Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 10

“Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”

“Deebitanii Lubbuudhaan ni Jiraattu”

HISQIʼEL 37:5

YAADA IJOO: Mulʼata ‘lafeewwan goggogan’ deebiʼanii jiraachuu isaanii ibsuu fi raawwii isaa isa guddaa

1-3. Haalli Yihudoota Baabilon keessa turanii akka jijjiiramu wanti godhe maali dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

HAALLI Yihudoota Yerusaalem keessa jiraatanii baayʼee jijjiirameera. Hisqiʼel Yerusaalem akka balleeffamtu kan dubbate taʼus, sabichi garuu kun akka hin taane amanuu isaa itti fufeera. Hisqiʼel mallattoo akkamii iyyuu yoo argisiise, fakkeenya akkamii iyyuu yoo dubbate, akkasumas ergaa akkamii iyyuu yoo labse namoonni boojiʼaman Yihowaan Yerusaalem akka balleeffamtu ni heyyama jedhanii amanuu didaniiru. Magaalattiin loltoota Baabiloniin akka marfamte erga beekanii booda illee, jiraattonni ishii homaa hin taʼan jedhanii amanu turan.

2 Amma garuu magaalattiin erga marfamuu jalqabdee waggaa lama booda namni Yerusaalemii baqatee gara Baabilon dhufe tokko oduu, “Magaalattiin rukutamteetti” jedhu fidee dhufe. Oduun kun namoota boojiʼamanii jiran baayʼee naasise. Magaalattii jaallatamtuun, manni qulqullummaa fi biyyi isaanii baayʼee jaallatan baduu isaanii yommuu dhagaʼan amanuu hin dandeenye. Wanti isaan yeroo dheeraadhaaf abdachaa turan abdii isaan kutachiise.—His. 21:7; 33:21.

3 Haa taʼu malee, Hisqiʼel yeroo abdii nama kutachiisu kanatti mulʼata abdii qabate tokko arge. Mulʼanni kun boojiʼamtoota miidhamaniif ergaa akkamii qabateera? Yeroo ammaatti saba Waaqayyoo kan ilaallatu akkamitti? Nuti hoo dhuunfaatti faayidaa irraa argachuu kan dandeenyu akkamitti? Deebii isaa beekuuf wanta Yihowaan Hisqiʼelitti argisiise haa qorru.

“Lafeewwan Kana Irratti Raajii Dubbadhu” Akkasumas “Bubbeetti Raajii Dubbadhu”

4. Hisqiʼel mulʼata arge irraa maal hubate?

4 Hisqiʼel 37:1-10 dubbisi. Hisqiʼel mulʼataan dirree sulula keessa jiruu fi lafeedhaan guutame tokko keessa kaaʼame. Yihowaan, Hisqiʼel mulʼaticha guutummaatti akka hubatu gochuuf lafeewwan bibittinnaaʼan sana ‘hunda bira akka darbu’ isa ajaje. Hisqiʼel dirree sulula keessa jiru sana keessa utuu deemuu lafeewwan sana ilaalchisee wanta lama hubatee ture; isaanis baayʼina isaanii fi haala isaanii ti. Lafeewwan sun “hedduu” fi “baayʼee kan goggogan” akka taʼan hubateera.

5. Yihowaan Hisqiʼeliif ajaja akkamii lama kenne? Hisqiʼel ajajawwan kana erga raawwatee booda hoo maaltu taʼe?

5 Achiis Yihowaan lafeewwan sun suutuma suuta gara jireenyaatti akka deebiʼan gochuuf, Hisqiʼeliif ajajawwan lama kenneera. Ajajni jalqabaa deebiʼanii ‘lubbuudhaan akka jiraataniif,’ “Lafeewwan kana irratti raajii dubbadhu” kan jedhu ture. (His. 37:4-6) Hisqiʼel akkuma raajii dubbateenis ‘sagalee tokko, jechuunis sagalee sokoksu tokko ni dhagaʼe; lafeewwan sunis wal qabachuu jalqaban,’ “ribuunii fi foon” lafeewwan sana erga uwwisanii boodas, ‘gogaan isaan ni uwwise.’ (His. 37:7, 8) Ajajni lammaffaan immoo namoota sana irratti akka ‘bubbisuuf,’ “Bubbeetti raajii dubbadhu” kan jedhu dha. Hisqiʼel yommuu raajii dubbatu “hafuurris isaan keessa ni seene; isaanis gara jireenyaatti deebiʼanii miila isaaniitiin dhaabbachuu jalqaban; raayyaa baayʼee guddaa taʼes ni taʼan.”—His. 37:9, 10.

