BOQONNAA 6
“Dhumni Si Irratti Dhufeera”
YAADA IJOO: Murtiin Yihowaan raajiidhaan Yerusaalem irratti dabarse kan raawwatame akkamitti?
1, 2. (a) Hisqiʼel amala addaa akkamii argisiise? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Wanti inni raawwate maal argisiisa?
ODUUN Hisqiʼel raajichi amala addaa argisiisaa akka jiru ibsu, Yihudoota boojiʼamanii biyya Baabilon keessa jiraatan gidduutti saffisaan babalʼateera. Torbee tokkoof hadoodee fi callisee warra boojiʼaman gidduu kan taaʼe yeroo taʼu, sana booda garuu akkuma tasaa kaʼee mana isaa seenee balbala cufate. Namoonni kaan burjaajaʼanii utuma isa ilaalaa jiranii, Hisqiʼel deebiʼee dhufee xuubii tokko erga fudhatee booda xuubicha of dura kaaʼuudhaan fakkii tokko irratti bocuu jalqabe. Achiis utuma homaa hin dubbatin dallaa xiqqoo ijaaruu jalqabe.—His. 3:10, 11, 15, 24-26; 4:1, 2.
2 Daawwattoonni lakkoofsi isaanii hedduu taʼuu hin oolle kun, ‘Wanti kun hundi hiika maalii qaba?’ jedhanii yaadanii taʼuu qaba. Yihudoonni boojuu jala jiran kun, amalli addaa Hisqiʼel raajichi argisiisaa ture wanta sodaachisaa gara fuulduraatti dhufuu fi aarii Yihowaa isa qajeelaa ilaalchisee raajii dubbatame kan argisiisu akka taʼe guutummaatti kan hubatan yeroo booda ture. Wanti gara fuulduraatti taʼu kun maali dha? Saba Israaʼel durii irratti dhiibbaa kan godhe akkamitti? Namoota yeroo harʼaatti waaqeffannaa qulqulluu dhiheessaniif hoo hiika maalii qaba?
‘Xuubii Tokko, Qamadii fi Goraadee Qara Qabu Fudhadhu’
3, 4. (a) Hisqiʼel murtii Waaqayyoo ilaalchisee wantoota akkamii sadii argisiiseera? (b) Hisqiʼel marfamuu Yerusaalem kan argisiise akkamitti?
3 Dhaloota Kiristoos Dura gara naannoo 613tti Yihowaan, Hisqiʼel wantoota murtii Waaqayyo Yerusaalem irratti dabarse ibsan sadii mallattoodhaan akka argisiisu isatti hime. Isaanis: magaalattiin marfamuu ishii, jiraattonni ishii rakkachuu isaanii fi magaalattiinis taate namoonni ishii balleeffamuu isaanii kan argisiisan turan. * Mee mallattoowwan sadan kana caalaatti balʼinaan haa qorru.
4 Marfamuu Yerusaalem. Yihowaan Hisqiʼeliin, “Xuubii tokko fudhadhuutii of dura kaaʼi. . . . Ishiitti marsi” jedhe. (Hisqiʼel 4:1-3 dubbisi.) Xuubiin sun magaalaa Yerusaalem argisiisa, Hisqiʼel immoo loltoota Baabilon warra Yihowaan itti fayyadamu argisiisa. Kana malees, Hisqiʼel dallaa xiqqoo akka ijaaru, itti naannessee biyyoo akka tuuluu fi meeshaa ittiin diiganis akka itti marsu ajajamee ture. Achiis wantoota kana xuubichatti naannessee kaaʼuu qaba. Wantoonni kun meeshaalee waraanaa diinonni Yerusaalem yommuu ishiitti marsanii fi ishii waraanan itti fayyadaman argisiisu. Hisqiʼel loltoonni diinaa cimina akka sibiilaa akka qaban argisiisuuf, isaa fi magaalattii gidduu “eelee sibiilaa” dhaabeera. Achiis ‘fuula isaa’ magaalattiitti naannesse. Gochawwan kun wantoonni hin yaadamne dhufuuf akka jiran “mana Israaʼeliif mallattoo” taʼanii tajaajilu. Yihowaan, loltoota diinotaatti fayyadamee, Yerusaalem ishiin magaalaa guddoo saba Waaqayyoo taatee fi manni qulqullummaa isaa itti argamu akka marfamtu godha.
