Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 4

‘Umamawwan Jiraatoon Fuula Afur Afur Qaban’ Eenyu Faʼi?

‘Umamawwan Jiraatoon Fuula Afur Afur Qaban’ Eenyu Faʼi?

HISQIʼEL 1:15

YAADA IJOO: Uumamawwan jiraatoo fi waaʼee isaanii qoʼachuudhaan wanta barannu

1, 2. Yihowaan tajaajiltoota isaa lafa irra jiraniif dhugaawwan tokko tokko ibsuuf darbee darbee wantoota ijaan argamanitti kan fayyadame maaliifi?

MAATIIN ijoollee xixinnoo qabu tokko minjaalatti marsee Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa akka jiru godhaa yaadaa. Abbaan isaanii ijoolleen isaa dhugaa Kitaaba Qulqulluu tokko akka hubatan isaan gargaaruuf fakkiiwwan tokko tokko isaanitti argisiisa. Ijoolleen isaa seequun isaanii fi miira hoʼaadhaan yaada kennuun isaanii abbaan sun gama kanaan milkaaʼina akka argate argisiisa. Abbaan kun fakkiitti fayyadamee, barumsa waaʼee Yihowaa ibsuu fi silaa hubachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼu akka hubatan isaan gargaareera.

2 Haaluma wal fakkaatuun Yihowaanis ilmaan namootaa warri ijoollee isaa taʼan dhugaawwan ijaan hin mulʼannee fi hubachuun isaanitti ulfaatu akka hubatan isaan gargaaruuf wantoota ijaan mulʼatanitti fayyadameera. Fakkeenyaaf, Yihowaan waaʼee ofii isaa dhugaawwan dinqisiisoo taʼan ibsuuf, mulʼata fakkiiwwan nama ajaaʼibsiisaniin guutame Hisqiʼelitti argisiiseera. Boqonnaa darbe irratti fakkiiwwan akkanaa keessaa isa tokko ilaalleerra. Mee amma immoo kutaa mulʼata ajaaʼibsiisaa taʼe kanaa keessaa isa tokko irratti haa xiyyeeffannu; achiis hiika isaa hubachuun keenya caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

‘Wantoota Uumamawwan Jiraatoo Afur Fakkaatan Nan Arge’

3. (a) Hisqiʼel 1:4, 5 akka jedhutti Hisqiʼel mulʼataan maal arge? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Akkaataa Hisqiʼel wanta arge itti barreesse irraa maal hubattan?

3 Hisqiʼel 1:4, 5 dubbisi. Hisqiʼel ‘wantoonni uumamawwan jiraatoo afur fakkaatan’ kun maleekaa, namaa fi bineensa akka fakkaatan ibseera. Hisqiʼel wanta uumamawwan jiraatoo “fakkaatan” akka arge dubbachuudhaan wanta isatti dhagaʼame sirriitti ibsuu isaa hubadhaa. Mulʼata Hisqiʼel boqonnaa 1 irratti argamu guutummaa isaa yommuu dubbistan, raajichi irra deddeebiʼee jechoota ‘fakkaatu,’ “akkuma,” akkasumas ‘wanta akka’ jedhanitti fayyadamuu isaa ni hubattu. (His. 1:13, 24, 26) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti Hisqiʼel fakkaattii ykn bifa wantoota dhugumaan samii irra jiranii fi ijaan hin argamnee arguu isaa hubatee ture.

4. (a) Mulʼanni Hisqiʼel arge dhiibbaa akkamii isa irraan geessiseera? (b) Kiruubelota ilaalchisee wanti Hisqiʼel ni beeka jennee yaannu maali dha?

4 Hisqiʼel wanta mulʼata sana keessatti argee fi dhagaʼe ajaaʼibsiifatee taʼuu qaba. Bifti uumamawwan jiraatoo arfan sanaa “barbadaa ibiddaa” fakkaata ture. Saffisni isaanii akka “balaqqeessa bakakkaa” ture. Sagaleen qoochoowwan isaanii “akkuma sagalee huursaa bishaanii” ture; sochiin isaaniis “akkuma sagalee raayyaa waraanaa” ture. (His. 1:13, 14, 24-28; saanduqa ‘Uumamawwan Jiraatoo Nan Arge’ jedhu ilaali.) Mulʼata yeroo booda arge irratti Hisqiʼel uumamawwan jiraatoon arfan kun “kiruubelota” ykn maleekota humna guddaa qaban akka taʼan ibseera. (His. 10:2) Hisqiʼel maatii luba taʼe keessatti waan guddateef, kiruubelonni Waaqayyotti dhihaatanii kan jiranii fi kan isa tajaajilan taʼuu isaanii akka beeku hin shakkisiisu.—1 Sen. 28:18; Far. 18:10.

