BOQONNAA 7
Saboonni “Ani Yihowaa Taʼuu Koo Dhugumaan ni Hubatu”
YAADA IJOO: Walitti dhufeenya Israaʼelonni saboota maqaa Yihowaa salphisanii wajjin qaban irraa barumsa argannu
1, 2. (a) Israaʼel akka hoolaa yeeyyiidhaan marfamtee jirtuu kan turte akkamitti? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Israaʼelonnii fi mootonni isaanii maaltu akka taʼu heyyamaniiru?
ISRAAʼEL waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif, akka hoolaa yeeyyiidhaan marfamtee jirtuu turte. Daangaa ishii isa kallattii bahaatiin argamuun, Amoononni, Moʼaabonnii fi Edoomonni ishii doorsisu turan. Filisxeemonni warri yeroo hundumaa diinota Israaʼel taʼan kallattii dhihaatiin argamu turan. Kallattii kaabaatiin magaalaa Xiiros ishii soorettii fi giddu gala daldalaa guddaa taatetu argama. Kallattii kibbaatiin immoo saba Gibxii durii warra mootii akka waaqaatti ilaalamuu fi Faraʼoon jedhamuun bulantu argama.
2 Yommuu Israaʼelonni Yihowaatti amanamanitti, Yihowaan diinota isaanii irraa isaan eega ture. Haa taʼu malee, sabichii fi mootonni isaanii irra deddeebiʼanii saboonni naannoo isaanii jiran akka isaan mancaasan heyyamaniiru. Ahaab Mootichi bulchitoota sodaattuu taʼanii fi ejjennoo hin qabne keessaa tokko ture. Bara Yoshaafaax Mootichi Yihudaa bulchaa turetti, Ahaab immoo gosoota kurnan mootummaa Israaʼel bulchaa ture. Ahaab, intala mootii Siidoonotaa isa magaalaa Xiiros ishii badhaatuu taate toʼachaa ture sanaa fuudhe. Dubartiin Elsaabex jedhamtu tun waaqeffannaan Baʼaal Israaʼel keessatti akka babalʼatu gooteetti, akkasumas haala kana dura taʼee hin beekneen 1 Mot. 16:30-33; 18:4, 19.
waaqeffannaa qulqulluu akka mancaasuuf abbaa manaa ishii irratti dhiibbaa gooteetti.—3, 4. (a) Hisqiʼel amma eenyufaa irratti xiyyeeffate? (b) Gaaffiiwwan akkamii irratti mariʼanna?
3 Yihowaan sabni isaa isaaf amanamoo taʼuu dhiisuun isaanii rakkoowwan akkamii akka isaanitti fidu isaan akeekkachiisee ture. Amma garuu obsa isaa fixateera. (Er. 21:7, 10; His. 5:7-9) Dhaloota Kiristoos Dura bara 609tti loltoonni Baabilon, yeroo sadaffaadhaaf gara Biyyattii Abdachiifamteetti deebiʼan. Yeroo dhumaatiif erga isaan weeraranii gara waggaa kudhanii taʼeera. Yeroo kanatti dallaa Yerusaalem diiganiiru, akkasumas namoota Nebukadnezaar irratti fincilan balleessaniiru. Yeroo Yerusaalem marfamuu jalqabdee fi raajiin Hisqiʼel tokko tokkoon raawwatametti, raajichi saboota naannoo Biyyattii Abdachiifamteetti argaman irratti xiyyeeffachuu jalqabe.
Saboonni maqaa Yihowaa arrabsan miidhaa gochi isaanii kun isaan irraan geessisu jalaa hin miliqan
4 Yihowaan, diinonni Yihudaa, Yerusaalem baduu ishiitti akka gammadanii fi warra badiisa irraa oolan immoo akka cunqursan Hisqiʼelitti himeera. Haa taʼu malee, saboonni maqaa Yihowaa balleessanii fi saba isaa ariʼachaa ykn mancaasaa turan, miidhaa gochi isaanii kun isaan irraan geessisu jalaa hin miliqan. Walitti dhufeenya Israaʼelonni saboota kanaa wajjin qaban irraa maal baranna? Raajiiwwan Hisqiʼel saboota kana ilaalchisee dubbate hoo yeroo harʼaatti abdii akkamii nuuf kennu?