5. Hisqiʼel wanta jiraattota Yerusaalem irra gaʼu kan argisiise akkamitti akka taʼe ibsi.
5 Rakkachuu jiraattota Yerusaalem. Yihowaan Hisqiʼeliin, “Qamadii, garbuu, baaqelaa, misira, bisingaa fi omborii [aajjaa] fuudhiitii . . . daabboo ittiin tolfadhu” achiis “Guyyaatti nyaata sheeqilii 20 madaaltee nyaatta” jechuudhaan isa ajajeera. Sana boodas Yihowaan, “Karaa nyaanni ittiin argamu nan cufa” jechuudhaan isatti hime. (His. 4:9-16) Hisqiʼel doʼii kana keessatti kana booda loltoota Baabilon utuu hin taʼin jiraattota Yerusaalem bakka buʼa. Gochi Hisqiʼel kun, magaalattiin yommuu marfamtutti hanqinni nyaataa akka jiraatu kan argisiisu dha. Namoonni yeroo sana jiraatan wantoota baramoo hin taane walitti makuudhaan daabboo tolfatu, kunis namoonni kun wantuma argatan akka nyaatan argisiisa. Beelli dhufuuf jiru kun hammam cimaa dha? Hisqiʼel kallattiidhaan akka waan jiraattota Yerusaalemitti dubbachaa jiruutti, “Abbootiin si gidduutti argaman ilmaan isaanii ni nyaatu, ilmaanis abbootii isaanii ni nyaatu” jedheera. Dhuma irratti namoonni hedduun “xiyya beelaa isa duʼa geessisu” sanaan ni rakkatu, akkasumas ni ‘dhumu.’—His. 4:17; 5:10, 16.
6. (a) Hisqiʼel yeroo tokkotti qaamota akkamii lama bakka buʼee hojjeteera? (b) Ajajni Waaqayyoo ‘rifeensicha madaaluu fi qoqqooduu’ ilaalchisee kenname maal argisiisa?
6 Badiisa Yerusaalemii fi jiraattota ishii. Hisqiʼel hojiin argisiisa kana irratti qaama lama bakka buʼuudhaan hojjeteera. Jalqaba irratti wanta Yihowaan raawwatu argisiiseera. Yihowaan, “goraadee qara qabu fudhadhuutii akka haadduu nama rifeensa haaduutti itti fayyadami” isaan jedhe. (Hisqiʼel 5:1, 2 dubbisi.) Harki Hisqiʼel inni goraadee qabate harka Yihowaa, jechuunis murtii isaa isa inni karaa loltoota Baabiloniin raawwachiisu argisiisa. Lammaffaa irratti immoo Hisqiʼel wanta Yihudoota irra gaʼu argisiiseera. Yihowaan, “Mataa kee fi areeda kee haaddadhu” isaan jedhe. Hisqiʼel mataa isaa haaddachuun isaa, Yihudoonni akkamitti akka rukutamanii fi akka balleeffaman argisiisa. Dabalataanis ajajni, “Madaaluuf madaallii fudhadhuutii rifeensicha bakka adda addaatti qoqqoodi” jedhu murtiin Yihowaan Yerusaalem irratti dabarsu kan itti hin yaadamne utuu hin taʼin, taʼe jedhamee fi guutummaatti kan raawwatamu taʼuu isaa argisiisa.
7. Yihowaan Hisqiʼel rifeensicha bakka sadiitti akka qoqqooduu fi wantoota adda addaa akka ittiin raawwatu kan itti hime maaliifi?
