Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 11

“Waardiyyaa Godhee Si Muudeera”

“Waardiyyaa Godhee Si Muudeera”

HISQIʼEL 33:7

YAADA IJOO: Yihowaan waardiyyaa tokko muude; itti gaafatamummaa isaas ni ibse

1. Raajonni Yihowaa warri waardiyyoota taʼan maal akka hojjetanii fi taʼeewwan itti aananii raawwataman ibsi.

WAARDIYYAAN dallaa Yerusaalem irra dhaabbatee jiru tokko aduun yommuu lixxu harka isaatiin ifa aduu of irraa ittisaa gamatti ilaalaa jira. Akkuma tasaa xurumbaa isaa fuudhee akka gaariitti hafuura erga fudhatee booda sagalee akeekkachiisaa loltoonni Baabilon dhufaa akka jiran ibsu dhageessise. Haa taʼu malee, yeroon itti jiraattonni magaalattii warri dantaa hin qabne sagalee xurumbaa waardiyyaa sanaa dhagaʼuudhaan tarkaanfii itti fudhatan darbeera. Waggoota dheeraadhaaf waardiyyoonni ykn raajonni Yihowaan muude sagalee akeekkachiisaa guyyaan kun akka dhufu dubbatu kan dhageessisan taʼus sabichi isaan dhagaʼuu didee ture. Amma loltoonni Baabilon magaalattii marsaniiru. Loltoonni kun jiʼoota hedduudhaaf erga itti marsanii booda, dallaa magaalattii diiganiiru, mana qulqullummaa barbadeessaniiru, akkasumas jiraattota Yerusaalem warra amantii hin qabnee fi waaqolii tolfamoo waaqeffatan ajjeesaniiru ykn boojiʼaniiru.

2, 3. (a) Wanti gara fuulduraatti namoota yeroo harʼaatti lafa irra jiraatan mudatu maali dha? (b) Gaaffiiwwan akkamii irratti mariʼanna?

2 Yeroo harʼaatti raayyaan Yihowaa inni samii, namoota amantii hin qabnee fi lafa irra jiraatan irratti waraana banuuf deemaa jira. (Mul. 17:12-14) Waraanni kun immoo dhuma rakkina guddaa isa seenaa ilmaan namootaa keessatti argamee hin beeknee taʼa. (Mat. 24:21) Taʼus yeroon namoonni hedduun sagalee akeekkachiisaa warri Yihowaan waardiyyaa akka taʼaniif muude dhageessisaniif deebii itti kennan hin darbine.

3 Yihowaan waardiyyoota akka muudu wanti isa kakaase maali dha? Waardiyyaan tokko ergaa akkamii labsa? Waardiyyoota taʼanii kan tajaajilan eenyu faʼi? Nuti hoo gaʼee akkamii qabna? Mee deebii gaaffiiwwan kanaa haa ilaallu.

“Isaaniin Naaf Akeekkachiisi”

4. Yihowaan waardiyyoota kan muude maaliifi? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Hisqiʼel 33:7 dubbisi. Waardiyyoonni bara durii yeroo baayʼee jiraattota isaanii eeguuf dallaa magaalattii irra dhaabbatu turan. Waardiyyoonni kun ragaa qabatamaa bulchaan magaalattii uummata isaatiif akka yaadu argisiisani dha. Sagaleen xurumbaa waardiyyaan sun dhageessisu, jiraattota rafaa jiran kan naasisu taʼus, lubbuu namoota sagalee guddaa kana dhagaʼuudhaan tarkaanfii fudhatanii oolchuu ni dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan waardiyyoota kan muude, ergaa badiisaatiin Israaʼelota sodaachisuuf utuu hin taʼin, saba isaatiif waan yaaduu fi lubbuu isaanii oolchuu waan barbaaduufi.

5, 6. Karaawwan haqa Yihowaa itti hubannu keessaa tokko maali dha?

5 Yihowaan Hisqiʼel waardiyyaa akka taʼu yommuu isa muudetti amalawwan isaa warra nama gammachiisan isaaf ibseera. Mee amalawwan kana keessaa lamaan isaanii qofa haa ilaallu.

