BOQONNAA 5
“Wanta Hamaa fi Jibbisiisaa Isaan . . . Raawwachaa Jiran Ilaali”
YAADA IJOO: Yihudaan ishiin gantuu taate karaa hafuuraa fi karaa naamusaa mancaate
1-3. Yihowaan, Hisqiʼel mana qulqullummaa Yerusaalem keessatti maal akka argu barbaade? Maaliif? (Yaadaa fi fakkii Kutaa 2ffaa ilaali.)
HISQIʼEL raajichi ilma lubaa waan taʼeef, Seera Musee akka gaariitti beeka. Kanaafuu mana qulqullummaa Yerusaalemitti argamus taʼe waaqeffannaa qulqulluu Yihowaa achi keessatti dhihaachuu qabu sirriitti beeka. (His. 1:3; Mil. 2:7) Haa taʼu malee, wanti Dh.K.D. bara 612tti mana qulqullummaa Yihowaa keessatti raawwatamaa ture Hisqiʼeliin dabalatee nama Yihudii amanamaa taʼe kam iyyuu kan naasisu ture.
2 Yihowaan, Hisqiʼel wantoota gaddisiisoo mana qulqullummaa keessatti raawwataman erga ilaalee booda ‘jaarsolii Yihudaa’ akkuma isaa boojiʼamanii jiranii fi mana isaa keessatti walitti qabamanii jiranitti akka himu barbaadee ture. (Hisqiʼel 8:1-4 dubbisi; His. 11:24, 25; 20:1-3) Yihowaan hafuura qulqulluutti fayyadamee Hisqiʼeliin (mulʼataan) mana isaa isa Teel Abiibitti argamuu fi laga Kebaar isa Baabilon keessatti argamutti dhihoo jiru irraa gara Yerusaalem ishii kallattii dhihaatiin kiilomeetira hedduu fagaattee argamtutti geesse. Yihowaan, Hisqiʼel raajicha gara karra mooraa mana qulqullummaa isa keessaa isa kallattii kaabaatiin argamutti isa geesse. Mulʼataan mana qulqullummaa isa daawwachiisuu kan jalqabes as irraa eegalee ti.
3 Hisqiʼel doʼiiwwan nama naasisanii fi sabicha gidduutti waaqeffannaa
qulqulluun guutummaatti mancaʼuu isaa ibsan afur arguuf jira. Waaqeffannaan Yihowaa inni qulqulluun maal taʼe? Yeroo harʼaatti hoo mulʼanni kun hiika maalii nuuf qaba? Mee wanta Hisqiʼel daawwatu waliin haa ilaallu. Jalqaba garuu, wanta Yihowaan dhugumaan waaqeffattoota isaa irraa barbaadu ilaaluun nu barbaachisa.‘Ani Waaqa Namoonni Guutummaatti Akka Isaaf Bulan Barbaadu Dha’
4. Yihowaan waaqeffattoota isaa irraa maal barbaada?
4 Yihowaan, Hisqiʼel dhalachuu isaa gara jaarraa sagalii dura, wanta waaqeffattoota isaa irraa barbaadu ifatti dubbateera. Ajajawwan Kurnan keessaa isa lammaffaa irratti Yihowaan Israaʼelotaan, * “Ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu [dha]” jedhee ture. (Bau. 20:5) Yihowaan yaada ‘guutummaatti anaaf buluu’ jedhutti fayyadamuudhaan, waaqeffannaa waaqolii birootiif dhihaatu callisee akka bira hin darbine ibseera. Akkuma Boqonnaa 2ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaalle, waaqeffannaan keenya dhihaachuu kan qabu Yihowaadhaaf qofa dha; kun ulaagaalee waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuuf barbaachisan keessaa isa jalqabaa ti. Waaqeffattoonni isaa jireenya isaanii keessatti iddoo tokkoffaa isaaf kennuu qabu. (Bau. 20:3) Gabaabumatti, Yihowaan waaqeffattoonni isaa waaqeffannaa dhugaa waaqeffannaa sobaa wajjin walitti makuu dhiisuudhaan karaa hafuuraa qulqulluu taʼanii akka itti fufan isaan irraa eega. Dhaloota Kiristoos Dura bara 1513tti Israaʼelonni fedhiidhaan kakuu Seerichaa galaniiru. Akkas gochuudhaan, guutummaatti Yihowaadhaaf buluuf walii galaniiru. (Bau. 24:3-8) Yihowaan kakuu isaatiif amanamaa waan taʼeef sabni inni kakuu wajjin gales amanamoo akka taʼan isaan irraa eega.—Kes. 7:9, 10; 2 Sam. 22:26.
