Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 7

Amantii Dhugaa Kan Hordofan Eenyufa’i?

Amantii Dhugaa Kan Hordofan Eenyufa’i?

1. Waaqayyoon gammachiisuuf maal gochuu qabna?

WAAQAYYOO wajjin walitti dhufeenya cimaa jaalalarratti hundaaʼe qabaachuu yoo barbaanne, amantii sobaarraa guutummaatti fagaachuufi amantii dhugaa hordofuu qabna. Yeroo ammaatti addunyaa maratti namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kana gochaa jiru.

2. Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota meeqatti argamu? Hojiinsaaniihoo maalidha?

2 Akka Macaafni Qulqulluun raajiidhaan dubbatetti, waaqeffattoonni dhugaan “tuuta sonaan baayʼee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan[idha].” (Mulʼata 7:9) Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼaman, biyyoota 235 taʼanitti namoonni daandiiwwaniifi ulaagaawwan Yihowaa warra jaalalarratti hundaaʼan akka baratan dammaqinaan gargaaraa jiru.

Waaqeffattoota Dhugaa Adda Baasanii Beekuu

3. Dhugaa Baatonni Yihowaa eenyuun qofa waaqeffatu? Waaqeffannaa akkamiirraa fagaatu?

3 Dhugaa Baatonni Yihowaa, Waaqeffatamuu kan qabu Yihowaa qofa akka taʼe ni amanu. Waaqayyolii tolfamoodhaafis taʼe fakkiiwwan amantii kamiifiyyuu hin sagadan. (1 Yohannis 5:21) Taskaara baasuudhaan ykn gochawwan amantii sobaafi “barsiisa hafuurota hamootaa” babalʼisuudhaan warra duʼan hin waaqeffatan. (1 Ximotewos 4:1) Haataʼu malee, namoonni duʼan kaʼanii lafa jannata taaturra akka jiraatan abdii Waaqayyo kenne ibsuudhaan namoota gaddan ni jajjabeessu.—Yohannis 5:28, 29; Hojii Ergamootaa 24:15.

4. Tajaajiltoonni Waaqayyoo qaallummaadhaaf ilaalcha akkamii qabu?

4 Dhugaa Baatonni Yihowaa qaallummaan, morriifi ayyaana heduun, gocha Seexanaa akka taʼe waan beekaniif irraa fagaatu. Eegumsa argachuuf, qaalluutti utuu hin taʼin Yihowaatti amanamu.—Fakkeenya 18:10.

5. Dhugaa Baatonni Yihowaa ‘kan biyya lafaa kan hin taane’ karaa kamiini?

5 Yesus bartoonnisaa ‘kan biyya lafaa akka hin taane’ dubbateera. (Yohannis 17:16) Innis, siyaasa barasaatti geggeeffamaa ture keessatti hin hirmaanne. (Yohannis 6:15) Dhugaa Baatonni Yihowaas dhimmawwan siyaasaa, sabboonummaafi wal morkii hawaasaa biyya lafaarra jiru keessatti hin hirmaatan. Haataʼu malee, gibira ni kaffalu, seera biyya keessa jiraataniis ni eegu.—Yohannis 15:19; Roomaa 13:1, 7.

6. Tajaajiltoonni Waaqayyoo gaaʼelaafi wal hiikuu ilaalchisee qajeelfama akkamii hordofu?

6 Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelfama mootummaatiif waan ajajamaniif, gaaʼelasaanii seeraan galmeessisu. (Tiitoos 3:1) Seera Waaqayyootiif waan ajajamaniif, hiriyaa gaaʼelaa tokkoo ol hin qabaatan. (1 Ximotewos 3:2) Kana malees, tajaajiltoonni Waaqayyoo seerawwan buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra waan oolchaniif, yeroo baayʼee gaaʼellisaanii hin diigamu.

7. Dhugaa Baatonni Yihowaa akka wal jaallatan kan argisiisan akkamitti?

7 Dhugaa Baatonni Yihowaa wal jaallatu. Gosa addaddaafi saba addaddaa keessaa kan dhufan taʼus, jaalalli waliifis taʼe Waaqayyoof qaban obbolummaa dhugaatiin tokko akka taʼan godheera. Yommuu balaan uumamaa ykn rakkinni kan biraan gaʼu dafanii waliif dhaqqabu. Dhugaa Baatonni Yihowaa akkaataa jireenyasaaniitiinis jaalala ni argisiisu.—Yohannis 13:35.

Dhugaa Baatonni Yihowaa, addunyaa maratti obboloota walii taʼuudhaan tokko taʼaniiru

8. Sabni Waaqayyoo gochawwan gadhee akkamiirraa fagaatu?

8 Sabni Yihowaa amanamummaafi qajeelummaadhaan jiraachuuf carraaqqii godhu. Hanna, soba, amala gadheefi machiirraa, akkasumas hojii daldalaarratti namoota gowwoomsuurraa ni fagaatu. Abbootiin manaa haadhotii manaasaanii hin reeban. Isaan keessaa tokko tokko, Dhugaa Baatota taʼuusaanii dura kana gochaa kan turan taʼus, gargaarsa Yihowaatiin gocha akkasiirraa fagaataniiru. Waaqayyoo durattis, ‘cubbuusaaniirraa dhiqamaniiru.ʼ—1 Qorontos 6:9-11.