“Tokkoon Tokkoon Isaanii Fuula Afur Afur . . . Qabu Turan”

5. (a) Kiruubelonnii fi fuulli isaanii arfan humnii fi ulfinni Yihowaa guddaa taʼuu isaa kan argisiisan akkamitti? (b) Kutaan mulʼata kanaa hiika maqaan Waaqayyoo qabu nu yaadachiisa kan jennu maaliifi? (Miiljalee ilaali.)

5 Hisqiʼel 1:6, 10 dubbisi. Kana malees, Hisqiʼel kiruubelonni sun tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afur akka qaban kan hubate yeroo taʼu, isaanis fuula namaa, fuula leencaa, fuula qotiyyoo fi fuula risaa ti. Hisqiʼel fuulawwan arfan sana arguun isaa humnii fi ulfinni Yihowaa baayʼee guddaa taʼuu isaa ilaalchisee wanta baayʼee isa barsiisee taʼuu qaba. Akkana kan jennu maaliifi? Sababiin isaas uumamawwan arfan fuula afuriin bakka buufaman kun ulfina, ciminaa fi humna guddaa qabu. Leenci bineensa ulfina guddaa qabu, qotiyyoon beelada dinqisiisaa, risaan allaattii humna guddaa qabu yeroo taʼu, namni immoo uumamawwan lafa irra jiran hunda kan caaluu fi kan isaan bulchu dha. (Far. 8:4-6) Haa taʼu malee, uumamawwan arfan mulʼaticha keessatti ibsaman teessoo Yihowaa isa hundumaa irratti ol aantummaa qabu jalatti argamu. Mulʼanni kun Yihowaan kaayyoo isaa raawwachuuf uumama isaatti fayyadamuu akka dandaʼu akka gaariitti kan argisiisu dha. * Dhuguma iyyuu akkuma faarfatichi Yihowaa ilaalchisee dubbate, “ulfinni isaa lafaa fi samiidhaa oli.”—Far. 148:13.

Uumamawwan jiraatoon arfanii fi fuulli isaanii arfan waaʼee jabina, ulfinaa fi waaʼee amaloota Yihowaa maal ibsu? (Keeyyata 5, 13 Ilaali)

6. Hisqiʼel fuulli arfan sun dabalataan maal akka argisiisan hubachuuf wanti isa gargaare maal taʼuu dandaʼa?

6 Hisqiʼel wanta arge irratti erga xiinxalee yeroo muraasa booda tajaajiltoonni Waaqayyoo isa dura turan wanta tokko wal bira qabanii ibsuuf bineensotatti akka fayyadaman yaadatee taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, abbaa amantii kan ture Yaaqoob ilma isaa Yihudaa leenca wajjin, Biiniyaamiin immoo yeeyyii wajjin wal fakkeesseera. (Uma. 49:9, 27) Maaliif? Sababiin isaas amaloonni leencii fi yeeyyiin argisiisan amaloota namoonni kun argisiisanii wajjin wal fakkaata. Kanaafuu Hisqiʼel fakkeenyota Museen geggeessaa hafuuraatiin barreesse kana sammuutti qabachuudhaan, fuulli kiruubelota kanaas amaloota dinqisiisoo taʼan akka argisiisan hubatee taʼuu dandaʼa. Amaloonni isaan argisiisan kun garuu maal faʼi?

Amaloota Yihowaa fi Maatiin Isaa Warri Samii Qaban

7, 8. Amaloonni yeroo baayʼee fuula arfan kiruubelota sanaa wajjin wal qabatan kam faʼi?

7 Barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu bara Hisqiʼel dura turan leenca, risaa fi qotiyyootti kan fayyadaman amaloota akkamii argisiisuufi? Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu kanatti aananii jiran qalbeeffadhaa: ‘Nama onnee akka leencaa taʼe qabu.’ (2 Sam. 17:10; Fak. 28:1) ‘Risaa gara oliitti barristuu’ fi ‘ijji ishii fagootti argu.’ (Iyo. 39:27, 29) ‘Humni qotiyyoo oomisha hedduu argamsiisa.’ (Fak. 14:4) Caqasoota kana irratti hundaaʼuudhaan barreeffamoota keenya irratti yeroo baayʼee akkuma ibsamu, fuulli leencaa haqa ija jabinaan kennamu, fuulli risaa ogummaa fagoodhaa arguu, fuulli qotiyyoo immoo humna guddaa argisiisa.

8 ‘Fuulli namaa’ hoo maal argisiisa? (His. 10:14) Fuulli kun amala bineensi kam iyyuu argisiisuu hin dandeenyee fi namoonni bifa Waaqayyootiin uumaman qofti argisiisuu dandaʼan kan argisiisu taʼuu qaba. (Uma. 1:27) Amalli ilmaan namootaa qofti argisiisuu dandaʼan kun ajaja Yihowaan, “Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan . . . jaalladhu” jedhuu fi “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jechuudhaan kenne irratti ibsameera. (Kes. 6:5; Lew. 19:18) Jaalala ofittummaa irraa walaba taʼe argisiisuudhaan ajajawwan kana yommuu eegnu, jaalala Yihowaa calaqqisna. Akkuma Yohaannis ergamaan barreesse, “inni dursee waan nu jaallateef, nuti jaalala ni argisiisna.” (1 Yoh. 4:8, 19) Kanaafuu ‘fuulli namaa’ jaalala argisiisa jechuu dha.

9. Amaloonni fuula kiruubelota sanaa wajjin wal qabatan kan eenyuu ti?

9 Amaloonni kun kan eenyuu ti? Fuulawwan kun kan kiruubelotaa waan taʼaniif, amaloonni kun kan qaamota hafuuraa kiruubelonni mulʼaticha irratti argaman bakka buʼan hundaa, jechuunis kan uumamawwan hafuuraa amanamoo maatii Yihowaa warra samii keessatti argamanii ti. (Mul. 5:11) Kana malees, Yihowaan Madda jireenya kiruubelota kanaa waan taʼeef, Maddi amaloota isaaniis isa dha. (Far. 36:9) Kanaafuu fuulli kiruubelota kanaa amalawwan Yihowaa kan argisiisani dha. (Iyo. 37:23; Far. 99:4; Fak. 2:6; Mik. 7:18) Yihowaan amaloota dinqisiisoo taʼan kana kan argisiise karaawwan kamiini?

10, 11. Amaloota guguddaa arfan Yihowaan argisiise irraa fayyadamaa kan jirru karaawwan kamiini?

10 Haqa. Yihowaan Waaqa ‘haqa jaallatu’ waan taʼeef, “inni eenyuuf iyyuu hin loogu.” (Far. 37:28; Kes. 10:17) Kanaan kan kaʼes iddoon hawaasa keessatti qabnu ykn akkaataan guddinaa keenya maal iyyuu yoo taʼe hundi keenya tajaajiltoota isaa taanee itti fufuu fi eebbawwan bara baraa argachuuf carraan nuuf banameera. Ogummaa. Yihowaan Waaqa “garaan isaa ogeessa” taʼe waan taʼeef, kitaaba ‘ogummaadhaan’ guutame nuu kenneera. (Iyo. 9:4; Fak. 2:7) Gorsa Kitaaba Qulqulluu isa ogummaa irratti hundaaʼe hojii irra oolchuun keenya rakkoowwan guyyaa guyyaadhaan nu mudatan moʼuu fi jireenya kaayyoo qabu jiraachuuf nu gargaara. Humna. Yihowaan Waaqa ‘humna guddaa qabu’ waan taʼeef, ‘humna humna caalu’ nuu kennuuf hafuura qulqulluu isaatti fayyadama. Kunis rakkoowwan ciccimoo fi nama dhiphisan kam iyyuu dandamachuu akka dandeenyuuf cimina nuu kenna.—Naho. 1:3; 2 Qor. 4:7; Far. 46:1.

11 Jaalala. Yihowaan Waaqa ‘jaalala amanamaa baayʼee’ qabu waan taʼeef, waaqeffattoota isaa amanamoo taʼan matumaa hin gatu. (Far. 103:8; 2 Sam. 22:26) Kanaafuu haalli fayyaa keenyaa ykn umuriin keenya tajaajila Yihowaa keessatti hamma kanaan duraa akka hin raawwanne nu dhowwuu isaatiin kan kaʼe yoo gaddine illee, Yihowaan hojii kanaan dura jaalalaan kakaanee raawwanne akka yaadatu beekuun keenya nu jajjabeessa. (Ibr. 6:10) Kana irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan haqa, ogummaa, humnaa fi jaalala argisiisuu isaa irraa baayʼee fayyadamneerra; gara fuulduraattis amaloota guguddoo taʼan arfan kana irraa fayyadamuu keenya itti fufna.

12. Amaloota Yihowaa hubachuu wajjin haala wal qabateen wanti yaadachuu qabnu maali dha?

12 Dhugaa dha, namoota waan taaneef waaʼee amaloota Yihowaa hubachuu kan dandeenyu “fiixee daandiiwwan isaa qofa” akka taʼe yaadachuu qabna. (Iyo. 26:14) “Guddinni isaa qoramuu kan hin dandeenye” waan taʼeef, “Isa Hundumaa Dandaʼu hubachuun humna keenyaa oli.” (Iyo. 37:23; Far. 145:3) Kanaafuu amaloonni Yihowaa lakkaaʼamuu ykn adda baʼanii ilaalamuu akka hin dandeenye ni hubanna. (Roomaa 11:33, 34 dubbisi.) Mulʼanni Hisqiʼel iyyuu baayʼinnii fi guddinni amaloota Waaqayyoo daangaa akka hin qabne argisiisa. (Far. 139:17, 18) Kutaa mulʼatichaa keessaa dhugaa barbaachisaa taʼe kana kan addeessu isa kami?

“Fuula Afur Afur . . . Qoochoo Afur Afur . . . Kallattiiwwan [Afur]

13, 14. Fuulli kiruubelotaa arfan maal argisiisa? Akkas kan jennu hoo maaliifi?

13 Hisqiʼel kiruubelonni mulʼaticha keessatti argaman tokkoon tokkoon isaanii fuula tokko qofa utuu hin taʼin fuula afur afur akka qaban argeera. Kun maal argisiisa? Dubbii Waaqayyoo keessatti lakkoofsi afur yeroo baayʼee wanta hunda of keessatti qabachuu ykn guutuu taʼuu argisiisuuf akka itti hojjetamu yaadadhaa. (Isa. 11:12; Mat. 24:31; Mul. 7:1) Kan nama dinqisiisu Hisqiʼel mulʼata kana keessatti qofa lakkoofsa afur gara siʼa 11 caqaseera. (His. 1:5-18) Maarree kana irraa maal hubachuu dandeenya? Kiruubelonni arfan uumamawwan hafuuraa amanamoo taʼan hunda akkuma argisiisan, fuulli arfan kiruubelota kanaa walitti qabaatti yommuu ilaalaman amaloota Yihowaan qabu hunda argisiisu ykn of keessatti qabatu. *

14 Fuulli arfan kiruubelotaa amaloota afurii ol of keessatti qabachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe fakkeenyaan ibsuuf, geengoowwan arfan mulʼata kana keessatti ibsamanii wajjin wal bira qabnee haa ilaallu. Tokkoon tokkoon geengoowwan kanaa kophaa isaaniitti dinqisiisoo dha, geengoowwan arfan kun walitti qabaatti yommuu ilaalaman garuu tokkoon tokkoon geengoowwan sanaa caalaa dinqisiisoo taʼanii mulʼatu; isaan buʼuura saragallaan sun irra taaʼu dha. Haaluma wal fakkaatuun fuulli arfan, walitti qabaatti yommuu ilaalaman tokkoon tokkoon amaloota sanaa caalaa dinqisiisoo taʼanii mulʼatu; amaloonni kun buʼuura eenyummaa Yihowaa isa dinqisiisaa taʼee ti.

