Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 15

“Ani Sagaagalummaan Kee Akka Dhaabbatu Nan Godha”

“Ani Sagaagalummaan Kee Akka Dhaabbatu Nan Godha”

HISQIʼEL 16:41

YAADA IJOO: Ibsa sagaagaltoota kitaaba Hisqiʼelii fi Mulʼataa keessatti caqasaman ilaalchisee kenname irraa barumsa argannu

1, 2. Keessumaa gosa sagaagalummaa akkamiitu baayʼee nama jibbisiisa?

DUBARTII sagaagaltuu taate arguun nama gaddisiisa. Tarii, ‘Haalli jireenya salphinaa akkasii keessa akka galtu ishii taasise maali dha?’ jennee gaafanna taʼa. Ijoollummaa ishiitti sagaagaltuu akka taatu kan ishii dirqisiise, miidhaa maatii ishii irraa ishii irra gaʼedhaa? Tarii immoo garbummaa akkasiitti akka of gurgurtu kan ishii taasise hiyyummaa guddaadhaa? Moo abbaa manaa hamaa taʼe jalaa baqachuuf jetteeti? Addunyaa hamaa taʼe kana keessatti, seenaawwan nama gaddisiisan akkasii dhagaʼuun baramaa taʼeera. Kanaafuu, Yesuus Kiristoos sagaagaltoota tokko tokkotti gaarummaa argisiisuun isaa nama hin dinqisiisu. Kana malees, namoonni yaada geeddaratanii fi akkaataa jireenyaa isaanii jijjiiran jireenya fooyyaʼaa jiraachuu akka dandaʼan ibseera.—Mat. 21:28-32; Luq. 7:36-50.

2 Mee amma immoo waaʼee sagaagaltuu baayʼee adda taate takkaa haa ilaallu. Dubartii taʼe jettee jireenya akkasii filatte takka yaadaa. Gocha ishii kana akka salphinaatti utuu hin taʼin, wanta aangoo ishiidhaaf argamsiisu akka taʼetti yaaddi. Qarshii fi aangoo hojiin kun ishiidhaaf argamsiisu argachuuf hawwiti. Dubartiin tun abbaa manaa gaarii fi amanamaa taʼe utuu qabduu, sagaagaltuu taʼuuf jecha taʼe jettee yoo isa gante hoo? Dubartiin akkasii fi daandiin jireenyaa ishiin filatte baayʼee akka nama jibbisiisu beekamaa dha. Yihowaan amantii sobaa ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼamu ibsuuf, irra deddeebiʼee fakkeenya sagaagaltuutti kan fayyadame miirri akkasii akka nutti dhagaʼamu waan beekuufi.

3. Boqonnaa kana keessatti seenaawwan kamfaa irratti mariʼanna?

3 Kitaabni Hisqiʼel boqonnaawwan lama keessatti, gantummaan saba Waaqayyoo warra Israaʼelii fi Yihudaa keessa jiranii guddaa taʼuu isaa ibsuuf, fakkeenya sagaagaltuutti fayyadameera. (His., boq. 16 fi 23) Boqonnaawwan kana gadi fageenyaan ilaaluu keenya dura garuu, waaʼee sagaagaltuu fakkeenyaan ibsamte kan biraa ilaaluun keenya gaarii dha. Sagaagalummaan ishii kan jalqabe bara Hisqiʼel dura, sabni Israaʼel illee hundeeffamuu isaa dura ture; gochi ishii kunis hanga harʼaatti babalʼachuu isaa itti fufeera. Eenyummaan sagaagaltuu tanaas kitaaba Mulʼataa, isa kutaa Kitaaba Qulqulluu isa dhumaa taʼe keessatti ibsameera.