7 Yihowaan Hisqiʼel rifeensa isaa isa haadame bakka adda addaa sadiitti akka qoqqooduu fi wantoota adda addaa akka ittiin raawwatu kan itti hime maaliifi? (Hisqiʼel 5:7-12 dubbisi.) Hisqiʼel jiraattonni Yerusaalem tokko tokko magaalattii keessatti akka duʼan namoota isa ilaalaa jiranitti argisiisuuf, rifeensa sana keessaa muraasa isaa “magaalattii keessatti” gubeera. Hisqiʼel jiraattonni tokko tokko magaalattiidhaa alatti akka ajjeefaman argisiisuuf, rifeensa sana keessaa muraasa isaa “naannoo magaalattiitti” goraadeedhaan rukuteera. Jiraattonni magaalattii kan biroon saboota gidduutti akka bittinnaaʼan argisiisuuf immoo rifeensa sana keessaa muraasa isaa bubbee keessa bittinneesseera; haa taʼu malee namoonni kun ‘goraadeedhaan ni ariʼamu.’ Kanaafuu, namoonni badiisa irraa oolan kun eessa iyyuu yoo jiraatan nagaa hin argatan.
8. (a) Raajiin Hisqiʼel hojiidhaan argisiise hamma tokko abdii akkamii qabateera? (b) Raajiin waaʼee namoota ‘muraasaa’ dubbatu kan raawwatame akkamitti?
8 Haa taʼu malee, raajiin Hisqiʼel hojiidhaan argisiise, hamma tokko abdiis kan qabate ture. Rifeensa Hisqiʼel haaddate ilaalchisees Yihowaan, “Rifeensicha keessaa muraasa isaa fuudhiitii dachaʼaa uffata keetiin mari” isaan jedheera. (His. 5:3) Ajajni kun Yihudoonni muraasni warri saboota gidduutti bittinnaaʼan lubbuudhaan akka oolan argisiisa. Namoota “muraasa” sana keessaa tokko tokko waggaa 70 boojuudhaan Baabilon keessa erga turanii booda gara Yerusaalemitti ni deebiʼu. (His. 6:8, 9; 11:17) Wanti raajiidhaan dubbatame kun raawwatameeraa? Eeyyee. Boojuun Baabilon erga xumuramee waggoota muraasa booda, Yihudoonni bibittinnaaʼanii turan dhugumaan gara Yerusaalemitti akka deebiʼan Haagee raajichi gabaaseera. Namoonni kun ‘maanguddoota warra mana isa durii,’ jechuunis mana qulqullummaa Solomoon argan turan. (Iz. 3:12; Hag. 2:1-3) Yihowaan akkuma waadaa galee turetti waaqeffannaa qulqulluun eegamee akka itti fufu godheera. Waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuu isaa, Boqonnaa 9ffaa kitaaba kanaa keessatti balʼinaan ilaalla.—His. 11:17-20.
Raajiin Kun Waaʼee Taʼeewwan Gara Fuulduraatti Raawwatamanii Maal Nutti Hima?
9, 10. Wantoonni Hisqiʼel argisiise, taʼeewwan guguddoo egeree keenya ilaalchisee raajiidhaan dubbataman akkamii nu yaadachiisu?
9 Wantoonni Hisqiʼel argisiise, taʼeewwan guguddoo egeree keenya ilaalchisee Dubbii Waaqayyoo keessatti raajiidhaan dubbataman nu Mul. 17:16-18) Akkuma badiisni Yerusaalem “adda taʼe,” “rakkinni guddaan,” akkasumas waraanni Armaagedoon wanta “taʼee hin beekne” ni taʼa.—His. 5:9; 7:5; Mat. 24:21.
