Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA LAMA

‘Iddoo Koo Isa Qulqulluu Xureessiteetta’—Waaqeffannaa Qulqulluun ni Mancaʼe

‘Iddoo Koo Isa Qulqulluu Xureessiteetta’—Waaqeffannaa Qulqulluun ni Mancaʼe

HISQIʼEL 5:11

YAADA IJOO: Yihudaa fi Yerusaalem karaa hafuuraa fi karaa naamusaa ni mancaʼan

Yihowaan Israaʼelota, “qabeenya iddoo guddaa qabu” akka taʼanitti waan ilaaluuf isaan ni jaallata, akkasumas isaan ni kunuunsa ture. (Bau. 19:5, milj.) Haa taʼu malee isaan, mana qulqullummaa maqaa Yihowaatiin waamamu keessatti waaqolii sobaa waaqeffachuudhaan galata akka hin qabne argisiisaniiru. Garaa Yihowaa gaddisiisaniiru, maqaa isaa irrattis arrabsoo fidaniiru. Israaʼel hamma kana kan mancaate maaliifi? Raajii Hisqiʼel Yerusaalem akka baddu dubbate irraa maal barachuu dandeenya? Walitti dhufeenya Israaʼelonni saboota naannoo isaanii jiranii wajjin qaban irraa hoo maal baranna?

KUTAA KANA KEESSATTI

BOQONNAA 5

“Wanta Hamaa fi Jibbisiisaa Isaan . . . Raawwachaa Jiran Ilaali”

Hisqiʼel doʼiiwwan nama naasisanii fi guutummaan sabichaa karaa hafuuraa akka mancaʼe ibsan argeera.

BOQONNAA 6

“Dhumni Si Irratti Dhufeera”

Raajiin Hisqiʼel hojiidhaan argisiise, Yihowaan Yerusaalem irratti dheekkamuu isaa kan ibsu dha.

BOQONNAA 7

Saboonni “Ani Yihowaa Taʼuu Koo Dhugumaan ni Hubatu”

Saboonni maqaa Yihowaa arrabsanii fi saba isaa ariʼachaa ykn mancaasaa turan, miidhaa gochi isaanii kun isaan irraan geessisu jalaa hin miliqan. Walitti dhufeenya Israaʼelonni saboota kanaa wajjin qaban irraa maal baranna?