Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 20A

Biyyattii Hihiruu

Biyyattii Hihiruu

Daangaawwan qixxeetti safaraman ilaalchisee ibsi kenname, biyyi isaanii ishiin jaallatamtuun deebitee akka hundeeffamtu namoota boojiʼamaniif mirkaneesseera. Yeroo harʼaatti mulʼata kana irraa barumsa akkamii arganna? Mee qabiyyee mulʼata kanaa lamaan haa ilaallu:

Iddoo amansiisaa fi hojii guddaa

Namoonni boojuudhaa deebiʼan hundi Biyyattii Abdachiifamtee fi deebitee hundeeffamtu keessatti dhaala ni qabaatu. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis tajaajiltoonni Yihowaa hundi jannata hafuuraa keessatti iddoo qabu. Gaʼeen jaarmiyicha keessatti qabnu hammam iyyuu xinnoo yoo taʼe, biyya hafuuraa keessatti iddoo amansiisaa fi hojii guddaa qabna. Tajaajiltoonni Yihowaa hundi isa biratti wal qixa gatii guddaa qabu.

Dhaala wal qixa taʼe

Mulʼata Hisqiʼel keessatti namoonni naannoo Biyyattii Abdachiifamtee fi deebitee hundeeffamtu hunda keessa jiraatan oomisha biyyattii irraa wal qixa fayyadamu. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo harʼaattis Yihowaan tajaajiltoonni isaa hundi eebbawwan jannata hafuuraa irraa wal qixa akka fayyadaman godheera.