Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 2

Waa’ee Waaqayyoo Dhugaasaa Beekuu Kan Dandeessu Akkamitti?

Waa’ee Waaqayyoo Dhugaasaa Beekuu Kan Dandeessu Akkamitti?

1, 2. Dhimmawwan amantii wajjin wal qabatan murteessuuf wanti irratti walii galan jiraachuu akka qabu fakkeenyi argisiisu maalidha?

WAAQAYYOON beekuu kan dandeenyu akkamitti? Isa beekuuf barumsa amantiiwwan hundaa qorachuun barbaachisaadhaa? Kana gochuun hin dandaʼamu. Utuu akkas gochuu dandeenyellee, barumsi inni sirriin kam akka taʼe akkamitti beekuu dandeenya?

2 Waaqayyoon ilaalchisee yaanni addaddaa waan jiruuf, ulaagaan namoonni hundi irratti walii galuu dandaʼan jiraachuu qaba. Kana fakkeenyaan ibsuuf, dheerina carqii tokkoo ilaalchisee falmiin ni kaʼe haa jennu. Daldalaan, carqichi meetirii sadii akka taʼe kan dubbatu siʼa taʼu, namni carqicha bitummoo sanaa gadidha jedha. Maarree falmiin kun furmaata argachuu kan dandaʼu akkamitti? Carqicha meetiriidhaan safaruudhaani.

3. Macaafni Qulqulluun maaliif barreeffame?

3 Meetiriin ykn ulaagaan dhimmawwan amantii murteessuuf gargaaru jiraa? Eeyyee jira; innis Macaafa Qulqulluudha. Waaqayyo Macaafa Qulqulluu kan barreessise, namoonni bakka hundatti argaman dhugaa waaʼeesaa ibsu akka irraa barataniifi. Macaafni Qulqulluun koppii biliyoonaan lakkaaʼamuun maxxanfameera. Guutummaan ykn gartokkoonsaa afaan 2,400 oliin hiikameera. Namni kamiyyuu qooqa ofiisaatiin waaʼee Waaqayyoo dhugaasaa dubbisuu dandaʼa jechuun ni dandaʼama.

4. Macaafni Qulqulluun odeeffannoo akkamii qabateera?

4 Macaafni Qulqulluun kennaa guddaa Waaqayyo nuu kennedha. Macaafni kun beekumsa eessaayyuu argachuu hin dandeenye nuu kenna. Waaʼee qaamota samiirra jiranii nutti hima. Yaada, amalaafi kaayyoo Waaqayyoo nuu ibsa. Waggoota kuma hedduudhaan lakkaaʼamaniif walitti dhufeenyi Waaqayyo namootaa wajjin qabu maal akka fakkaatu nutti hima. Waaʼee wantoota gara fuulduraatti raawwatamaniis ni dubbata. Kana malees, karaa gara jireenya barabaraatti geessu akkamitti argachuu akka dandeenyu nuu ibsa.

Macaafa Qulqulluutti Amanuu Kan Qabdu Maaliifi?

5. Fakkeenyi Macaafni Qulqulluun saayinsii wajjin akka walsimu argisiisu isa kami?

5 Sababiiwwan Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo taʼuusaa akka amannu nu godhan hedduu qabna. Sababiin inni tokko, Macaafni Qulqulluun saayinsii wajjin kan walsimu taʼuusaati. Bara duriitti namoonni addunyaa maratti argaman lafti wanta tokkorra teesseetti jedhanii yaadu turan. Fakkeenyaaf, bara durii Baha Afriikaatti namoonni lafti bofa walakkaansaa al 3,500 marameefi walakkaansaammoo al 3,500 marameen irrisheefi jallishee akka deggerame amanu turan. Haataʼu malee, waggoota 3,500 dura barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko haala saayinsii wajjin walsimuun, Waaqayyo ‘biyya lafaa homtuu utuu jala hin jiraatin akka rarraase’ barreesseera.—Iyoob 26:7.