6 Haqa: Akkaataa Yihowaan tokkoon tokkoon keenya utuu wal hin caalchisin itti nu qabu irraa haqa isaa hubachuun ni dandaʼama. Fakkeenyaaf, ergaa Hisqiʼel dhagaʼanii kan didan namoota baayʼee yoo taʼan iyyuu Yihowaan Israaʼelota hundumaa finciltoota akka taʼanitti hin lakkoofne; kanaa mannaa tokkoon tokkoon isaanii deebii akkamii akka kennan beekuu barbaadeera. Waaʼee “nama hamaa” fi ‘nama qajeelaatti’ dubbachuus irra deddeebiʼee ibseera. Kanaafuu Yihowaan murtii kan dabarsu deebii namoonni dhuunfaatti ergaa sanaaf kennan irratti hundaaʼee ti.—His. 33:8, 18-20.

7. Yihowaan namootatti kan murteessu maal irratti hundaaʼeeti?

7 Akkaataa inni namootaaf murtii itti kennu irraas haqa Yihowaa hubachuun ni dandaʼama. Namoonni kan itti gaafataman wanta kanaan dura raawwataniif utuu hin taʼin, akeekkachiisa amma isaaniif kennameef deebii kennan irratti hundaaʼuudhaani. Yihowaan Hisqiʼeliin, “Ani nama hamaadhaan, ‘Ati dhugumaan ni duuta’ yommuun jedhutti, inni cubbuu isaa irraa deebiʼee wanta haqaa fi qajeelaa taʼe yoo raawwate, . . . inni dhugumaan lubbuudhaan ni jiraata” jedheera. Achiis Yihowaan “Cubbuun inni raawwate kam iyyuu isatti hin lakkaaʼamu” jechuudhaan wanta nama ajaaʼibsiisu dubbateera. (His. 33:14-16) Karaa kan biraatiin immoo, warri daandii qajeelinaa hordofaa turan, kanaan dura ajajamaa kan turan yoo taʼe illee yeroo ammaatti ajajamuu diduu isaaniitiif dhiifama ni arganna jedhanii eeguu hin qaban. Yihowaan namni tokko “qajeelummaa isaatti amanamee balleessaa yoo raawwate gochi qajeelummaa isaa tokko illee isaaf hin yaadatamu, kanaa mannaa, inni balleessaa raawwachuu isaatiin ni duʼa” jedheera.—His. 33:13.

8. Yihowaan dursee akeekkachiisa kan kennu taʼuun isaa waaʼee haqa isaa maal nu hubachiisa?

8 Yihowaan tarkaanfii fudhachuu isaa dura, akeekkachiisa barbaachisu dursee kan kennu taʼuu isaa irraas haqa isaa hubachuun ni dandaʼama. Hisqiʼel hojii isaa kan jalqabe loltoonni Baabilon Yerusaalemiin balleessuu isaanii gara waggaa jaʼaa dura ture. Haa taʼu malee, sabni Waaqayyoo akka adabaman yeroo jalqabaatiif akeekkachiisa kan kenne Hisqiʼel hin turre. Yihowaan Yerusaalem balleeffamuu ishii jaarraa tokkoo ol dura, raajota kanneen akka Hoseʼaa, Isaayyaas, Miikiyaas, Odeedii fi Ermiyaas jiran waardiyyoota taʼanii akka tajaajilaniif ergeera. Yihowaan, “Waardiyyoota nan muude, waardiyyoonni kunis, ‘Sagalee xurumbaa dhagaʼaa!’ isaaniin jedhan” jechuudhaan Ermiyaas Israaʼelota akka yaadachiisu godheera. (Er. 6:17) Dhuma irratti warri Baabilon murtii Yihowaa yommuu raawwachiisan lubbuu badeef Yihowaanis taʼe waardiyyoonni kun itti gaafatamuu hin dandaʼan.

9. Yihowaan jaalala amanamaa kan argisiise akkamitti?

9 Jaalala: Yihowaan qajeelota qofa utuu hin taʼin, hamoota warra isa gaddisiisanii fi maqaa isaa balleessanis akeekkachiisuuf waardiyyoota isaa erguudhaan jaalala isaa isa amanamaa argisiiseera. Mee yaadaa, Israaʼelonni saba Yihowaa jedhamanii kan beekaman taʼus irra deddeebiʼanii isa irraa garagalaniiru, waaqolii sobaas hordofaniiru! Yihowaan sabicha haadha manaa ejjituu taatee wajjin wal fakkeessuudhaan gantummaa isaanii kanaan hammam miirri isaa akka miidhame ibseera. (His. 16:32) Taʼus, Yihowaan dafee abdii isaanitti hin kutanne. Haaloo baʼuu mannaa isaanii wajjin araaramuu barbaadeera. Tarkaanfii fudhachuu kan filate, jalqaba irratti utuu hin taʼin dhuma irratti ture. Maaliif? “Ani duʼa nama hamaatti hin gammadu; kanaa mannaa, namni hamaan daandii isaa jijjiiree lubbuudhaan akka jiraatun barbaada” jechuudhaan Hisqiʼelitti himeera. (His. 33:11) Yihowaan yeroo sanatti ilaalcha akkanaa qaba ture; yeroo ammaattis ilaalchuma akkanaa qaba.—Mil. 3:6.

