Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 7B

Jechoota Ijoo Kitaaba Hisqiʼel Keessatti Argaman

Jechoota Ijoo Kitaaba Hisqiʼel Keessatti Argaman

“Ilma Namaa”

SIʼA 90 OL ARGAMA

Hisqiʼel siʼa 90 ol “ilma namaa” jedhamee waamameera. (His. 2:1) Hisqiʼel mirga guddaa argatu illee, Yihowaan inni nama lafaa taʼuu isaa isa yaadachiiseera. Kan nama dinqisiisu, Yesuus Wangeelota keessatti, gara siʼa 80 ‘Ilma namaa’ jedhamee kan waamame yeroo taʼu, kunis Yesuus maleekaa bifa namaatiin dhufe utuu hin taʼin guutummaatti nama taʼuu isaa kan argisiisu dha.—Mat. 8:20.

“Ani Yihowaa Taʼuu Koo Dhugumaan ni Hubatu”

SIʼA 50 OL ARGAMA

Hisqiʼel wanta Waaqayyo, namoonni “ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu” ykn “ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubattu” jechuudhaan dubbate siʼa 50 ol caqaseera; kunis Yihowaa qofti waaqeffannaa qulqulluu fudhachuun akka isaaf malu kan argisiisu dha.—His. 6:7.

‘Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa’

SIʼA 217 ARGAMA

Ibsi ‘Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa’ jedhu siʼa 217 argama; kunis maqaa Waaqayyootiif beekamtii isaaf malu kan kennuu fi Yihowaan uumama isaa hunda irratti bulchaa taʼuu isaa kan addeessu dha.—His. 2:4.