5, 6. Israaʼelonni guutummaatti Yihowaadhaaf buluun isaanii isaaf mala kan jennu maaliifi?
5 Yihowaan, Israaʼelonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaaduun isaa sirrii dhaa? Eeyyee sirrii dha! Inni Waaqa Hundumaa Dandaʼu, uumama cufa irratti ol aantummaa qabuu fi Madda jireenyaa, akkasumas kan nu jiraachisu dha. (Far. 36:9; HoE. 17:28) Kana malees, Yihowaan Waaqa Israaʼelota garbummaa jalaa bilisa baase dha. Yommuu Ajajawwan Kurnan isaaniif kennetti, “Ani Waaqa kee Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa, mana garbummaa jalaa si baase dha” jechuudhaan isaan yaadachiiseera. (Bau. 20:2) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Israaʼelonni Yihowaa qofa waaqeffachuun isaanii kan isaaf malu dha.
6 Yihowaan hin jijjiiramu. (Mil. 3:6) Inni yeroo hundumaa guutummaatti akka isaaf bullu barbaada. Amma doʼiiwwan nama naasisanii fi mulʼataan Hisqiʼelitti argisiise arfan ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼame tilmaamuu dandeessu.
Doʼii Tokkoffaa: Mallattoo Waaqa Tolfamaa Hinaaffaa
7. (a) Yihudoonni gantoota taʼan karaa karra kaabaa mana qulqullummaa biratti maal gochaa turan? Yihowaatti hoo maaltu dhagaʼame? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Yihowaan kan hinaafe maaliifi? (Miiljalee 2ffaa ilaali.)
7 Hisqiʼel 8:5, 6 dubbisi. Hisqiʼel baayʼee rifatee taʼuu qaba. Karaa karra kaabaa mana qulqullummaatiin Yihudoonni gantoota taʼan mallattoo ykn fakkii tokko waaqeffachaa jiru. Tarii wanti kun utubaa waaqeffannaa waaqayyittii sobaa Asheeraa jedhamtuu fi Kanaʼaanonni haadha manaa Baʼaal akka taatetti ilaalan taʼuu dandaʼa. Kan isaan waaqeffatan maal iyyuu yoo taʼe, Israaʼelonni waaqolii tolfamoo waaqeffatan kun kakuu Yihowaa wajjin galan cabsaniiru. Waaqeffannaa Yihowaa qofaaf malu fakkii tokkoof kennuudhaan Waaqayyo akka hinaafu isa kakaasaniiru, akkasumas aarii qajeelinaa akka aaru isa taasisaniiru. * (Kes. 32:16; His. 5:13) Mee yaadaa: Gara waggaa 400 oliitiif iddoo qulqulluun mana qulqullummaa, Yihowaan isaan gidduu jiraachuu isaa kan argisiisu ture. (1 Mot. 8:10-13) Amma garuu namoonni waaqolii tolfamoo waaqeffatan sun waaqolii tolfamoo gara naannoo mana qulqullummaatti fiduudhaan Yihowaan ‘iddoo qulqulluu isaa irraa akka fagaatu’ godhaniiru.
8. Mulʼanni Hisqiʼel mallattoo hinaaffaa ilaalchisee arge yeroo harʼaatti hiika maalii nuuf qaba?
8 Mulʼanni Hisqiʼel mallattoo hinaaffaa ilaalchisee arge yeroo harʼaatti hiika maalii nuuf qaba? Yihudaan ishiin gantuu taate Saba Kiristiyaanaa nu yaadachiisti. Waldaaleen Saba Kiristiyaanaa Waaqayyoon akka waaqeffatan kan dubbatan taʼus, waaqolii tolfamoo waan waaqeffataniif Waaqayyo waaqeffannaa isaanii hin fudhatu. Yihowaan Waaqa hin jijjiiramne waan taʼeef, Sabni Kiristiyaanaa akkuma Yihudaa ishii gantuu taatee, aarii isaa isa qajeelina irratti hundaaʼe akka kakaaste mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Yaq. 1:17) Yihowaan Saba Kiristiyaanaa mancaate kana irraa fagoo akka taʼe beekamaa dha.
