Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 6

Amantiiwwan Hundi Waaqayyo Biratti Fudhatama Qabuu?

Amantiiwwan Hundi Waaqayyo Biratti Fudhatama Qabuu?

1. Akka Dubbiin Waaqayyoo jedhutti amantiiwwan akkamii lama qofatu jira?

YESUS, “Karra isa dhiphaadhaan ol galaa! Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin ol galan immoo baayʼee dha. Karaan gara jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan muraasa” jedheera. (Maatewos 7:13, 14) Akka Dubbiin Waaqayyoo jedhutti amantii lama qofatu jira; isaanis, inni tokko dhugaa, inni tokko soba; inni tokko sirrii, inni tokko dogoggora; inni tokko jireenyatti kan geessu, inni tokkommoo badiisatti kan geessudha.

2. Caaffanni Qulqullaaʼoon, Waaqayyoon kan gammachiisan amantiiwwan hunda akka hin taane kan argisiisan akkamitti?

2 Namoonni tokko tokko amantiin hundi Waaqayyoon ni gammachiisa jedhanii yaadu. Caqasawwan Macaafa Qulqulluu gaditti caqasaman, yaanni kun sirrii akka hin taane argisiisu:

  • “Israaʼeloonni ammas Waaqayyoon dhiisanii Baʼaalii fi Ashtaarotiif akkasumas waaqayyolii Aaramiif, waaqayyolii Sidoonii fi Moʼaabiif, waaqayyolii Amoonotaa fi kan Filisxeemotaaf sagaduu isaaniitiin Waaqayyo duratti waan hamaa hojjetan; isaaf garuu hin hojjenne. Kanaaf Waaqayyo dheekkamsa isaa isaan irratti bobeesse.” (Abboota Firdii 10:6, 7) Nuyis Waaqa dhugaa utuu hin taʼin, waaqayyolii tolfaman ykn waaqayyolii kan biraa yoo waaqeffanne, Yihowaa biratti fudhatama hin argannu.

  • “Sabni kun afaan isaatiin ulfina anaaf [Waaqayyoof] kenna, garaan isaa garuu baayʼee anattii fagoo dha. Ana waaqessuun isaanii akkasumaan, abboommii namaa akka seera Waaqayyootti barsiisu.” (Maarqos 7:6, 7) Namoonni Waaqayyoon waaqeffanna jedhan, barumsa Macaafa Qulqulluu utuu hin taʼin yaada mataasaanii kan barsiisan yoo taʼe, waaqeffannaansaanii gatii dhaba. Waaqayyo birattis fudhatama hin qabaatu.

  • “Waaqayyo hafuura; warri isaaf sagadanis hafuuraa fi dhugaadhaan isaaf sagaduun in taʼaaf.” (Yohannis 4:24) Waaqeffannaan keenya, dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiruu wajjin kan walsimu taʼuu qaba.

Firii Amantii Sobaa

3. Karaan amantii dhugaafi amantii sobaa adda baasnee itti beeknu inni tokko maalidha?

3 Amantiin tokko Waaqayyoon kan gammachiisu taʼuufi dhiisuusaa akkamitti beekuu dandeenya? Yesus, “Mukti gaariin ija [firii] baʼeessa in godhata, mukti gadheenis ija hamaa in godhata. . . . Egaa ija hojii isaaniitiin isaan in beektu” jedheera. Kana jechuun, amantiin Waaqayyoon geggeeffamu firii gaarii godhata; amantiin Seexanaan geggeeffamummoo firii gadhee godhata jechuudha.—Maatewos 7:15-20.

4. Waaqeffattoonni Yihowaa amala akkamii qabu?

4 Amantii dhugaan, hawaasa waliisaas taʼe warra kaan jaallatu argamsiisa. Kun kan taʼes, Yihowaan Waaqa jaalalaa waan taʼeefidha. Yesus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku” jedheera. Amantiiwwan, ulaagaa waaqeffannaa dhugaatiif baʼe kana guutuu ni dandaʼuu?—Yohannis 13:35; Luqaas 10:27; 1 Yohannis 4:8.