“Haadha Sagaagaltootaa”

4, 5. ‘Baabilon Guddittiin’ eenyuun argisiisti? Kana hoo akkamitti beekna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

4 Mulʼata Yesuus Dh.K.B. dhuma jaarraa jalqabaatti Yohaannis ergamaatti argisiise keessatti dubartiin takka ibsamteetti. Dubartiin tun “sagaagaltuu guddittii” fi “Baabilon Guddittii, haadha sagaagaltootaa” jedhamteetti. (Mul. 17:1, 5) Jaarraawwan hedduudhaaf eenyummaan ishii inni dhugaan geggeessitoota amantii fi hayyoota Kitaaba Qulqulluutti iccitii taʼeera. Namoonni kun, dubartiin tun Baabilon, Roomaa ykn Waldaa Kaatolikii Roomaa argisiisti jedhanii karaa adda addaatiin hubatu. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu waggoota hedduu dura eenyummaa dhugaa “sagaagaltuu guddittii” tanaa hubachuu dandaʼaniiru. Dubartiin tun, amantii sobaa addunyaa irra jiru hunda argisiisti. Kana akkamitti beekna?

5 Sagaagaltuun tun ‘mootota lafaa’ ykn humnoota siyaasaa wajjin halalummaa waan raawwatteef balaaleffatamteetti. Kanaafuu dubartiin tun humnoota siyaasaa hin argisiistu jechuu dha. Dabalataanis kitaabni Mulʼataa “daldaltoonni lafaa” ykn sirni daldalaa addunyaa, Baabilon Guddittiin balleeffamuu ishiitti akka gaddan ibsa. Kanaafuu Baabilon Guddittiin sirna daldalaa addunyaa kanaa hin argisiistu. Maarree eenyuun argisiisti? Ishiin “gocha hafuurota hamoo” raawwatteef, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu ishiitii fi gowwoomsaa ishiitiif itti gaafatamti. Kun dhaabbilee amantii addunyaa kanaa warra mancaʼoo taʼan sirriitti kan ibsu mitii? Kana malees sagaagaltuun tun humnoota siyaasaa addunyaa kanaa irra teessee akka guluftu ykn dhiibbaa akka isaan irraan geessistu ibsamuu isaas hubadhaa. Tajaajiltoota Yihowaa warra amanamoo taʼan irrattis ariʼatama ni geessisti. (Mul. 17:2, 3; 18:11, 23, 24) Wanti amantiin sobaa hanga harʼaatti raawwachaa jirus kanuma mitii?

Baabel durii ishiin yeroo booda Baabilon jedhamte madda gochawwan, barumsawwanii fi dhaabbilee amantii sobaa hundaa ti (Keeyyata 6 Ilaali)

6. Baabilon Guddittiin “haadha sagaagaltootaa” kan jedhamte maaliifi?

6 Maarree, Baabilon Guddittiin “sagaagaltuu guddittii” qofa utuu hin taʼin, “haadha sagaagaltootaa” jedhamtees kan waamamte maaliifi? Amantiin sobaa bakka hedduutti qoqqoodameera. Yeroo ammaatti gareewwan amantii hangana hin jedhamne hedduun jiru. Baabel durii ykn Baabilon keessatti yeroo afaan walitti makamee jalqabee, barumsi amantii sobaa hundi ni babalʼate, akkasumas amantiin garaa garaa hedduun ni uumame. Maqaan “Baabilon Guddittii” jedhu, magaalaa Baabilon ishii amantiiwwan sobaa keessaa maddan irraa kan argame taʼuun isaa sirrii dha. (Uma. 11:1-9) Kanaafuu amantiiwwan kun hundi intaloota jaarmiyaa tokkoo, jechuunis kan sagaagaltuu guddittii akka taʼanitti ilaalamuu dandaʼu. Seexanni yeroo baayʼee namoonni gocha hafuurota hamoo akka raawwatan, waaqolii tolfamoo akka waaqeffatanii fi amantiiwwanii fi duudhaawwan Waaqayyoof ulfina hin finne kan biroo irratti akka hirmaatan gochuuf amantiiwwan kanatti fayyadama. Jaarmiyaa mancaʼee fi addunyaa maratti babalʼate kana ilaalchisee saba Waaqayyootiif akeekkachiisni, “Yaa saba koo cubbuu ishii irratti akka hin hirmaanne . . . ishii keessaa baʼaa” jedhu kennamuun isaa nama hin dinqisiisu.Mulʼata 18:4, 5 dubbisi.

