Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 14A

Barumsa Mana Qulqullummaa Hisqiʼel Mulʼataan Arge Irraa Argamu

Barumsa Mana Qulqullummaa Hisqiʼel Mulʼataan Arge Irraa Argamu

Waaqeffannaa Qulqulluun Ol Ol Qabame, Eegumsas ni Argate

Manni qulqullummaa Hisqiʼel mulʼataan arge “gaara baayʼee dheeraa taʼe tokko” (1) irratti ol kaafameera. Nuti hoo hunda caalaa waaqeffannaa qulqulluudhaaf dursa kennuudhaan jireenya keenya keessatti ol kaasneerraa?

Dallaan (2), iddoo balʼaa gamoo mana qulqullummaatti marsee jiru (3), wanti kam iyyuu waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinu akka nu jalaa mancaasu heyyamuu akka hin qabne nu yaadachiisa. Wantoonni ‘tajaajila kan biraatiif oolan’ waaqeffannaa qulqulluu irraa fageeffamuu qabu erga taʼee, amalli xuraaʼaan ykn naamusaan ala taʼe yeroo harʼaatti jireenya nama Yihowaa waaqeffatu tokkoo irraa caalaatti fageeffamuu hin qabuu?—His. 42:20.

Eebbawwan Bara Baraa

Burqaan iddoo qulqulluu mana qulqullummaa keessaa yaaʼu tokko guddatee laga taʼuudhaan biyyattiidhaaf jireenyaa fi oomisha gaarii argamsiisa (4). Eebbawwan kun Boqonnaa 19⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ni ibsamu.

Ulaagaa Wal Fakkaataa Hundumaaf Hojjetu

Karrawwan dhedheeroon warri alaa (5) fi warri keessaa (9) Yihowaan namoota waaqeffannaa qulqulluu irratti hirmaatan hundaaf ulaagaalee ol aanoo akka baase nu yaadachiisu. Karrawwan alaa fi karrawwan keessaa kallattii hundumaatiin wal qixa akka taʼan hubadhaa. Mirgi isaan qaban ykn dandeettiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe, ulaagaaleen qajeelinaa Yihowaan tajaajiltoota isaa hunda irraa barbaadu tokko waan taʼeef kun taʼuun isaa sirrii dha.

Nyaata Maaddii Yihowaa Irratti Dhihaatu

Kutaawwan nyaataa (8) bara duriitti turan, sabichi aarsaawwan gara mana qulqullummaatti fidan irraa muraasa isaa waliin nyaachuu akka dandaʼan nu yaadachiisu; karaa kan biraatiin namoonni kun Yihowaa wajjin nyaata nyaachaa jiru jechuun ni dandaʼama. Kun mana qulqullummaa hafuuraa Kiristiyaanonni yeroo harʼaa itti waaqeffatan irraa adda dha; sababiin isaas ‘aarsaan tokko’ dhihaateera. (Ibr. 10:12) Taʼus amma iyyuu aarsaawwan galataa keenya ni dhiheessina.—Ibr. 13:15.

Waadaa Amansiisaa Waaqayyo Gale

Mulʼata kana keessatti wantoonni hundi tokko tokkoon safaramuun isaanii si nuffisiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee wanta barbaachisaa taʼe tokko si barsiisu: Wantoonni kun kaayyoon Yihowaan waaqeffannaa qulqulluu deebisee hundeessuuf qabu, akkuma safartuuwwan sirrii taʼanii fi hin jijijjiiramne sanaa amansiisaa taʼuu isaa nuu mirkaneessu. Hisqiʼel mulʼata isaa keessatti nama akkamii iyyuu arguu isaa kan hin caqasne taʼus, gorsa cimaa Yihowaan lubootaaf, geggeessitootaa fi sabichaaf kenne galmeesseera. Tajaajiltoonni Waaqayyoo hundi ulaagaalee isaa warra qajeeloo taʼan deggeruu qabu.