9, 10. Namoonni mana qulqullummaa keessatti waaqolii tolfamoo waaqeffatan barumsa akeekkachiisaa akkamii nuuf taʼu?
9 Namoonni mana qulqullummaa keessatti waaqolii tolfamoo waaqeffatan barumsa akeekkachiisaa akkamii nuuf taʼu? Yihowaa qofa waaqeffachuuf, ‘waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irraa baqachuu’ qabna. (1 Qor. 10:14) Tarii, ‘Waaqeffannaan Yihowaadhaaf dhiheessu irratti matumaa fakkiittis taʼe mallattootti hin fayyadamu’ jennee yaanna taʼa. Haa taʼu malee, karaa garaa garaa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu dandeenya, isaan keessaa tokko tokko immoo warra kaan caalaa karaa dhokataa taʼeen kan dhihaatani dha. Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko akka ibsetti, ‘Waaqayyoon waaqeffachuu caalaa wanta tokkoof iddoo, gatii ykn aangoo guddaa kennuun waaqolii tolfamoo waaqeffachuu wajjin tokko dha.’ Kanaafuu, Waaqa tolfamaa waaqeffachuun, qabeenya, maallaqa, saalqunnamtii fi bashannana dabalatee wanta jireenya keenya keessatti iddoo guddaa kenninuuf, akkasumas wanta waaqeffannaa Yihowaadhaaf qofa malu bakka buʼu kam iyyuu kan dabalatu taʼuu dandaʼa. (Mat. 6:19-21, 24; Efe. 5:5; Qol. 3:5) Guutummaatti waaqeffatamuu kan qabu Yihowaa qofa waan taʼeef, gosoota waaqolii tolfamoo kam irraa iyyuu of eeguu qabna.—1 Yoh. 5:21.
10 Doʼiin jalqabaa Yihowaan Hisqiʼelitti argisiise “wanta hamaa fi jibbisiisaa” kan dabalatu dha. Taʼus Yihowaan raajii isaa isa amanamaa taʼe kanaan, “Wanta jibbisiisaa kana irra iyyuu hammaatu ni argita” jedheera. Mana qulqullummaa keessatti mallattoo waaqa tolfamaa hinaaffaa waaqeffachuu caalaa wanti hammaatu maali dha?
Doʼii Lammaffaa: Jaarsolii 70 Waaqolii Sobaatiif Ixaana Aarsan
11. Hisqiʼel, gara mooraa isa keessaa isa iddoo aarsaa mana qulqullummaatti dhihoo jirutti erga seenee booda wantoota nama naasisan akkamii arge?
11 Hisqiʼel 8:7-12 dubbisi. Hisqiʼel qaawwa girgiddaa tokkoo balʼisuudhaan, gara mooraa isa keessaa isa iddoo aarsaa mana qulqullummaatti dhihoo jirutti seenee, “wantoota munyuuqanii fi bineensota jibbisiisoo taʼan, . . . akkasumas waaqolii tolfamoo . . . warra balfamoo taʼan hundumaa” girgiddaa sana irratti bocamanii arge. * Wantoonni girgiddaa sana irratti bocaman waaqolii sobaa argisiisu. Wanti Hisqiʼel kanatti aansuudhaan arge caalaatti kan nama jibbisiisu ture: “Jaarsoliin mana Israaʼel 70ni” “dukkana keessa” dhaabbatanii waaqolii sobaatiif ixaana aarsaa turan. Seericha keessatti ixaanni urgaa gaarii qabu, kadhannaa fudhatama qabuu fi waaqeffattoonni amanamoo taʼan dhiheessan argisiisa. (Far. 141:2) Haa taʼu malee, ixaanni jaarsoliin 70ni waaqolii sobaatiif dhiheessan kun Yihowaa duratti wanta xuraaʼaa foolii ajaaʼu qabu ture. Kadhannaan isaanii isaaf akkuma foolii jibbisiisaa ture. (Fak. 15:8) Jaarsoliin kun “Yihowaan nu hin argu” jedhanii yaaduudhaan of gowwoomsaniiru. Haa taʼu malee, Yihowaan isaan argeera, wanta isaan mana qulqullummaa isaa keessatti raawwachaa turan hundumaas Hisqiʼelitti argisiiseera.
12. “Dukkana keessatti” illee amanamoo taanee jiraachuu kan qabnu maaliifi? Gama kanaan fakkeenya gaarii taʼuu kan qaban hoo eenyu faʼi?
