Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

SAANDUQA 16A

Yerusaalem Saba Kiristiyaanaatiif Gaaddidduu Dhaa?

Yerusaalem Saba Kiristiyaanaatiif Gaaddidduu Dhaa?

Kanaan dura barreeffamoonni keenya Yerusaalem ishiin gantuu taate Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu akka taate ibsu turan. Waaqolii tolfamoo waaqeffachuu fi hamminaan guutamuu ishii dabalatee, haalli Yerusaalem ishii gantuu taate keessa ture wanta Saba Kiristiyaanaa keessatti raawwatamaa jiru akka nu yaadachiisu beekamaa dha. Haa taʼu malee, yeroo dhihoodhaa asitti barreeffama amma dubbisaa jirtu dabalatee barreeffamoonni keenya ragaan Kitaaba Qulqulluu ifa taʼe yoo jiraate malee wanti tokko gaaddidduu ykn isa dhugaa argisiisa jedhanii ibsuu dhiisaniiru. Yerusaalem Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu dha jechuuf Kitaaba Qulqulluu irraa ragaa amansiisaa ni argannaa? Hin argannu.

Mee yaadawwan armaan gadii haa ilaallu: Yerusaalem yeroo taʼe tokkotti wiirtuu waaqeffannaa qulqulluu turte; yeroo booda garuu jiraattonni ishii gantoota taʼan. Faallaa kanaatiin garuu Sabni Kiristiyaanaa matumaa waaqeffannaa qulqulluu irratti hirmaattee hin beektu. Sabni Kiristiyaanaa Dh.K.B. jaarraa arfaffaatti erga hundeeffamtee jalqabee yeroo hundumaa barumsa sobaa barsiisaa jirti.

Kana malees Yerusaalem warra Baabiloniin erga balleeffamtee booda, Yihowaan magaalattiin isa biratti fudhatama akka argattu godheera, ishiinis deebitee wiirtuu waaqeffannaa dhugaa taateetti. Sabni Kiristiyaanaa garuu matumaa Waaqayyo biratti fudhatama argattee hin beektu; yeroo rakkina guddaatti takkaa erga balleeffamtee boodas matumaa deebitee hin kaatu.

Wanta hamma yoonaatti ilaalle irratti hundaaʼuudhaan maal jechuu dandeenya? Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu Yerusaalem ishii gantuu taate irratti raawwataman yommuu qorru, ‘Wanti kun ykn wanti sun wanta yeroo harʼaatti Saba Kiristiyaanaa keessatti raawwatamaa jiruu wajjin wal fakkaata’ jechuu dandeenya taʼa. Haa taʼu malee Yerusaalem Saba Kiristiyaanaatiif gaaddidduu dha jedhanii dubbachuuf ragaan Kitaaba Qulqulluu ifa taʼe waan jiru hin fakkaatu.