Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 9

“Anis Garaa Tokko Isaaniif Nan Kenna”

“Anis Garaa Tokko Isaaniif Nan Kenna”

HISQIʼEL 11:19

YAADA IJOO: Dhaamsa waaʼee haaromsaa dubbatuu fi dhaamsi kun raajiiwwan Hisqiʼel dubbate keessatti akkamitti akka ibsame

1-3. Warri Baabilon waaqeffattoota Yihowaatti kan qoosan akkamitti? Maaliif?

YIHUDII amanamaa magaalaa Baabilon keessa jiraattu akka taate godhii yaadi. Sabni kee jaarraa walakkaadhaaf ykn isaa oliif boojuu jala jira. Akkuma barsiifata kee guyyaa Sanbataatti namoota akkuma kee Yihowaa waaqeffatanii wajjin walitti qabamtee waaqeffachuuf deemaa jirta. Karaa namoonni itti baayʼatan irra yommuu deemtu, manneen qulqullummaa ajaaʼibsiisoo taʼanii fi iddoowwan waaqeffannaa hedduu ni argita. Namoonni hedduun bakka kanatti walitti qabamanii waaqolii tolfamoo akka Maarduk jiraniif aarsaa dhiheessu, akkasumas faarfannaa faarfatu.

2 Namoota hedduu sana irraa fagaattee garee xinnoo akkuma kee Yihowaa waaqeffatanii wajjin wal argite. * Tarii boʼoowwan magaalattii keessaa isa tokko biratti waliin kadhachuuf, faarfachuu fi Dubbii Waaqayyoo irratti xiinxaluuf iddoo tasgabbaaʼaa tokko argattan. Yommuu waliin kadhattan sagalee dooniiwwan mukaa qarqara boʼoo sanaatti hidhamanii jiran dhageessisan dhagaʼuu dandeessu. Bakka kana hamma tokko nagaan waan jiruuf tasgabbiin sitti dhagaʼameera. Namoonni naannoo sanaa akkuma amala isaanii dhufanii walgaʼicha utuu jeequu baatanii jettee yaadda. Garuu namoonni kun akkana kan godhan maaliifi?

3 Baabilon waraana hedduu irratti injifannoo argatteetti; namoonni biyyattiis magaalattiin cimina qabaachuu kan dandeesse waaqolii sobaa isaaniitiin kan kaʼe akka taʼe amanu. Warri Baabilon Yerusaalem guutummaatti balleeffamuun ishii waaqni isaanii Maarduk Yihowaa caalaa jabaa taʼuu isaa argisiisa jedhanii yaadu. Kanaan kan kaʼes Waaqa kee fi saba isaatti qoosu. Yeroo tokko tokko qoosaadhaan, “Faarfannaawwan Xiyoon keessaa isa tokko nuu faarfadhaa” isiniin jedhu. (Far. 137:3) Faarfannaawwan hedduun Xiyoon diinota Yihowaa irratti injifannoo argachuu ishii ibsu. Tarii warri Baabilon keessumaa faarfannaawwan kanatti qoosuun isaan gammachiisa taʼa. Faarfannaawwan kaan garuu waaʼee warra Baabilon dubbatu. Fakkeenyaaf isaan keessaa inni tokko, “Yerusaalemiin . . . gara tuullaa dhagaatti jijjiiraniiru. . . . Namoonni naannoo keenyaa nutti qoosu, nutti kolfus” jedha.—Far. 79:1, 3, 4.

4, 5. Raajiin Hisqiʼel abdii akkamii qabateera? Boqonnaa kana keessatti hoo waaʼee maalii ilaalla? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Kana malees Yihudoonni gantoota taʼanii fi amantii Yihowaa fi raajota isaa irratti qabdutti qoosanis jiru. Qoosaan akkasii jiraatus waaqeffannaa qulqulluun siifis taʼe maatii keetiif jajjabina argamsiisa. Waliin kadhachuu fi faarfachuun nama gammachiisa. Dubbii Waaqayyoo dubbisuunis nama tasgabbeessa. (Far. 94:19; Rom. 15:4) Guyyaa kanatti namoota akkuma kee Yihowaa waaqeffatan keessaa inni tokko wanta adda taʼe tokko gara walgaʼichaatti fidee dhufe, kunis maraa kitaabaa raajii Hisqiʼel qabate dha. Waadaa Yihowaan saba isaa gara biyya isaaniitti deebisuuf gale dhagaʼuun si gammachiisa. Raajiin kun sagalee guddaadhaan yommuu dubbifamu baayʼee gammadde; achiis atii fi maatiin kee gaaf tokko gara biyyaatti deebitanii yeroo waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamu gargaarsa akka gootan abdii kenname irratti xiinxalte.

5 Raajiin Hisqiʼel abdiiwwan waaʼee haaromsaa ibsan hedduu qabateera. Mee amma dhaamsa abdii qabate kana haa qorru. Abdiiwwan kun warra boojiʼamanii turaniif kan raawwataman akkamitti? Raajiiwwan kun yeroo ammaatti hiika maalii qabu? Kana malees raajiiwwan gara fuulduraatti raawwii isaanii isa dhumaa argatanis ni ilaalla.

“Isaan Boojuudhaan ni Fudhatamu”

6. Waaqayyo saba isaa warra isa irratti fincilan irra deddeebiʼee kan akeekkachiise akkamitti?

6 Yihowaan karaa Hisqiʼel warra isa irratti fincilan akkamitti akka adabu saba isaatti ifatti dubbateera. “Isaan boojuudhaan ni fudhatamu” jedheera. (His. 12:11) Akkuma Boqonnaa 6⁠ffaa kitaaba kanaa irratti ilaalle, Hisqiʼel murtii dabarfame kana hojiin argisiisaan illee ibseera. Akeekkachiisni akkanaa garuu Israaʼelotaaf kan jalqabaa hin turre. Yihowaan gara waggaa kuma tokkoo dura bara Museetii jalqabee sabni isaa finciluu isaanii yoo itti fufan boojuudhaan akka fudhataman akeekkachiiseera. (Kes. 28:36, 37) Raajonni akka Isaayyaasii fi Ermiyaasis akeekkachiisa wal fakkaatu kennaniiru.—Isa. 39:5-7; Er. 20:3-6.

7. Yihowaan saba isaa kan adabe karaawwan kamiini?

7 Kan nama gaddisiisu garuu namoonni hedduun akeekkachiisa kanaaf xiyyeeffannaa hin kennine. Yeroo booda Yihowaan sabni isaa dhiibbaa tiksitoota hamootiin kan kaʼe finciltoota taʼuu isaaniitti, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu isaaniitti, amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniittii fi mancaʼuu isaaniitti baayʼee gaddeera. Kanaan kan kaʼes beelaaf akka saaxilaman heyyameera; biyyi isaanii “biyya aannanii fi damma maddisiistu” waan turteef kun isaaniif miidhaa fi salphina guddaa dha. (His. 20:6, 7) Achiis akkuma Yihowaan yeroo dheeraa dura dubbate, sabni isaa finciltoota taʼan kun boojuudhaan akka fudhataman gochuudhaan isaan adabeera. Dhaloota Kiristoos Dura bara 607⁠tti Nebukadnezaar mootiin Baabilon Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii balleessuudhaan tarkaanfii isa dhumaa fudhate. Yihudoonni kuma hedduutti lakkaaʼamanii fi badiisa irraa oolan boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffaman. Achittis akkuma seensa boqonnaa kanaa irratti ibsame qoosaa fi mormiin isaan irra gaʼeera.

8, 9. Waaqayyo gantummaa ilaalchisee gumii Kiristiyaanaatiif akeekkachiisa kan kenne akkamitti?

8 Wanti Yihudoota boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffaman irra gaʼee wajjin wal fakkaatu gumii Kiristiyaanaa irra gaʼeeraa? Eeyyee gaʼeera! Akkuma Yihudoota bara durii duuka buutota Kiristoosiifis dursee akeekkachiisni kennamee ture. Yesuus tajaajila isaa isa gara jalqabaa irratti, “Raajota sobaa, keessa isaaniitti yeeyyii beelaʼe taʼanii utuu jiranii, kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan irraa of eeggadhaa” jedheera. (Mat. 7:15) Waggoota hedduu booda Phaawulos ergamaanis akkana jechuudhaan akeekkachiisa kanaa wajjin wal fakkaatu kenneera: “Ergan deemee booda, yeeyyiiwwan hamoo taʼan isin gidduu akka seenanii fi tuuticha gara laafinaan akka hin qabne ani beeka; isinuma gidduudhaa illee namoonni barattoota ofitti fudhachuuf dubbii micciiramaa dubbatan ni kaʼu.”—HoE. 20:29, 30.

9 Kiristiyaanonni namoota hamoo kana akkamitti adda baasuu fi irraa fagaachuu akka dandaʼan barataniiru. Jaarsoliin gumii gantoota gumicha keessaa akka baasan qajeelfamni isaaniif kennameera. (1 Xim. 1:19; 2 Xim. 2:16-19; 2 Phe. 2:1-3; 2 Yoh. 10) Taʼus Kiristiyaanonni hedduun akkuma Israaʼelii fi Yihudaa durii akeekkachiisa jaalalaan kenname kana suutuma suuta hojii irra oolchuu dhiisaniiru. Dhuma jaarraa jalqabaatti gantummaan gumicha keessatti babalʼatee ture. Yohaannis inni ergamaa isa dhumaa taʼee fi Dh.K.B. dhuma jaarraa jalqabaatti jiraate gumichi balaa akkasiitiif saaxilamuu isaa fi fincilli babalʼachuu isaa argeera. Yeroo sanatti barumsawwan sobaa gara gumiitti akka hin seenne dhowwaa kan ture isa qofa dha. (2 Tas. 2:6-8; 1 Yoh. 2:18) Maarree Yohaannis erga duʼee booda maaltu taʼe?

10, 11. Fakkeenyi Yesuus waaʼee qamadii fi inkirdaadaa dubbate Dh.K.B. jaarraa lammaffaa irraa jalqabee kan raawwatame akkamitti?

10 Yohaannis erga duʼee booda fakkeenyi Yesuus qamadii fi inkirdaada ilaalchisee dubbate raawwatamuu jalqabe. (Maatewos 13:24-30 dubbisi.) Akkuma Yesuus dursee dubbate Seexanni “inkirdaada” ykn Kiristiyaanota fakkeessitoota taʼan facaase, achiis gumichi saffisaan mancaʼuu jalqabe. Yihowaan, gumiin Ilmi isaa hundeesse waaqolii tolfamoo waaqeffachuudhaan, ayyaanotaa fi gochawwan amantii sobaatiin yommuu faalamu, akkasumas barumsawwan sobaa falaasota Waaqayyotti hin amannee fi amantiiwwan Seexanaa irraa dhufan yommuu fudhatu arguu isaatti baayʼee gaddee taʼuu qaba. Maarree yeroo kanatti maal godhe? Akkuma Israaʼel ishiin amanamtuu hin taane boojuudhaan akka fudhatamtu godhe sabni isaas akka boojiʼaman heyyame. Dhaloota Kiristoos Booda naannoo jaarraa lammaffaa irraa jalqabee namoonni qamadiitti fakkeeffaman Kiristiyaanota fakkeessitoota taʼaniin liqimfamanii turan. Gumiin Kiristiyaanaa inni dhugaan Baabilon Guddittii ishii amantii sobaa addunyaa irra jiran hunda argisiistuun boojiʼamee ture; yeroo kanatti Kiristiyaanonni fakkeessitoota taʼan amantii sobaa kanaan liqimfamanii turan. Kiristiyaanonni fakkeessitoota taʼan baayʼachaa yommuu deeman Sabni Kiristiyaanaa mulʼachuu jalqabde.

