Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 19A

Lageen Eebba Yihowaa Argamsiisan

Lageen Eebba Yihowaa Argamsiisan

Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu garaa garaa eebba Yihowaa biraa yaaʼu argisiisuuf jechoota ‘lagaa’ fi “bishaan” jedhanitti fayyadaman tokko tokko ilaalaa. Yaadawwan kana hundumaa yommuu dubbisnu Yihowaan akkamitti akka nu eebbisu barachuudhaan jajjabina guddaa arganna. Akkamitti?

YOOʼEL 3:18 Raajiin kun burqaan tokko iddoo qulqulluu mana qulqullummaa keessaa akka burqu ibsa. Burqaan kun yaaʼee “Sulula Mukeetii Laaftoo” isa gogaa taʼe ni obaasa. Kanaafuu Yooʼelis taʼe Hisqiʼel lagni tokko yommuu lafa gogaa tokkoof jireenya kennu arganiiru. Raajiiwwan lamaan kana keessatti lagichi mana Yihowaa keessaa ykn mana qulqullummaa keessaa akka burqu ibsameera.

ZAKKAARIYAAS 14:8 Zakkaariyaas raajichi “bishaan jireenyaa” magaalaa Yerusaalem keessaa yommuu yaaʼu argeera. Bishaan sana keessaa walakkaan isaa gara galaana bahaatti ykn gara Galaana Duʼaatti, walakkaan isaa immoo gara galaana dhihaatti ykn gara Galaana Meditiraaniyaatti yaaʼa. Yerusaalem magaalaa Yihowaa, jechuunis “magaalaa Mootii isa guddaa ti.” (Mat. 5:35) Zakkaariyaas magaalaa kana caqasuun isaa gara fuulduraatti Yihowaan guutummaa lafaa irratti akka bulchu nu yaadachiisa. Bishaanonni raajii kana keessatti caqasaman Yihowaan Jannata keessatti garee namoota amanamoo taʼan lama, jechuunis warra rakkina guddaa keessa darban, akkasumas warra yeroo booda duʼaa kaʼan akka eebbisu kan argisiisu taʼuu isaa yeroo dheeraa dura hubanneerra.

MULʼATA 22:1, 2 Yohaannis ergamaan laga fakkeenyaan ibsamee fi Hisqiʼel argee wajjin baayʼee wal fakkaatu argeera. Haa taʼu malee lagni kun mana qulqullummaa keessaa utuu hin taʼin teessoo Yihowaa keessaa burqa. Kanaafuu mulʼanni kun akkuma mulʼata Zakkaariyaas, eebbawwan bulchiinsi Waaqayyoo yeroo Barkumeetti fidu irratti kan xiyyeeffatu fakkaata.

Dhugaa dha, eebbawwan bulchiinsi Yihowaa fiduu fi eebbawwan laga Hisqiʼel mulʼataan arge irratti ibsaman gidduu garaa garummaa xiqqoon jira. Taʼus, eebbawwan kun hundi Yihowaa biraa dhufu, akkasumas namoota amanamoo taʼan hundumaatiif ni yaaʼu.

FAARFANNAA 46:4 Caqasni kun wantoota lama, jechuunis waaqeffannaa fi bulchiinsa kan of keessatti qabate fakkaata. As irratti lagni ‘magaalaa Waaqayyootiif’ gammachuu argamsiisu, Mootummaa fi bulchiinsa argisiisa; akkasumas ‘godoo qulqulluu guddaan Isa Hundaa Oliitiif’ gammachuu argamsiisu, waaqeffannaa qulqulluu argisiisa.

Akka walii galaatti raajiiwwan kun Yihowaan namoota amanamoo taʼan karaawwan lamaan akka eebbisu nuu mirkaneessu. Tokkoffaa, bulchiinsa isaa irraa, lammaffaa, qophii inni waaqeffannaa qulqulluutiif godhe irraa bara baraaf faayidaa arganna. Kanaafuu yeroo ammaatti “bishaan jireenyaa” Yihowaa fi Ilma isaa biraa argamu, jechuunis qophiiwwan jaalalaan kakaʼanii jireenya bara baraa akka argannuuf nuu godhan irraa dhuguu keenya itti fufuuf haa murteessinu!—Er. 2:13; Yoh. 4:10.