yaadachiisu. Isaan keessaa muraasni isaanii kam faʼi? Yihowaan, akkuma Yerusaalem ishii durii irratti raawwate, wanta hin yaadamne raawwachuuf, jechuunis dhaabbilee amantii sobaa lafa irra jiran hundumaa balleessuuf humnoota siyaasaatti fayyadama. (10 Dubbiin Waaqayyoo, deeggartoota amantii sobaa keessaa tokko tokko badiisa dhaabbilee amantii sobaa irra gaʼu jalaa akka oolan argisiisa. Namoonni oolan kun baayʼee sodaachuu isaanii irraa kan kaʼe, warra kaanii wajjin iddoo itti dhokatan barbaaddatu. (Zak. 13:4-6; Mul. 6:15-17) Haalli isaanii wanta jiraattota Yerusaalem ishii durii warra badiisa irraa oolanii “bubbee” keessa bittinnaaʼanii turan irra gaʼe nu yaadachiisa. Akkuma keeyyata 7ffaa irratti ilaalle, yeroodhaaf lubbuudhaan kan oolan taʼus, Yihowaan isaan “ariʼuuf goraadee” luqqifateera. (His. 5:2) Haaluma walfakkaatuun iddoon dhokannaa, namoonni haleellaa amantii irratti banamu jalaa oolan kun itti baqatan kam iyyuu, goraadee Yihowaa jalaa isaan eeguu hin dandaʼu. Namoonni kun waraana Armaagedoon irratti namoota akka reʼee taʼan hundumaa wajjin ni ajjeefamu.—His. 7:4; Mat. 25:33, 41, 46; Mul. 19:15, 18.
Misiraachoo himuu wajjin haala wal qabateen “duudaa” taana
11, 12. (a) Raajii Hisqiʼel isa waaʼee marfamuu Yerusaalem dubbatu hubachuun keenya yeroo ammaatti ilaalcha tajaajila keenyaaf qabnu irratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti? (b) Hojii lallabaa fi ergaa keenya irratti jijjiiramni akkamii godhamuu dandaʼa?
11 Raajii kana hubachuun keenya ilaalcha tajaajila keenyaa fi tajaajilli keenya ariifachiisaa taʼuu isaatiif qabnu irratti dhiibbaa kan geessisu akkamitti? Yeroo ammaatti namoonni tajaajiltoota Yihowaa akka taʼan gargaaruuf wanta nuuf dandaʼame hunda gochuun akka nu barbaachisu nu hubachiisa. Akkas kan jennu maaliifi? ‘Saboota hundumaa keessaa namoota barattoota gochuuf’ yeroon hafe muraasa dha. (Mat. 28:19, 20; His. 33:14-16) “Uleen sun” (humnoonni siyaasaa) amantii irratti yommuu haleellaa banuu jalqabutti, ergaa fayyinaa hin lallabnu. (His. 7:10) Akkuma Hisqiʼel yeroo tajaajila isaa raawwate tokkotti duudaa taʼe ykn ergaa isaa labsuu dhaabe, nutis yeroo sanatti misiraachoo namootatti himuu wajjin haala wal qabateen “duudaa” taana. (His. 3:26, 27; 33:21, 22) Dhugaa dha, badiisa amantii sobaa booda namoonni abdii kutachuudhaan, “nama raajii dubbatu irraa mulʼata barbaadu,” haa taʼu malee, qajeelfama lubbuu baraaru hin argatan. (His. 7:26) Yeroon qajeelfama akkasii itti argatanii fi barattoota Kiristoos itti taʼan ni darba.
12 Haa taʼu malee, hojiin lallabaa keenya hin dhaabbatu. Maaliifi? Yeroo rakkina guddaatti, ergaa murtii akka dhaʼicha cabbii taʼe labsuu jalqabna taʼa. Ergaan sun, mallattoo dhumni addunyaa hamaa kanaa ilmaan namootaa irratti dhufuu isaa ifatti argisiisu taʼa.—Mul. 16:21.
“Kunoo, Inni Dhufaa Jira!”
