Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 9

Amantii Dhugaan Barabaraaf Si Fayyaduu Danda’a!

Amantii Dhugaan Barabaraaf Si Fayyaduu Danda’a!

1. ‘Waaqayyotti yoo dhihaanne’ faayidaa akkamii arganna?

YIHOWAAN namoota isa tajaajilan ni jaallata. Atis yoo isa waaqeffatte, ammas taʼe gara fuulduraatti eebbasaa argatta. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhiʼaadhaa, innis isinitti in dhiʼaata” jedha.—Yaaqoob 4:8.

2. Waaqayyotti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti? Kunoo kadhannaa keenyarratti jijjiirama akkamii fida?

2 Waaqayyotti dhihaachuuf, Dubbiisaa qorachuufi hojiirra oolchuu qabda. Yihowaan, haala fedhasaa wajjin walsimuun yoo isa kadhatte kadhannaakee dhagaʼee deebii sii kenna. Yohannis ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne [Waaqayyo] nuuf in dhagaʼa; akka kanatti isa in amananna. Kadhata keenya akka inni nuuf dhagaʼu yoo beekne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beekna.”—1 Yohannis 5:14, 15.

3-7. Ogummaa Waaqayyo kennu akkamitti argachuu dandeenya? Ogummaan kun kan nu gargaaruhoo akkamitti?

3 Kana malees yommuu Waaqayyotti dhihaattu, innis ogummaa rakkoowwan jireenya keessatti si mudatan moʼuuf si gargaaru sii kenna. Macaafni Qulqulluun, ‘Isin keessaa nama tokkotti ogummaan yoo hirʼate, Waaqayyoon haa kadhatu’ jedha.—Yaaqoob 1:5.

4 Ogummaan Waaqayyo biraa argamu si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Tokkoffaa, wantoota Yihowaa gaddisiisan hubachuuf si gargaaruu dandaʼa. Wantoonni kun dogoggora kan taʼan maaliif akka taʼeefi wantoota kanarraa fagaachuuf maal gochuu akka dandeessus ni hubatta. Beekumsi akkasii rakkoowwan hedduu namoota kaan miidhanirraa si eeguu dandaʼa. Fakkeenyaaf, sabni Waaqayyoo gorsa Waaqayyo addaggummaarraa akka fagaatan kenneef ajajamuunsaanii, ulfa hin barbaadamnerraa, dhukkuboota saalqunnamtiidhaan daddarbanirraa, akkasumas gaaʼela gammachuu hin qabneefi wal hiikuurraa isaan eega.

5 Ogummaan Waaqayyo biraa argamu, faayidaa garabiraa akkamii siif argamsiisuu dandaʼa? Jireenya gammachuu qabu jiraachuuf si gargaaruu dandaʼa. Akkaataa qarshiikee itti qabattu dabalatee, dhimmawwan barbaachisaa taʼanirratti murtoo gaarii akka gootu si gargaaruu dandaʼa. Galmawwan faayidaa qabeessa taʼan hordofuufi galmawwan faayidaa hin qabnerraammoo fagaachuu dandeessa.

6 Ogummaan Waaqayyo biraa argamu, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabdurrattis si gargaaruu dandaʼa. Maatiinkee gammachuu guddaa kan qabu taʼa. Warra kaanii wajjin hiriyyummaa dhugaa itti fufiinsa qabu uummachuu dandeessa; akkasumas namoota Waaqayyoon hin tajaajille birattillee ulfina argatta.

7 Kana malees, ogummaa Waaqayyo kennu argachuunkee ilaalcha jireenyaaf qabdu sii fooyyessa. Rakkoowwaniifi wantoota abdii si kutachiisan moʼuufis si gargaara. Yeroo gara fuulduraatiif ilaalcha sirriifi gaarii taʼe qabaatta. Ilaalcha gaarii qabaachuunkeemmoo, sammuufi qaamnikee fayyaa akka taʼu godha.—Fakkeenya 14:30; Isaayaas 48:17.

8. Waaqayyoon kan tajaajiltu yoo taʼe, wantoota akkamii sodaachuurraa walaba taata?

8 Waaqa dhugaa kan tajaajiltu yoo taʼe, sodaa namoota isa hin tajaajille dhiphisurraa walaba taata. Warri duʼan jireenyaa ala taʼuusaanii waan beektuuf, namoota duʼan hin sodaattu. Akkasumas, abdii Waaqayyo namoota duʼan kaasuuf kennerratti amantaa waan qabduuf, duʼa hin sodaattu. Waaqayyo hundumaa kan dandaʼu akka taʼe waan beektuuf, dawweessaa ykn mora hin sodaattu.—Yohannis 8:32.

