Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 10C

Yihowaan Deebinee Miila Keenyaan Akka Dhaabbannu Nu Gargaara

Yihowaan Deebinee Miila Keenyaan Akka Dhaabbannu Nu Gargaara

BARUMSA dhuunfaatti hojii irra oolchuu dandeenyuu fi mulʼata dinqisiisaa Hisqiʼel 37:​1-​14 irraa argamu irratti xiinxaluudhaan jajjabina argachuu dandeenya. Barumsi kun maali dha?

Yeroo tokko tokko qorumsawwanii fi dhiibbaawwan jireenya keenya keessatti nu mudataniin kan kaʼe baayʼee waan dadhabnuuf abdii kutanna taʼa. Haa taʼu malee haala akkasii keessatti wantoota mulʼata Hisqiʼel haareffamuu ilaalchisee arge keessatti ibsaman irratti yoo xiinxalle jabina argachuu dandeenya. Maaliif? Waaqni inni lafeewwan duʼaniif jireenya kennuuf humna qabu cimina rakkoowwan akka ilaalcha namaatti moʼuun hin dandaʼamne illee moʼuuf nu barbaachisu nuu kennuu akka dandaʼu raajii kana irraa barachuu dandeenya.​​Faarfannaa 18:29 dubbisi; Filp. 4:​13.

Hisqiʼel jiraachuu isaa jaarraawwan hedduu dura, Musee raajichi Yihowaan tajaajiltoota isaa gargaaruuf humna qofa utuu hin taʼin fedhiis akka qabu dubbachuu isaa ni yaadanna taʼa. Museen, “Waaqayyo bara duriitii jalqabee dahoo dha; irreen isaa inni bara baraas si jala jira” jechuudhaan barreesseera. (Kes. 33:27) Eeyyee yeroo dhiphannutti gara Waaqayyootti kan garagallu yoo taʼe, Yihowaan irree isaa nu jala kaaʼee suuta jedhee akka ol nu kaasuu fi miila keenyaan dhaabbachuuf akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu ni ­dandeenya.​—His. 37:10.