“Lafeewwan Keenya Goganiiru; Abdiin Keenyas Badeera”

6. Wanti Yihowaan dubbatee fi Hisqiʼel mulʼata sana akka hubatu isa gargaare maali dha?

6 Itti aansuudhaan Yihowaan “Lafeewwan kun guutummaa mana Israaʼeli” jechuudhaan mulʼanni kun hiika maalii akka qabu Hisqiʼeliif ibseera. Dhuguma iyyuu warri boojiʼaman Yerusaalem akka balleeffamte erga dhagaʼanii booda akka waan duʼaniitti isaanitti dhagaʼamee ture. Kanaafuu, “Lafeewwan keenya goganiiru; abdiin keenyas badeera. Nuti guutummaatti dhumneerra” jedhanii booʼan. (His. 37:11; Er. 34:20) Achiis Yihowaan gadda isaaniitiif deebii kennuuf, mulʼanni gaddisiisaan waaʼee lafeewwanii ibsu kun Israaʼeliif ergaa abdii gammachiisaa taʼe akka qabate dubbate.

7. Akkuma Hisqiʼel 37:12-14 irratti ibsame Yihowaan Hisqiʼeliin maal jedhe? Kun hoo saba isaa boojiʼamanii jiraniif maal mirkaneesse?

7 Hisqiʼel 37:12-14 dubbisi. Yihowaan mulʼata kanatti fayyadamee warra boojiʼaman gara jireenyaatti akka deebisu, gara biyya isaaniitti akka isaan fiduu fi achi akka isaan qubachiisu isaaniif mirkaneesseera. Kana malees Yihowaan ammas “saba koo” jedhee isaan waameera. Jechoonni kun Yihudoota boojiʼamanii gadda irra jiran baayʼee jajjabeessanii taʼuu qaba. Abdiin kun akka raawwatamu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandaʼan maaliifi? Sababiin isaas abdii kana kan kenne Yihowaa dha. Inni, ‘Ani Yihowaan kana dubbadheera, raawwadheeras’ jedheera.

8. (a) ‘Guutummaan mana Israaʼel’ haala duʼaa wajjin wal fakkaatu keessa kan ture akkamitti? (b) Hisqiʼel 37:9 wanta Israaʼel akka fakkeenyaatti duʼuu ishiitiif sababa taʼe kan argisiisu akkamitti? (Miiljalee ilaali.)

8 Sabni Israaʼel kutaan mulʼata gaddisiisaa kanaa yommuu raawwatamu kan argan akkamitti? Dhaloota Kiristoos Dura bara 740⁠tti mootummaan gosoota kurnanii yommuu kufettii fi boojiʼametti Israaʼel walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabdu guutummaatti dhabdeetti. Gara waggaa 130 booda immoo sabni Yihudaa yommuu biyyaa baafamutti ‘guutummaan mana Israaʼel’ boojuu jala galee ture. (His. 37:11) Yeroo kanatti guutummaan garee boojiʼaman kanaa akkuma lafeewwan mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsamanii akka fakkeenyaatti duʼaniiru jechuun ni dandaʼama. * Kana malees Hisqiʼel lafeewwan qofa utuu hin taʼin lafeewwan ‘baayʼee goggogan’ akka arge yaadadhaa. Kunis haalli isaan keessa turanii fi duʼaa wajjin wal fakkaatu yeroo dheeraadhaaf akka itti fufe argisiisa. Dhuguma iyyuu yeroon Israaʼelii fi Yihudaan boojuu jala itti turan waggoota 200f, jechuunis Dh.K.D. bara 740 hanga 537⁠tti kan itti fufe ture.—Er. 50:33.