12 Seenaa Hisqiʼel jaarsolii mana Israaʼel 70 warra waaqolii sobaatiif ixaana aarsan ilaalchisee dubbate irraa maal baranna? Kadhannaan keenya Waaqayyo biratti akka dhagaʼamuu fi waaqeffannaan keenya isa duratti qulqulluu taʼee akka itti fufu yoo barbaanne “dukkana keessatti” illee isaaf amanamoo taanee jiraachuu qabna. (Fak. 15:29) Yihowaan wanta goonu hundumaa akka argu matumaa dagachuu hin qabnu. Yihowaan kan nuuf dhugoome yoo taʼe, wanta akka isa gaddisiisu beeknu kam iyyuu dhoksaatti hin raawwannu. (Ibr. 4:13) Keessumaa jaarsoliin gumii, jireenya Kiristiyaanummaa jiraachuudhaan fakkeenya gaarii taʼuu qabu. (1 Phe. 5:2, 3) Obboloonnii fi obboleettonni gumii keessa jiran, jaarsi gumii isaan dura dhaabbatee walgaʼii gumii geggeessu tokko “dukkana keessatti,” jechuunis yeroo namoonni kaan isa hin arginetti illee akka qajeelfama Kitaaba Qulqulluutti akka jiraatu isa irraa eeguun isaanii sirrii dha.—Far. 101:2, 3.
Doʼii Sadaffaa: “Dubartoota . . . Waaqa Taamuuz Jedhamuuf Booʼan”
13. Hisqiʼel karra mana qulqullummaa keessaa isa tokko biratti dubartoonni gantoota taʼan yommuu maal godhan arge?
13 Hisqiʼel 8:13, 14 dubbisi. Wantoota jibbisiisoo doʼiiwwan jalqabaa lamaan irratti argisiifamanitti aansuudhaan, Yihowaan ammas Hisqiʼeliin, “Wanta jibbisiisaa isaan raawwachaa jiran kana caalaa iyyuu hamaa taʼe ni argita” jedhe. Maarree, wanti raajichi itti aansuudhaan arge maali dha? “Balbala karra mana Yihowaa isa kaabaa” biratti “dubartoota taaʼanii waaqa Taamuuz jedhamuuf booʼan” arge. Waaqa Mesophotaamiyaa kan taʼe Taamuuz barreeffamoota Sumeeriyaa keessatti Duumuuzii jedhamee kan waamamu yeroo taʼu, jaalallee waaqayyittii wal hormaataa Ishtaar jedhamtuu akka ture yaadama. * Dubartoonni Israaʼel kan booʼan duʼa Taamuuzii wajjin haala wal qabateen sirna amantii taʼe tokko raawwachuuf taʼuu hin oolu. Dubartoonni kun mana qulqullummaa Yihowaa keessatti Taamuuziif booʼuudhaan, wiirtuu waaqeffannaa qulqulluu keessatti sirna amantii sobaa raawwachaa turan. Waaqeffannaan sobaa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti geggeeffamuun isaa Waaqayyo duratti fudhatama akka argatu hin godhu. Dubartoonni gantoota taʼan kun akka ilaalcha Yihowaatti “wanta jibbisiisaa” taʼe raawwachaa turan.
14. Ilaalcha Yihowaan wanta dubartoonni gantoota taʼan kun raawwachaa turaniif qabu irraa maal baranna?
14 Ilaalcha Yihowaan wanta dubartoonni kun raawwachaa turaniif qabu irraa maal baranna? Waaqeffannaan keenya qulqulluu akka taʼu yoo barbaanne, gochawwan xuraaʼoo amantii sobaa irraa maddanii wajjin matumaa walitti makuu hin qabnu. Kanaafuu, ayyaanota amantii sobaa irraa maddan matumaa ayyaaneffachuu hin qabnu. Maddi ayyaanota kanaa jijjiirama fidaa? Eeyyee! Yeroo harʼaatti gochawwan ayyaanota kanneen akka Qillee fi Duʼaa Kaʼuu wajjin walitti dhufeenya qaban tokko tokko miidhaa kan hin qabne fakkaachuu dandaʼu. Haa taʼu malee, Yihowaan gochawwan amantii sobaa kun, yeroo booda ayyaanota ammayyaa akka taʼan kan beeku taʼuu isaa dagachuu hin qabnu. Akka ilaalcha Yihowaatti gochawwan amantii sobaa, yeroon darbaa waan deemeef ykn waaqeffannaa qulqulluu wajjin walitti makuuf carraaqqiin waan godhameef, isa biratti jibbisiisaa taʼuun isaa akka hirʼatu hin godhu.—2 Qor. 6:17; Mul. 18:2, 4.