Firoota Israaʼelota Irratti ‘Akka Malee Qoosan’
5, 6. Amoononnii fi Israaʼelonni walitti dhufeenya akkamii qabu?
5 Amoon, Moʼaabii fi Edoom Israaʼelotaaf firoota dhiigaa turan. Maatii tokko irraa kan argamanii fi seenaa wal fakkaatu kan qaban taʼus, waggoota dheeraadhaaf saba Waaqayyootti diinota taʼaniiru, akkasumas ‘akka malee itti qoosaniiru.’—His. 25:6.
6 Mee waaʼee Amoonotaa haa ilaallu. Amoononni sanyii Loox isa ilma obboleessa Abrahaam taʼee ti; ilmi Loox intala isaa ishii quxisuu irraa dhalche abbaa Amoonotaa ti. (Uma. 19:38) Afaan isaanii Afaan Ibrootaa wajjin baayʼee waan wal fakkaatuuf, sabni Waaqayyoo afaan kana hubachuu waan dandaʼan fakkaata. Saboonni kun firummaa dhiigaa waan qabaniif, Yihowaan Israaʼelonni Amoonota irratti waraana akka hin banne isaanitti himeera. (Kes. 2:19) Haa taʼu malee, bara Abbootii Murtiitti, Amoononni Mootii Moʼaabotaa kan ture Egloonii wajjin taʼanii Israaʼelota cunqursaniiru. (Abo. 3:12-15, 27-30) Yeroo booda, yommuu Saaʼol mootii taʼee muudametti, Amoononni Israaʼelota waraananiiru. (1 Sam. 11:1-4) Bara Yoshaafaax mootichaatti, Amoononni ammas Moʼaabii wajjin taʼuudhaan Biyyattii Abdachiifamte weeraraniiru.—2 Sen. 20:1, 2.
7. Moʼaabonni, Israaʼelota fira isaanii taʼan irratti maal raawwatan?
7 Moʼaabonni immoo sanyii Loox warra inni intala isaa ishii angafaa irraa dhalche irraa argamani dha. (Uma. 19:36, 37) Yihowaan Israaʼelonni Moʼaabota akka hin waraanne isaanitti himeera. (Kes. 2:9) Moʼaabonni garuu, wanta gaarii isaaniif godhameef wanta gaarii hin deebisne. Firoota isaanii garbummaa Gibxii jalaa baʼan kana gargaaruu mannaa, Biyyattii Abdachiifamtetti akka hin galle isaan dhowwuuf yaalaniiru. Baalaaq inni mootii Moʼaabotaa taʼe, Israaʼelota abaaruuf Balaʼaamiin kan qacare yeroo taʼu, Balaʼaamis dhiirota Israaʼel gowwoomsuudhaan halalummaa akka raawwatanii fi waaqolii tolfamoo akka waaqeffatan gochuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe Baalaaqitti hime. (Lak. 22:1-8; 25:1-9; Mul. 2:14) Moʼaabonni hanga bara Hisqiʼelitti jaarraawwan hedduudhaaf firoota isaanii cunqursuu isaanii itti fufaniiru.—2 Mot. 24:1, 2.
8. Yihowaan Edoom obboleessa Israaʼel akka taʼe kan dubbate maaliifi? Edoomonni hoo maal godhan?
8 Edoomonni sanyii Esaawu isa lakkuu Yaaqoob taʼe irraa kan argamani dha. Firummaan isaan gidduu jiru cimaa waan taʼeef, Yihowaan Edoomonnii fi Israaʼelonni obboloota akka taʼan ibseera. (Kes. 2:1-5; 23:7, 8) Haa taʼu malee, Edoomonni, Israaʼelonni Gibxii keessaa erga baʼanii jalqabee hanga Dh.K.D. bara 607tti, jechuunis hanga badiisa Yerusaalemitti isaan mormaa turan. (Lak. 20:14, 18; His. 25:12) Yeroo sanatti, Edoomonni rakkina Israaʼelotaatti gammaduu fi warri Baabilon Yerusaalemiin akka balleessan dhiibbaa irratti gochuu qofa utuu hin taʼin, namni Israaʼel kam iyyuu akka hin miliqne karaa itti cufaniiru, akkasumas diinatti dabarsanii isaan kennaniiru.—Far. 137:7; Oba. 11, 14.