9. Wantoonni Israaʼel durii irra gaʼan wantoota “Israaʼel Waaqayyoo” irra gaʼanii wajjin kan wal fakkaatan akkamitti?

9 Raajiiwwan haareffamuu Hisqiʼel Israaʼeliin ilaalchisee dubbate raawwii guddaa qabu. (HoE. 3:21) Sabni Israaʼel durii ‘ajjeefamee’ akka fakkeenyaatti yeroo dheeraadhaaf duʼee ture; haaluma wal fakkaatuun “Israaʼel Waaqayyoo,” jechuunis gumiin Kiristiyaanota dibamoos akka fakkeenyaatti ajjeefamee yeroo dheeraadhaaf boojuu duʼaa wajjin wal fakkaatu jala tureera. (Gal. 6:16) Akka walii galaatti boojuun gumii Kiristiyaanaa yeroo dheeraadhaaf waan tureef, karaa hafuuraa haalli isaan keessa turan lafeewwan ‘baayʼee goggoganii’ wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. (His. 37:2) Akkuma boqonnaa darbe irratti ibsame boojuun gumii Kiristiyaanota dibamoo Dh.K.B. jaarraa lammaffaa irraa jalqabee jaarraawwan hedduudhaaf itti fufeera; kunis fakkeenya Yesuus waaʼee qamadii fi inkirdaadaa dubbate keessatti ibsameera.—Mat. 13:24-30.

Lafeewwan ‘baayʼee goggoganii’ fi Hisqiʼel mulʼataan arge boojuu duʼaa wajjin wal fakkaatuu fi dibamtoonni yeroo dheeraadhaaf keessa turan argisiisa (Keeyyata 8, 9 Ilaali)

“Lafeewwan Sunis . . . Wal Qabachuu Jalqaban”

10. (a) Hisqiʼel 37:7, 8 irratti wanta saba Waaqayyoo irratti raawwatame ilaalchisee raajiin akkamii dubbatameera? (b) Wantoonni amantii namoota Waaqayyoon sodaatanii fi boojuu jala turanii suutuma suuta cimsan maalfaa taʼuu dandaʼu?

10 Bara duriitti Yihowaan sabni isaa suutuma suuta gara jireenyaatti akka deebiʼan raajii dubbateera. (His. 37:7, 8) Maarree Yihudoonni boojiʼamanii fi Waaqayyoon sodaatan abdiin gara Israaʼelitti akka deebiʼaniif isaaniif kenname ni raawwatama jedhanii akka amanan wantoonni isaan taasisan tokko tokko maal faʼi? Isaan keessaa tokko wantoota raajonni sana dura turan dubbatan taʼuu qaba. Fakkeenyaaf, Isaayyaas warri hafan, jechuunis warri “sanyii qulqulluu” taʼan gara biyyattiitti akka deebiʼan raajii dubbateera. (Isa. 6:13; Iyo. 14:7-9) Raajiiwwan Hisqiʼel waaʼee haaromsaa barreesses abdii akkasii qabaachuuf akka isaan gargaare beekamaa dha. Kana malees namoonni amanamoon akka Daaniʼel raajichaa jiran Baabilon keessa jiraachuun isaanii fi Dh.K.D. bara 539⁠tti magaalaan Baabilon kufuun ishii abdii gara biyya isaaniitti deebiʼuuf qaban isaaniif cimsee taʼuu qaba.

11, 12. (a) “Israaʼel Waaqayyoo” suutuma suuta gara jireenyaatti kan deebiʼe akkamitti? (Saanduqa, “Waaqeffannaa Qulqulluun Suutuma Suuta Iddootti Deebiʼe” jedhus ilaali.) (b) Wanta Hisqiʼel 37:10 irratti ibsame ilaalchisee gaaffii akkamiitu kaʼa?

11 “Israaʼel Waaqayyoo,” jechuunis gumiin Kiristiyaanota dibamoo haala Israaʼelota durii wajjin wal fakkaatuun gara jireenyaatti kan deebiʼe akkamitti? Jaarraawwan hedduu boojuu duʼatti fakkeeffamee ture keessatti yeroo namoonni Waaqayyoon sodaatan waaqeffannaa dhugaatiif dhaabbatanitti ‘sagaleen tokko, jechuunis sagaleen sokoksu tokko’ dhagaʼameera. Fakkeenyaaf, Wiiliyaam Tiindal jaarraa 16⁠ffaatti Kitaaba Qulqulluu gara Afaan Ingiliffaatti hiikeera. Qeesonni Kaatolikii Roomaa namoonni kaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu dandaʼuu isaaniitti ni aaran. Kanaafuu Tiindal ni ajjeefame. Taʼus namoonni ija jabeeyyii taʼan kan biroon afaanota dabalataatiin Kitaaba Qulqulluu hiikuu isaanii waan itti fufaniif namoonni dabalataa hedduun Dubbii Waaqayyoo dubbisuu dandaʼaniiru.