7. Akeekkachiisa Baabilon Guddittii keessaa “baʼaa” jedhu hojii irra oolchuu kan qabnu maaliifi?

7 Ati hoo akeekkachiisa kana hojii irra oolchiteettaa? Ilmaan namootaa ‘wantoota hafuuraa akka dheebotan’ godhee kan uume Yihowaa taʼuu isaa yaadadhu. (Mat. 5:3) Fedhiin hafuuraa kun sirriitti guutamuu kan dandaʼu waaqeffannaa qulqulluu Yihowaatiin qofa dha. Tajaajiltoonni Yihowaa hamma dandaʼametti sagaagalummaa hafuuraa irraa fagaachuu akka barbaadan beekamaa dha. Kaayyoon Seexanaa garuu kana irraa adda dha. Sabni Waaqayyoo kiyyoo sagaagalummaa akkasiitiin akka qabaman barbaada. Gama kanaanis yeroo baayʼee milkaaʼina argateera. Bara Hisqiʼel dura sabni Waaqayyoo, karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuudhaan seenaa bara dheeraa galmeessisaniiru. Kanaafuu waaʼee seenaa kanaa qorachuun keenya gaarii dha; sababiin isaas waaʼee ulaagaalee Yihowaa, waaʼee haqa isaa fi waaʼee gara laafina isaa wanta hedduu nu barsiisa.

“Sagaagaltuu Taate”

8-10. (a) Ulaagaan waaqeffannaa qulqulluu irratti hirmaachuuf barbaachisu maali dha? (b) Amantii sobaa irratti hirmaachuu ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama? Fakkeenyaan ibsi.

8 Yihowaan kitaaba Hisqiʼel keessatti, sabni isaa isaaf amanamoo taʼuu dhiisuun isaanii hammam akka isa gaddisiise ibsuuf, fakkeenya dubartii sagaagaltuu taatetti fayyadameera. Hisqiʼel boqonnaawwan lamaan sana irratti sabni Yihowaa isaaf amanamoo taʼuu dhiisuudhaan, akkasumas amala naamusaan ala taʼe argisiisuudhaan miira isaa akka miidhanii fi akka isa ganan karaa ifa taʼeen barreesseera. Maarree dubartoota sagaagaltoota taʼanitti kan isaan fakkeesse maaliifi?

9 Deebii gaaffii kanaa beekuuf, ulaagaa waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuuf barbaachisuu fi Boqonnaa 5⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti mariʼanne irra deebinee ilaaluu qabna. Yihowaan Seera Israaʼelotaaf kenne keessatti akkana jedheera: “Ana biratti [ykn “anaan diduudhaan” milj.] waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin. . . . Ani Waaqni kee Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu [dha].” (Bau. 20:3, 5) Yeroo boodas dhugaa kana akkana jechuudhaan ibseera: “Yihowaan Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu taʼuu isaatiin beekamu waan taʼeef, waaqa kan biraatiif hin sagadin. Eeyyee, inni Waaqa namoonni guutummaatti akka isaaf bulan barbaadu dha.” (Bau. 34:14) Dhuguma iyyuu Yihowaan dhimma kana akka gaariitti ifa godheera. Guutummaatti yoo isaaf bulle malee karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuu hin dandeenyu.

10 Kana fakkeenyaan ibsuuf, mee waaʼee gaaʼela tokkoo haa ilaallu. Abbaan manaa fi haati manaa waliif amanamoo taʼuun isaanii sirrii dha. Hiriyoota gaaʼelaa kana keessaa namni tokko, nama hiriyaa gaaʼelaa isaa hin taane tokkotti miira jaalalaa yoo argisiise ykn saalqunnamtii yoo raawwate namni hiriyaa gaaʼelaa isaa taʼe sun hinaafuu fi akka ganame itti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. (Ibroota 13:4 dubbisi.) Waaqeffannaa wajjin haala wal qabateenis, Yihowaan sabni isaa warri guutummaatti isaaf of murteessan, yommuu waaqolii sobaa waaqeffatanitti akka ganame isatti dhagaʼamuun isaa sirrii dha. Yihowaan miira isatti dhagaʼame kana Hisqiʼel boqonnaa 16 keessatti cimsee ibseera.

