Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA SADII

‘Ani Walittan Isin Qaba’—Waaqeffannaa Qulqulluun Deebiʼee Akka Hundeeffamu Waadaan ni Galame

‘Ani Walittan Isin Qaba’—Waaqeffannaa Qulqulluun Deebiʼee Akka Hundeeffamu Waadaan ni Galame

HISQIʼEL 20:41

YAADA IJOO: Raajiiwwan Hisqiʼel waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu dubbate

Israaʼel sababii gantummaatiin tokkummaa dhabdeetti. Miidhaa gochawwan ishii ishii irraan gaʼaniin kan kaʼe rakkachaa jirti; waaqeffannaa qulqulluu xureessiteetti, akkasumas maqaa Waaqayyoo salphisteetti. Haala gaddisiisaa akkasii keessatti Yihowaan, Hisqiʼel raajiiwwan walitti aananii dubbatamanii fi abdii qabatan akka dubbatu isa kakaaseera. Yihowaan fakkeenyotaa fi mulʼatawwan dinqisiisoo taʼanitti fayyadamuudhaan, Israaʼelota boojiʼamanii jiran qofa utuu hin taʼin, namoota waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu barbaadan hunda jajjabeesseera.

KUTAA KANA KEESSATTI

BOQONNAA 8

“Ani Tiksee Tokko . . . Nan Kaasa”

Waaqayyo, Hisqiʼel Masiihicha isa gara fuulduraatti Mootii fi Tiksee saba Yihowaa taʼu, akkasumas waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessu ilaalchisee raajii akka dubbatu isa kakaaseera.

BOQONNAA 9

“Anis Garaa Tokko Isaaniif Nan Kenna”

Raajiiwwan Yihudoota amanamoo boojiʼamanii Baabilon keessa turan ilaalchisee dubbataman nuuf hiika qabuu?

BOQONNAA 10

“Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”

Hisqiʼel mulʼata waaʼee sulula lafeewwan goggoganiin guutamee fi lubbuudhaan jiraatanii ibsu argeera. Mulʼanni kun hiika maalii qaba?

BOQONNAA 11

“Waardiyyaa Godhee Si Muudeera”

Gaʼee fi itti gaafatamummaan waardiyyaa kanaa maali dha? Akeekkachiisa akkamii kenna?

BOQONNAA 12

“Saba Tokko Isaan Nan Godha”

Yihowaan saba isaa tokko gochuuf waadaa galeera.

BOQONNAA 13

‘Waaʼee Mana Qulqullummaa Ibsi’

Manni qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge hiikni isaa maali dha?

BOQONNAA 14

“Seerri Mana Qulqullummaa Kana Dha”

Yihudoonni bara Hisqiʼelitti turan mulʼata mana qulqullummaa inni arge irraa barumsa akkamii argatanii taʼuu dandaʼa? Mulʼanni kun yeroo harʼaatti nuuf hiika maalii qaba?