Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Odeeffannoo

Odeeffannoo

WALGAʼIIWWAN ADDA TAʼAN

TAJAAJILA BETʼEL Babalʼistoonni cuuphamanii fi biyyattii keessa jiraachuuf mirga qaban, umuriin isaanii waggaa 35 fi isaa gadi taʼe, kan Betʼel galanii tajaajiluu barbaadan hundi, walgaʼii Sanbadduraa waaree booda namoota Betʼel galuu barbaadanii wajjin godhamu irratti argamuu qabu. Bakkii fi yeroon walgaʼiin kun itti godhamu ni beeksifama.

MANA BARUMSAA LABSITOOTA WANGEELA MOOTUMMICHAA Qajeelchitoonni umuriin isaanii waggaa 23 hanga 65 taʼee fi tajaajila isaanii balʼifachuu barbaadan, walgaʼii Dilbata waaree booda obboloota Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galuu barbaadanii wajjin godhamu irratti argamuu dandaʼu. Bakkii fi yeroon walgaʼiin kun itti godhamu dursee himama.

ODEEFFANNOO

BAKKA MEESHAALEEN BADANII ARGAMAN KAAʼAMAN Wantoonni badanii argamanii fi kan eenyu akka taʼan hin beekamne hundi, kutaa kanatti geeffamuu qabu. Meeshaan yoo isin jalaa bade kutaa kana dhaqaatii wanta isin jalaa bade adda baafachuudhaan fudhadhaa. Daaʼimman warra isaanii jalaa badanis bakka kanatti geeffamuu qabu. Haa taʼu malee, bakki kun akka bakka oolmaa daaʼimmaniitti ilaalamuu hin qabu. Ijoollee keessan toʼachuudhaan akka isaan isin irraa hin fagaanne godhaa.

BUUSII Teessuma gaʼaa, meeshaalee sagalee fi wantoota barbaachisaa taʼan hedduu qopheessuudhaan, walgaʼicha gammachiisaa fi Yihowaatti akka maxxannu kan nu gargaaru akka taʼuu gochuuf baasii baayʼeen baʼeera. Buusiin fedhaan gootan, baasiiwwan kana bakka buusuuf kan gargaaru taʼuu isaa irra iyyuu, hojii addunyaa maratti hojjetamaa jiruuf oola. Saanduqoonni mallattoon saanduqa buusii jedhu irratti maxxanfame bakka walgaʼichaatti iddoo mijaaʼaa taʼe garaa garaa kaaʼamaniiru. Buusii gootan hundumaaf isin galateeffanna. Qaamni Ol Aanaan, deggersa hojii Mootummichaatiif gaarummaadhaan gootaniif guddaa isin galateeffata.

CUUPHAA Iddoo kan biraan yoo ibsamuu baate kaadhimamtoota cuuphaatiif iddoon taaʼumsaa kan qophaaʼu waltajjii fuuldura dha. Kaadhimamtoonni cuuphaa, haasaan cuuphaa jalqabuu isaa dura Sanbadduraa ganama iddoo isaaniif qophaaʼe taaʼuu qabu. Hundi isaanii, fooxaa fi uffata seera qabeessa cuuphaadhaaf taʼu qabatanii dhufuu qabu.

GARGAARSA JALQABAA Kutaan kun gargaarsa kan godhu namoota AKKA TASAA DHUKKUBSATANIIF QOFA taʼuu isaa qalbeeffadhaa.

IDDOO TAAʼUMSAA Warra kaaniif yaadaa. Iddoo taaʼumsaa qabuu kan dandeessan, namoota konkolaataa tokkoon waliin dhuftanii fi miseensota maatii keessaniitiif ykn warra yeroo ammaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa jirtaniif qofa taʼuu isaa hin dagatinaa. Iddoo taaʼumsaa namaaf hin qabne irra miʼa keessan hin kaaʼinaa.

KEESSUMSIISTOTA Keessumsiistonni isin gargaaruuf ramadaman. Kanaaf, konkolaataa dhaabuu, karaa baʼuu fi galuu qabdan, iddoo taaʼumsaa qabuu fi wantoota gara biraa ilaalchisee qajeelfama isinii kennaniif ajajamaa.

TAJAAJILA FEDHAA Hojii walgaʼii kana irratti hojjetamu fedhaan gargaaruu yoo barbaaddan, kutaa kanatti beeksisuudhaan bakka namni barbaadamutti ramadamtanii tajaajiluu dandeessu.

Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan Qophaa’e