Warra Fedha Waaqayyoo Raawwatan

9. Waldaalee Kiristiyaanaa Afriikaatti argaman ilaalchisee kitaabni tokko maal jedhe?

9 Namoonni hedduun, amantiinsaanii dhugaa akka taʼe akka dubbatan beekamaadha. Wanta jedhan kanaafis dinqiiwwan raawwatan akka ragaatti caqasu. Fakkeenyaaf, kitaabni tokko waldaawwan Kiristiyaanaa Afriikaatti argaman ilaalchisee akkas jedheera: “Hojiin qaallonniifi namoonni qoricha namatti godhan raawwatan [amantii haaraa Kiristiyaanota jedhamaniin] bakka buufameera. . . . Raajii akka dubbataniifi dinqii akka hojjetan dubbatu. Raajonnisaanii mulʼata akka ilaalaniifi abjuus akka hiikan dubbatu. Namoota dhukkubsatan fayyisuufi dhukkuba ittisuuf, xabala, dibata qulqulluu, daaraa, xuwaafiifi ixaanatti fayyadamu.”

10, 11. Dinqiiwwan yeroo ammaatti raawwataman, amantiin tokko Waaqayyo biratti fudhatama qabaachuusaa kan hin argisiisne maaliifi?

10 Miseensonni amantiiwwan kanaa, dinqiiwwan kun waaqayyo amantiisaanii kan eebbise taʼuusaa akka mirkaneessan dubbatu. Haataʼu malee, wantoonni dinqiidha jedhaman amantiin tokko Yihowaa biratti fudhatama akka qabu hin mirkaneessan. Seexanni, namoonni amantii sobaa hordofan tokko tokko “hojii aangoo” akka hojjetan humna isaanii kenna. (2 Tasaloniiqee 2:9) Kana malees, Macaafni Qulqulluun humna Waaqayyo biraa argamuun dinqii raawwachuun, jechuunis raajii dubbachuun, afaan hin beekamneen dubbachuun, akkasumas beekumsi adda taʼe akka “hafu” dubbata.—1 Qorontos 13:8.

11 Yesus akkas jechuudhaan akeekkachiiseera: “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti. Guyyaa isa dhumaa sanatti namoonni baayʼeen, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa, nuyi maqaa keetiin raajii dubbanneerra, maqaa keetiin hafuurota hamoota baafneerra, hojii aangoos maqaa keetiin baayʼee hojjenneerra mitii?’ anaan jedhu. Ani immoo yeroo sanatti, ‘Matumaa ani isin hin beeku, isin yaa warra hamaa hojjettanii, ija koo duraa badaa!’ jedheen mulʼinatti isaanitti hima.”—Maatewos 7:21-23.

12. Mootummaa waaqaatti kan galan eenyufaʼi?

12 Mootummaa waaqaatti kan galan eenyufaʼiree? Warra fedha Yihowaa raawwatanidha.

Namoota Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo Lallaban

13. Hojiin Waaqayyo sabnisaa yeroo ammaatti akka hojjetan ajaje maalidha? Hojii kana hojjechaa kan jiranoo eenyufaʼi?

13 Fedhiin Waaqayyo yeroo ammaatti sabasaatiif qabu maalidha? Yesus, “Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama” jedheera. (Maatewos 24:14) Hojiin kun, hojii Dhugaa Baatonni Yihowaa hinaaffaadhaan raawwachaa jiranidha.

14. Mootummaan Waaqayyoo maalidha? Mootummicha keessatti kan bulchan eenyufaʼi?

14 Dhugaa Baatonni Yihowaa, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa samii addunyaa mara qajeelummaadhaan bulchu taʼuusaa “guutummaa biyya lafaatti” labsu. Yihowaan, Kiristos Yesusiifi namoota 144,000 ilmaan namootaa keessaa filataman mootota Mootummaa sana keessatti bulchan godhee akka muudes ni barsiisu.—Daaniʼel 7:14, 18; Mulʼata 14:1, 4.

15. Mootummaan Waaqayyoo wantoota akkamii balleessa?

15 Dhugaa Baatonni Yihowaa, Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii Mootummaan Waaqayyoo guutummaa sirna Seexanaa akka balleessu barsiisu. Amantiin sobaafi barumsawwanshee warri Waaqayyoon utuu hin taʼin Seexana ol ol godhan ni badu! (Mulʼata 18:8) Mootummoonni ilmaan namootaa Waaqayyoon morman hundis ni balleeffamu!—Daaniʼel 2:44.

16. Namoonni bulchiinsa Yesus Kiristos jala jiraatan eenyufaʼi? Namoonni kun eessa jiraatu?

16 Dhugaa Baatonni Yihowaa, Yesus Kiristos namoota wanta Waaqayyo isaanirraa barbaadu raawwatan hundaaf eebbawwan gurguddaa akka fidus ni lallabu. Isaan, namoota bulchiinsasaa jala lafarra jiraatan taʼu. Macaafni Qulqulluun, “Inni nama dhabee isatti iyyatu, gadadamaa nama isa gargaaru hin qabnes in oolcha. Inni isa dadhabaadhaa fi isa wanta barbaachisu dhabeef in ooʼa; jireenya warra wanta barbaachisu dhabaniis inni in oolcha” jechuudhaan abdii kenna.—Faarfannaa 72:12, 13.

17. Mootummaa Waaqayyoo labsaa kan jiran eenyufaa qofadha?

17 Amantiin misiraachoo Mootummichaa lallabuudhaan fedha Waaqayyoo raawwatu garabiraan hin jiru. Guutummaa biyya lafaatti Mootummaa Waaqayyoo beeksisaa kan jiran Dhugaa Baatota Yihowaa qofadha.