Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 16B

Gadduu fi Aaduu, Mallattoo Gochuu, Ajjeesuu—Yoomii fi Akkamitti?

Gadduu fi Aaduu, Mallattoo Gochuu, Ajjeesuu—Yoomii fi Akkamitti?

Mulʼanni Hisqiʼel boqonnaa 9 irratti galmeeffame, bara keenyattis raawwii isaa ni argata. Wantoonni tokko tokko akkamitti akka raawwataman hubachuun keenya dhuma sirna kanaa amanannaadhaan eeggachuuf nu gargaara

“Gadduu fi aaduu”

YOOM: Guyyoota dhumaatti, rakkinni guddaan jalqabuu isaa dura

AKKAMITTI: Namoonni garaa qajeelaa qaban dubbii isaanii fi gocha isaaniitiin hammina addunyaa kanaa akka jibban ni argisiisu. Namoonni kun hojii lallabaatiif deebii gaarii kennu, namummaa haaraa uffachuu jalqabu, Yihowaadhaaf of murteessuu isaanii argisiisuuf ni cuuphamu, akkasumas obboloota Kiristoos amanamummaadhaan ni deggeru

“Mallattoo gochuu”

YOOM: Yeroo rakkina guddaatti

AKKAMITTI: Namichi gaanfa qalama barreessaa qabate sun Yesuus Kiristoos isa abbaa murtii saboota hundumaa taʼee dhufu argisiisa. Tuutni uummataa guddaan hoolota akka taʼan isaaniif murteeffama ykn mallattoon isaan irratti godhama; kunis yeroo waraana Armaagedoonitti badiisa irraa akka oolan argisiisa

“Ajjeesuu”

YOOM: Waraana Armaagedoonitti

AKKAMITTI: Yesuus Kiristoosii fi raayyaan isaa inni samii, jechuunis maleekonnii fi namoonni 144,000 warri isaa wajjin bulchan addunyaa hamaa kana guutummaatti ni balleessu; warra waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan immoo badiisa irraa oolchanii gara addunyaa haaraa qajeelummaan keessa jiraatutti galchu