Daandii Jireenya Barabaraatti Geessu Argatteettaa?

Amantii gosa lama qofatu jira: inni tokko gara jireenyaatti, inni tokko immoo gara badiisaatti kan geessu dha. Birooshurri kun daandii gara jireenya bara baraatti geessu akka argattu si gargaara.

Seensa

Jireenyi keenya ammaas ta’e kan gara fuulduraa Waaqa Hundumaa Danda’u irratti kan hundaa’e dha. Kanaafuu waaqeffannaan keenya isa biratti fudhatama qabaachuun isaa baay’ee barbaachisaa dha!

KUTAA 1

Amantiiwwan Hundi Dhugaa Ni Barsiisuu?

Namoonni amantii wantoota itti amanan adda addaa qabu. Kun hundi dhugaa irratti kan hundaa’an ta’uu danda’uu?

KUTAA 2

Waa’ee Waaqayyoo Dhugaasaa Beekuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Ulaagaan namoonni amantii dhugaa ilaalchisee irratti walii galuu danda’an jiraa?

KUTAA 3

Samiirra Kan Jiraatan Eenyufa’i?

Duudhaawwan amantii waa’ee qaamota hafuuraa dubbataman dhiibbaa guddaa qabu. Ta’us amantiiwwan kun dhugaa ta’uu dand’uu? Kitaabni Qulqulluun deebii ni kenna.

KUTAA 4

Abbootiin Keenya Durii Eessa Jiru?

Namoonni hedduun duuti dhuma jireenyaa utuu hin ta’in haala ittiin ce’an akka ta’e amanu. Kitaabni Qulqulluun hoo maal jedha?

KUTAA 5

Qaallummaa, Moraafi Budaa Ilaalchisee Dhugaansaa Maalidha?

Hafuuronni hamoon humna guddaa kan qabanii fi balaa kan geessisan ta’anis humna isaanii arbeessinee ilaaluu hin qabnu.

KUTAA 6

Amantiiwwan Hundi Waaqayyo Biratti Fudhatama Qabuu?

Namoonni tokko tokko amantiiwwan hundi Waaqayyoon ni gammachiisu jedhanii yaadu. Kun dhugumaan wanta Kitaabni Qulqulluun barsiisu dhaa?

KUTAA 7

Amantii Dhugaa Kan Hordofan Eenyufa’i?

Kitaabni Qulqulluun fedha Waaqayyoo raawwachaa kan jiran eenyufaa akka ta’an adda baastee akka beektu si gargaara.

KUTAA 8

Amantii Sobaarraa Fagaadhu; Amantii Dhugaa Hordofi

Yesuus, “Namni na cinaa hin dhaabanne hundi na morma” jedheera. Eessa akka dhaabatte argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

KUTAA 9

Amantii Dhugaan Barabaraaf Si Fayyaduu Danda’a!

Yihowaa yoo waaqeffatte ammas ta’e gara fuulduraatti si eebbisa.