Doʼii Arfaffaa: Dhiirota ‘Aduudhaaf Sagadan’ 25
15, 16. Dhiironni 25 mooraa mana qulqullummaa isa gara keessaa keessatti maal gochaa turan? Gochi isaanii kun hoo Yihowaa baayʼee kan aarse maaliifi?
15 Hisqiʼel 8:15-18 dubbisi. Yihowaan doʼii isa arfaffaa fi isa dhumaa jechoota baramoo, “Wanta jibbisiisaa kana caalaa iyyuu hamaa taʼe ni argita” jedhaniin jalqabe. Tarii raajichi, ‘Wantan hamma yoonaatti arge caalaa wanti hammaatu maali dha?’ jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. Hisqiʼel yeroo kanatti mooraa mana qulqullummaa isa gara keessaa keessa ture. Dhiironni 25, balbala mana qulqullummaa duratti, ‘karaa bahaatiin aduu’ waaqeffachuuf sagadaa akka turan arge. Dhiironni kun Yihowaa aarsuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiru. Akkamitti?
16 Mee haala isaa yaadaan ilaali: Balballi mana qulqullummaa Waaqayyoo gara bahaatti garagalee ijaarame. Namoonni waaqeffannaadhaaf dhufan, fuula isaanii gara dhihaatti, dugda isaanii immoo gara baha biiftuutti naannessanii gara mana qulqullummaatti seenu. Dhiironni 25nan mulʼata kana keessatti ibsaman kun garuu, aduu waaqeffachuuf jecha ‘dugda isaanii gara mana qulqullummaatti,’ fuula isaanii immoo gara bahaatti naannessaniiru. Manni qulqullummaa kun “mana Yihowaa” waan taʼeef, namoonni kun akkas gochuudhaan, dugda isaanii isatti garagalchaniiru. (1 Mot. 8:10-13) Dhiironni 25nan kun gantoota turan. Yihowaa dhiisaniiru, akkasumas ajaja Keessa Deebii 4:15-19 irra jiru cabsaniiru. Akkana gochuudhaan, Waaqa inni qofti waaqeffatamuun isaaf malu baayʼee aarsaniiru.
Waaqeffattoonni Yihowaa isa qofa waaqeffachuun isaanii isaaf ni mala
17, 18. (a) Seenaa waaʼee namoota mana qulqullummaa keessatti aduu waaqeffatanii ibsu irraa maal baranna? (b) Israaʼelonni gantoota taʼan walitti dhufeenya eenyuu wajjin qaban balleessaniiru? Akkamitti?
17 Seenaa waaʼee namoota aduu waaqeffatan kanaa ibsu irraa maal baranna? Waaqeffannaan keenya qulqulluu taʼee akka itti fufu yoo barbaanne, hubannaa fi ogummaa hafuuraa argachuuf Yihowaa kadhachuu qabna. “Yihowaan aduu” taʼuu isaa fi Dubbiin isaa immoo daandii keenyaaf “ifa” taʼuu isaa yaadadhaa. (Far. 84:11; 119:105) Dubbii isaa fi barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu jaarmiyaa isaatiin qophaaʼanitti fayyadamee, daandii yeroo ammaatti jireenya gammachiisaa, gara fuulduraatti immoo jireenya bara baraa nuuf argamsiisu akkamitti akka hordofnu nutti argisiisuudhaan, garaa fi sammuu keenya keessatti ibsaa jira. Haa taʼu malee, akkamitti akka jiraannu ilaalchisee hubannaa fi ogummaa argachuuf gara addunyaatti kan garagallu yoo taʼe, dugda keenya Yihowaatti garagalchaa jirra jechuu dha. Gochi akkasii baayʼee isa aarsa, akkasumas garaa isaa ni gaddisiisa. Kanaafuu Waaqa keenya irratti matumaa wanta akkasii raawwachuu hin barbaannu! Mulʼanni Hisqiʼel namoota dugda isaanii dhugaatti garagalchan irraa, jechuunis gantoota irraa fagaachuu akka qabnus nu akeekkachiisa.—Fak. 11:9.
