Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Seensa

Seensa

WAAQNI HUNDUMAA DANDAʼU Gooftaa uumama cufaati. Ammas taʼe gara fuulduraatti jireenyi keenya isarratti kan hundaaʼedha. Inni, eebba argamsiisuufis taʼe adabuuf humna qaba. Jireenya kennuufis taʼe dhabsiisuuf humna qaba. Isa biratti fudhatama yoo qabaanne, milkaaʼina arganna; fudhatama yoo dhabnemmoo balaadhaaf saaxilamna. Kanaaf, waaqeffannaan keenya isa biratti fudhatama kan qabu taʼuunsaa baayʼee barbaachisaadha!

Namoonni karaa addaddaatiin waaqeffannaa dhiheessu. Amantiin daandii wajjin kan wal fakkaatu yoo taʼe, daandiiwwan amantii hundi Waaqayyo biratti fudhatama qabuu? Hin qaban. Raajii Waaqayyoo kan taʼe Yesus, daandiin lama qofti akka jiru dubbateera. Akkas jedheera, “Karaan gara badiisaatti geessu boochoo dha, karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin ol galan immoo baayʼee dha. Karaan gara jireenyaatti geessu rakkoo dha, karri isaas dhiphaa dha, namoonni isa argatan muraasa.”—Maatewos 7:13, 14.

Amantii gosa lama qofatu jira; isaanis isa jireenyatti geessuufi isa badiisatti geessudha. Kaayyoon birooshura kanaa, daandii jireenya barabaraatti geessu akka argattu si gargaaruudha.