10, 11. Walitti dhufeenya Yihowaan saba isaa wajjin qabu irraa maal barachuu dandeenya?

10 Haqaa fi jaalala Yihowaan Israaʼelotatti argisiise irraa maal barachuu dandeenya? Barumsi kana irraa argannu inni tokko, namoota lallabnuuf walumatti qabaatti ilaaluu mannaa, dhuunfaatti adda akka taʼan goonee ilaaluu akka qabnu dha. Nama tokko amala kanaan dura qabu, sanyii isaa, gosa isaa, sadarkaa jireenyaa isaa ykn afaan isaa irratti hundoofnee ergaa lallabnu dhagaʼuun akka isaaf hin malle goonee murteessuun keenya dogoggora guddaa dha! Yihowaan barumsa yeroo harʼaatiifis hojjetu Pheexiros ergamaa barsiiseera; Pheexiros akkana jedheera: ‘Waaqayyo hin loogu, kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.’—HoE. 10:34, 35.

Ilaalcha Yihowaan namootaaf qabu qabnaa? (Keeyyata 10 Ilaali)

11 Barumsi guddaan kana irraa argannu kan biraan immoo, yeroo hundumaa of qoruu akka qabnu dha; kanaan dura hojii qajeelinaa waan raawwanneef, yeroo ammaatti cubbuu raawwachuu dandeenya jechuu miti. Nutis akkuma namoota lallabnuuf sanaa fedhiin cubbuu raawwachuu nu keessa akka jiru yaadachuun keenya gaarii dha. Gorsi Phaawulos ergamaan “Namni, ‘Ani dhaabbadheera’ jedhee yaadu akka hin kufne of haa eeggatu. Qorumsi isa namoota kaan irra gaʼu irraa adda taʼe isin irra hin geenye” jechuudhaan gumii Qorontosiif kenne nuufis guutummaatti ni hojjeta. (1 Qor. 10:12, 13) Nutis wantoota gaggaarii waan raawwannuuf, cubbuu yoo hojjenne iyyuu adabni nu irra hin gaʼu jennee yaaduudhaan matumaa akka nama ‘qajeelummaa isaatti amanamuu’ taʼuu hin qabnu. (His. 33:13) Yihowaa kan tajaajille yeroo hammamiitiif iyyuu yoo taʼe, yeroo hundumaa amala gad of qabuu argisiisuunii fi ajajamuun keenya baayʼee barbaachisaa dha.

12. Kanaan dura cubbuu cimaa raawwanneerra yoo taʼe maal yaadachuu qabna?

12 Haa taʼu malee, cubbuu cimaa kanaan dura raawwanneef amma kan gaabbinu yoo taʼe hoo? Yihowaan cubbamoota yaada hin geddaranne akka adabu ergaa Hisqiʼel irraa barachuu ni dandeenya. Taʼus, Yihowaan adda durummaadhaan Waaqa haaloo baʼu utuu hin taʼin Waaqa jaalalaa taʼuu isaas ni baranna. (1 Yoh. 4:8) Yaada geddarachuu keenya gocha keenyaan yoo argisiisne, cubbuu raawwanneef Waaqayyo matumaa dhiifama nuuf hin godhu jennee yaaduu hin qabnu. (Yaq. 5:14, 15) Yihowaan Israaʼelota karaa hafuuraa ejjitoota taʼaniif dhiifama gochuuf fedhii akka qabu argisiiseera; nuufis dhiifama gochuuf fedhii qaba.—Far. 86:5.

“Ilmaan Saba Keetti Dubbadhu”

13, 14. (a) Waardiyyoonni ergaa akkamii labsu turan? (b) Isaayyaas ergaa akkamii labse?

13 Hisqiʼel 33:2, 3 dubbisi. Waardiyyoonni Yihowaan muude ergaa akkamii labsu turan? Hojiin isaanii inni guddaan akeekkachiisa himuu ture. Haa taʼu malee misiraachoos labsaniiru. Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu.