12 Boodas Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu iddootti deebisuuf hojjechuu yommuu jalqaban, akka waan ‘ribuu fi foon’ lafeewwan sana uwwisanii taʼaniiru. Masaraan Eegumsaa Xiyoonii fi barreeffamoonni kan biroon namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaawwan hafuuraa akka argatan isaan gargaaraniiru; kunis dibamtoota tajaajiltoota Waaqayyoo taʼanitti makamuuf isaan kakaaseera. Jalqaba bara 1900⁠tti meeshaaleen akka “Footoo Diraamaa oof Kiriʼeeshin” jedhamanii fi kitaabni Iccitii Xumurame (Ingiliffa) jedhamu sabni Waaqayyoo warri dibaman humna dabalataa akka argatan godhaniiru. Sana booda utuma baayʼee hin turin Waaqayyo sabni isaa ‘miila isaaniitiin akka dhaabbatan’ godhe. (His. 37:10) Kun kan taʼe yoomii fi akkamitti? Wantoonni Baabilon durii keessatti raawwataman gaaffii kanaaf deebii argachuuf nu gargaaru.

“Isaanis Gara Jireenyaatti Deebiʼanii Miila Isaaniitiin Dhaabbachuu Jalqaban”

13. (a) Dhaloota Kiristoos Dura bara 537 irraa jalqabee jechoonni Hisqiʼel 37:10, 14 irratti argaman kan raawwataman akkamitti? (b) Caqasoonni miseensonni mootummaa gosoota kurnanii tokko tokko gara Israaʼelitti deebiʼuu isaanii argisiisan kam faʼi?

13 Dhaloota Kiristoos Dura bara 537 irraa eegalee Yihudoonni Baabilon keessa turan mulʼanni sun raawwatamuu isaa arganiiru. Akkamitti? Yihowaan boojuu jalaa isaan baasee gara biyya isaaniitti akka deebiʼan gochuudhaan gara jireenyaatti isaan deebiseera, akkasumas ‘miila isaaniitiin akka dhaabbatan’ godheera. Israaʼelonni 42,360 taʼan, namoota Israaʼelota hin taanee fi gara 7,000 taʼanii wajjin Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii deebisanii ijaaruuf, akkasumas biyya Israaʼel keessa jiraachuuf Baabilon keessaa baʼaniiru. (Iz. 1:1-4; 2:64, 65; His. 37:14) Achiis gara waggaa 70 booda namoonni boojiʼamanii fi gara 1,750 taʼan Izraa wajjin gara Yerusaalemitti deebiʼaniiru. (Iz. 8:1-20) Kanaafuu Yihudoonni gara Yerusaalemitti deebiʼan walumaa galatti 44,000 ol turan; dhuguma iyyuu isaan ‘raayyaa guddaa’ turan. (His. 37:10) Kana malees Dubbiin Waaqayyoo akka argisiisutti miseensonni mootummaa gosoota kurnanii warri abbootiin isaanii Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti warra Asooriin fudhatamanis mana qulqullummaa deebisanii ijaaruu irratti gargaarsa gochuuf gara Israaʼelitti deebiʼaniiru.—1 Sen. 9:3; Iz. 6:17; Er. 33:7; His. 36:10.

14. (a) Jechoonni Hisqiʼel 37:24 irratti argaman yeroo raajichi raawwii isaa isa guddaa itti argate beekuuf kan nu gargaaran akkamitti? (b) Bara 1919⁠tti maaltu raawwatame? (Saanduqa, “‘Lafeewwan Goggoganii’ fi ‘Dhugaa Baatonni Lamaan’ Walitti Dhufeenya Akkamii Qabu?” jedhus ilaali.)