6. Ragaan hunda caalaa Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼe argisiisu isa kami?

6 Ragaan hundarra caalaa Macaafni Qulqulluun Dubbii Waaqayyoo akka taʼe argisiisu, waaʼee gara fuulduraa raajii dhugaa kan dubbatu taʼuusaati. Namoota ogeeyyii jedhamanirraa haala adda taʼeen, Waaqayyo wanta gara fuulduraatti raawwatamu sirriitti beeka; wanti inni dubbatus yeroo hunda ni raawwatama.

7. Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu kanaan dura raawwataman tokko tokko kamfaʼi?

7 Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu dhibbaan lakkaaʼaman bara duriitti raawwiisaanii argataniiru. Fakkeenyaaf, Yesus dhalachuusaa waggaa 700 dura Macaafni Qulqulluun Yesus magaalaa Betlihemitti akka dhalatu raajii kan dubbate siʼa taʼu, raajiin kunis raawwatameera. (Miikiyaas 5:2; Maatewos 2:3-9) Raajiiwwan hedduu waaʼee Yesus dubbatamaniin alattis, Macaafni Qulqulluun Yesus durbarraa akka dhalatuufi dhumarrattimmoo meetii 30n dabarfamee akka kennamu kan dubbate siʼa taʼu, raajiiwwan kunis raawwatamaniiru. Namni kamiyyuu raajiiwwan akkasii dubbachuu akka hin dandeenye beekamaadha!—Isaayaas 7:14; Zakaariyaas 11:12, 13; Maatewos 1:22, 23; 27:3-5.

8. Raajiiwwan yeroo ammaatti raawwatamaa jiran tokko tokko kamfaʼi? Isaanoo maal argisiisu?

8 Yeroo keenyatti raajiiwwan Macaafa Qulqulluu hedduun raawwatamaa jiru. Muraasnisaanii armaan gaditti ibsamaniiru:

  • “Sabni saba irratti, [waraanaan] mootummaanis mootummaa irratti in kaʼa; sochoʼi lafaa gurguddaan beellii fi dhaʼichis biyya hundumaatti in taʼa.”—Luqaas 21:10, 11.

  • ‘Seera malee jiraachuun ni baayʼata.ʼ—Maatewos 24:12.

  • “Guyyoota gara dhumaatti . . . namoonni warra ofittoo, sassatoota, . . . warra abboota isaanii fi haadhota isaaniif hin abboomamne, . . . warra of hin qabne, warra namatti hin madaqne, warra waan gaarii jibban, . . . warra of arguu dhabuudhaan of bokoksan, Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan taʼuuf jiru.”—2 Ximotewos 3:1-5.

Atoo, wantoonni kun raawwatamaa akka jiran hin amantuu? Raajiin Macaafa Qulqulluu dhugaafi sirrii taʼuunsaa, macaafni kun kitaaba addaa akka taʼe argisiisa. Macaafni Qulqulluun geggeessaa hafuura qulqulluutiin kan barreeffamedha.—2 Ximotewos 3:16.

Macaafni Qulqulluun Jijjiirameeraa?

9, 10. Waaqayyo namoonni Macaafa Qulqulluu akka jijjiiran akka hin heyyamne kan argisiisu maalidha?

9 Fakkeenyaaf, abbaa warshaa tokkoo waan taateef, seerawwan tokko tokko hojjettootakeetiif baastee maxxansite haa jennu. Haataʼu malee, diinni tokko seera sana utuu jijjiiree maal goota? Wanta inni jijjiire sana hin sirreessituu? Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyoos namoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu akka jijjiiran hin heyyamu.

10 Namoonni barumsa Dubbii Waaqayyoo jijjiiruuf yaalii godhan milkaaʼina hin arganne. Macaafa Qulqulluu yeroo ammaatti qabnu, isa bara durii wajjin yoo wal bira qabnee ilaalle yaannisaanii tokkodha. Kunimmoo, Macaafni Qulqulluun akka hin jijjiiramne nuu mirkaneessa.