11 Jaarraawwan Sabni Kiristiyaanaa ol aantummaa itti argatte hundatti Kiristiyaanonni dhugaan “qamadii” Yesuus fakkeenyaan ibsetti fakkeeffaman muraasni jiru turan. Akkuma Yihudoota boojiʼamanii fi Hisqiʼel 6:9 irratti ibsamaniitti isaanis Waaqa dhugaa yaadataniiru. Isaan keessaa tokko tokko barumsawwan sobaa Sabni Kiristiyaanaa barsiistu ija jabinaan mormaniiru. Kanaan kan kaʼes qoosaa fi ariʼatamni isaan irra gaʼeera. Maarree Yihowaan saba isaa amantii sobaa keessatti ni dhiisaa? Lakki, hin dhiisu. Yihowaan akkuma Israaʼel durii irratti godhe, aarii isaa kan ibse hamma isaaniif maluu fi yeroo murtaaʼeef qofa ture. (Er. 46:28) Kana malees Yihowaan saba isaatiif abdii kenneera. Mee amma gara Yihudoota boojiʼamanii Baabilon ishii durii keessa jiraatanitti deebinee, Yihowaan gara biyya isaaniitti isaan deebisuuf abdii kan isaaniif kenne akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

Kiristiyaanonni dhugaan jaarraawwan hedduudhaaf Baabilon Guddittii irraa ariʼatamni isaan irra gaʼeera (Keeyyata 10, 11 Ilaali)

“Aariin Koo ni Xumurama”

12, 13. Yihowaan saba isaa warra bara Hisqiʼelitti boojiʼamanitti aaruu kan dhiise maaliifi?

12 Yihowaan saba isaatti akka aare dubbateera; taʼus aariin isaa inni qajeelummaa irratti hundaaʼe bara baraaf akka itti hin fufne isaaniif mirkaneesseera. Fakkeenyaaf, wanta inni dubbate kana qalbeeffadhaa: “Aariin koo ni xumurama, dheekkamsi koos isaan irraa ni qabbanaaʼa, anis nan gammada. Yommuun dheekkamsa koo isaan irratti dhangalaasee xumuruttis, isaan kana kan dubbate ana Yihowaa isa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan cimsee barbaadu sana taʼuu koo ni beeku.” (His. 5:13) Dheekkamsi Yihowaa yeroo booda kan qabbanaaʼe maaliifi?

13 Warra boojiʼaman keessaa Yihudoonni amanamoo taʼanii fi namoota amanamoo hin taanee wajjin boojuudhaan fudhatamanis jiru turan. Dabalataanis Waaqayyo saba isaa keessaa tokko tokko boojuu jala utuma jiranii yaada akka geeddaratan karaa Hisqiʼel dubbateera. Yihudoonni gaabban kun Waaqa isaanii irratti finciluudhaan wantoota qaanessaa raawwatan ni himatu, akkasumas Yihowaan dhiifama akka isaaniif godhuu fi isa biratti fudhatama argachuuf ni kadhatu. (His. 6:8-10; 12:16) Hisqiʼel akkuma Daaniʼel raajichaa fi michoota isaa sadanii namoota amanamoo taʼan sana keessaa tokko ture. Daaniʼel bara dheeraa waan jiraateef yeroo itti boojuun sun jalqabee fi xumurame argeera. Cubbuu Israaʼel raawwatteef dhiifama argachuuf kadhannaan inni garaadhaa dhiheesse Daaniʼel boqonnaa 9 irratti galmeeffameera. Miirri isaa miira namoota kuma hedduutti lakkaaʼamanii fi boojuu jala turanii wajjin tokko akka taʼe beekamaa dha; namoonni kun warra dhiifamaa fi eebba Yihowaa deebisanii argachuuf hawwani dha. Dhuguma iyyuu abdiiwwan Hisqiʼel boojuu jalaa akka baʼanii fi waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee akka hundeeffamu ilaalchisee barreesse baayʼee nama gammachiisa!

14. Yihowaan sabni isaa gara biyya isaaniitti akka deebiʼan kan godhe maaliifi?

14 Haa taʼu malee, sababii guddaan sabni Yihowaa boojuu jalaa baʼanii waaqeffannaa qulqulluu deebisanii itti hundeessan kan biraan jira. Yeroo dheeraan boojuu jala itti turan kan xumurame bilisummaan waan isaaniif maluuf utuu hin taʼin, Yihowaan ammas saba hundumaa duratti maqaa isaa qulqulleessuu waan barbaadeefi. (His. 36:22) Warri Baabilon kun waaqoliin sobaa isaanii kan akka Maarduk jiran Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa wajjin akka wal hin gitne yeroo dhumaatiif ni hubatu. Mee abdiiwwan Yihowaan Hisqiʼel namoota akkuma isaa boojiʼamanii jiranitti akka himuuf kenne shan haa ilaallu. Jalqaba abdiiwwan kun namoota amanamoo taʼan sanaaf hiika maalii akka qabu haa mariʼannu. Achiis abdiiwwan kun raawwii isaanii isa guddaa kan argatan akkamitti akka taʼe ilaalla.

15. Warri boojuudhaa deebiʼan akkaataa itti waaqeffatan irratti jijjiirama akkamii godhanii turan?

15 ABDII 1FFAA. Waaqolii tolfamoo waaqeffachuun ykn gochawwan jibbisiisoon amantii sobaa wajjin wal qabatan kan biroon kana booda hin jiraatan. (Hisqiʼel 11:18; 12:24 dubbisi.) Akkuma Boqonnaa 5⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsame, Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii gochawwan amantii sobaa kanneen akka waaqolii tolfamoo waaqeffachuu jiraniin faalamanii turan. Kanaan kan kaʼes sabichi mancaʼee, akkasumas Yihowaa irraa fagaatee ture. Yihowaan namoonni boojiʼamanii turan yeroo deebiʼanii waaqeffannaa qulqulluu irratti hirmaatan abdiidhaan akka eeggatan karaa Hisqiʼel raajii dubbateera. Eebbawwan kan biroon hundi qophii Waaqayyo waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessuuf godhe irratti hundaaʼuudhaan argamu.

16. Yihowaan biyya sabni isaa keessa jiraatu ilaalchisee abdii akkamii kenneera?

16 ABDII 2FFAA. Gara biyya isaaniitti ni deebiʼu. Yihowaan warra boojiʼamaniin, ‘Biyya Israaʼel isiniif nan kenna’ jedheera. (His. 11:17) Namoonni Baabilon warri saba Waaqayyoo boojiʼamanii jiranitti qoosan gara biyya isaanii ishii jaallatamtuutti akka deebiʼan matumaa abdii isaaniif kennanii waan hin beekneef kun abdii dinqisiisaa dha. (Isa. 14:4, 17) Kana malees namoonni boojuudhaa deebiʼan amanamoo taʼanii yoo jiraatan biyyattiin oomisha gaarii kan kennitu taati, akkasumas nyaataa fi wanta ittiin jiraatan isaaniif argamsiisti. Salphinnii fi rakkinni sababa beelaatiin isaan irra gaʼu kana booda hin jiraatu.Hisqiʼel 36:30 dubbisi.

17. Aarsaawwan Yihowaadhaaf dhihaatan ilaalchisee maaltu raawwatama?

17 ABDII 3FFAA. Iddoo aarsaa Yihowaa irratti kennaawwan aarsaa taʼan deebiʼanii dhihaachuu jalqabu. Akkuma Boqonnaa 2⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsame, Seericha keessatti aarsaawwanii fi kennaawwan waaqeffannaa qulqulluu keessatti iddoo guddaa qabu turan. Warri boojuudhaa deebiʼan ajajamoo yoo taʼanii fi karaa hafuuraa qulqulluu taʼanii yoo itti fufan aarsaawwan isaanii Yihowaa biratti fudhatama argatu. Kun immoo sabichi cubbuu isaaniitiif araara argachuu fi Waaqayyotti dhihaatanii jiraachuuf isaan gargaara. Yihowaan akkana jechuudhaan waadaa galeera: “Guutummaan mana Israaʼel, eeyyee, hundi isaanii iyyuu biyyattii keessatti na tajaajilu. Anis achitti isaanitti nan gammada; buusiiwwan keessanii fi firiiwwan jalqabaa aarsaawwan keessanii, jechuunis wantoota qulqulluu dhiheessitan hundumaa isin irraa nan barbaada.” (His. 20:40) Waaqeffannaa qulqulluun dhugumaan deebiʼee hundeeffamuudhaan saba Waaqayyootiif eebba argamsiisa.

18. Yihowaan saba isaa kan tiksu akkamitti?

18 ABDII 4FFAA. Tiksitoonni hamoon ni ariʼamu. Sabni Waaqayyoo dogoggora guddaa akkasii kan raawwate, dhiibbaa namoonni hamoon dursa fudhatanii geggeessan geessisaniin kan kaʼe dha. Yihowaan haala kana akka jijjiiru waadaa galeera. Tiksitoota hamoo kana ilaalchisee, “Hoolota koo akka hin soorre isaan nan ariʼa; . . . hoolota koo afaan isaaniitii nan buusa” jechuudhaan waadaa galeera. Faallaa kanaatiin immoo Yihowaan, “Hoolota koo nan kunuunsa” jechuudhaan saba isaa warra amanamoo taʼaniif mirkaneesseera. (His. 34:10, 12) Kana kan godhu akkamitti? Namoonni amanamoon tiksitoota akka taʼan gochuudhaani.

19. Yihowaan tokkummaa ilaalchisee abdii akkamii kenneera?

19 ABDII 5FFAA. Waaqeffattoota Yihowaa gidduu tokkummaan ni jiraata. Waaqeffattoonni amanamoo taʼan sabni Waaqayyoo boojiʼamuu isaanii dura tokkummaa yommuu dhaban arguu isaaniitti hammam gaddanii akka turan yaadaa. Dhiibbaa raajota sobaa fi tiksitoota hamootiin kan kaʼe sabichi raajota amanamoo Yihowaa bakka buʼan irratti fincilanii, akkasumas gareedhaan wal qoqqoodanii turan. Kanaafuu wantoota nama hawwatan keessaa inni tokko abdii karaa Hisqiʼel kennamee fi “Anis garaa tokko isaaniif nan kenna; hafuura haaraa isaan keessa nan kaaʼa” jedhu dha. (His. 11:19) Yihudoonni gara biyya isaaniitti deebiʼan Yihowaa wajjinis taʼe walii isaanii wajjin tokkummaa qabaatanii yoo itti fufan qaamni isaan mormu kam iyyuu isaan moʼuu hin dandaʼu. Sana booda sabichi Yihowaa irratti arrabsoo fi salphina fiduu mannaa ulfina isaaf argamsiisuu dandaʼa.

20, 21. Abdiiwwan Waaqayyo kenne warra boojuudhaa deebiʼaniif kan raawwataman akkamitti?

20 Abdiiwwan shanan kun Yihudoota boojuudhaa deebiʼaniif raawwatamaniiruu? Wanta Iyyaasuun inni bara duriitti ture akkana jechuudhaan dubbate yaadachuun keenya gaarii dha: “Waadaawwan gaggaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif gale hundumaa keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin . . . hin hafne. . . . Hundi isaanii iyyuu isiniif raawwatamaniiru. Isaan keessaa jechi tokko illee utuu hin raawwatamin hin hafne.” (Iya. 23:14) Kanaafuu abdiiwwan Yihowaan kenne akkuma bara Iyyaasuutti raawwataman, bara Yihudoonni biyya isaaniitti deebiʼanittis raawwatamaniiru.

21 Yihudoonni waaqolii tolfamoo waaqeffachuu fi gochawwan jibbisiisoo amantii sobaa warra Yihowaa irraa akka fagaatan isaan taasisan raawwachuu dhiisaniiru. Kun kan hin dandaʼamne fakkaatus deebiʼanii biyya isaanii keessa jiraachuu, akkasumas biyyattii misoomsuu fi oomisha ishii irraa fayyadamuu isaanii itti fufaniiru. Wantoota isaan jalqaba raawwatan keessaa inni tokko iddoo aarsaa Yihowaa Yerusaalem keessa ture deebisanii ijaaruu fi aarsaawwan fudhatama qaban achi irratti dhiheessuu dha. (Iz. 3:2-6) Yihowaan tiksitoota hafuuraa gaggaarii kanneen akka Izraa isa luba amanamaa fi garagalchituu kitaabaa taʼe, Nahimiyaa fi Zarubaabel warra bulchitoota taʼan, Iyyaasuu isa luba ol aanaa taʼee fi raajota ija jabeeyyii kanneen akka Haagee, Zakkaariyaasii fi Miilkiyaas jiran isaaniif kennuudhaan isaan eebbiseera. Sabichi qajeelfama Yihowaatiif ajajamuu isaanii yeroo itti fufanitti, tokkummaa waggoota dheeraadhaaf argatanii hin beekne argataniiru.—Isa. 61:1-4; Ermiyaas 3:15 dubbisi.

22. Raajiiwwan dubbataman raawwii jalqabaa argachuun isaanii wanta guddaa tokkoof fakkeenya akka taʼan akkamitti beekna?

22 Abdiiwwan Yihowaan waaʼee haaromsaa kenne raawwii isaanii isa jalqabaa argachuun isaanii akka nama jajjabeessu beekamaa dha. Taʼus raawwiin isaanii kun wanta guddaa gara fuulduraatti raawwatamu tokkoof fakkeenya qofa dha. Kana akkamitti beekna? Yihowaan abdiiwwan kana kan raawwatu sabichi ajajamaa taʼee yoo itti fufe qofa dha. Yeroo booda Yihudoonni ammas deebiʼanii kan hin ajajamnee fi finciltoota taʼan. Garuu akkuma Iyyaasuun jedhe dubbiin Yihowaa yeroo hunda ni raawwatama. Kanaafuu abdiiwwan kun raawwii isaanii isa guddaa fi bara baraaf turu ni argatu. Mee kun akkamitti akka raawwatame haa ilaallu.

“Isinitti Nan Gammada”

23, 24. ‘Yeroon wanti hundi itti haareffamu’ kan jalqabe yoomii fi akkamitti?

23 Barattoota Kitaaba Qulqulluu waan taaneef bara 1914⁠tti gara guyyoota dhumaatti akka seenne beekna. Taʼus tajaajiltoota Yihowaatiif yeroon kun yeroo gaddaa miti. Kitaabni Qulqulluun bara 1914⁠tti yeroo gammachiisaan ‘wanti hundi itti haareffamu’ akka jalqabe argisiisa. (HoE. 3:21) Kana akkamitti beekna? Bara 1914⁠tti samii keessatti maaltu taʼe? Yesuus Kiristoos Mootii Mootummaa Masiihichaa taʼee teessoo irra taaʼe. Taʼeen kun yeroon haaromsaa jalqabuu isaa kan argisiisu akkamitti? Yihowaan mootummaan karaa maatii isaa dhufu bara baraaf akka jiraatu Daawit Mootichaaf waadaa galuu isaa yaadadhaa. (1 Sen. 17:11-14) Mootummaan kun Dh.K.D. bara 607⁠tti yeroo warri Baabilon Yerusaalemiin balleessanittii fi bulchiinsi mootota karaa Daawit dhufanii akka dhaabbatu godhanitti addaan citeera.

24 Yesuus inni “Ilma namaa” taʼe sanyii Daawit irraa waan dhufeef dhaaltuu seeraa mootummaa Daawit taʼeera. (Mat. 1:1; 16:13-16; Luq. 1:32, 33) Bara 1914⁠tti yeroo Yihowaan Yesuusiif samii irratti teessoo kennetti ‘yeroon wanti hundi itti haareffamu’ ni jalqabe. Sana booda Yihowaan Mootii mudaa hin qabne kanatti fayyadamee hojiin haaressuu akka itti fufu gochuu dandaʼa.

25, 26. (a) Boojuun Baabilon Guddittii inni yeroo dheeraadhaaf ture kan xumurame yoomi? Kana hoo akkamitti beekna? (Saanduqa “Bara 1919⁠tti kan Jennu Maaliifi?” jedhus ilaali.) (b) Bara 1919 irraa eegalee wanti raawwatamuu jalqabe maali dha?

25 Kiristoos Mootii taʼee tarkaanfii gara jalqabaatti fudhate keessaa inni tokko Abbaa isaa wajjin waaqeffannaa sabni Waaqayyoo dhiheessan qoruu ture. (Mil. 3:1-5) Akkuma Yesuus fakkeenya waaʼee qamadii fi inkirdaadaa ibsu irratti dursee dubbate yeroo dheeraadhaaf qamadii inkirdaada irraa, jechuunis Kiristiyaanota dhugaa warra fakkeessitoota taʼan irraa adda baasuun hin dandaʼamu ture. * Haa taʼu malee bara 1914⁠tti yeroon makaraa yommuu gaʼetti garaa garummaan isaan gidduu ture ifa taʼe. Waggoota hedduu bara 1914 dura turanitti Barattoonni Kitaaba Qulqulluu sobawwan guguddaa Saba Kiristiyaanaa keessa turan saaxilaa turaniiru, akkasumas jaarmiyaa mancaʼe kana irraa adda of baasuu jalqabanii turan. Yeroon sun yeroo itti Yihowaan waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeesse ture. Kanaafuu jalqaba bara 1919⁠tti ‘yeroon makaraa’ erga jalqabee waggoota muraasa booda sabni Waaqayyoo boojuu Baabilon Guddittii jalaa guutummaatti bilisa baʼaniiru. (Mat. 13:30) Yeroon itti boojuu jala turanis xumurameera!

26 Raajiiwwan Hisqiʼel waaʼee haaromsaa dubbate, isa sabni Waaqayyoo bara duriitti turan argan caalaa raawwii isaanii isa guddaa argachuu jalqabaniiru. Mee amma abdiiwwan shanan ilaalaa turre raawwii isaanii isa guddaa kan argatan akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

27. Waaqayyo saba isaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irraa kan qulqulleesse akkamitti?

27 ABDII 1FFAA. Waaqolii tolfamoo waaqeffachuunii fi gochawwan amantii jibbisiisoo taʼan kan biroon hin jiraatan. Dhuma jaarraa 19⁠ffaa fi jalqaba jaarraa 20⁠ffaatti Kiristiyaanonni amanamoon walitti qabaman gochawwan amantii sobaa irraa fagaachuu jalqaban. Barumsi Sillaasee, barumsi lubbuun namaa hin duutu jedhuu fi ibiddi bara baraa akka jiru dubbatu Kitaaba Qulqulluu irratti akka hin hundoofnee fi amantii sobaa irraa akka dhufan waan hubataniif irraa fagaachuu jalqaban. Waaqeffannaadhaaf fakkiiwwanitti fayyadamuun waaqolii sobaa waaqeffachuu akka taʼe ifatti hubatan. Sabni Waaqayyoo waaqeffannaadhaaf fannootti fayyadamuun gosa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu keessaa tokko akka taʼe suutuma suuta hubachuu jalqaban.—His. 14:6.

28. Sabni Waaqayyoo gara biyya isaaniitti deebiʼaniiru jedhamuu kan dandaʼu akkamitti?

28 ABDII 2FFAA. Sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa gara biyya isaaniitti ni deebiʼu. Kiristiyaanonni amanamoon amantiiwwan Baabilon Guddittii keessaa yommuu baʼan biyya isaanii isa hafuuraa, jechuunis haala ykn naannoo eebbifamaa bakka deebiʼanii karaa hafuuraa beelaan itti hin hubamnetti galan. (Hisqiʼel 34:13, 14 dubbisi.) Akkuma Boqonnaa 19⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaallu Yihowaan haala kanaan dura taʼee hin beekneen nyaata hafuuraa hedduu kennuudhaan biyya sana eebbiseera.—His. 11:17.

29. Bara 1919⁠tti hojiin lallabaa kan babalʼate akkamitti?

29 ABDII 3FFAA. Iddoo aarsaa Yihowaa irratti kennaawwan aarsaa taʼan deebiʼanii dhihaachuu jalqabu. Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanonni kallattiidhaan aarsaa horii utuu hin taʼin kennaawwan kana caalaa gatii guddaa qaban Waaqayyoof dhiheessuu akka qaban barataniiru; kennaawwan kunis wanta Yihowaa galateeffachuuf dubbatanii fi waaʼee isaa warra kaaniif lallabuu isaanii kan argisiisani dha. (Ibr. 13:15) Jaarraawwan boojuu jala turanitti aarsaawwan akkasii haala qindoomina qabuun hin dhihaatan turan. Boojuun sun yommuu xumuramuuf jedhutti garuu sabni Waaqayyoo aarsaawwan galataa akkasii dhiheessaa turan. Yeroo kanatti hojii lallabaatiin qabamanii turan, akkasumas walgaʼiiwwan isaanii irratti Waaqayyoon jajachaa turan. Bara 1919 jalqabee “garbichi amanamaanii fi ogeessi” hojii lallabaatiif xiyyeeffannaa guddaa kennuu fi hojicha caalaatti qindeessuu jalqabe. (Mat. 24:45-47) Yeroo kanatti iddoon aarsaa Yihowaa aarsaawwan namoonni maqaa isaa isa qulqulluu jajatan hedduun dhiheessaniin guutamee ture.

30. Yesuus sabni isaa tiksitoota gaarii akka argatan kan godhe akkamitti?

30 ABDII 4FFAA. Tiksitoonni hamoon ni ariʼamu. Kiristoos, saba Waaqayyoo tiksitoota sobaa Saba Kiristiyaanaa warra dantaa hin qabnee fi ofittoo taʼan jalaa bilisa baaseera. Hoolota Kiristoos keessaa tiksitoonni akka tiksitoota sobaa kanaa taʼan iddoo isaanii irraa kaafamaniiru. (His. 20:38) Yesuus Tiksee Gaarii taʼuudhaan hoolota isaatiif kunuunsa godheera. Bara 1919⁠tti garbicha amanamaa fi ogeessa muudeera. Garee xinnoon Kiristiyaanota dibamoo amanamoo taʼan qabate kun dursa fudhatee nyaata hafuuraa qopheessuudhaan sabni Waaqayyoo kunuunsa akka argatu godheera. Yeroo booda jaarsoliin ‘tuuta hoolota Waaqayyootiif’ kunuunsa gochuu irratti gargaarsa akka godhan leenjii argataniiru. (1 Phe. 5:1, 2) Yaanni geggeessaa hafuuraatiin Hisqiʼel 34:15, 16 irratti barreeffame yeroo baayʼee ulaagaa Yihowaanii fi Yesuus Kiristoos baasan Kiristiyaanota tiksitoota taʼan yaadachiisuuf itti hojjetama.

31. Yihowaan raajii Hisqiʼel 11:19 irratti argamu kan raawwate akkamitti?

31 ABDII 5FFAA. Waaqeffattoota Yihowaa gidduu tokkummaan ni jiraata. Jaarraawwan hedduudhaaf Sabni Kiristiyaanaa amantiiwwanii fi gareewwan kuma kudhaniin lakkaaʼamanitti qoqqoodamteetti; gareewwan kunis tokkummaa kan hin qabnee fi kan wal morkatani dha. Faallaa kanaatiin Yihowaan saba isaa warra biyya isaaniitti deebiʼaniif wanta dinqisiisaa taʼe raawwateera. Waadaan inni karaa Hisqiʼel, “Anis garaa tokko isaaniif nan kenna” jechuudhaan gale raawwii isaa isa dinqisiisaa argateera. (His. 11:19) Addunyaa maratti Kiristoos duuka buutota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi sanyii, amantii, sadarkaa jireenyaa fi akkaataa guddinaa garaa garaa irraa dhufan qaba. Taʼus hundi isaanii dhugaa wal fakkaatu baratu, akkasumas tokkummaa dinqisiisaa taʼeen hojii wal fakkaatu raawwatu. Yesuus galgala duʼuu isaa dura turetti duuka buutonni isaa tokko akka taʼan garaadhaa kadhannaa dhiheesseera. (Yohaannis 17:11, 20-23 dubbisi.) Yihowaan karaa hunda irra caaluun bara keenyatti kadhannaa kanaaf deebii kenneera.

32. Raajiiwwan waaʼee haaromsaa dubbataman raawwatamuu isaaniitti maaltu sitti dhagaʼama? (Saanduqa “Raajiiwwan Waaʼee Boojiʼamuu fi Waaʼee Haareffamuu Dubbataman” jedhus ilaali.)

32 Yeroo haaromsaa dinqisiisaa taʼe kana keessa jiraachuun kee si hin gammachiisuu? Yeroo harʼaatti raajiiwwan Hisqiʼel kutaawwan waaqeffannaa keenya hunda irratti yommuu raawwataman argaa jirra. Yihowaan karaa Hisqiʼel “Isinitti nan gammada” jechuudhaan dursee akkuma dubbate yeroo harʼaas saba isaatti akka gammadu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (His. 20:41) Saba tokkummaa qabu, akka gaariitti sooratuu fi jaarraawwan hedduu booda boojuu hafuuraa jalaa bilisa baʼuudhaan addunyaa maratti aarsaa galataa Yihowaadhaaf dhiheessaa jiru keessaa tokko taʼuuf mirga argachuu kee hubatteettaa? Taʼus raajiiwwan Hisqiʼel waaʼee haaromsaa dubbatan tokko tokko gara fuulduraattis raawwii isaanii isa guddaa ni argatu.

“Akkuma Iddoo Biqiltuu Eedan”

33-35. (a) Raajiin Hisqiʼel 36:35 irra jiru Yihudoota boojiʼamaniif hiika maalii qaba? (b) Raajiin sun saba Yihowaa yeroo harʼaatti argamaniif hiika maalii qaba? (Saanduqa “Yeroo Wanti Hundi Itti Haareffamu” jedhus ilaali.)

33 Hanga ammaatti akkuma ilaalle ‘yeroon wanti hundi itti haareffamu’ kan jalqabe bara 1914⁠tti yommuu Yesuus teessoo irra taaʼee fi mootummaan karaa Daawit dhufu deebiʼee hundeeffametti ture. (His. 37:24) Achiis Yihowaan saba isaa warra jaarraawwan hedduudhaaf karaa hafuuraa boojiʼamanii turan gidduutti waaqeffannaa qulqulluu deebisee akka hundeessu Kiristoosiif aangoo kenneera. Haa taʼu malee hojiin haaromsaa Kiristoos raawwatu asuma irratti xumurama jechuu dhaa? Matumaa akkas jechuu miti. Hojiin kun gara fuulduraattis karaa dinqisiisaa taʼeen hojjetamuu isaa itti fufa; raajiiwwan Hisqiʼelis waaʼee kanaa ibsa balʼaa nuuf kennu.

34 Jechoota geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kana ilaalaa: “Namoonnis, ‘Lafti onee ture akkuma iddoo biqiltuu Eedan taʼeera’ . . . ni jedhu.” (His. 36:35) Abdiin kun Hisqiʼeliifis taʼe namoota isaa wajjin boojuu jala turaniif hiika maalii qaba? Abdiin kun kallattiidhaan ni raawwatama, akkasumas biyyattiin akkuma iddoo biqiltuu jalqabaa ykn Jannata Yihowaan dhaabe sanaa ni taati jedhanii akka hin eegne beekamaa dha. (Uma. 2:8) Kanaa mannaa Yihowaan biyyi isaanii ishiin deebitee haareffamte bareedduu fi oomisha gaarii kan kennitu akka taatu isaaniif mirkaneessaa akka jiru hubatanii akka turan hin shakkisiisu.