9, 10. (a) Amoon, Moʼaabii fi Edoom irra maaltu gaʼe? (b) Diina saba Waaqayyoo kan taʼan namoota saboota kana keessa jiran hunda akka hin turre fakkeenyi argisiisu maali dha?
9 Yihowaan wanta saboonni firoota Israaʼel taʼan hundi saba isaa irratti raawwataniif isaan adabeera. Inni, ‘Amoononni saboota gidduutti akka hin yaadatamneef, ani Amoonota saba Bahaatiif dhaala godhee nan kenna’ jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Moʼaab irratti murtii nan dabarsa; isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu” jedheera. (His. 25:10, 11) Yerusaalem erga kuftee gara waggaa shanii booda, yommuu warri Baabilon, Amoonii fi Moʼaabiin qabatanitti raajiiwwan sun raawwii isaanii argachuu jalqaban. Yihowaan Edoomiin ilaalchisee, “Namas taʼe horii isa keessaa nan balleessa; isas ona nan godha” jechuudhaan dubbateera. (His. 25:13) Akkuma dursee dubbatame, Amoon, Moʼaabii fi Edoom yeroo booda guutummaatti balleeffamaniiru.—Er. 9:25, 26; 48:42; 49:17, 18.
10 Haa taʼu malee, diina saba Waaqayyoo kan taʼan namoota saboota kana keessa jiran hunda hin turre. Fakkeenyaaf, Zeleeq Amoonichii fi Yitmaa Moʼaabichi loltoota jajjaboo Daawit Mootichaa keessaa tokko turan. (1 Sen. 11:26, 39, 46; 12:1) Kana malees, Ruut ishiin biyya Moʼaab dubartii amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffattu taateetti.—Rut. 1:4, 16, 17.
Xinnuma illee ejjennoo kee hin laaffisin
11. Walitti dhufeenya Israaʼelonni Amoon, Moʼaabii fi Edoom wajjin qaban irraa maal barachuu dandeenya?
11 Walitti dhufeenya Israaʼelonni saboota kanaa wajjin qaban irraa maal barachuu dandeenya? Jalqaba, yommuu Israaʼelonni firoonni isaanii dhiibbaa akka isaan irratti godhan heyyaman, waaqa Moʼaabotaa Baʼaal Pheʼor jedhamuu fi waaqa Amoonotaa Moleek jedhamu waaqeffachuu eegalan. (Lak. 25:1-3; 1 Mot. 11:7) Wanti kanaa wajjin wal fakkaatu nu irras gaʼuu dandaʼa. Firoota Dhugaa Baatota hin taanee fi ejjennoo keenya akka laaffisnu nu jajjabeessan irraa dhiibbaan nu irra gaʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namoonni kun, nuti ayyaana Duʼaa Kaʼuu kan hin kabajne, ayyaana Qillee irratti kennaa kan waliif hin kennine ykn duudhaawwan beekamoo amantii sobaa wajjin walitti dhufeenya qaban kan biroo irratti kan hin hirmaanne maaliif akka taʼe hin hubatan taʼa. Yaada gaariidhaan kakaʼanii yeroo gabaabaadhaaf illee, ejjennoo keenya akka laaffisnu gochuuf yaalu taʼa. Haa taʼu malee, matumaa dhiibbaa akkasiitiif moʼamuu dhiisuun baayʼee barbaachisaa dha! Seenaan Israaʼelotaa akka argisiisutti, xinnuma illee ejjennoo keenya laaffisuun keenya balaa guddaa nu irraan geessisuu dandaʼa.
12, 13. Mormiin akkamii nu irra gaʼuu dandaʼa? Amanamoo taanee yoo jiraanne garuu buʼaa akkamii argachuu dandeenya?
12 Walitti dhufeenya Israaʼelonni Amoonota, Moʼaabotaa fi Edoomota wajjin qaban irraa wanti barannu kan biraanis jira. Tarii, miseensota maatii keenya warra Dhugaa Baatota hin taane irraa ariʼatamni guddaan nu irra gaʼuu dandaʼa. Yesuus, ergaan nuti lallabnu yeroo tokko tokko “ilma abbaa isaa irraa, intala haadha ishii irraa . . . gargar baasuu” akka dandaʼu akeekkachiiseera. (Mat. 10:35, 36) Yihowaan Israaʼelonni, firoota isaanii wajjin akka wal hin lolle isaan ajajeera, nutis miseensota maatii keenya warra Dhugaa Baatota hin taane wajjin walitti buʼuu hin barbaannu. Haa taʼu malee, mormiin nu irra gaʼuun isaa nu dinqisiisuu hin qabu.—2 Xim. 3:12.
13 Firoonni keenya kallattiidhaan waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu mormuu baatanis, dhiibbaan isaan nu irraan geessisan, kan Yihowaa irra akka caalu heyyamuu hin qabnu. Maaliifi? Sababiin isaas, Yihowaan garaa keenya keessatti iddoo jalqabaa argachuun isaaf mala. (Maatewos 10:37 dubbisi.) Kana malees, Yihowaadhaaf amanamoo taanee yoo itti fufne, firoonni keenya tokko tokko akkuma Zeleeq, Yitmaa fi Ruut waaqeffannaa qulqulluu irratti nu wajjin hirmaachuu dandaʼu. (1 Xim. 4:16) Isaanis gammachuu Waaqa dhugaa isa tokkicha tajaajiluudhaan argamu, akkasumas jaalalaa fi eegumsa isaa ni argatu.
Diinonni Yihowaa “Adaba Cimaa” ni Adabamu
14, 15. Filisxeemonni Israaʼelota irratti maal raawwatan?
14 Filisxeemonni saba odola Qarxees irraa gara biyya Yihowaan Abrahaamii fi sanyii isaatiif kennuuf waadaa galetti godaanani dha. Abrahaamii fi Yisihaaq namoota kanaa wajjin walitti dhufeenya qabu turan. (Uma. 21:29-32; 26:1) Yeroo Israaʼelonni gara Biyyattii Abdachiifamteetti galanitti, Filisxeemonni saba guddaa humna waraanaa cimaa taʼe qabu taʼanii turan. Filisxeemonni waaqolii sobaa kanneen akka Baʼaal Zebuubii fi Daagon waaqeffatu turan. (1 Sam. 5:1-4; 2 Mot. 1:2, 3) Yeroon Israaʼelonni waaqolii kana isaanii wajjin waaqeffachaa itti turanis jira ture.—Abo. 10:6.
15 Israaʼelonni amanamoo waan hin turreef, Yihowaan Filisxeemonni waggoota hedduudhaaf Israaʼelota akka bulchan heyyamee ture. (Abo. 10:7, 8; His. 25:15) Dhorkaawwan nama cunqursan * Israaʼelota irra kan kaaʼan yeroo taʼu namoota baayʼees ajjeesaniiru. (1 Sam. 4:10) Haa taʼu malee, yommuu Israaʼelonni yaada geeddaratanii gara Yihowaatti deebiʼan, inni isaan ni oolcha ture. Namoota kanneen akka Saamson, Saaʼolii fi Daawititti fayyadamuudhaan saba isaa oolcheera. (Abo. 13:5, 24; 1 Sam. 9:15-17; 18:6, 7) Akkuma Hisqiʼel dursee dubbate, Baabilononnii fi Giriikonni yommuu biyya isaanii weeraranitti, Filisxeemonni “adaba cimaa” adabamaniiru.—His. 25:15-17.
16, 17. Walitti dhufeenya Israaʼelonni Filisxeemotaa wajjin qaban irraa maal barachuu dandeenya?
16 Walitti dhufeenya Israaʼelonni Filisxeemotaa wajjin qaban irraa maal barachuu dandeenya? Sabni Yihowaa bara keenya jiran saboota humna guddaa qaban irraa mormiin isaan irra gaʼeera. Nuti garuu Israaʼelota irraa haala faallaa taʼeen, Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu keenya argisiisneerra. Taʼus, yeroo tokko tokko diinonni waaqeffannaa qulqulluu waan milkaaʼan fakkaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, jalqaba jaarraa 20ffaa keessatti mootummaan Yunaayitid Isteetis obboloonni dursa fudhachuudhaan hojii jaarmiyichaa geggeessaa turan gara waggoota 20tiif akka hidhaman itti murteessuudhaan, hojii sabni Yihowaa hojjetan dhaabsisuuf yaalee ture. Yeroo waraana addunyaa lammaffaatti, paartiin Naazii Jarmanii obboloota kumaan lakkaaʼaman hidhuudhaan, akkasumas obboloota dhibbaan lakkaaʼaman ajjeesuudhaan saba Waaqayyoo haxaaʼee balleessuuf yaalee ture. Waraanicha booda immoo Tokkummaan Sooviyeet obboloota keenya kaampiiwwan hojiin humnaa itti hojjetamanitti erguudhaan ykn naannoowwan fagoo biyyattiitti isaan geessuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti duula waggoota dheeraadhaaf ture bananiiru.
17 Tarii, mootummoonni hojii lallabaa keenya dhorkuu, saba Waaqayyoo hidhuu fi nu keessaa tokko tokko illee ajjeesuu isaanii itti fufuu dandaʼu. Wantoonni kun akka sodaannuu fi amantii akka dhabnu nu gochuu qabuu? Lakki! Yihowaan saba isaa warra amanamoo taʼan ni eega. (Maatewos 10:28-31 dubbisi.) Mootummoonni humna guddaa qabanii fi nama cunqursan yommuu badanii fi sabni Yihowaa immoo yommuu baayʼachuu isaanii itti fufan argineerra. Yeroo dhihootti, mootummoonni ilmaan namootaa hundi akkuma Filisxeemotaa Yihowaa beekuuf ni dirqamu. Akkasumas akkuma Filisxeemota durii guutummaatti lafa irraa ni balleeffamu!
‘Qabeenyi Hedduun’ Eegumsa Itti Fufiinsa Qabu hin Argamsiisu
18. Xiiros ishiin durii magaalaa akkamii turte?
18 Xiiros * ishiin durii wiirtuu daldalaa guguddoo bara duriitti turan keessaa tokko turte. Xiiros kallattii dhihaatiin daandiiwwan daldalaa Galaana Meditiraaniyaa qaxxaamuran hedduu qabdi turte. Kallattii bahaatiin immoo daandiiwwan daldalaa lafa irraa biyyoota fagaatanii jiran kaanii wajjin wal ishii qunnamsiisu hedduu qabdi. Jaarraawwan hedduudhaaf, biyyoota fagaatanii jiran kana irraa qabeenya hedduu kuufachuu dandeesseetti. Daldaltoonni ishii baayʼee dureeyyii waan turaniif akka bulchitootaatti of ilaalu turan.—Isa. 23:8.
19, 20. Jiraattota Xiirosii fi Gibeʼonota gidduu garaa garummaa akkamiitu ture?
19 Bara bulchiinsa Daawit Mootichaattii fi Solomoon Mootichaatti, Israaʼelonni warra Xiiros waliin walitti dhufeenya cimaa qabu turan, warri Xiirosis masaraan mootummaa Daawit, akkasumas yeroo booda manni qulqullummaa Solomoon yommuu ijaarametti, meeshaalee fi ogeeyyii dhiheessuudhaan isaan gargaaraniiru. (2 Sen. 2:1, 3, 7-16) Warri Xiiros Israaʼelonni Yihowaadhaaf yeroo amanamanii fi innis yeroo isaan eebbisu arganiiru. (1 Mot. 3:10-12; 10:4-9) Namoonni Xiiros kumaan lakkaaʼaman, waaʼee waaqeffannaa qulqulluu barachuuf, Yihowaa beekuu fi Waaqa dhugaa tajaajiluudhaan eebba argamu ijuma isaaniitiin arguuf carraa akkamii akka argatan mee yaadaa!
20 Jiraattonni Xiiros carraa akkasii kan argatan taʼus, jireenya isaanii keessatti qabeenyaaf iddoo guddaa kennuu isaanii itti fufaniiru. Isaan fakkeenya Gibeʼon ishii magaalaa cimtuu Kanaʼaanotaa taatee fi jiraattonni ishii hojiiwwan Yihowaa warra guguddoo dhagaʼuudhaan qofa tajaajiltoota isaa taʼuuf kakaʼanii hin hordofne. (Iya. 9:2, 3, 22–10:2) Siruma iyyuu warri Xiiros, saba Waaqayyoo mormaniiru, akkasumas isaan keessaa muraasa isaanii garbummaatti gurguraniiru.—Far. 83:2, 7; Yoe. 3:4, 6; Amo. 1:9.
Matumaa qabeenya akka dallaa eegumsaatti ilaaluu hin barbaannu
21, 22. Xiiros irra maaltu gaʼe? Maaliifi?
21 Yihowaan karaa Hisqiʼel mormitoota kanaan akkana jedheera: His. 26:1-5) Warri Xiiros akkuma dallaan isaanii inni meetira 46 dheeratu eegumsa isaaniif godhu, qabeenyi isaaniis eegumsa akka isaaniif godhu yaadanii turan. Akeekkachiisa Solomoon, “Qabeenyi sooressaa isaaf magaalaa dallaa dhagaa qabdu dha; akka dallaa eegumsaa godhees isa ni yaada” jechuudhaan kenneef xiyyeeffannaa kennuu qabu turan.—Fak. 18:11.
“Yaa Xiiros, kunoo ani si irratti kaʼeera; akkuma galaanni dambalii fidutti anis saboota hedduu si irratti nan fida. Isaan dallaawwan Xiiros ni balleessu, masaraawwan ishiis ni diigu; anis biyyoo ishii irraa haxaaʼee nan balleessa; qarsaa calaqqisuu fi qullaa taʼes ishii nan godha.” (22 Yommuu Baabilononni achiis Giriikonni raajiin Hisqiʼel dubbate akka raawwatamu godhanitti, jiraattonni Xiiros qabeenyi isaanis taʼe dallaan isaanii eegumsa isaaniif gochuu akka hin dandeenye hubataniiru. Baabilononni Yerusaalemiin erga balleessanii booda, Xiiros irratti duula waraanaa waggoota 13f ture geggeessaniiru. (His. 29:17, 18) Achiis Dh.K.D. bara 332tti, Aleeksaandar Guddichi kutaan raajii Hisqiʼel inni dinqisiisaan raawwii isaa akka argatu godheera. * Loltoonni isaa diiggaa magaalaa guddoo sanaa walitti qabuudhaan, akkasumas dhagaa, mukeetii fi biyyoo galaanicha keessatti naquudhaan, karaa gara magaalaa Xiiros ishii odola irra jirtuutti geessu hojjetaniiru. (His. 26:4, 12) Aleeksaandar dallaa isaanii diigeera, magaalattii saameera, loltootaa fi jiraattota ishii kumaan lakkaaʼaman ajjeeseera, akkasumas namoota gara kuma kudhanii ol taʼan garbummaatti gurgureera. Jiraattonni Xiiros ‘qabeenyi hedduun’ eegumsa itti fufiinsa qabu akka isaaniif hin argamsiisne rakkina isaan irra gaʼe irraa yeroo baratanitti, Yihowaa beekuuf dirqamaniiru.—His. 27:33, 34.
23. Jiraattota Xiiros irraa maal barachuu dandeenya?
23 Jiraattota Xiiros irraa maal barachuu dandeenya? “Humni qabeenyi gowwoomsuuf qabu,” qabeenya akka dallaa eegumsa argamsiisutti akka ilaallu nu taasisuu hin qabu. (Mat. 13:22) “Waaqayyoo fi Qabeenyaaf garbicha taʼuu” hin dandeenyu. (Maatewos 6:24 dubbisi.) Nagaa fi eegumsa argachuu kan dandaʼan warra garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilan qofa dha. (Mat. 6:31-33; Yoh. 10:27-29) Akkuma raajiiwwan Xiirosiin ilaalchisee dubbataman hundi raawwataman, raajiiwwan waaʼee dhuma sirna kanaa dubbatamanis tokko tokkoon ni raawwatamu. Yeroo sanatti, namoonni qabeenyatti amanaman, yommuu Yihowaan addunyaa daldalaa sassataa fi ofittoo taʼe kana balleessutti, isa beekuuf ni dirqamu.
Humna Siyaasaa Akka “Shomboqqoo” Taʼe
24-26. (a) Yihowaan Gibxii “shomboqqoo” jedhee kan waame maaliifi? (b) Zedeeqiyaa Mootichi qajeelfama Yihowaa dhagaʼuu kan dide akkamitti? Wanti isa irra gaʼe hoo maali dha?
24 Gibxiin bara Yoseef duraa jalqabee, hanga bara Baabilononni Yerusaalemiin marsanitti, biyyoota naannoo Biyyattii Abdachiifamteetti argaman irratti dhiibbaa siyaasaa guddaa geessisaa turte. Biyyi kun seenaa dheeraa waan qabduuf akka muka umurii dheeraa qabuu fi hidda gadi fageeffateetti kan hin sochoone fakkaatti turte. Haa taʼu His. 29:6.
malee, yommuu Yihowaa wajjin wal bira qabamtee ilaalamtu, akkuma “shomboqqoo” dadhabduu turte.—25 Zedeeqiyaa Mootichi inni gantuu taʼe Gibxiin ilaalchisee dhugaa kana hin hubanne ture. Yihowaan karaa Ermiyaas raajichaa Zedeeqiyaan, mootii Baabiloniif akka bitamu isa gorsee ture. (Er. 27:12) Zedeeqiyaan, Nebukadnezaar irratti akka hin fincille maqaa Yihowaatiin illee kakatee ture. Taʼus, qajeelfama Yihowaa dhagaʼuu diduudhaan, akkasumas kakuu Nebukadnezaariif gale cabsuudhaan, waraana Baabilonii wajjin godhu irratti Gibxiin akka isa gargaartu gaafateera. (2 Sen. 36:13; His. 17:12-20) Haa taʼu malee, Israaʼelonni humna siyaasaa Gibxiitti amanaman, miidhaa guddaa of irratti fidaniiru. (His. 29:7) Tarii, Gibxiin akkuma “uumama galaanaa guddaa” cimtuu taatee mulʼatti taʼa. (His. 29:3, 4) Garuu, Yihowaan akkuma adamsituun naacha Abbayyaa qabutti, mangaagaa Gibxiitti hookkoo galchuudhaan gara badiisaatti akka ishii harkisu dubbateera. Baabilononni biyya durii kana akka injifatan gochuudhaanis wanta dubbate raawwateera.—His. 29:9-12, 19.
26 Zedeeqiyaa isa amanamaa hin taane irra hoo maaltu gaʼe? ‘Geggeessaa hamaan’ kun Yihowaa irratti waan fincileef, akkuma Hisqiʼel dursee dubbate aangoo isaa ni dhaba, bulchiinsi isaas ni balleeffama. Haa taʼu malee, raajiin Hisqiʼel abdiis qabateera. (His. 21:25-27) Yihowaan mootiin sanyii moototaa keessaa argamuu fi “mirga seeraa qabu” tokko, teessoo sana irra akka taaʼu raajii dubbateera. Boqonnaa kitaaba kanaa itti aanu irratti mootiin kun eenyu akka taʼe ilaalla.
