Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 8

Amantii Sobaarraa Fagaadhu; Amantii Dhugaa Hordofi

Amantii Sobaarraa Fagaadhu; Amantii Dhugaa Hordofi

1. Yeroo ammaatti namoonni waaqeffannaa ilaalchisee filannaa akkamii gochuu qabu?

YESUS, “Eenyu illee gara koo yoo taʼuu dhaabaate mormituu koo ti” jedheera. (Maatewos 12:30) Yihowaa cinaa ykn Seexana cinaa dhaabanneerra. Namoonni hedduun karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun isa tajaajilaa akka jiran kan itti dhagaʼamu taʼus, Macaafni Qulqulluun Seexanni, ‘guutummaa biyya lafaa wallaalchisaa’ akka jiru dubbata. (Mulʼata 12:9) Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Waaqayyoon waaqeffachaa akka jiran kan itti dhagaʼamu taʼus, Seexana tajaajilaa jiru! Yeroo ammaatti namoonni filannoo tokko gochuu qabu: Innis, “Waaqa dhugaa” kan taʼe Yihowaa ykn “abbaa sobaa” kan taʼe Seexana tajaajiluudha.—Faarfannaa 31:5 hiika bara 1899; Yohannis 8:44.

Amantii Sobaa Keessaa Baʼi

2. Karaan Seexanni namoonni Yihowaa akka hin waaqeffanne gochuuf itti yaalu inni tokko maalidha?

2 Yihowaa tajaajiluuf murteessuun, filannaa gaarii Waaqayyo biratti fudhatama namaaf argamsiisudha. Haataʼu malee, Seexanni nama Waaqayyoon tajaajilu kamittiyyuu waan hin gammanneef, namoota akkasiirratti rakkina uuma. Karaa Seexanni kana itti godhu keessaa inni tokko, hiriyootaafi miseensota maatii keenyaa dabalatee warri kaan akka nutti gaʼisan ykn akka nu morman gochuudha. Yesus, “Diinni nama tokkoos warra mana isaa keessaa in taʼu” jechuudhaan akeekkachiiseera.—Maatewos 10:36.

3. Maatiinkee ykn hiriyoonnikee Waaqayyoon akka hin waaqeffanne utuu si mormanii maal goota?

3 Wanti akkasii utuu sirra gaʼee maal goota? Namoonni hedduun amantiinsaanii dogoggora akka taʼe kan beekan taʼus, amanticha keessaa baʼuuf ni mamu. Kana gochuun maatiisaanii ganuu akka taʼe itti dhagaʼama. Ilaalchi kun sirriidhaa? Fakkeenyaaf, miseensonni maatiikee qoricha sammuu namaa hadoochu akka fudhatan utuu beektee, qorichi kun akka isaan miidhu isaan hin akeekkachiistuu? Isaanii wajjinoo qoricha kana ni fudhattaa?

4. Iyaasuun waaqeffannaa barasaatti ture ilaalchisee Israaʼelootaan maal jedhe?

4 Iyaasuun, Israaʼeloonni gochawwaniifi aadaawwan amantii sobaa abbootiinsaanii raawwachaa turan akka dhiisan isaan jajjabeessee ture. Akkas isaaniin jedheera: “Amma egaa Waaqayyoon sodaadhaa, amanamummaa guutuudhaanis isaaf hojjedhaa! Waaqayyolii warra abboonni keessan laga Efraaxiis gamatti, biyya Gibxiittis hojjechaafii turan sanattii deebiʼaatii Waaqayyoof hojjedhaa!” (Iyaasuu 24:14) Iyaasuun Waaqayyoof amanamaa waan tureef, Yihowaan isa eebbiseera. Nuyis Yihowaadhaaf amanamoo yoo taane nu eebbisa.—2 Saamuʼel 22:26.

Meeshaawwan Waaqeffannaa Sobaatiif Oolan Balleessi

5. Meeshaawwan qaallummaa balleessuu kan qabnu maaliifi?

5 Amantii sobaa keessaa baʼuun, meeshaawwan qaallummaa kan akka kudhaamaa, qubeelaafi bitawoo, akkasumas wantoota kana fakkaatan balleessuu dabalata. Kun guutummaatti Yihowaatti akka amanamnu kan argisiisu waan taʼeef baayʼee barbaachisaadha.

6. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa macaafota qoricha namatti gochuuf itti gargaaramaa turan maal godhan?

6 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko, yommuu amantii dhugaa hordofuuf murteessan maal akka godhan ilaali. Macaafni Qulqulluun, “Isaan keessaas warri qoricha namatti gochaa turan macaafota ittiin hojjechaa turan walitti guuranii, fuula hunduma isaanii duratti guban” jedha.—Hojii Ergamootaa 19:19.