13. Yihowaan Hisqiʼel jalqaba cinaacha bitaatiin achiis cinaacha mirgaatiin akka ciisu kan itti hime maaliifi?
13 Hisqiʼel Yerusaalem akkamitti akka balleeffamtu dubbachuu qofa Hisqiʼel 4:4-6 dubbisi; Lak. 14:34.) Hojiin argisiisni Hisqiʼel guyyaa guyyaadhaan saʼaatii muraasaaf qofa argisiisee taʼuu qabu kun, yeroo sirrii Yerusaalem itti baddu kan argisiisu dha. Cubbuun Israaʼel inni waggaa 390f ture kan jalqabe, Dh.K.D. bara 997tti, jechuunis bara mootummaan gosa 12 bakka lamatti qoodametti ture. (1 Mot. 12:12-20) Cubbuun Yihudaa inni waggoota 40f ture immoo jalqabee taʼuu kan dandaʼu, Dh.K.D. bara 647tti, jechuunis yeroo Ermiyaas badiisa mootummaa Yihudaa ilaalchisee akeekkachiisa akka kennu raajii taʼee itti muudametti ture. (Er. 1:1, 2, 17-19; 19:3, 4) Kanaafuu, akkuma Yihowaan dursee dubbate, yeroowwan kun lamaan kan xumuraman Dh.K.D. bara 607tti, jechuunis bara Yerusaalem kuftee fi balleeffamtetti ture. *
utuu hin taʼin, yoom akka balleeffamtus argisiiseera. Yihowaan Hisqiʼel cinaacha isaa isa bitaatiin guyyoota 390f, cinaacha isaa isa mirgaatiin immoo guyyoota 40f akka ciisu itti himeera. Guyyoonni kun tokkoon tokkoon isaanii waggaa tokko tokko argisiisu. (14. (a) Hisqiʼel Yihowaan Waaqa sirriitti yeroo isaa eegu taʼuu isaa irratti amanannaa akka qabu kan argisiise akkamitti? (b) Yerusaalem baduu ishii dura maaltu raawwatama?
14 Hisqiʼel yeroo waaʼee raajii guyyoota 390 fi guyyoota 40 ibsu Hisqiʼel 7:3, 5-10 dubbisi.) Hisqiʼel, Yihowaan Waaqa yeroo isaa eegu akka taʼu shakkii hin qabu ture. (Isa. 46:10) Hisqiʼel raajichi “Balaa irratti balaan, . . . ni dhufa” jechuudhaan taʼeewwan badiisa Yerusaalem dura raawwataman dubbateera. Taʼeewwan kun immoo kufaatii hawaasummaa, amantii fi dhaabbilee mootummaa geessisu.—His. 7:11-13, 25-27.
argisiisetti, yeroo sirrii Yerusaalem itti balleeffamtu hubatee taʼuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, yeroo badiisni ishii dhihaachaa dhufetti, murtiin Yihowaa dhihaachuu isaa irra deddeebiʼee Yihudoota akeekkachiiseera. “Dhumni si irratti dhufeera” jechuudhaan labseera. (15. Kutaawwan raajii Hisqiʼel Dh.K.D. bara 609 irraa eegalee raawwatamuu jalqaban kam faʼi?
15 Hisqiʼel Yerusaalem akka kuftu erga labsee waggoota muraasa booda, raajichi raawwatamuu jalqabe. Dhaloota Kiristoos Dura bara 609tti Yerusaalem irratti haleellaan banamuu akka jalqabe hubate. Yeroo sanatti namoonni yommuu sagalee xurumbaa dhagaʼanitti magaalaa isaanii diina irraa ittisuuf walitti qabamu turan, haa taʼu malee akkuma Hisqiʼel dursee dubbate, ‘namni tokko illee gara dirree waraanaa hin deemne.’ (His. 7:14) Jiraattonni Yerusaalem magaalattii irraa diina ittisuu fi Baabilonota weerartoota taʼan waraanuuf walitti hin qabamne. Yeroo kanatti Yihudoonni tokko tokko Yihowaan akka isaan oolchu yaadanii taʼuu dandaʼa. Yihowaan sana dura, yommuu warri Asoor Yerusaalemiin akka qabatan doorsisanii turanitti, maleekaan isaa tokko loltoota isaanii keessaa hedduu isaanii akka balleessu gochuudhaan isaan oolchee ture. (2 Mot. 19:32) Garuu yeroo kanatti maleekaan isaan gargaaru hin turre. Utuma baayʼee hin turin magaalaan marfamte kun ‘distii ibidda irra jiru’ fakkaatteetti, jiraattonni ishii immoo “foon” distii keessa jiru taʼanii turan. (His. 24:1-10) Yerusaalem jiʼa 18f haala nama dhiphisuun erga marfamtee booda ni balleeffamte.
“Samii Keessatti Qabeenya Kuufadhaa”
16. Yeroo harʼaatti Yihowaan Waaqa sirriitti yeroo isaa eegu taʼuu isaa irratti amanannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Kutaa raajii Hisqiʼel kana irraa maal baranna? Ergaa tajaajila keenyaa fi deebii namoonni lallabnuuf kennanii wajjin wal fakkaataa? Yihowaan amantiin sobaa dhiheenyatti akka balleeffamu kan murteesse yeroo taʼu, yeroo sanattis Waaqa yeroo isaa sirriitti eegu taʼuu isaa ni argisiisa. (2 Phe. 3:9, 10; Mul. 7:1-3) Yeroon murteeffame sun yoom akka taʼe sirriitti hin beeknu. Taʼus, nutis akkuma Hisqiʼel irra deddeebinee “Dhumni si irratti dhufeera” jennee namoota akeekkachiisuudhaan qajeelfama Yihowaan kenne raawwachuu keenya itti fufna. Ergaa sana irra deddeebinee kan himnu maaliifi? Sababa Hisqiʼelii wajjin wal fakkaatu waan qabnuufi. * Namoonni Hisqiʼel, raajii kufaatii Yerusaalem ilaalchisee lallabeef baayʼeen, ergaa isaa hin amanne. (His. 12:27, 28) Yeroo booda Yihudoonni boojuu Baabilon jala turanii fi garaa qajeelaa akka qaban argisiisan tokko tokko gara biyya isaaniitti deebiʼaniiru. (Isa. 49:8) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni yeroo harʼaatti argaman hedduun, yaada addunyaan kun ni bada jedhu hin fudhatan. (2 Phe. 3:3, 4) Haa taʼu malee, hamma yeroon ilmaan namootaa ergaa Waaqayyoo itti fudhatan xumuramutti, namoonni garaa qajeelaa qaban daandii gara jireenyaatti geessu akka argatan gargaaruu barbaanna.—Mat. 7:13, 14; 2 Qor. 6:2.
17. Yeroo rakkina guddaatti haalawwanii fi taʼeewwan akkamii argina?
17 Dabalataanis raajiin Hisqiʼel, yommuu dhaabbilee amantii irratti haleellaan banamutti, miseensonni waldichaa amantiidhaaf loluuf ‘gara dirree waraanaa akka hin deemne’ nu yaadachiisa. Kanaa mannaa, kadhannaan “Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa” jechuudhaan dhiheessan deebii akka hin arganne yommuu hubatan, “harki isaanii hundi lamshaaʼee ni rarraʼa,” ‘naasuunis isaan qabata.’ (His. 7:3, 14, 17, 18; Mat. 7:21-23) Wanti kan biraan isaan godhan hoo maali dha? (Hisqiʼel 7:19-21 dubbisi.) Yihowaan, “Isaan meetii isaanii daandii irratti gatu” jechuudhaan dubbateera. Wanti jiraattota Yerusaalem durii ilaalchisee dubbatame kun, wanta yeroo rakkina guddaatti raawwatamu akka gaariitti ibsa. Yeroo sanatti, namoonni maallaqni rakkina dhufu irraa isaan oolchuu akka hin dandeenye ni hubatu.