27. Walitti dhufeenya Israaʼelonni Gibxii wajjin qaban irraa maal barachuu dandeenya?
27 Walitti dhufeenya Israaʼelonni Gibxii wajjin qaban irraa maal barachuu Yoh. 15:19; Yaq. 4:4) Sirni siyaasaa cimaa kan fakkaatu taʼus, akkuma Gibxii durii shomboqqoo salphaatti cabuu dandaʼu dha. Abdii keenya Waaqa uumama cufa keessatti ol aantummaa qabu irratti utuu hin taʼin ilmaan namootaa duʼuu dandaʼan irra kaaʼachuun gowwummaa guddaa dha!—Faarfannaa 146:3-6 dubbisi.
dandeenya? Sabni Yihowaa yeroo harʼaatti argaman, humnoonni siyaasaa nageenya itti fufiinsa qabu ni fidu jedhanii yaaduudhaan isaanitti amanamuu irraa of qusachuu qabu. Yaada keenyaan illee “kutaa addunyaa” taʼuu irraa fagaachuu qabna. (Saboonni “Dhugumaan ni Hubatu”
28-30. Haalli saboonni Yihowaa beekuuf itti dirqamanii fi haalli nuti Yihowaa itti beeknu garaa garummaa akkamii qaba?
28 Yihowaan kitaaba Hisqiʼel keessatti yeroo baayʼee, saboonni “ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu” jechuudhaan dubbateera. (His. 25:17) Jechoonni kun bara duriitti, yommuu Yihowaan saboota diinota saba isaa taʼan irratti murtii dabarsetti, dhugaa taʼuun isaanii mirkanaaʼeera. Haa taʼu malee, bara keenyatti raawwii isaanii isa guddaa ni argatu. Akkamitti?
29 Akkuma saba Waaqayyoo bara durii, nutis saboota akkuma hoolaa eegumsa hin qabneetti nu ilaalaniin marfamnee jirra. (His. 38:10-13) Akkuma Boqonnaa 17ffaa fi 18ffaa kitaaba kanaa irratti ilaallu, saboonni yeroo dhihootti humna qaban hundumaatti fayyadamuudhaan saba Waaqayyoo irratti haleellaa cimaa taʼe ni banu. Yeroo sanatti garuu qaamni isaan caalaa humna guddaa qabu akka jiru ni hubatu. Yeroo Yihowaan waraana Armaagedooniin isaan balleessutti, Yihowaa beekuu fi ol aantummaa isaa amananii fudhachuuf ni dirqamu.—Mul. 16:16; 19:17-21.
30 Faallaa kanaatiin garuu, Yihowaan eegumsa nuuf godha, akkasumas nu eebbisa. Maaliifi? Sababiin isaas, Yihowaatti amanamuudhaan, isaaf ajajamuudhaan, akkasumas waaqeffannaa qulqulluu isaaf malu isaaf dhiheessuudhaan akka isa beeknu argisiisneerra.—Hisqiʼel 28:26 dubbisi.
^ key. 15 Fakkeenyaaf, Filisxeemonni hojiin sibiilaa kam iyyuu Israaʼel keessatti akka hin hojjetamne dhorkanii turan. Israaʼelonni meeshaalee qonnaa isaanii qarsiifachuuf gara Filisxeemotaa kan deeman yeroo taʼu Filisxeemonnis, mindaa Israaʼelonni guyyoota hedduudhaaf hojjetanii argatan isaan kaffalchiisu turan.—1 Sam. 13:19-22.
^ key. 18 Magaalaan Xiiros ishiin jalqabaa, odola qarsaa Gaara Qarmeelos irraa kallattii kaabaatiin kiilomeetira 50 fagaatee argamu irratti hundeeffamte. Yeroo booda kutaan dabalataa magaalattii lafa gogaa irratti ijaarame. Maqaan Ibraayisxii magaalaa kanaa Suur jedhama; Suur jechuun “Qarsaa” jechuu dha.
^ key. 22 Isaayyaas, Ermiyaas, Yooʼel, Amoosii fi Zakkaariyaasis Xiiros irratti raajii dubbataniiru; raajiiwwan isaanii kunis guutummaatti raawwatamaniiru.—Isa. 23:1-8; Er. 25:15, 22, 27; Yoe. 3:4; Amo. 1:10; Zak. 9:3, 4.