KUTAA TOKKO
“Samiiwwan ni Banaman”
YAADA IJOO: Mulʼata bakka Yihowaan jiraatu argisiisu
Namni Yihowaa isa waan hundumaa dandaʼu argee lubbuudhaan jiraachuu dandaʼu hin jiru. (Bau. 33:20) Haa taʼu malee Yihowaan mulʼatawwan kutaa jaarmiyaa isaa isa samii argisiisan Hisqiʼelitti mulʼiseera; mulʼatawwan kunis dinqisiifannaadhaan akka guutamnu gochuu qofa utuu hin taʼin, Waaqa dhugaa waaqeffachuuf mirga arganneef dinqisiifannaa qabnus nuu guddisu.
KUTAA KANA KEESSATTI
BOQONNAA 3
“Mulʼata Waaqayyo Biraa Dhufe Nan Arge”
Mulʼanni Hisqiʼel jalqaba arge dinqisiifannaa guddaadhaan akka guutamu godheera. Mulʼanni kun yeroo ammaatti namoota amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilaniif hiika guddaa qaba.
BOQONNAA 4
‘Umamawwan Jiraatoon Fuula Afur Afur Qaban’ Eenyu Faʼi?
Yihowaan wantoota ijaan mulʼatanii fi dhugaawwan silaa hubachuu hin dandeenye hubachuuf nu gargaaran Hisqiʼelitti argisiiseera.