18 Hamma yoonaatti akkuma ilaalle, Hisqiʼel waaqolii tolfamoo waaqeffachuu fi waaqolii sobaa warra Yihudaan ishiin gantuu taate karaa hafuuraa hammam akka mancaate argisiisan ilaalchisee doʼiiwwan nama naasisan afur argeera. Israaʼelonni sun karaa hafuuraa xuraaʼuudhaan walitti dhufeenya Waaqayyoo fi sabicha gidduu jiru mancaasaniiru. Haa taʼu malee, karaa hafuuraa xuraaʼuu fi karaa naamusaa xuraaʼuun kan wal qabatani dha. Kanaafuu, Israaʼelonni gantoota taʼan, wantoota hamoo taʼanii fi walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaban qofa utuu hin taʼin walitti dhufeenya namoota kaanii wajjin qabanis balleessan hundumaa raawwachuun isaanii nama hin dinqisiisu. Mee amma, Hisqiʼel raajichi geggeessaa hafuuraatiin kakaʼee Yihudaan ishiin gantuu taate, karaa naamusaa mancaʼuu ishii akkamitti akka ibse haa ilaallu.
Karaa Naamusaa Xuraaʼuu—‘Gocha Qaanessaa Taʼe Si Keessatti ni Raawwatu’
19. Hisqiʼel sabni Yihowaa wajjin kakuu galan karaa naamusaa mancaʼuu isaanii kan ibse akkamitti?
19 Hisqiʼel 22:3-12 dubbisi. Bulchitoota isaanii dabalatee sabichi karaa hafuuraa mancaʼee ture. “Geggeessitoonni” sabichaa dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasuuf aangoo isaaniitti fayyadamu turan. Sabichi walumaa galatti, geggeessitoota isaanii hordofuudhaan Seera Waaqayyoo akka cabsan haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Maatii keessatti ijoolleen warra isaanii “ni tuffatu,” akkasumas saalqunnamtiin fira dhihoo gidduutti raawwatamu baramaa taʼee ture. Biyyattii keessatti, Israaʼelonni finciltoota taʼan nama biyya ormaa ni gowwoomsu; mucaa abbaa hin qabnee fi dubartii abbaan manaa irraa duʼes ni cunqursu turan. Dhiironni Israaʼel haadhotii manaa namoota kan biraa wajjin saalqunnamtii raawwatu turan. Sabichi mattaʼaa fudhachuudhaan, saamichaan, akkasumas dhalaan liqeessuudhaan garmalee sassattoota taʼanii turan. Yihowaan, sabni isaa warri isaa wajjin kakuu galan Seera isaa yommuu cabsanii fi jaalala seera sana duuba jiru yommuu tuffatan arguu isaatti baayʼee gaddee taʼuu qaba. Karaa naamusaa mancaʼuun isaaniis baayʼee isa gaddisiiseera. Yihowaan, Hisqiʼel saba karaa naamusaa mancaʼe sanaan “Ati guutummaatti na irraanfatteetta” jedhee akka isaanitti himu isa ajajeera.
20. Yihudaan karaa naamusaa xuraaʼuu ishii ilaalchisee wanti Hisqiʼel dubbate yeroo keenyaaf hiika qaba kan jennu maaliifi?
20 Yihudaan karaa naamusaa xuraaʼuu ishii ilaalchisee wanti Hisqiʼel dubbate yeroo keenyaaf hiika qaba kan jennu maaliifi? Mancaʼiinsi naamusaa Yihudaa ishii gantuu taate keessa ture, mancaʼiinsa naamusaa
addunyaa keessa jiraannu kanaa nu yaadachiisa. Bulchitoonni siyaasaa aangoo isaanii karaa sirrii hin taaneen itti fayyadamuudhaan namoota cunqursaniiru. Geggeessitoonni amantii, keessumaa qeesonni Saba Kiristiyaanaa waraana saboota gidduutti geggeeffamee fi namoonni miliyoonaan lakkaʼaman irratti dhuman eebbisaniiru. Qeesonni kun saalqunnamtii ilaalchisee ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu warra qulqulluu fi ifa taʼan busheessaniiru. Kanaan kan kaʼes, ulaagaan naamusaa addunyaa kanaa yeroodhaa gara yerootti gadi buʼaa deemeera. Yihowaan, Yihudaa ishii gantuu taateen “Ati guutummaatti na irraanfatteetta” akkuma jedhe, Saba Kiristiyaanaatiinis akkasuma akka jedhu beekamaa dha.21. Yihudaan ishiin durii karaa naamusaa xuraaʼuu ishii irraa maal baranna?
