Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 1

Amantiiwwan Hundi Dhugaa Ni Barsiisuu?

Amantiiwwan Hundi Dhugaa Ni Barsiisuu?

1. Amantiiwwan Afriikaa keessatti argaman tokko tokko kamfaʼi?

WAAQAYYOON waaqeffachuun barbaachisaa taʼuusaa namni Afriikaa keessatti argamu hundi irratti walii gala jechuun ni dandaʼama. Haataʼu malee, akkaataa inni itti waaqeffatamuu qaburratti walii galteen hin jiru. Namoonni tokko tokko masgiidatti waaqeffatu; warri kaanimmoo bakka waaqeffannaa aadaasaanii dhaqu. Namoonni kaanimmoo gara waldaa kiristiyaanaa dhaqu. Haataʼu malee, Afriikaa keessa amantiiwwan sadii qofatu jira jechuu miti. Musliimota gidduu, seeraafi amantii addaddaatu jira. Amantiiwwan aadaarratti hundaaʼan, iddoodhaa gara iddootti garaagarummaa guddaa qabu. Dhaabbilee waldaa Kiristiyaanaa jedhaman gidduullee garaa garummaa hedduutu jira. Amantiiwwan Kiristiyaanaa gurguddaa taʼaniin alatti, waldaaleen kiristiyaanaa xixiqqaan kuma hedduudhaan lakkaaʼaman Afriikaa keessatti ni argamu.

Amantiin Keenya Dhugaarratti Kan Hundaaʼe Taʼuu Qaba

2. (a) Yeroo baayʼee namni tokko amantii tokko kan hordofu maalirratti hundaaʼeeti? (b) Wanti amantiin keenya Waaqayyoon akka gammachiisu argisiisuu hin dandeenye maalidha?

2 Namoonni waaqeffannaa tokko kan hordofan maalirratti hundaaʼaniiti? Namoonni hedduun amantii warrasaanii hordofu. Wantoonni bara duriitti raawwatamanis, amantii namoonni yeroo ammaatti hordofanirratti dhiibbaa geessisu. Kitaabni Za Afriikaansi—Ee Tiriippil Heriiteej jedhamu akkas jedheera: “Islaamummaan weeraraan kaaba Sahaaraatti [gammoojjii hoʼaa naannoo kaaba Afriikaa hedduu qabatetti] babalʼateera, . . . Kiristiyaanummaanis haaluma akkasiitiin kibba Sahaaraatti babalʼateera. Islaamummaan humna goraadeetiin kaaba Sahaaraatti yommuu babalʼatu, Kiristiyaanummaanimmoo humna qawweetiin kibba Sahaaraatti babalʼateera.” Baayʼeen keenya amantiin hordofnu Waaqayyoon ni gammachiisa jennee amanna. Haataʼu malee, amantiin tokko warri keenya waan isa hordofaniif ykn humnoonni biyya alaa abbootii keenya dirqisiisanii akka hordofan waan godhaniif qofa sirrii taʼuu hin dandaʼu.

3-5. Fakkeenyi dhugaa kan barsiisu amantiiwwan hunda akka hin taane beekuuf nu gargaaru isa kami?

3 Amantiiwwan hundi, Waaqayyoon tajaajiluu ilaalchisee qajeelfama amansiisaa akka kennan yoo dubbataniyyuu yaannisaanii garaagarummaa qaba. Eenyummaa Waaqayyoofi wanta inni nurraa barbaadu ilaalchisee wantoota addaddaa hedduu barsiisu. Mee dhimma armaan gadiirratti yaadi: Kaampaanii guddaa tokko keessatti hojii argatte haa jennu. Guyyaa ati hojii jalqabdutti hogganaankee boqonnaa akka baʼe hubatte. Kanaaf, maal hojjechuu akka qabdu hojjettoota sadii gaafatte. Hojjetaan inni tokkoffaan, hogganaankee mana akka qulqulleessitu akka barbaadu sitti hime. Inni lammaffaanimmoo, gamoo sana halluu akka dibdu sitti hime. Inni sadaffaanimmoo xalayaa akka raabsitu sitti hime.

4 Achiis hogganaankee maal akka fakkaatu hojjettoota gaafatte. Inni jalqabaa hoggantichi dheeraa, dargaggeessaafi nama hamaa akka taʼe sitti hime. Inni lammaffaanimmoo, gabaabaa, dulloomaafi nama gaarii akka taʼe sitti hime. Inni sadaffaanimmoo, hogganaankee dhiira utuu hin taʼin, dubartii akka taate sitti hime. Wanti hojjettoonni kun sitti himan hundi dhugaa taʼuu akka hin dandeenye akka hubattu beekamaadha. Hojiikee kana itti fufuu yoo barbaadde, dhuguma hogganaankee eenyu akka taʼeefi maal akka hojjettu akka barbaadu beekuuf yaaluunkee hin oolu.

5 Haalli amantiis kanaa wajjin wal fakkaata. Waaqayyo eenyu akka taʼeefi maal akka nurraa barbaadu ilaalchisee yaadawwan hedduun waan jiraniif, waaqeffannaan keenya dhugaa wajjin kan walsimu taʼuusaa mirkaneessuun nu barbaachisa. Haataʼu malee, waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa barachuu kan dandeenyu akkamitti?