18. Wantoota dursa kennuufii qabnu ilaalchisee raajii Hisqiʼel irraa maal baranna?
His. 7:26) Nuti garuu, isaan irraa haala faallaa taʼeen dhumni addunyaa hamaa kanaa akka dhihaate sirriitti beekna. Kanaafuu, amantiin abdii Waaqayyo kenne irratti qabnu, wantoota dursi kennamuufii qabuuf dursa akka kenninu nu kakaaseera. Kanaan kan kaʼes, qabeenya hafuuraa isa gatii guddaa qabuu fi matumaa “daandii irratti” hin gatamne argachuuf jabaannee hojjechaa jirra.—Maatewos 6:19-21, 24 dubbisi.
18 Barumsa kutaa raajii Hisqiʼel kana irraa argannu hubattaniittuu? Wanti dursa kennuufii qabnu maal taʼuu akka qabu nu barsiisa. Jiraattonni Yerusaalem wanta jireenya isaanii keessatti dursa kennaniif irratti jijjiirama guddaa kan godhan, magaalaan isaanii fi lubbuun isaanii badiisaaf akka saaxilame, akkasumas qabeenyi lubbuu isaanii oolchuu akka hin dandeenye erga hubatanii booda dha. Namoonni kun qabeenya isaanii gataniiru, akkasumas “nama raajii dubbatu irraa mulʼata [barbaaduu]” jalqabaniiru; taʼus kana kan godhan erga yeroon darbee booda ture. (19. Labsiin Hisqiʼel raajiidhaan dubbate yeroo ammaatti kan nu ilaallatu akkamitti?
19 Kufaatii Yerusaalem ilaalchisee wantoonni Hisqiʼel raajiidhaan dubbate, yeroo harʼaatti kan nu ilaallatan karaawwan kamiini? Raajiiwwan kun, warri kaan tajaajiltoota Waaqayyoo akka taʼan gargaaruuf yeroon hafe muraasa taʼuu isaa nu yaadachiisu. Kanaafuu, hojii barattoota gochuu miira ariitiitiin ni raawwanna. Namoonni garaa qajeelaa qaban, Abbaa keenya Yihowaa waaqeffachuu yommuu jalqaban baayʼee gammanna. Haa taʼu malee, namoota tarkaanfii akkasii hin fudhanneef illee akeekkachiisa Hisqiʼel, “Dhumni si irratti dhufeera” jechuudhaan namoota bara isaatti turaniif kenne lallabuu keenya itti fufna. (His. 3:19, 21; 7:3) Kana malees, amanannaa Yihowaa irratti qabnu eegnee jiraachuu fi jireenya keenya keessatti waaqeffannaa isaa isa qulqulluutiif iddoo hunda irra caalu kennuuf murteessineerra.—Far. 52:7, 8; Fak. 11:28; Mat. 6:33.
^ key. 3 Hisqiʼel mallattoowwan kana hundumaa kan argisiise namoota isa ilaalaa turan duratti dha jedhanii yaaduun sirrii dha. Maaliifi? Sababiin isaas, hojiin argisiisawwan kanneen akka daabboo tolchuu fi miʼa baachuu jiran “ijuma isaanii duratti” akka argisiisu Yihowaan kallattiidhaan isa ajajeera.—His. 4:12; 12:7.
^ key. 13 Yihowaan Yerusaalem akka baddu heyyamuudhaan, gosawwan lamaan mootummaa Yihudaa qofa irratti utuu hin taʼin, gosawwan kurnan mootummaa Israaʼel irrattis murtii akka dabarse ibseera. (Er. 11:17; His. 9:9, 10) Kitaaba Kitaabota Qulqulluu Gadi Fageenyaan Hubachuu (Ingiliffa) jedhamu jildii 1, fuula 462, “Duraa Duuba Yeroo—Dh.K.D. Bara 997 Hanga Badiisa Yerusaalemitti” jedhu ilaali.
^ key. 16 Lakkoofsota muraasa Hisqiʼel 7:5-7 irratti argaman irratti Yihowaan jechoota “dhufaa jira,” “ni dhufa,” akkasumas “gaʼeera,” jedhan walumaa galatti siʼa jaʼa itti fayyadamuu isaa qalbeeffadhaa.