7. Hafuuronni hamoon yoo nu rakkisan maal gochuu dandeenya?

7 Namoota kanaan dura ayyaana heduu, moraafi qaallummaarratti hirmaachaa turaniifi Yihowaa tajaajiluu jalqaban hafuuronni hamoon isaan rakkisuu dandaʼu. Wanti akkasii yoo sirra gaʼe, sagaleekee ol kaasiitii maqaa Yihowaa waamii kadhadhu. Innis si gargaara.—Fakkeenya 18:10; Yaaqoob 4:7.

8. Kiristiyaanonni waaqayyolii tolfamoo, bifawwaniifi fakkiiwwan waaqeffannaadhaaf oolaniif ilaalcha akkamii qabu?

8 Namoonni Yihowaa tajaajiluu barbaadan waaqayyolii tolfamoo, bifawwan ykn fakkiiwwan kutaa waaqeffannaa sobaa taʼan qabaachuus taʼe itti fayyadamuu hin qaban. Kiristiyaanonni dhugaan, ‘amantiidhaan jiraatu malee, waan hundumaa ijaan arguudhaan jiraatu miti.’ (2 Qorontos 5:7) Seera Waaqayyoo isa waaqeffannaa keessatti fakkii akkamiittiyyuu akka hin fayyadamne dhowwu ni kabaju.—Baʼuu 20:4, 5.

Saba Yihowaa Wajjin Walitti Dhihaadhu

9. Ogeessa taʼuu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun gorsa akkamii kenna?

9 Macaafni Qulqulluun, “Namni ogeessaa wajjin adeemu, ogeessa in taʼa” jedha. (Fakkeenya 13:20) Ogeeyyii taʼuu yoo barbaanne, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin walitti dhihaachuu qabna. Dhugaa Baatonni Yihowaa, namoota daandii jireenyatti geessurra deemaa jiranidha.—Maatewos 7:14.

10. Dhugaa Baatonni Yihowaa Waaqayyoon akka tajaajiltu akkamitti si gargaaruu dandaʼu?

10 Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaaf garaadhaa yaadu. Hojiinsaanii, namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaa Macaafa Qulqulluu isa jireenya barabaraatti geessu akka argatan gargaaruudha. Kaffaltii malee Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisuudhaan si gargaaruu dandaʼu. Gaaffiiwwan keetiif deebii sii kennu; akkasumas beekumsa Macaafa Qulqulluurraa argatte akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu si barsiisu.—Yohannis 17:3.

11. Walgaʼiin Kiristiyaanaa kan si gargaaru akkamitti?

11 Walgaʼiisaanii isa yeroo baayʼee Galma Mootummaatti godhamurratti waaʼee daandiiwwan Yihowaa wanta hedduu baratta. Fedhiin barumsa amantii dhugaa hojiirra oolchuuf qabdus sii cima. Akkasumas, warri kaan Macaafa Qulqulluu akka baratan akkamitti gargaaruu akka dandeessu leenjii argatta.—Ibroota 10:24, 25.

12. Kadhannaan, Waaqayyoon tajaajiluuf si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

12 Waaʼee fedhaafi kaayyoo Yihowaa caalaatti yommuu barachaa deemtu, dinqisiifannaan daandiisaa isa jaalalarratti hundaaʼeef qabdu ni guddata. Fedhiin wanta isa gammachiisu raawwachuufi wanta isa gaddisiisurraa fagaachuuf qabdus ni dabala. Yihowaan wanta gaarii akka raawwattuufi wanta dogoggora taʼerraa fagaachuuf akka si gargaaru kadhachuu akka dandeessu yaadadhu.—1 Qorontos 6:9, 10; Filiphisiiyus 4:6.

Waaqeffannaa dhugaa hordofuu kan dandeessu akkamitti?

13. Garaa Yihowaa ciibsuu kan dandeessu akkamitti?

13 Karaa hafuuraa yommuu guddachaa deemtu, of murteessitee cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuunkee barbaachisaa taʼuusaa akka hubattu hin shakkisiisu. Ulaagaa saba Yihowaarraa eegamu guutuudhaan garaa Yihowaa ni ciibsita. (Fakkeenya 27:11) Saba gammadoo Waaqayyo, “Ani isaan bira nan buufadha, isaan gidduus nan deddeebiʼa; ani Waaqayyo isaanii nan taʼa, isaanis saba koo in taʼu” jechuudhaan waaʼeesaanii dubbate keessaa tokko taata.—2 Qorontos 6:16.