Sagantaa Walgaʼii Naannoo 2017

Kutaawwan guyyaa hunda saganticha irra jiran hunda ilaaluun kee wanta gaarii raawwachuu kee akka itti fuftuu fi rakkoowwan akka dandamattu si gargaaruu dandaʼa.

Sanbadduraa

Waaqni Inni Hundumaa Dandaʼu jabaannee akka dhaabannuu fi akka jajjabannu kun nu gargaaru akkamitti?

Dilbata

Yesuus, “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu ni fayya” jedheera. Wanta inni dubbate kana hojii irra oolchuuf maal gochuu dandeessa?

Odeeffannoo

Walgaʼii Naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argamuun si gammachiisa taʼa. Waaʼee keessumsiistotaa, cuuphaa, buusii gochuu, gargaarsa jalqabaa, bakka meeshaaleen badanii argaman kaaʼamu, iddoo taaʼumsaa ykn tajaajila fedhaa caalaatti beekuu yoo barbaaddan kutaa kana ilaalaa.