5. Insaaykilooppiidiyaan tokko daldala garbaa Afriikaa kan ibse akkamitti?

5 Daldala Garbaa Afriikaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Za Niiwu Insaaykilooppiidiyaa Biritaanikaan akkas jedha: “Bara 650 hanga 1905⁠tti namoonni Afriikaa tilmaamaan 18,000,000 taʼan, Musliimotaan karaa Sahaaraafi Galaana Hindii gara biyyoota kan biraatti geeffamaniiru. Walakkeessa lammaffaa jaarraa 15⁠ffaatti warri Awurooppaa karaa qarqara baha Afriikaa, garboota daldaluu kan jalqaban siʼa taʼu, bara 1867⁠tti namoonni Afriikaa 7,000,000 hanga 10,000,000 taʼan garbummaadhaan gurguramanii gara biyyoota kan biraatti geeffamaniiru.”

6. Amantiin daldala garbaarratti kan hirmaate akkamitti?

6 Afriikaa keessatti dhiironni, dubartoonniifi ijoolleen qeʼeesaaniifi maatiisaaniirraa adda baafamuudhaan funcaadhaan hidhamanii, akkasumas diimessaadhaan gubamanii yommuu akka horiitti bitamaniifi gurguraman amantiin gaʼee akkamii qaba ture? Namni Betweel Oogoot jedhaman, barreeffama Deeyilii Neeshin oov Naayiroobii, Keeniyaa jedhamurratti akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Kiristiyaanummaanis taʼe Islaamummaan barumsasaanii keessatti ilmaan namootaa tokko akka taʼan kan barsiisan taʼus, lamaanuu namoonni warra kaan sanyiisaaniitiin garba godhanii akka bitan heyyamaniiru . . . Musliimonnis taʼan Kiristiyaanonni, akkasumas biyyoonni Dhihaafi Baha Gidduu Galeessaa, doofummaa gidiraa Afriikaan jaarraawwan hedduudhaaf argitetti geesseef akka itti gaafataman amannee fudhachuu qabna.”

Amantiifi Waraana

7. Geggeessitoonni amantii waraanarratti shoora akkamii taphataniiru?

7 Amantiin sobaa, firii gadhee akka godhatu karaawwan garabiraadhaanis argisiiseera. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun ‘nama jaallachuu’ akka qabnu kan dubbatu taʼus, geggeessitoonni amantii addunyaa maratti argaman hinaaffaadhaan waraana deggeraniiru, akka babalʼatus godhaniiru.—Maatewos 22:39.

Amantiin sobaa, waraanarrattis taʼe daldala garbaarratti hirmaatteetti

8. (a) Geggeessitoonni amantii, yeroo walitti buʼiinsi Afriikaa keessatti uumametti ajjeechaa kan jajjabeessan akkamitti? (b) Geggeessitoota amantii yeroo lammiiwwan Naayijeeriyaa gidduutti lolli kaʼe turan ilaalchisee paastariin tokko maal jedhan?

8 Bara 1994⁠tti Ruwaandaatti monoksoonniifi qeesonni tokko tokko warra kaan ajjeesuurratti hirmaatanii akka turan ni beekama. Walitti buʼiinsawwan Afriikaatti uumaman kaanirrattis amantiin shoora guddaa taphateera. Fakkeenyaaf, yeroo lammiiwwan Naayijeeriyaa gidduutti waraanni cimaan godhametti, amantiiwwan garee lamaaniinuu jiran namoonni waraanicharratti akka hirmaatan jajjabeessaniiru. Waraanichi yommuu ittuma fufaa deemu, paastariin tokko geggeessitoonni amantii Kiristiyaanaa, “hojii Waaqayyo isaanii kenne akka dhiisan” dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis, “Nuyi warri tajaajiltoota Waaqayyooti ofiin jennu, tajaajiltoota Seexanaa taaneerra” jedhaniiru.

9. Macaafni Qulqulluun waaʼee hojjettoota Seexanaa maal jedha?

9 Macaafni Qulqulluunis, “Seexanni iyyuu ergamoota ifaa fakkaachuudhaaf waan wallaalchifatuuf, kun waan dinqisiisu miti. Kanaaf hojjetoonni isaas hojjetoota qajeelinaa fakkaachuudhaaf yoo wallaalchifatan, kun waan guddaa miti” jechuudhaan yaada kanaa wajjin baayʼee wal fakkaatu dubbata. (2 Qorontos 11:14, 15) Akkuma namoonni hamoo taʼan baayʼeen nama gaarii fakkaachuuf yaalii godhan, Seexannis namoota qajeeloo fakkaataniyyuu hojiinsaanii hamaa taʼeefi firii gadhee godhatanitti fayyadamee namoota gowwoomsa.