11. Yihowaan, Yerusaalemii fi jalqabbii ishii ilaalchisee maal jedheera?

11 Wanta Yihowaan dubbate keessaa, akkasumas raajiiwwan inni Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti dubbate keessaa inni dheeraan Hisqiʼel boqonnaa 16 keessatti argama. Yihowaan magaalaa Yerusaalem ishii Yihudaa amanamtuu hin taane argisiistu irratti xiyyeeffate. Jalqaba ishii fi gantummaa ishii ilaalchisee seenaa nama gaddisiisuu fi nama suukanneessu dubbateera. Jalqaba irratti daaʼima gatamte, xurooftee fi kunuunsi hin godhamneef turte. Warri ishii Kanaʼaanota Yihowaa hin waaqeffannee fi biyyattii keessa jiraatan turan. Hanga Daawit magaalaa Yerusaalem qabatetti, magaalaan kun toʼannaa Yebuusota, warra gosa Kanaʼaan taʼanii jala turte. Yihowaan daaʼima gatamte tanaaf waan gaddeef ishii qulqulleesseera, akkasumas ishii kunuunseera. Ishiinis yeroo booda haadha manaa isaa taate. Israaʼelonni yeroo booda magaalattii keessa jiraachuu jalqaban, bara Museetti fedhiidhaan Yihowaa wajjin kakuu galanii turan. (Bau. 24:7, 8) Yerusaalem magaalaa guddoo biyyattii erga taatee booda, akkuma abbaan manaa qabeenyaa fi aangoo qabu tokko haadha manaa isaa faayaan miidhagsutti, Yihowaan ishii eebbiseera, ishii duroomseera, akkasumas ishii miidhagseera.—His. 16:1-14.

Solomoon dhiibbaa haadhotiin manaa isaa warri biyya ormaa isa irraan geessisaniin Yerusaalem waaqolii tolfamoo waaqeffachuudhaan akka faalamtu heyyameera (Keeyyata 12 Ilaali)

12. Waaqeffannaan sobaa Yerusaalem keessatti kan jalqabe akkamitti?

12 Garuu wanta itti aansuudhaan taʼe haa ilaallu. Yihowaan, “Ati bareedina keetti amanamuu jalqabde; beekamtuu taʼuu keetiin kan kaʼes sagaagaltuu taate. Nama achiin darbu hundumaa wajjin sagaagalummaa kee ni baayʼiste; isaanittis of kennite” jedheera. (His. 16:15) Bara Solomoonitti Yihowaan saba isaa waan eebbisee fi waan duroomseef, Yerusaalem addunyaa yeroo sana ture keessatti magaalaa guddoo fi miidhagduu taatee turte. (1 Mot. 10:23, 27) Haa taʼu malee gantummaan ishii keessatti babalʼachuu jalqabe. Solomoon haadhotii manaa isaa warra biyya ormaa gammachiisuuf jecha, waaqeffannaa waaqolii sobaatiin Yerusaalemiin faaluu jalqabe. (1 Mot. 11:1-8) Warri isa booda mootota taʼan tokko tokko immoo guutummaa biyyattii waaqeffannaa waaqolii sobaatiin faaluudhaan, wanta kana caalaa hamaa taʼe raawwataniiru. Gocha sagaagalummaa fi gantummaa kana ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Yihowaan, “Wantoonni akkasii raawwatamuu hin qaban; matumaas taʼuu hin qaban” jedheera. (His. 16:16) Sabni isaa warri ajajamoo hin taane garuu wanta kana caalaa mancaʼaa taʼe raawwachuu isaanii itti fufaniiru.

Israaʼelonni tokko tokko waaqolii sobaa kan akka Moleekiif ijoollee isaanii aarsaa godhaniiru

13. Sabni Waaqayyoo Yerusaalem keessatti argaman gocha hamminaa akkamii raawwachaa turan?

13 Yihowaan hammina sabni isaa warri filatamoon raawwatan akkana jechuudhaan yommuu saaxiletti, gaddaa fi jibba isatti dhagaʼame mee yaadaa: “Ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa kee warra anaaf deesse sana fuutee waaqolii tolfamoodhaaf aarsaa gootee kan dhiheessite sagaagalummaan kee kun sitti hanqateetii? Ati ilmaan koo gorraateetta, ibiddaan isaan gubuudhaanis aarsaa gootee dhiheessiteetta.” (His. 16:20, 21) Wanti jibbisiisaan isaan raawwatan kun, Seexanni hammam hamaa akka taʼe argisiisa. Sabni Yihowaa gochawwan jibbisiisoo akkasii irratti akka hirmaatan gochuun baayʼee isa gammachiisa. Yihowaan garuu wanta hundumaa ni arga. Gochawwan Seexanaa warra kana caalaa hammaatan illee balleessuu ni dandaʼa, murtii haqaas ni kenna.Iyyoob 34:24 dubbisi.