14 Isaayyaas inni Dh.K.D. naannoo bara 778 hanga bara 732⁠tti tajaajile, warri Baabilon Yerusaalemiin akka qabatanii fi jiraattota ishii boojiʼanii akka fudhatan akeekkachiiseera. (Isa. 39:5-7) Haa taʼu malee, Isaayyaas geggeessaa hafuuraatiin, “Dhagaʼi! Waardiyyoonni kee ni iyyu. Isaan yommuu Yihowaan Xiyooniin deebisee walitti qabu ifatti waan arganiif, tokkummaadhaan ni ililchu” jechuudhaanis barreesseera. (Isa. 52:8) Isaayyaas misiraachoo waaqeffannaa dhugaan deebiʼee akka hundeeffamu ibsu labseera!

15. Ermiyaas ergaa akkamii labse?

15 Ermiyaas inni Dh.K.D. bara 647 hanga bara 580⁠tti tajaajile, nama waaʼee badiisaa qofa dubbatu jedhamee beekamu ture. Ermiyaas, Yihowaan Israaʼelota hamoo taʼanitti badiisa akka fidu isaan akeekkachiisuudhaan, hojii guddaa akka hojjete hin shakkisiisu. * Taʼus, sabni Waaqayyoo gara biyya isaaniitti akka deebiʼanii fi waaqeffannaa qulqulluu achitti deebisanii akka hundeessan raajii dubbachuudhaan misiraachoos labseera.—Er. 29:10-14; 33:10, 11.

16. Ergaan Hisqiʼel boojiʼamtoota Baabilon keessa turan kan fayyade akkamitti?

16 Hisqiʼel waardiyyaa taʼee kan muudame Dh.K.D. bara 613⁠tti ture; yoo xinnaate hanga Dh.K.D. bara 591⁠ttis hojii kana irra tureera. Akkuma Boqonnaa 5⁠ffaa fi 6⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsame, Hisqiʼel badiisa namoota Israaʼel irratti dhufu hinaaffaadhaan akeekkachiisuudhaan, dhiiga namoota lubbuu isaanii dhabaniitti itti gaafatamuu irraa bilisa of godheera. Yeroo kanatti Yihowaan gantoota Yerusaalem keessatti argaman akka adabu namoota boojuu jala jiran akeekkachiiseera, akkasumas namoonni boojiʼamanii Baabilon keessa jiran karaa hafuuraa dammaqoo taʼanii akka itti fufanii fi hojii gara fuulduraatti isaan eeggatuuf akka qophaaʼan isaan gargaareera. Waggoonni 70⁠ni sun yommuu xumuramanitti Yihowaan warra hafan deebisee biyya Israaʼel keessa ni dhaaba. (His. 36:7-11) Warri hafan kun adda durummaadhaan ijoollee fi ijoollee ijoollee warra Hisqiʼeliin xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatan sanaa ti. Boqonnaawwan Kutaa 3⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti akkuma ibsame, Hisqiʼel misiraachoo waaqeffannaa qulqulluun Yerusaalem keessatti deebiʼee akka hundeeffamu ibsu hedduu dubbateera.

17. Yihowaan waardiyyoota kan muude yoomi?

17 Yihowaan waardiyyoota taʼanii akka tajaajilan kan itti fayyadame raajota Dh.K.D. naannoo bara 607 yeroo Yerusaalem balleeffamtetti saba Waaqayyootti raajii dubbatan sana qofa turee? Lakki isaan qofa hin turre. Yeroo murteessaa kaayyoon Yihowaa itti raawwatamaa ture hundatti Yihowaan hamoota akeekkachiisuu fi misiraachoo labsuuf waardiyyoota muudeera.

Waardiyyoota Jaarraa Jalqabaatti Turan

18. Yohaannis Cuuphaan hojii akkamii raawwateera?

18 Dhaloota Kiristoos Booda jaarraa jalqabaatti Yohaannis Cuuphaan waardiyyaa taʼee tajaajileera. Israaʼelonni foonii dhiheenyatti fudhatama akka dhabanis akeekkachiiseera. (Mat. 3:1, 2, 9-11) Kana caalaas wanta godhe qaba. Yesuus Yohaannis, “ergamaa” Masiihichaaf daandii qopheessu akka taʼe dubbateera. (Mil. 3:1; Mat. 11:7-10) Hojiin kunis misiraachoo Yesuus inni ‘hoolaa Waaqayyoo’ taʼe akka dhufee fi “cubbuu addunyaa” akka balleessu labsuu kan dabalatu ture.—Yoh. 1:29, 30.