21 Nuti warri saba Yihowaa taane, Yihudaan ishiin durii karaa naamusaa xuraaʼuu ishii irraa maal baranna? Karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuu yoo barbaanne, amalli keenya karaa hundaan qulqulluu taʼuu qaba. Addunyaa karaa naamusaa mancaʼe kana keessatti akkas gochuun salphaa miti. (2 Xim. 3:1-5) Haa taʼu malee, Yihowaan mancaʼiinsa naamusaa gosa hundumaatiif ilaalcha akkamii akka qabu beekna. (1 Qor. 6:9, 10) Yihowaa fi seera isaa waan jaallannuuf, ulaagaalee naamusaa isaatiif ni ajajamna. (Far. 119:97; 1 Yoh. 5:3) Karaa naamusaa qulqulluu taʼuu dhiisuun keenya, Waaqa keenya isa qulqulluu akka hin jaallanne argisiisa. Wantoota Yihowaan “Ati guutummaatti na irraanfatteetta” akka nuun jedhu taasisan matumaa raawwachuu hin barbaannu.
22. (a) Yihowaan Yihudaa ishii durii saaxiluu isaa erga qortee booda maal gochuuf murteessiteetta? (b) Boqonnaa itti aanu irratti maaltu ibsama?
22 Yihowaan Yihudaan ishiin durii karaa hafuuraa fi karaa naamusaa akka mancaate saaxiluu isaa qoruudhaan barumsawwan gaggaarii arganneerra. Kunis murtoo waaqeffannaa Yihowaadhaaf qofa malu isaaf dhiheessuuf goone akka nuuf cimse beekamaa dha. Kanaafuu, waaqolii tolfamoo gosa hundumaa irraa fagaachuu fi karaa naamusaa qulqulluu taanee itti fufuu qabna. Maarree Yihowaan saba isaa warra amanamoo hin taane ilaalchisee maal godhe? Hisqiʼel mana qulqullummaa daawwatee yeroo xumuru, Yihowaan raajii isaatiin, “Ani dheekkamsaan tarkaanfii nan fudhadha” jechuudhaan ifatti dubbateera. (His. 8:17, 18) Yihowaan addunyaa hamaa kana irratti murtii wal fakkaatu waan dabarsuuf, Yihudoota amanamoo hin taane irratti tarkaanfii akkamii akka fudhate beekuu barbaanna. Boqonnaan itti aanu, murtiin Yihowaan Yihudaa irratti dabarse akkamitti akka raawwatame ibsa.
^ key. 4 Kitaaba Hisqiʼel keessatti maqaan “Israaʼel” jedhu yeroo baayʼee jiraattota Yihudaa fi Yerusaalem argisiisuuf itti hojjetameera.—His. 12:19, 22; 18:2; 21:2, 3.
^ key. 7 Jechi “hinaaffaa” jedhu Yihowaan amanamummaadhaaf iddoo guddaa akka kennu argisiisuuf kan itti hojjetame dha. Jechi kun abbaan manaa tokko haati manaa isaa amanamtuu yoo taʼuu baatte miira aarii isatti dhagaʼamu nu yaadachiisa taʼa. (Fak. 6:34) Akkuma abbaa manaa kanaa, Yihowaanis sabni isaa warri isaa wajjin kakuu galan amanamoo taʼuu diduudhaan yommuu fakkii waaqeffatanitti miirri aarii akkasii isatti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. Barreeffamni tokko akka jedhetti, “hinaaffaan Waaqayyoo . . . qulqullummaa isaa irraa kan maddu dha. Inni qofti qulqulluu waan taʼeef . . . eenyu iyyuu akka isa morkatu hin heyyamu.”—Bau. 34:14.
^ key. 11 Jechi Afaan Ibrootaa ‘waaqolii tolfamoo warra balfamoo’ jedhamee hiikame, jecha Ibrootaa “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
^ key. 13 Namoonni tokko tokko Taamuuz maqaa kan biraa Naamrud akka taʼe dubbatu; taʼus kun dhugaa taʼuu isaa ragaan argisiisu hin jiru.