14. Obboleettonni Yerusaalem lamaan warri fakkeenya Yihowaan dubbate keessatti ibsaman eenyu faʼi? Sadan isaanii keessaa caalaatti hamtuu kan turte hoo eenyu?

14 Haa taʼu malee, Yerusaalem gocha hamminaa raawwatte hin jibbine. Kanaa mannaa gocha sagaagalummaa raawwachuu ishii itti fufteetti. Ishiin warri kaan ishii wajjin halalummaa akka raawwataniif isaaniif waan kaffaltuuf, Yihowaan sagaagalummaan ishii kan warra kaanii caalaa qaanessaa akka taʼe dubbateera. (His. 16:34) Waaqayyo Yerusaalem akkuma “haadha” ishii, jechuunis akkuma gosoota Waaqayyoon hin waaqeffannee fi yeroo taʼe tokkotti biyyattii toʼatanii akka taate dubbateera. (His. 16:44, 45) Yihowaan fakkeenya maatiitti fayyadamuudhaan, Samaariyaan ishiin Yerusaalem dura sagaagalummaa amantii jalqabde, obboleettii angafaa Yerusaalem akka taate dubbateera. Waaqayyo obboleettiin ishii ishiin lammaffaan Sodoom akka taate ibseera; kun immoo magaalaan Sodoom of tuulummaa fi guutummaatti mancaʼuu ishiitiin kan kaʼe akka balleeffamte isaan yaadachiisa. Yihowaan, Yerusaalem obboleettota ishii, jechuunis Samaariyaa fi Sodoom caalaa illee hammina akka raawwatte ibseera. (His. 16:46-50) Sabni Waaqayyoo akeekkachiisa hedduu isaaniif kenname fudhachuu diduudhaan, finciltoota taʼanii itti fufaniiru.

15. Yihowaan Yerusaalem irratti murtii kan dabarse kaayyoo maaliitiifi? Abdii akkamii hoo kenneera?

15 Maarree Yihowaan tarkaanfii akkamii fudhata? Yerusaalemiin akkana jedheera: ‘Ani michoota kee warra ati gammachiiste hundumaa, warra ati jaallatte hundumaas walitti nan qaba; harka isaaniittis dabarsee sin kenna.’ Michoonni saba Waaqayyoo duraanii warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan, miidhagina ishii fi qabeenya ishii jalaa fudhachuudhaan, ishii balleessu. Yihowaan, “Dhagaadhaan si tumu, goraadee isaaniitiinis si gorraʼu” jedheera. Yihowaan murtii kana kan dabarse kaayyoo maaliitiifi? Saba isaa guutummaatti balleessuuf hin turre. Kanaa mannaa, kaayyoo isaa akkana jechuudhaan ibseera: “Ani sagaagalummaan kee akka dhaabbatu nan godha.” Itti dabaluudhaanis, “Aarii koo nan qabbaneessa, dheekkamsi koos si irraa ni deebiʼa; anis nan callisa, deebiʼees hin aaru” jedheera. Akkuma Boqonnaa 9⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsame, yeroo dheeraadhaaf kaayyoon Yihowaa, saba isaa boojuudhaa deebiʼan gidduutti waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessuu ture. Maaliifi? “Ani kakuu isan ijoollummaa keetti sii wajjin gale sana nan yaadadha” jedheera. (His. 16:37-42, 60) Yihowaan haala saba isaa irraa faallaa taʼeen guutummaatti amanamaa taʼuu isaa ni argisiisa.Mulʼata 15:4 dubbisi.

16, 17. (a) Oholaa fi Oholibaan Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu miti kan jennu maaliifi? (Saanduqa “Obboleettota Sagaagaltoota Taʼan” jedhu ilaali.) (b) Hisqiʼel boqonnaa 16 fi 23 irraa barumsawwan gaggaarii akkamii arganna?

16 Yihowaan dubbii dheeraa fi cimaa Hisqiʼel boqonnaa 16 keessatti dubbatetti fayyadamuudhaan, waaʼee ulaagaalee isaa warra qajeeloo taʼanii, ilaalcha inni haqaaf qabuu fi waaʼee gara laafina isaa isa guddaa nu barsiiseera. Hisqiʼel boqonnaan 23 barumsa wal fakkaatu qabateera. Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaatti argaman, ergaa Yihowaa isa ifa taʼee fi sagaagalummaa saba isaa ilaalchisee dubbate hojii irra ni oolchu. Nuti akkuma Yihudaa fi Yerusaalem godhan, matumaa Yihowaa gaddisiisuu hin barbaannu! Kanaafuu, waaqolii tolfamoo kam iyyuu waaqeffachuu irraa fagaachuu qabna. Kunis sassataa fi qabeenya jaallachuu, warra gosoota waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼan irraa fagaachuu dabalata. (Mat. 6:24; Qol. 3:5) Yihowaan guyyoota dhumaa kanatti gara laafinaan kakaʼee waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessuu isaatti, akkasumas deebiʼee akka mancaʼu kan hin heyyamne taʼuu isaatti isa galateeffachuu qabna. Yihowaan Israaʼel hafuuraa wajjin “kakuu dhaabbataa” isa gantummaadhaan ykn sagaagalummaadhaan matumaa cabuu hin dandeenye galeera. (His. 16:60) Kanaafuu, saba Yihowaa warra qulqulluu taʼanii fi yeroo harʼaatti argaman keessaa tokko taʼuuf mirga arganneef bakka guddaa haa kenninu.

17 Maarree, dubbiin Yihowaan sagaagaltoota kitaaba Hisqiʼel keessatti ibsaman ilaalchisee dubbate, waaʼee “sagaagaltuu guddittii” jechuunis waaʼee Baabilon Guddittii maal nu barsiisa? Mee haa ilaallu.

‘Matumaa Deebitee hin Argamtu’

18, 19. Sagaagaltoonni kitaaba Hisqiʼel keessatti ibsamanii fi sagaagaltuun kitaaba Mulʼataa keessatti ibsamte kan wal fakkaatan akkamitti?

18 Yihowaan hin jijjiiramu. (Yaq. 1:17) Baroota sagaagaltuu guddittiin jiraatte hundumaatti, miirri Yihowaan amantii sobaatiif qabu hin jijjiiramne. Kanaafuu, murtii Yihowaan sagaagaltoota kitaaba Hisqiʼel keessatti ibsaman irratti dabarsee fi wanti gara fuulduraatti “sagaagaltuu guddittii” kitaaba Mulʼataa keessatti ibsamte irra gaʼu karaawwan hedduudhaan wal fakkaachuun isaa nu dinqisiisuu hin qabu.

19 Adabni sagaagaltoota raajiiwwan kitaaba Hisqiʼel keessatti ibsaman irra gaʼu, kallattiidhaan Yihowaa biraa utuu hin taʼin, saboota sabni Waaqayyoo warri gantoota taʼan karaa hafuuraa halalummaa isaanii wajjin raawwatan irraa akka dhufe yaadadhaa. Haaluma wal fakkaatuun, amantiiwwan sobaa addunyaa maratti argaman ‘mootota lafaa’ wajjin halalummaa akkasii waan raawwataniif balaaleffatamaniiru. Adabni kun hoo eenyu irraa isaanitti dhufa? Humnoonni siyaasaa sun, “Sagaagaltuu sana ni jibbu, ishii ni saamu, qullaatti ishii hambisu, foon ishii ni nyaatu, akkasumas guutummaatti ibiddaan ishii gubu” jedhameera. Mootummoonni addunyaa kanaa tarkaanfii hin yaadamne akkasii kan fudhatan maaliifi? Sababiin isaas, Waaqayyo ‘yaada isaa akka raawwataniif, kana garaa isaanii keessa ni kaaʼa.’—Mul. 17:1-3, 15-17.