19, 20. Yesuusii fi barattoonni isaa waardiyyoota taʼanii kan tajaajilan akkamitti?

19 Waardiyyoota hundumaa irra kan caalu Yesuusi dha. Yihowaan akkuma Hisqiʼel isas ‘gara mana Israaʼelitti’ ergeera. (His. 3:17; Mat. 15:24) Yesuus Israaʼelonni foonii dhiheenyatti fudhatama akka dhabanii fi Yerusaalemis akka balleeffamtu akeekkachiiseera. (Mat. 23:37, 38; 24:1, 2; Luq. 21:20-24) Haa taʼu malee, hojiin isaa inni guddaan misiraachoo lallabuu ture.—Luq. 4:17-21.

20 Yesuus yeroo lafa irra turetti duuka buutota isaatiin “Yeroo hundumaa dammaqaa eegaa” isaaniin jedheera. (Mat. 24:42) Isaanis ajaja isaa fudhatanii waardiyyoota taʼuudhaan Yihowaan mana Israaʼelii fi magaalaa Yerusaalem ishii lafa irraa akka dhiise akeekkachiisaniiru. (Rom. 9:6-8; Gal. 4:25, 26) Akkuma waardiyyoota isaan dura turanii isaanis, misiraachoo lallabaa turan. Ergaan isaanii kunis namoonni Yihudoota hin taane, Israaʼel Waaqayyoo warra hafuuraan dibamanitti akka makaman, akkasumas Kiristoos lafa irratti waaqeffannaa qulqulluu deebisee yommuu hundeessu, isa gargaaruuf mirga akka argatan beeksisuu kan dabalatu dha.—HoE. 15:14; Gal. 6:15, 16; Mul. 5:9, 10.

21. Phaawulos fakkeenya akkamii taʼeera?

21 Waardiyyoota jaarraa jalqabaa keessaa Phaawulos ergamaan fakkeenya gaarii taʼa. Itti gaafatamummaa isaatiif bakka guddaa kenneera. Innis akkuma Hisqiʼel hojii isaaf kenname yoo raawwachuu baate, dhiiga namootaatiin akka itti gaafatamu beeka ture. (HoE. 20:26, 27) Phaawulos warra kaan akeekkachiisuu qofa utuu hin taʼin misiraachoo labsuudhaanis fakkeenya waardiyyoota kaanii hordofeera. (HoE. 15:35; Rom. 1:1-4) Phaawulos geggeessaa hafuura qulqulluutiin raajii Isaayyaas, “Inni misiraachoo fidu . . . miilli isaa gaarota irratti akkam bareeda” jedhu caqaseera; hojiin kunis hojii duuka buutonni Kiristoos waaʼee Mootummaa Waaqayyoo lallabuudhaan hojjetan kan argisiisu taʼuu isaa ibseera.—Isa. 52:7, 8; Rom. 10:13-15.

22. Ergamoonni erga duʼanii booda maaltu taʼe?

22 Ergamoonni erga duʼanii booda gantummaan raajiidhaan dubbatame gumii Kiristiyaanaa keessatti babalʼate. (HoE. 20:29, 30; 2 Tas. 2:3-8) Yeroo dheeraa inkirdaadnii fi qamadiin waliin guddatan kana keessatti Kiristiyaanonni sobaa warri inkirdaadatti fakkeeffaman duuka buutota Kiristoos warra amanamoo taʼanii fi qamadiitti fakkeeffaman irra baayʼee caalanii turan; ergaan ifa taʼee fi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsus barumsawwan sobaatiin haguugamee ture. (Mat. 13:36-43) Haa taʼu malee, yeroon Yihowaan dhimma ilmaan namootaa keessa itti seenu yommuu gaʼetti waardiyyoota sagalee akeekkachiisaa ifa taʼe dhageessisanii fi misiraachoo labsan muuduudhaan ammas jaalala isaa fi haqa isaa argisiiseera. Maarree waardiyyoonni kun eenyufaa turan?

Yihowaan Ammas Hamoota Akeekkachiisuuf Waardiyyoota Qopheesse

23. Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa gaʼee akkamii qabu turan?

