Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 9E

‘Yeroo Wanti Hundi Itti Haareffamu’

‘Yeroo Wanti Hundi Itti Haareffamu’

HOJII ERGAMOOTAA 3:21

Pheexiros waaʼee ‘yeroo wanti hundi itti haareffamuu’ yommuu dubbatu waaʼee yeroo dinqisiisaa Kiristoos Mootii itti taʼe irraa jalqabee hanga dhuma Barkumeetti itti fufuu raajiidhaan dubbachuu isaa ture.

  1. 1914​—Yesuus Kiristoos samii keessatti Mootii taʼee teessoo irra taaʼe. Sabni Waaqayyoo bara 1919 eegalee karaa hafuuraa haareffamuu jalqaban

    Guyyoota Dhumaa

  2. ARMAAGEDOON​—Bulchiinsi Barkumee Kiristoos ni jalqaba, ‘yeroon wanti hundi itti haareffamus’ ilmaan namootaa ajajamoo lafa irra jiraataniif eebba argamsiisuu kan dabalatu taʼa

    Bulchiinsa Barkumee

  3. DHUMA BARKUMEE​—Yesuus hojii haaressuu hunda xumuree Mootummicha Abbaa isaatti dabarsee kenna

    Jannata Bara Baraa

BULCHIINSI YESUUS . . .

  • maqaa Waaqayyootiif ulfina fida

  • warra dhukkubsatan ni fayyisa

  • warra dullooman dargaggummaatti deebisa

  • warra duʼan duʼaa ni kaasa

  • namoonni amanamoo taʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan godha

  • lafa Jannata godha