Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 9D

Raajiiwwan Waaʼee Boojiʼamuu fi Haareffamuu Dubbataman

Raajiiwwan Waaʼee Boojiʼamuu fi Haareffamuu Dubbataman

Raajiiwwan Yihudoota Baabilon durii keessatti boojiʼaman ilaalchisee dubbataman gumii Kiristiyaanaa boojuu Baabilon Guddittii jala ture irratti raawwii isaanii isa lammaffaa fi isa guddaa argataniiru. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

1. AKEEKKACHIISAWWAN

2. BOOJIʼAMUU

3. HAAREFFAMUU

RAAWWII JALQABAA

Dh.K.D. Bara 607 Dura—Isaayyaas, Ermiyaasii fi Hisqiʼel saba Yihowaa kan akeekkachiisan taʼus gantummaan itti fufee ture

Dh.K.D. Bara 607—Yerusaalem ni balleeffamte; sabni Waaqayyoo boojiʼamanii gara Baabilonitti geeffaman

Dh.K.D. Bara 537 fi Isa Booda—Namoonni amanamoo taʼan gara Yerusaalemitti deebiʼanii mana qulqullummaa deebisanii ijaaran, akkasumas waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuu jalqaban

RAAWWII ISA GUDDAA

Dh.K.B. Jaarraa Jalqabaa—Yesuus, Phaawulosii fi Yohaannis gumicha kan akeekkachiisan taʼus gantummaan itti fufee ture

Dh.K.B. Jaarraa Lammaffaa Irraa Jalqabee—Kiristiyaanonni dhugaan Baabilon Guddittiidhaan boojiʼaman

Dh.K.B. Bara 1919 fi Isa Booda—Bulchiinsa Yesuus jalatti dibamtoonni amanamoo taʼan boojuun hafuuraa isaanii xumuramuu isaa fi waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffamuu isaa hubatan