23 Waggoottan bara 1914 dura turanitti Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa “ergamaa” Mootummaan Masiihichaa hundeeffamuu isaa dura ‘daandii qulqulleessu’ taʼanii tajaajilaniiru. * (Mil. 3:1) Gareen kun waaʼee murtii Waaqayyoo akeekkachiisuu fi misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo babalʼisuuf barruu Masaraa Eegumsaa Xiyoonii fi Argama Kiristoos Labsu, jedhamutti fayyadamuudhaanis waardiyyaa taʼanii tajaajilaniiru.

24. (a) Garbichi amanamaan waardiyyaa taʼee tajaajilaa kan jiru akkamitti? (b) Fakkeenya waardiyyoota bara durii irraa maal baratte? (Chaartii “Waardiyyoota Fakkeenya Taʼan Tokko Tokko” jedhu ilaali.)

24 Mootummichi erga hundeeffamee booda, garbicha amanamaa taʼee akka tajaajiluuf Yesuus garee dhiirota muraasa qabate tokko muudeera. (Mat. 24:45-47) Yeroo sanaa jalqabee garbichi amanamaan yeroo ammaatti Qaama Ol Aanaa jedhamee beekamu, waardiyyaa taʼee tajaajilaa jira. Garbichi kun “guyyaa Waaqni keenya haaloo itti baʼu” akeekkachiisuu qofa utuu hin taʼin, “waggaa gaarummaa Yihowaa” labsuu irrattis dursa fudhateera.—Isa. 61:2; dabalataan 2 Qorontos 6:1, 2 ilaali.

25, 26. (a) Duuka buutonni Kiristoos hundi hojii akkamii raawwachuu qabu? Hojiin kun hojjetamaa kan jiru hoo akkamitti? (b) Boqonnaa itti aanu keessatti waaʼee maalii mariʼanna?

25 Garbichi amanamaan waardiyyaa taʼuudhaan dursa fudhatee kan hojjetu taʼus, Yesuus duuka buutonni isaa ‘hundi’ ‘yeroo hundumaa dammaqanii akka eegan’ ajajeera. (Mar. 13:33-37) Karaa hafuuraa dammaqoo taanee jiraachuu fi waardiyyaa kana amanamummaadhaan deggeruudhaan ajaja kana hojii irra oolchina. Itti gaafatamummaa lallabuuf qabnu raawwachuudhaan dammaqoo taʼuu keenya argisiisna. (2 Xim. 4:2) Kanaaf wanti nu kakaasu maali dha? Inni tokko lubbuu namootaa oolchuuf fedhii waan qabnuufi. (1 Xim. 4:16) Dhiheenyatti namoonni baayʼeen akeekkachiisa waardiyyaan kun kennu fudhachuu diduu isaaniitiin kan kaʼe lubbuu isaanii ni dhabu. (His. 3:19) Wanti lallabuuf nu kakaasu inni guddaan garuu misiraachoo waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuu isaa ibsu warra kaanitti himuu waan barbaannuufi. “Waggaa gaarummaa Yihowaa” kanatti namoonni hedduun Waaqa keenya Yihowaa isa haqa qabeessaa fi jaalala qabeessa taʼe nuu wajjin akka waaqeffatan carraan isaaniif banameera. Dhiheenyatti namoonni badiisa sirna hamaa kana irraa oolan hundi bulchiinsa Ilma isaa isa gara laafina irratti hundaaʼe irraa faayidaa argatu. Misiraachoo kana himuudhaan waardiyyaa yeroo ammaatti argamu kana gargaaruu irraa duubatti jechuu hin qabnu!—Mat. 24:14.

Misiraachoo lallabuudhaan waardiyyaa yeroo ammaatti argamu gammachuudhaan ni deggerra (Keeyyata 25 Ilaali)

26 Badiisa sirna hamaa kanaa dura illee Yihowaan karaa dinqii taʼeen saba isaa tokko godheera. Boqonnaan itti aanu waaʼee raajii uleewwan lamaa kan dubbatu yeroo ta’u, wanti kun akkamitti akka raawwatame ibsa.

^ key. 15 Jechi “badiisa” jedhu kitaaba Ermiyaas keessatti gara siʼa 60 argama.

^ key. 23 Raajii kanaa fi raawwii isaa ilaalchisee ibsa kenname beekuuf, kitaaba Mootummaan Waaqayyoo Bulchaa Jira! jedhamu, boqonnaa 2⁠ffaa isa mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Samiirratti Dhalate” jedhu qabu ilaali.