʼee akka bulchuu fi bulchiinsi isaas dhuma akka hin qabne raajii dubbatee ture. (Isaayaas 9:6, 7) Yesuus duuka buutonni isaa waaʼee bulchiinsa isaa, “Mootummaan kee haa dhufu. Fedhiin kee samii irratti taʼaa akka jiru, akkasuma lafa irrattis haa taʼu” jedhanii akka kadhatan barsiiseera. (Maatewos 6:10) Boqonnaa 8 irratti mootummoonni addunyaa Mootummaa Waaqayyootiin akkamitti bakka akka buufaman baranna. (Daaniʼel 2:44 dubbisi.) Sana booda, Mootummaan Waaqayyoo lafa kan jannata bareedduu godha.—Ibsa Dabalataa 11 ilaali.

ADDUNYAA HAARAAN DHIHAATEERA!

15. ‘Lafti haaraan’ maal argisiisa?

15 Kitaabni Qulqulluun, “Samiiwwan haaraa fi lafa haaraa warra qajeelummaan keessa jiraatu ni eegganna” jechuudhaan abdii kenna. (2 Pheexiros 3:13; Isaayaas 65:17) Al tokko tokko Kitaabni Qulqulluun waaʼee ‘lafaa’ yeroo dubbatu waaʼee namoota lafa irra jiraatanii dubbachuu isaa ti. (Keessa Deebii 32:1) Kanaaf, ‘lafti haaraan’ qajeelummaan keessa jiraatu namoota Waaqayyoof ajajamanii fi eebba isaa argatan hunda kan argisiisu dha.

16. Waaqayyo namoota addunyaa haaraa inni qopheesse keessa jiraataniif kennaa gammachiisaa akkamii kenna? Kennaa kana argachuuf hoo maal gochuu qabna?

16 Yesuus namoonni addunyaa haaraa Waaqayyo qopheesse keessa jiraatan “jireenya bara baraa” akka argatan waadaa galeera. (Maarqos 10:30) Kennaa kana argachuuf maal gochuu qabna ree? Deebii kanaa argachuuf Yohaannis 3:16 fi 17:3 dubbisi. Mee amma lafa Jannata taatu keessatti jireenyi maal akka fakkaatu ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu haa ilaallu.

17, 18. Gara fuulduraatti guutummaa lafaa irratti nageenyi akka jiraatuu fi nutis tasgabbiidhaan akka jiraannu akkamitti beekuu dandeenya?

17 Hammeenyi, waraanni, yakkii fi jeequmsi ni dhabamsiifamu. Namoonni hamoon hundi lafa irraa ni balleeffamu. (Faarfannaa 37:10, 11) Waaqayyo, “hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.” (Faarfannaa 46:9; Isaayaas 2:4) Lafti namoota Waaqayyoon jaallatanii fi isaaf ajajamaniin guutamti. Nageenyis bara baraaf ni jiraata.—Faarfannaa 72:7.

18 Sabni Yihowaa tasgabbiidhaan jiraatu. Bara duriitti, sabni Israaʼel yeroo Waaqayyoof ajajamaa turan, inni isaan eegaa waan tureef nagaadhaan jiraachaa turan. (Lewwoota 25:18, 19) Jannata dhufu keessatti wanti ykn qaamni nu sodaachisu tokko illee hin jiraatu. Yeroo hunda tasgabbiidhaan jiraanna!—Isaayaas 32:18; Miikiyaas 4:4 dubbisi.

19. Addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti nyaatni gaʼaan akka jiraatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?

19 Nyaatni gaʼaan ni jiraata. “Biyyicha keessa midhaan baayʼatee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu.” (Faarfannaa 72:16) Yihowaa, “Waaqayyo gooftaan keenya nu eebbiseera,” “Lafti[s] midhaan baaseera.”—Faarfannaa 67:6.

20. Lafti akka jannata taatu akkamitti beekuu dandeenya?

20 Lafti guutummaatti jannata taati. Namoonni manneen babbareedoo fi bakka magariisaa miidhagaa qabaatu. (Isaayaas 65:21-24; Mulʼata 11:18 dubbisi.) Lafti guutummaatti akkuma dhaaba Eeden ishii durii sanaa bareedduu taati. Yihowaan yeroo hunda wanta nu barbaachisu hunda nuuf kenna. Kitaabni Qulqulluun Yihowaa ilaalchisee, “Ati harka kee in diriirsita, fedha warra lubbuu qaban hundumaas in quufsita” jedha.—Faarfannaa 145:16.

21. Namootaa fi bineensota gidduu nageenyi akka jiraatu akkamitti beekuu dandeenya?

21 Namootaa fi bineensota gidduu nageenyi ni jiraata. Bineensonni sana booda miidhaa nama irraan hin geessisan. Ijoollee xixinnoon, naannoo bineensota yeroo harʼaatti balaa nu irraan geessisanitti yoo argaman illee miidhaan isaan irra hin gaʼu.—Isaayaas 11:6-9; 65:25 dubbisi.

22. Yesuus warra dhukkubsataniif maal godha?

22 Namni dhukkubsatu hin jiraatu. Yesuus yeroo lafa irra turetti namoota baayʼee fayyiseera. (Maatewos 9:35; Maarqos 1:40-42; Yohaannis 5:5-9) Yeroo Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼutti immoo namoota hunda ni fayyisa. Namni, “Na dhukkuba” jedhu tokko illee hin jiraatu.—Isaayaas 33:24; 35:5, 6.

23. Waaqayyo namoota duʼan ilaalchisee abdii akkamii kenneera?

23 Namoonni duʼan duʼaa ni kaʼu. Waaqayyo namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi duʼan akka duʼaa kaasu waadaa galeera. ‘Qajeelonnis taʼan jalʼoonni duʼaa ni kaʼu.’—Yohaannis 5:28, 29 dubbisi; Hojii Ergamootaa 24:15.

24. Jannata keessa jiraachuu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

24 Hundi keenya iyyuu filannoo gochuu qabna. Waaʼee Yihowaa barachuu fi isa tajaajiluuf ykn wanta barbaanne gochuuf filachuu dandeenya. Yihowaa tajaajiluu yoo filanne, abdii gammachiisaa qabaanna. Namichi tokko erga duʼee booda Yesuus akka isa yaadatu yeroo gaafatetti, Yesuus “Anaa wajjin Jannata keessa taata” jedhee waadaa galeef. (Luqaas 23:43) Mee waaʼee Yesuus Kiristoosii fi abdii gammachiisaa Waaqayyo kenne akkamitti akka inni galmaan gaʼu caalaatti haa barannu.