35 Abdiin kun yeroo ammaatti nuuf hiika maalii qaba? Abdiin kun addunyaa hamaa Seexanni bulchu keessatti kallattiidhaan ni raawwatama jennee hin eegnu. Kanaa mannaa abdiin kun yeroo ammaatti karaa hafuuraa akka raawwatamu ni hubanna. Kiristiyaanota waan taaneef biyya hafuuraa, jechuunis haala ykn naannoo haareffame keessa jiraanna; achi keessattis karaa buʼa qabeessa taʼeen ni tajaajilla, tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessuunis wanta jireenya keenya keessatti iddoo guddaa qabu akka taʼu goona. Biyyi hafuuraa kun suutuma suuta caalaatti akka jannataa taʼaa dhufeera. Gara fuulduraatti hoo?

36, 37. Jannata gara fuulduraatti dhufu keessatti abdiiwwan kamfaatu raawwatama?

36 Waraana Armaagedoon booda hojiin haaressuu Yesuus raawwatu lafa kanas kan dabalatu taʼa. Yeroo Bulchiinsa Barkumeetti kaayyoo Yihowaa isa jalqabaa wajjin haala wal simuun ilmaan namootaa lafa kana gara iddoo biqiltuu Eedanitti ykn gara jannataatti akka jijjiiran godha. (Luq. 23:43) Achiis ilmaan namootaa hundi tokkummaadhaan ni jiraatu, akkasumas lafa ishii bakka jireenyaa isaanii taate ni kunuunsu. Balaanis taʼe wanti nama sodaachisu eessa iyyuu hin jiraatu. Abdiin armaan gadii yommuu raawwatamu haalli isaa maal akka fakkaatu mee yaadaa: “Ani isaanii wajjin kakuu nagaa nan gala; isaan lafa onaa keessa tasgabbiidhaan akka jiraatanii fi bosona keessa akka ciciisaniif bineensota bosonaa hamoo taʼan biyyattii keessaa haxaaʼee nan balleessa.”—His. 34:25.

37 Mee yaadi! Sodaa tokko malee bakka barbaadde deemtee daawwachuu ni dandeessa. Bineensi si miidhu hin jiraatu. Balaan nagaa si dhabsiisus hin jiraatu. Bosona guddaa keessa kophaa kee deemuu, bareedina isaatti gammaduu fi utuu miidhaan si irra hin gaʼin boqonnaa argattee akka dammaqxu mirkanaaʼaa taatee tasgabbii guddaadhaan achi keessa rafuu illee ni dandeessa!

Yeroo itti ‘bosona keessa ciisuun’ illee nama hin sodaachisne yaadaan ilaali (Keeyyata 36, 37 Ilaali)

38. Waaʼee raawwii abdii Hisqiʼel 28:26 irratti argamuu yommuu yaaddu maaltu sitti dhagaʼama?

38 Abdiin armaan gadiis yommuu raawwatamu ni argina: “[Biyyattii] irras tasgabbiidhaan ni jiraatu; manneen ni ijaarratu, muka wayiniis ni dhaabbatu; yommuu ani warra isaanitti marsanii jiranii fi isaan tuffatan hundumaa irratti murtii dabarsutti isaan tasgabbiidhaan ni jiraatu; ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koos dhugumaan ni hubatu.” (His. 28:26) Diinonni Yihowaa hundi erga balleeffamanii booda addunyaa maratti nagaa fi tasgabbii ni arganna. Akkuma lafaaf kunuunsa goonu, manneen mijatoo taʼan ijaarrachuu fi muka wayinii dhaabbachuudhaan ofii keenyaafis taʼe michoota keenyaaf kunuunsa gochuu ni dandeenya.

39. Raajiiwwan Hisqiʼel waaʼee Jannataa dubbate akka raawwataman mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu maaliifi?

39 Abdiiwwan kun abjuu qofa akka taʼan sitti dhagaʼamaa? Taanaan wanta ‘yeroo wanti hundi itti haareffamu’ kanatti argite yaadadhu. Seexanni mormii cimaa kan kaase taʼus Yesuus yeroo hunda caalaa sodaachisaa taʼe kanatti waaqeffannaa qulqulluu deebisee akka hundeessu aangoon isaaf kennameera. Kun abdiiwwan Waaqayyo karaa Hisqiʼel kenne hundi akka raawwataman ragaa amansiisaa nuuf hin taʼuu?

^ key. 2 Yihudoonni boojiʼaman baayʼeen isaanii gandeen magaalaa Baabilon irraa xinnoo fagaatanii argaman keessa jiraatu turan. Fakkeenyaaf Hisqiʼel Yihudoota laga Kebaar bira jiraatanii wajjin jiraachaa ture. (His. 3:15) Haa taʼu malee Yihudoota boojiʼaman keessaa warri magaalattii keessa jiraatan muraasnis jiru turan. Kunis “warra sanyii mootii fi sanyii guguddootaa taʼan” kan dabalatu dha.—Dan. 1:3, 6; 2 Mot. 24:15.

^ key. 25 Fakkeenyaaf, jaarraa 16⁠ffaatti namoota warraaqsa amantii geggeessan keessaa Kiristiyaanota dibamoo kan taʼan eenyufaa akka taʼan mirkanaaʼoo taanee dubbachuu hin dandeenyu.