14 Kutaan raajii Hisqiʼel kun raawwii isaa isa guddaa kan argate akkamitti? Akkuma Yihowaan raajii kan biraa kanaa wajjin wal fakkaatu irratti Hisqiʼeliif ibse, raajiin waaʼee haaromsaa dubbatu raawwii isaa isa guddaa kan argatu Daawit Guddichi, jechuunis Yesuus Kiristoos Mootii taʼee bulchuu erga jalqabee yeroo muraasa booda dha. * (His. 37:24) Dhuguma iyyuu bara 1919⁠tti Yihowaan saba isaatiif hafuura isaa kenneera. Kanaan kan kaʼes ‘deebiʼanii lubbuudhaan jiraataniiru,’ boojuu Baabilon Guddittii jalaas bilisa baʼaniiru. (Isa. 66:8) Achiis Yihowaan biyya isaanii, jechuunis jannata hafuuraa keessa akka jiraatan isaaniif heyyameera. Haa taʼu malee sabni Yihowaa yeroo harʼaatti argaman ‘raayyaa guddaa’ kan taʼan akkamitti?

15, 16. (a) Sabni Yihowaa yeroo harʼaatti argaman ‘raayyaa guddaa’ kan taʼan akkamitti? (b) Raajiin Hisqiʼel dubbate kun haalawwan rakkisoo jireenya keenya keessatti nu mudatan dandamachuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Saanduqa, “Yihowaan Deebinee Miila Keenyaan Akka Dhaabbannu Nu Gargaara” jedhu ilaali.)

15 Kiristoos bara 1919⁠tti garbicha amanamaa erga muudee utuma baayʼee hin turin tajaajiltoonni Waaqayyoo wanta Zakkaariyaas inni Yihudoota boojuudhaa deebiʼan gidduutti tajaajilaa ture, ‘Namoonni hedduunii fi saboonni jajjaboon Yihowaa barbaaddachuu ni dhufu’ jechuudhaan dubbate arguu jalqaban. Zakkaariyaas raajichi namoonni Yihowaa barbaaddatan kun ‘namoota qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan kudhan’ akka taʼan ibseera. Namoonni kun “nama Yihudii tokko,” jechuunis Israaʼel hafuuraa cimsanii qabatanii, “Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef, nuti isinii wajjin deemuu barbaanna” jedhu.—Zak. 8:20-23.

16 Dhuguma iyyuu yeroo harʼaatti Israaʼel hafuuraa (dibamtoonni hafan) fi ‘namoonni kurnan’ (hoolonni kan biroon) walumatti “raayyaa baayʼee guddaa” taʼee fi miliyoonaan lakkaaʼamu taʼaniiru. (His. 37:10) Raayyaa yeroo kam iyyuu caalaa guddachaa jiru kana keessatti loltoota Kiristoos waan taaneef, eebbawwan fuuldura keenya jiran argachuuf Mootii keenya Yesuusiin dhiheenyatti hordofuudhaan gara fuulduraatti deemaa jirra.—Far. 37:29; His. 37:24; Filp. 2:25; 1 Tas. 4:16, 17.

17. Boqonnaa itti aanu irratti waaʼee maalii ilaalla?

17 Waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuun isaa saba Waaqayyoo irratti itti gaafatamummaa guddaa fida. Itti gaafatamummaan kun maali dha? Deebii gaaffii kanaa beekuuf itti gaafatamummaa Yihowaan, Yerusaalem balleeffamuu ishii dura Hisqiʼeliif kenne duubatti deebinee qoruu nu barbaachisa. Boqonnaa kitaaba kanaa isa itti aanu irratti waaʼee kanaa ilaalla.

^ key. 8 Lafeewwan Hisqiʼel mulʼataan arge kan namoota ofuma isaaniitii duʼanii utuu hin taʼin kan “namoota ajjeefamanii” ti. (His. 37:9) Jiraattonni mootummaa Israaʼel inni gosoota kudhan qabatee fi mootummaa Yihudaa inni gosoota lama qabate, duraa duubaan moʼamanii warra Asoorii fi Baabiloniin yommuu boojuudhaan fudhatamanitti ‘guutummaan mana Israaʼel’ akka fakkeenyaatti ajjeefameera.

^ key. 14 Raajiin waaʼee Masiihichaa dubbatu kun Boqonnaa 8⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsameera.