Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA JAʼA

Yeroo Duunu Eessa Dhaqna?

Yeroo Duunu Eessa Dhaqna?

1-3. Namoonni duʼa ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii gaafatu? Dhaabbileen amantii tokko tokko hoo deebii akkamii kennu?

KITAABNI QULQULLUUN yeroon ‘duuti itti hin jiraanne’ akka dhufu dubbata. (Mulʼata 21:4) Boqonnaa 5 irratti furichi karaa itti jireenya bara baraa argannu akka nuu bane baranneerra. Taʼus namoonni amma iyyuu duʼaa jiru. (Lallaba 9:5) Kanaaf, gaaffiiwwan guguddaa gaafannu keessaa tokko, ‘Yeroo duunu maal taana?’ kan jedhu dha.

2 Gaaffiin deebii kanaa keessumaa yeroo namni jaallannu nu jalaa duʼutti baayʼee nu barbaachisa. Tarii ‘Eessa dhaqe? Nu argaa jiraa? Nu gargaaruu ni dandaʼaa? Nuti hoo deebisnee isa arguu dandeenyaa?’ jennee gaafanna taʼa.

3 Dhaabbileen amantii gaaffii kanaaf deebii garaa garaa kennu. Tokko tokko gaarii yoo taate gara samii dhaqxa; hamaa yoo taate immoo siiʼol keessatti gubatta jedhu. Tokko tokko immoo yeroo duutu qaama hafuuraa taatee miseensota maatii kee duʼanii wajjin jiraatta jedhu. Kaan immoo duutee erga sitti murteeffamee booda, qaama biraa uffattee, tarii nama kan biraa ykn bineensa taatee deebitee dhalatta jedhu.

4. Dhaabbileen amantii duʼa ilaalchisee yaada waliigalaa isa kam barsiisu?

4 Dhaabbileen amantii wanta baayʼee garaa gara taʼe waan barsiisan fakkaata. Taʼus hundi isaanii iyyuu yaada waliigalaa tokko barsiisu. Namni yeroo duʼu kutaan qaama isaa tokko jiraachuu ishii akka itti fuftu barsiisu. Kun dhugaa dhaa?

YEROO DUUNU EESSA DHAQNA?

5, 6. Yeroo duunu maal taana?

5 Yihowaan yeroo duunu maal akka taanu beeka; namni tokko yeroo duʼu jiraachuu akka dhaabu nutti himeera. Duuti faallaa jireenyaa ti. Kanaaf namni tokko yeroo duʼu miirri isaa fi wantoonni inni beeku iddoo taʼe tokko jiraachuu isaa itti hin fufu. * Yeroo duunu arguu, dhagaʼuu ykn yaaduu hin dandeenyu.

6 Solomoon Mootichi, ‘warri duʼan waan tokko iyyuu akka hin beekne’ barreesseera. Namoonni duʼan jaallachuu ykn jibbuu hin dandaʼan; akkasumas “Iddoo lafa jalaa [ykn awwaala keessa] . . . hojjechuun, itti yaadanii waa qopheessuun, beekumsi, ogummaanis hin jiru.” (Lallaba 9:5, 6, 10 dubbisi.) Kana malees, Faarfannaa 146:4 irratti Kitaabni Qulqulluun namni tokko yeroo duʼu, ‘akeeki isaas’ akka duʼu dubbata.

WANTA YESUUS DUʼA ILAALCHISEE DUBBATE

Yihowaan namoonni bara baraaf lafa irra akka jiraataniif isaan uume

7. Yesuus duʼa ilaalchisee maal jedhe?

7 Yesuus yeroo michuun isaa Alaazaar duʼetti barattoota isaatiin, “Michuun keenya Alaazaar rafeera” jedhee ture. Haa taʼu malee, Alaazaar boqochaa akka jiru dubbachuu isaa hin turre. Yesuus itti fufee, “Alaazaar duʼeera” jedheera. (Yohaannis 11:11-14) Kanaaf, Yesuus duʼaa fi hirriba wal fakkeesseera. Alaazaar gara samii akka deeme ykn miseensota maatii isaa duʼanii wajjin akka jiru hin dubbanne. Akkasumas, siiʼol keessatti dhiphachaa akka jiru ykn nama kan biraa ykn bineensa taʼee deebiʼee akka dhalatu hin dubbanne. Alaazaar akkuma nama hirriba cimaa rafaa jiruu taʼee ture. Caqasoonni kan biroon duʼa hirriba cimaa wajjin wal fakkeessu. Kitaabni Qulqulluun Isxifaanos yeroo ajjeefametti, ‘ni rafe’ jedha. (Hojii Ergamootaa 7:60, miiljalee) Phaawulos ergamaanis Kirstiyaanonni tokko tokko akka “rafan” barreesseera.—1 Qorontos 15:6, miiljalee.

8. Waaqayyo namoota kan uume akka duʼaniif akka hin taane akkamitti beekna?

8 Waaqayyo Addaamii fi Hewwaaniin kan uume yeroo booda akka duʼaniif turee? Lakki! Yihowaan fayyaa guutuu qabaatanii bara baraaf akka jiraataniif isaan uume. Yihowaan namoonni fedhii bara baraaf jiraachuu akka qabaatan godhee isaan uume. (Lallaba 3:11, hiika bara 1899) Warri, ijoolleen isaanii dulloomanii yeroo duʼan arguu hin barbaadan; Yihowaanis waaʼee keenya akkasuma isatti dhagaʼama. Maarree, Waaqayyo bara baraaf akka jiraannuuf nu uume erga taʼee maaliif duuna?

MAALIIF DUUNA?

9. Ajajni Yihowaan Addaamii fi Hewwaaniif kenne ulfaataa hin turre kan jennu maaliifi?

9 Yihowaan dhaaba Eeden keessatti Addaamiin akkana jedhee ture: “Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa in nyaatta; ija mukicha nyaatanii hamaa fi gaarii ittiin beekan sana irraa garuu hin nyaatin! Gaafa isa irraa nyaatte garuu dhuguma in duuta.” (Uumama 2:9, 16, 17) Ajajni ifa taʼe kun ulfaataa hin turre; kana malees, Yihowaan Addaamii fi Hewwaanitti wanta gaarii fi hamaa taʼe himuuf mirga qaba ture. Yihowaadhaaf ajajamuudhaan aangoo isaa akka kabajan argisiisuu ni dandaʼu turan. Wanta inni isaaniif kenne hundaaf akka isa galateeffatanis argisiisuu ni dandaʼu turan.

10, 11. (a) Seexanni Addaamii fi Hewwaaniin kan gowwoomse akkamitti? (b) Balleessaan Addaamii fi Hewwaan dhiifama hin qabu kan jennu maaliifi?

10 Kan nama gaddisiisu garuu, Addaamii fi Hewwaan Yihowaadhaaf ajajamuu diduu filatan. Seexanni, Hewwaaniin, “Dhuguma Waaqayyo, ‘Ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran hundumaa irraa hin nyaatinaa!’ isiniin jedhee?” jedhee gaafate. Hewwaanis akkana jettee deebiste: “Nuyi ija mukkeetii iddoo dhaabaa kana keessa jiran irraa nyaachuu in dandeenya; garuu muka isa iddoo dhaabaa kana walakkaa jiru duwwaa Waaqayyo, ‘Ija isaa irraa hin nyaatinaa, isattis hin buʼinaa! Kanaa achi in duutu’ jedheera.”—Uumama 3:1-3.

11 Seexanni immoo, “Hin duutan; isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka” jedhe. (Uumama 3:4-6) Seexanni, Hewwaan wanta gaarii fi hamaa ofuma ishiitiin murteessuu akka dandeessu gootee akka yaaddu barbaade. Yoo ajajamuu baatte wanta ishii irra gaʼu ilaalchisees ishii sobeera. Seexanni akka ishiin hin duune dubbate; kanaaf Hewwaan ija mukichaa irraa nyaatte; achiis abbaa manaa ishiitiif kennite. Addaamii fi Hewwaan, Yihowaan ija mukichaa irraa akka hin nyaanne akka isaanitti hime beeku turan. Yeroo ija mukichaa nyaatanitti ajaja ifaa fi sirrii taʼeef ajajamuu diduu filatan. Abbaa isaanii isa jaalala qabeessaaf kabaja akka hin qabnes argisiisaniiru. Kanaaf, balleessaan isaanii dhiifama hin qabu!

12. Addaamii fi Hewwaan Yihowaadhaaf ajajamuu diduun isaanii nama gaddisiisa kan jennu maaliifi?

12 Warri keenya jalqabaa Uumaa isaanii utuu hin kabajin hafuun isaanii nama gaddisiisa! Ilmi ykn intalli dhamaatee guddiste fincila yoo si irratti kaasanii fi faallaa wanta ati isaan ajajjee yoo raawwatan maaltu sitti dhagaʼama? Baayʼee gaddita mitii?

Addaam biyyoo irraa uumame, deebiʼees biyyoo taʼe

13. Yihowaan “deebitees biyyoo in taata” yeroo jedhu maal jechuu isaa ture?

13 Addaamii fi Hewwaan yeroo ajajamuu didanitti mirga bara baraaf jiraachuuf qaban dhabaniiru. Yihowaan Addaamiin, “Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata” jedhee ture. (Uumama 3:19 dubbisi.) Kana jechuun haaluma uumamuu isaa dura turetti deebiʼuudhaan biyyoo taʼa jechuu dha. (Uumama 2:7) Addaam cubbuu erga hojjetee booda, duʼee jireenyaan ala taʼe.

14. Maaliif duuna?

14 Addaamii fi Hewwaan Waaqayyoof ajajamaniiru utuu taʼee hamma harʼaatti illee ni jiraatu turan. Yeroo isaaf ajajamuu didanitti garuu cubbuu hojjetan; yeroo boodas ni duʼan. Cubbuun dhukkuba hamaa warra keenya jalqabaa irraa dhaalle dha jechuun ni dandaʼama. Hundi keenya iyyuu cubbamoota taane dhalanne; kan duunus kanumaafi dha. (Roomaa 5:12) Kaayyoon Waaqayyo namootaaf qabu garuu kana hin turre. Waaqayyo matumaa namoonni akka duʼan hin barbaadu; Kitaabni Qulqulluun duʼa “diina” jedhee waama.—1 Qorontos 15:26.

DHUGAAN BILISA NU BAASA

15. Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun bilisa kan nu baasu akkamitti?

15 Waaʼee duʼaa dhugaa isaa beekuun, yaada dogoggoraa hedduu jalaa bilisa nu baasa. Kitaabni Qulqulluun namoonni duʼan dhukkubbiinis taʼe gaddi akka isaanitti hin dhagaʼamne dubbata. Nuti isaanitti dubbachuu hin dandeenyu; isaanis nutti dubbachuu hin dandaʼan. Namoota duʼan gargaaruu hin dandeenyu; isaanis nu gargaaruu hin dandaʼan. Akkasumas, waan nu miidhuu hin dandeenyeef isaan sodaachuu hin qabnu. Haa taʼu malee, dhaabbileen amantii hedduun namoonni duʼan iddoo taʼe tokko akka jiraatanii fi lubootaaf ykn namoota qulqulluu jedhamaniif qarshii yoo kaffalle isaan gargaaruu akka dandeenyu dubbatu. Taʼus, duʼa ilaalchisee dhugaa isaa yommuu beeknu, sobawwan kanaan hin gowwoomfamnu.

16. Dhaabbileen amantii hedduun waaʼee namoota duʼanii soba akkamii barsiisu?

16 Seexanni nu gowwoomsuuf, akkasumas namoonni duʼan iddoo taʼe tokko jiraachaa jiru jennee akka yaadnu gochuuf dhaabbilee amantii sobaatti fayyadama. Fakkeenyaaf, dhaabbileen amantii tokko tokko yeroo duunu, kutaan qaamaa nu keessaa baatee iddoo taʼe tokko jiraachuu ishii itti fuftu jirti jedhanii barsiisu. Amantiin ati hordoftu akkas jedhee barsiisa moo waaʼee namoota duʼanii wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu barsiisa? Seexanni namoota Yihowaa irraa garagalchuuf sobatti fayyadama.

17. Yaadni Yihowaan namoota siiʼol keessatti guba jedhu isa arrabsuutti lakkaaʼama kan jennu maaliifi?

17 Wanti dhaabbileen amantii hedduun barsiisan kan nama suukanneessu dha. Fakkeenyaaf, dhaabbileen amantii tokko tokko namoonni hamoon siiʼol keessatti bara baraaf gubatu jedhanii barsiisu. Sobni kun garuu Yihowaa arrabsuutti lakkaaʼama. Yihowaan, matumaa namoonni haala kanaan akka dhiphatan hin heyyamu! (1 Yohaannis 4:8 dubbisi.) Namni tokko harka mucaa isaa ibiddaan gubuudhaan utuu isa adabee maaltu sitti dhagaʼama? Baayʼee gara jabeessa akka taʼe gootee akka yaaddu beekamaa dha. Nama kanaa wajjin wal baruus hin barbaaddu. Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni waaʼee Yihowaa akkuma kana akka nutti dhagaʼamu gochuu barbaada!

18. Namoota duʼan sodaachuu kan hin qabne maaliifi?

18 Dhaabbileen amantii tokko tokko namoonni yeroo duʼan hafuura taʼu jedhu. Dhaabbileen amantii akkasii hafuuronni kun michoota humna guddaa qaban ykn diinota cimaa taʼuu waan dandaʼaniif, isaaniif ulfina kennuu fi isaan sodaachuu akka qabnu barsiisu. Namoonni hedduun soba kana ni amanu. Namoota duʼan waan sodaataniif, Yihowaa utuu hin taʼin isaaniin waaqeffatu. Namoonni duʼan miirri tokko iyyuu akka isaanitti hin dhagaʼamne yaadadhu; kanaaf isaan sodaachuu hin qabnu. Yihowaan Uumaa keenya dha. Inni Waaqa dhugaa waan taʼeef isa qofa waaqeffachuu qabna.—Mulʼata 4:11.

19. Duʼa ilaalchisee dhugaa isaa beekuun keenya kan nu gargaaru akkamitti?

19 Waaʼee duʼaa dhugaa isaa yommuu beeknu, sobawwan dhaabbileen amantii barsiisan jalaa bilisa baana. Dhugaan kunis abdii dinqisiisaa Yihowaan jireenya keenyaa fi yeroo gara fuulduraa ilaalchisee kenne hubachuuf nu gargaara.

20. Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee maalii baranna?

20 Bara dheeraa dura, tajaajilaan Waaqayyoo Iyoob jedhamu, “Namni erga duʼee deebiʼee in jiraataa ree?” jedhee gaafatee ture. (Iyoob 14:14) Namni duʼe tokko dhugumaan deebiʼee jiraachuu dandaʼaa? Deebiin Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu keessatti kenne baayʼee kan nama gammachiisu dha. Waaʼee kanaa boqonnaa itti aanu irratti ilaalla.

^ KEY. 5 Namoonni tokko tokko namni tokko erga duʼee booda lubbuun ykn hafuurri isaa jiraachuu itti fufa jedhanii amanu. Odeeffannoo dabalataatiif Ibsa Dabalataa 17 fi 18 ilaali.