Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 2B

Jireenya Hisqiʼelii fi Bara Inni Jiraate

Jireenya Hisqiʼelii fi Bara Inni Jiraate

Hisqiʼel jechuun “Waaqayyo ni Cimsa” jechuu dha. Raajiiwwan inni barreesse akeekkachiisawwan hedduu kan qabatan taʼus, akka walii galaatti ergaan isaa maqaa isaa wajjin kan wal simuu fi amantii warra Waaqayyoof waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuu barbaadanii kan cimsu dha.

RAAJOTA BARA ISAATTI TURAN

  • ERMIYAAS,

    maatii lubootaa keessaa kan dhufee fi yeroo baayʼee Yerusaalem keessatti kan tajaajile (Dh.K.D. bara 647-580)

  • HULDAA

    Dhaloota Kiristoos Dura naannoo bara 642⁠tti yeroo kitaabni Seerichaa mana qulqullummaa keessatti argametti kan tajaajilte

  • DAANIʼEL,

    gosa mootota Yihudaa keessaa kan dhufee fi Dh.K.D. bara 617⁠tti gara Baabilonitti kan geeffame

  • ANBAAQOM

    jalqaba bulchiinsa Yehoyaaqiimitti Yihudaa keessatti kan tajaajile taʼuu hin oolu

  • OBAADIYAA

    Edoom irratti raajii kan dubbate yeroo Yerusaalem balleeffamtetti taʼuu hin oolu

RAAJII KAN DUBBATAN YOOMI? (BAROONNI HUNDI DH.K.D. DHA)

TAʼEEWWAN GUGUDDOO BARA HISQIʼELITTI RAAWWATAMAN (BAROONNI HUNDI DH.K.D. DHA)

  1. n. 643: Dhalate

  2. 617: Boojiʼamee gara Baabilonitti geeffame

  3. 613: Raajii dubbachuu jalqabe; mulʼata Yihowaa biraa dhufe arge

  4. 612: Gantummaa mana qulqullummaa keessatti raawwatamu mulʼataan arge

  5. 611: Yerusaalemiin balaaleffachuu jalqabe

  6. 609: Haati manaa isaa ni duute; Yerusaalem yeroo dhumaatiif marfamuu jalqabde

  7. 607: Yerusaalem balleeffamuu ishii dhagaʼe

  8. 593: Mulʼata mana qulqullummaa arge

  9. 591: Nebukadnezaar Gibxii akka weeraru raajii dubbate; raajii isaa barreessee xumure

MOOTOTA YIHUDAA FI BAABILON

  1. 659-629: Yosiyaas waaqeffannaa qulqulluu kan babalʼise taʼus waraana Faraʼoon Nekoo wajjin godhameen duʼeera

  2. 628: Yehoʼahaaz jiʼa sadiif hamminaan kan bulche yeroo taʼu, Faraʼoon Nekoon isa boojiʼeera

  3. 628-618: Faraʼoon Nekoon Yehoyaaqiim isa mootii hamaa ture gibira kaffalchiiseera

  4. 625: Nebukadnezaar loltoota Gibxii injifate

  5. 620: Nebukadnezaar yeroo jalqabaatiif Yihudaa weeraree Yehoyaaqiim Yerusaalem keessatti gibira akka isaaf kaffalu godhe

  6. 618: Yehoyaaqiim Nebukadnezaar irratti fincile; taʼus yeroo warri Baabilon siʼa lammaffaadhaaf Biyyattii Abdachiifamte weeraranitti duʼuu hin oolu

  7. 617: Yehoyaakiin inni Yikooniyaa jedhamees waamamu, mootii hamaa jiʼa sadiif bulche yeroo taʼu, boodas harka isaa Nebukadnezaaritti kennateera

  8. 617-607: Nebukadnezaar Zedeeqiyaa isa mootii hamaa fi sodaattuu taʼe, gibira kaffalchiiseera

  9. 609: Zedeeqiyaan Nebukadnezaar irratti fincile; achiis Nebukadnezaar yeroo sadaffaadhaaf Yihudaa weerare

  10. 607: Nebukadnezaar Yerusaalemiin balleesse, Zedeeqiyaa boojiʼee ija isaa jaamse, achiis gara Baabilonitti isa geesse