Qajeelonni Lafa Ni Dhaalu

9-11. Namoota akkamiitu Jannata keessa jiraata? Achi keessa kan hin jiraannehoo namoota akkamiiti?

9 Waaqayyotti yoo dhihaatte, yeroo gara fuulduraa hin sodaattu. Akkuma kanaan dura baranne, Macaafni Qulqulluun rakkoowwan yeroo ammaatti argaman akka dhufan raajii dubbatee ture. Yihowaan rakkoowwan kun yeroo muraasaaf qofa akka turan dubbateera; Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti lafa kana jannata godha.—Luqaas 21:10, 11, 31; 23:43.

10 Jannata keessa kan jiraatanimmoo, namoota Yihowaatti dhihaataniifi isa tajaajilan qofadha. Macaafni Qulqulluun, “Inni jalʼaan yeroo xinnoo booddee achitti hin argamu, iddoo inni ture hubattee yoo ilaalte, inni hin jiru. Warri garraamonni garuu lafa in qabaatu, [“dhaalu,” hiika bara 1899] isaanis nagaa guututti jiraachuu isaaniitiin sonaan in gammadu” jedha.—Faarfannaa 37:10, 11.

11 Namoonni taʼe jedhanii seera Waaqayyoo isa qajeelaa taʼeef ajajamuu didan barabaraaf badu. (2 Tasaloniiqee 1:8, 9) Sana booda hin jiraatan. Seexanaafi hafuurota hamoo wajjin barabaraaf balleeffamu. (Mulʼata 20:10, 14) Namoonni waaʼee Yihowaa barataniifi isa tajaajilan garuu, gammachuu guddaa argatanii lafa Jannata taaturra jiraatu.

Abdii Dinqisiisaa!

12. Macaafni Qulqulluun waaʼee gara fuulduraa maal jedha?

12 Yihowaan, namoota isa jaallataniif wanta dinqisiisaa qopheesseera! Mee jireenya lafa Jannata taaturra jiraatu ilaalchisee wanta Dubbiinsaa jedhu ilaali:

  • Nyaanni hedduun ni jiraata: “Biyyicha keessa midhaan [ykn nyaanni] baayʼatee irraa haa hafu, hamma bantii tullootaattis gobbatee haa biqilu.”—Faarfannaa 72:16.

  • Mana gaarii: “Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu.”—Isaayaas 65:21.

  • Hojii gammachiisaa: “Warri ani foʼadhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu. Isaan siʼachi akkasumaan dadhabanii hin hojjetan.”—Isaayaas 65:22, 23.

  • Dhukkubni hin jiraatu: “Namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.”—Isaayaas 33:24.

  • Hirʼinni qaamaa hin jiraatu: “Yommus iji warra jaamotaa in banama, gurri warra duudaas in saaqama, yommus namni naafti akka borofaa in utaala, warri arrabni isaanii didaas gammadanii in ililchu.”—Isaayaas 35:5, 6.

  • Rakkinni, gaddiifi duuti hin jiraatu: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; wanti duraa waan darbeef, egaa duuni deebiʼee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis siʼachi hin jiru!”—Mulʼata 21:4.

  • Waraanni hin jiraatu: “[Waaqayyo] hamma andaara lafaatti duulli akka dhaabatu in godha.”—Faarfannaa 46:9.

  • Jireenya barabaraa: “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, [‘lafa in dhaalu,’ hiika bara 1899] yeroo hundumaafis keessa in taaʼu.”—Faarfannaa 37:29.

13. Lafa kana jannata gochuu kan dandaʼu eenyu qofadha? Akkas kan jennu maaliifi?

13 Namoonni matumaa kana gochuu hin dandaʼan; Yihowaan garuu wanta nan godha jedhe hundumaa gochuuf humna qaba. Wanta gochuu barbaade akka hin goone isa dhowwuu kan dandaʼu hin jiru. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru” jedha.—Luqaas 1:37.

14. Daandii jireenya barabaraatti geessu argachuu kan dandeessu akkamitti?

14 Yihowaan Dhugaa Baatotasaatti fayyadamee namoonni bakka hundatti argaman, ‘karaa isa dhiphaadhaan akka ol galaniifi’ karaa jireenya barabaraatti geessurra akka deeman carraa isaanii kennaa jira. Atis namoota gammadoo afeerrii kana fudhatan keessaa tokko akka taatu abdanna. Amantii dhugaa hordofuudhaan, barabaraaf eebba Yihowaa akka argattus ni hawwina!—Maatewos 7:13, 14.