Odeeffannoo
WALGAʼII ADDA TAʼE
MANA BARUMSAA LABSITOOTA WANGEELA MOOTUMMICHAA Qajeelchitoonni tajaajila isaanii balʼifachuu barbaadanii fi umuriin isaanii 23 hanga 65 taʼan, walgaʼii Dilbata waaree booda Mana Barumsaa Labsitoota Mootummichaatiif qophaaʼe irratti hirmaachuu barbaadanii wajjin godhamu irratti akka argaman afeeramaniiru. Bakkaa fi saʼaatiin walgaʼiin kun itti godhamu dursee ni beeksifama.
“IJA JABEEYYII TAʼAA”! WALGAʼII NAANNOO DHUGAA BAATOTA YIHOWAA 2018 Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaaʼeODEEFFANNOO
KEESSUMSIISTOTA Keessumsiistonni isin gargaaruuf ramadaman. Kanaaf, maaloo konkolaataa dhaabuu, karaa baʼuu fi galuu qabdan, iddoo taaʼumsaa qabuu fi wantoota gara biraa ilaalchisee qajeelfama isinii kennaniif ajajamaa.
CUUPHAA Iddoo kan biraan yoo ibsamuu baate, kaadhimamtoota cuuphaatiif iddoon taaʼumsaa kan qophaaʼu waltajjii fuuldura dha. Kaadhimamtoonni cuuphaa, Sanbadduraa ganama haasaan cuuphaa jalqabuu isaa dura iddoo isaaniif qophaaʼe taaʼuu qabu. Hundi isaanii, fooxaa fi uffata seera qabeessa cuuphaadhaaf taʼu qabatanii dhufuu qabu.
BUUSII Teessuma gaʼaa, meeshaalee sagalee fi wantoota barbaachisaa taʼan hedduu qopheessuudhaan, walgaʼicha gammachiisaa fi caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaannu kan nu gargaaru akka taʼuu gochuuf baasii hedduun baʼeera. Buusiin fedhaan gootan, baasiiwwan kana bakka buusuuf kan gargaaru taʼuu isaa irra iyyuu, hojii addunyaa maratti hojjetamaa jiruuf oola. Saanduqoonni mallattoon saanduqa buusii jedhu irratti maxxanfame, bakka walgaʼichaatti iddoo mijaaʼaa taʼe gara garaa kaaʼamaniiru. Buusii gootan hundumaaf guddaa isin galateeffanna. Qaamni Ol Aanaan, deggersa hojii Mootummichaatiif gaarummaadhaan gootaniif guddaa isin galateeffata.
GARGAARSA JALQABAA Kutaan kun gargaarsa kan godhu namoota AKKA TASAA DHUKKUBSATANIIF QOFA taʼuu isaa qalbeeffadhaa.
BAKKA MEESHAALEEN BADANII ARGAMAN KAAʼAMAN Wantoonni badanii argamanii fi kan eenyu akka taʼan hin beekamne hundi, kutaa kanatti geeffamuu qabu. Meeshaan keessaan yoo isin jalaa bade kutaa kana dhaqaatii wanta isin jalaa bade adda baafachuudhaan fudhadhaa. Daaʼimman warra isaanii jalaa badanis bakka kanatti geeffamuu qabu. Haa taʼu malee, rakkinni hin barbaachisne akka hin uumamneef, ijoollee keessan toʼachuudhaan akka isaan isin irraa hin fagaanne godhaa.
IDDOO TAAʼUMSAA Warra kaaniif yaadaa. Iddoo taaʼumsaa qabuu kan dandeessan, namoota konkolaataa tokkoon waliin dhuftanii fi miseensota maatii keessaniitiif ykn warra yeroo ammaatti Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisaa jirtaniif qofa taʼuu isaa hin dagatinaa. Iddoo taaʼumsaa namaaf hin qabne irra miʼa keessan hin kaaʼinaa.
TAJAAJILA FEDHAA Hojii walgaʼii kana irratti hojjetamu fedhaan gargaaruu yoo barbaaddan, kutaa kanatti beeksisuudhaan bakka namni barbaadamutti ramadamtanii tajaajiluu dandeessu.
Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan Qophaa‵e