10. Geggeessitoonni amantii Waaqayyoon kan ganan karaa kamiini?

10 Geggeessitoonni amantii addunyaa maratti jaalala, nagaafi gaarummaa kan labsan taʼus, gochisaanii hammina, waraanaafi seera Waaqayyoo malee jiraachuu kan jajjabeessudha. Macaafni Qulqulluun, “Isaan Waaqayyoon in beekna jedhu, hojii isaaniitiin garuu isa in ganu” jechuudhaan waaʼeesaanii akka gaariitti ibsa.—Tiitoos 1:16.

“Baabilon Guddittii” Keessaa Baʼaa

11. Macaafni Qulqulluun waaʼee amantii sobaa maal jedha?

11 Macaafa Mulʼataa dubbisuudhaan, Waaqayyo amantii sobaatiif ilaalcha akkamii akka qabu hubachuu dandeenya. Macaafa kana keessatti amantiin sobaa dubartii fakkeenyaan “Baabilon Guddittii” jedhamtutti fakkeeffamteetti. (Mulʼata 17:5) Waaqayyo waaʼeeshee maal akka jedhe qalbeeffadhaa:

  • “Ejjituu ishee guddittii, . . . mootonni biyya lafaa kanaa ishee wajjin ejjan.” (Mulʼata 17:1, 2) Amantiin sobaa Waaqayyoof amanamtuu taʼuu mannaa, yeroo baayʼee mootummoonni maal gochuu akka qaban itti himuudhaan dhimma siyaasaa keessa galti.

  • “Dhiigni raajotaa fi kan warra Waaqayyoof qulqullaaʼanii, kan warra lafa irratti qalamanii hundinuu, ishee keessatti argam[e].” (Mulʼata 18:24) Amantiin sobaa, tajaajiltoota Waaqayyoo amanamoo taʼan ariʼatteetti, akkasumas ajjeesteetti; namoota miliyoonaan lakkaaʼamaniifi waraanarratti ajjeefamaniifis itti gaafatamti.

  • “Isheen ulfina ofiif laattee, qannoo keessa-baʼaattis jiraatte.” (Mulʼata 18:7) Amantiin sobaa, qabeenya hedduu geggeessitoonnishee jireenya qananii ittiin jiraatan qabdi.

  • “Sabni hundinuu qoricha namatti gochuu [isheetiin] gowwoomfamanii turan.” (Mulʼata 18:23) Amantiin sobaa barumsa sobaa lubbuun hin duutu jedhu barsiisuudhaan, gochawwan hafuura xuraaʼummaa addaddaafi moraaf karaa banteetti; akkasumas warra duʼan sodaachuufi abbootii durii waaqeffachuun akka babalʼatu gooteetti.

12. Macaafni Qulqulluun amantii sobaa ilaalchisee akeekkachiisa akkamii kenna?

12 Macaafni Qulqulluun, “Yaa saba ko! Cubbuu ishee keessaa akka hin qabaannetti, dhaʼicha ishee irraas akka hin hirmaannetti, kottaa, ishee keessaa baʼaa!” jechuudhaan namoonni amantii sobaa keessaa akka baʼan akeekkachiisa cimaa kenna.—Mulʼata 18:4, 5.

13. Amantii sobaarras taʼe, namoota amantii sobaa hordofanirra maaltu gaʼa?

13 Bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa kan taate Baabilon Guddittiin, yeroo dhihootti guutummaatti ni balleeffamti. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo gooftaan inni isheetti faradu aango-qabeessa waan taʼeef, dhaʼichi garaa garaa, dhukkubni adeemaan, gaddi, beelli, guyyaa tokkichatti isheetti dhufuuf jiru, ibiddaanis gubamuuf jirti!” jedha. (Mulʼata 18:8) Dhaʼicha isheetti dhufurraa ooluuf, gochawwanshee, ayyaanotaafi amantiiwwanshee warra Waaqayyoon hin gammachiisnerratti hirmaachuurraa fagaachuudhaan, walitti dhufeenya amantii sobaa wajjin qabnu kamiyyuu dhaabuu qabna. Dhimmi kun waaʼee duʼaafi jireenyaa waan taʼeef baayʼee ariifachiisaadha.—2 Qorontos 6:14-18.