20. Murtiin Baabilon irratti dabarfamu murtii dhumaa akka taʼe wanti argisiisu maali dha?

20 Kanaafuu Yihowaan, amantiiwwan Saba Kiristiyaanaa hedduu dabalatee, amantiiwwan sobaa hundatti murteessuuf, mootummoota addunyaatti fayyadama. Murtiin kun murtii isa dhumaa taʼa; Baabilon Guddittiin dhiifama hin argattu, daandii ishii akka jijjiirtuufis carraan dabalataa hin kennamuuf. Kitaabni Mulʼataa Baabilon ‘matumaa deebitee akka hin argamne’ ibsa. (Mul. 18:21) Maleekonni Waaqayyoos badiisa ishiitti gammadanii, “Yaahiin jajadhaa! Aarri ishii baraa hamma bara baraatti ol baʼa” jedhu. (Mul. 19:3) Murtiin kun murtii bara baraati. Sana booda amantiin sobaa waaqeffannaa qulqulluu mancaasu kam iyyuu matumaa hin jiraatu. Murtiinii fi badiisni cimaan Baabilon irra gaʼu, akka fakkeenyaatti aarri isaa bara baraaf ol baʼa.

Saboonni yeroo dheeraadhaaf Baabilon Guddittiin gowwoomsitee fi dhiibbaa irratti gochaa turte itti garagalanii ishii balleessu (Keeyyata 19, 20 Ilaali)

21. Amantiin sobaa baduun isaa yeroo wanti akkamii itti jalqabu taʼa? Yeroon sun hoo kan xumuramu akkamitti?

21 Yommuu mootummoonni addunyaa Baabilon Guddittii irratti kaʼan, murtoo Waaqayyoo ni raawwachiisu; kun immoo raawwii kaayyoo Yihowaa keessatti wanta bakki guddaan kennamuufi dha. Kun yeroo rakkinni guddaan ykn jeequmsi guddaan kana dura taʼee hin beekne itti jalqabu taʼa. (Mat. 24:21) Rakkinni guddaan kun Armaagedoon, jechuunis waraana Waaqayyo addunyaa hamaa kana irratti banuun xumurama. (Mul. 16:14, 16) Akkuma boqonnaawwan kitaaba kanaa itti aananii jiran ibsanitti, kitaabni Hisqiʼel rakkinni guddaan akkamitti akka jalqabu nutti hima. Hammasitti garuu barumsawwan gaggaarii Hisqiʼel boqonnaa 16 fi 23 irratti argaman akkamii yaadachuu fi hojii irra oolchuu qabna?

Mootummoonni addunyaa kanaa murtii Waaqayyoo raawwachiisuuf Baabilon Guddittii irratti ni kaʼu (Keeyyata 21 Ilaali)

22, 23. Ibsa sagaagaltoota kitaaba Hisqiʼelii fi kitaaba Mulʼataa keessatti caqasamaniif kenname qorachuun keenya, tajaajila qulqulluu dhiheessinu irratti dhiibbaa kan godhu akkamitti?

22 Seexanni namoota waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan mancaasuun isa gammachiisa. Waaqeffannaa qulqulluu irraa nu jalʼisuu fi daandii sagaagaltoonni kitaaba Hisqiʼel keessatti ibsaman irra deemanii wajjin wal fakkaatu irra akka deemnu gochuuf carraa argachuu caalaa wanti isa gammachiisu hin jiru. Kanaafuu Yihowaan qaama waaqeffannaa isaaf dhihaatu morkatuu fi gantummaa akkamii iyyuu obsaan akka bira hin dabarre yaadachuu qabna. (Lak. 25:11) Amantii sobaa irraa fagaachuu fi wanta Waaqayyo biratti ‘xuraaʼaa taʼe tokko illee akka hin tuqne’ of eeggachuu qabna. (Isa. 52:11) Walitti buʼiinsa siyaasaa fi jeequmsa addunyaa qoqqoodame kana keessa jiru irraa fagaachuu kan qabnus kanaafi. (Yoh. 15:19) Sabboonummaan, amantii sobaa Seexanni babalʼisu keessaa tokko akka taʼetti ilaaluu fi irraa fagaachuu qabna.

23 Hundumaa caalaa immoo, mana qulqullummaa hafuuraa isa qulqulluu keessatti Yihowaa waaqeffachuuf mirga argachuu keenya haa yaadannu. Qophii dinqisiisaa kanaaf bakka guddaa yommuu kenninutti, amantii sobaa fi sagaagalummaa ishii irraa fagaachuuf haa murteessinu!