Yihowaan Tajaajiltoota Isaa Warra Amanamoo Taʼanitti Dhihoo Dha

15. Hisqiʼel mulʼata isaa isa jalqabaa irraa dhugaa nama jajjabeessu akkamii barate?

15 Hisqiʼel mulʼata jalqabaa kana irraa walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu ilaalchisee dhugaa barbaachisaa fi nama jajjabeessu tokko barateera. Dhugaan kun maali dha? Dhugaan kun jechoota jalqabaa kitaaba raajii Hisqiʼel keessatti ibsameera. Hisqiʼel “biyya Kaladootaa keessa” akka ture erga ibsee booda, “Achitti harki Yihowaa isa irratti ni dhufe” jechuudhaan waaʼee ofii isaa dubbateera. (His. 1:3) Hisqiʼel mulʼata kana kan arge Yerusaalem keessatti utuu hin taʼin achitti, jechuunis Baabilon keessatti akka taʼe dubbachuu isaa hubadhaa. * Maarree kun Hisqiʼel maal akka hubatu isa taasiseera? Hisqiʼel nama boojiʼamee Yerusaalemii fi mana qulqullummaa ishii irraa fagaatee jiru taʼus, Yihowaa fi waaqeffannaa isaa irraa akka hin fagaanne isa hubachiiseera. Yihowaan Baabilon keessatti Hisqiʼelitti mulʼachuun isaa Waaqayyoof waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuun bakka taʼe tokko jiraachuu isaa irratti ykn iddoo inni qabu irratti kan hundaaʼe akka hin taane argisiisa. Kanaa mannaa haala garaa Hisqiʼelii fi fedhii inni Yihowaa tajaajiluuf qabu irratti kan hundaaʼe dha.

16. (a) Mulʼata Hisqiʼel irraa wanta nama jajjabeessu akkamii arganna? (b) Garaa keessan guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf wanti isin kakaasu maali dha?

16 Dhugaan Hisqiʼel hubate yeroo ammaatti jajjabina guddaa nuuf kenna kan jennu maaliifi? Eessa iyyuu yoo jiraanne, hammam iyyuu yoo dhiphanne ykn haala akkamii keessa iyyuu yoo jiraanne garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajilla taanaan inni akka nutti dhihaatu nuu mirkaneessa. (Far. 25:14; HoE. 17:27) Jaalalli amanamaan Yihowaan tajaajiltoota isaa hundaaf qabu, dafee abdii akka nutti hin kutanne isa kakaasa. (Bau. 34:6) Kanaafuu Yihowaan jaalala amanamaa akka nutti hin argisiisne wanti isa dhowwu matumaa hin jiru. (Far. 100:5; Rom. 8:35-39) Kana malees mulʼanni dinqisiisaan waaʼee qulqullummaa Yihowaa fi humna isaa isa guddaa ibsu kun waaqeffannaan keenya Yihowaadhaaf dhihaachuu akka qabu nu yaadachiisa. (Mul. 4:9-11) Dhuguma iyyuu Yihowaan waaʼee isaas taʼe waaʼee amaloota isaa dhugaawwan barbaachisoo taʼan tokko tokko akka hubannu nu gargaaruuf mulʼatawwan akkasiitti fayyadamuu isaatti baayʼee galateeffanna! Amaloota Yihowaa warra nama hawwatan ilaalchisee hubannaa guddaa argachuun keenya, caalaatti isatti dhihaachuu fi isa jajachuuf, akkasumas garaa keenya guutuu fi humna keenya guutuudhaan isa tajaajiluuf nu kakaasa.—Luq. 10:27.

Yihowaan jaalala amanamaa akka nutti hin argisiisne wanti isa dhowwu matumaa hin jiru (Keeyyata 16 Ilaali)

17. Boqonnaawwan itti aananii jiran keessatti gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?

17 Kan nama gaddisiisu garuu, bara Hisqiʼelitti waaqeffannaa qulqulluun mancaʼee ture. Kun kan taʼe akkamitti? Yihowaatti maaltu dhagaʼame? Taʼeewwan bara duriitti raawwataman kun hoo yeroo ammaatti hiika maalii nuuf qabu? Deebii gaaffiiwwan kanaa boqonnaawwan itti aanan keessatti ilaalla.

^ key. 5 Ibsi Hisqiʼel uumamawwan kana ilaalchisee kenne maqaa Yihowaa isa hiika, “Akka Taʼu Godha” jedhu qabu nu yaadachiisa. Hiikni maqaa isaa, Yihowaan kaayyoo isaa galmaan gaʼuuf uumamawwan isaa wanta barbaade akka taʼan gochuu akka dandaʼus ni argisiisa.—Hiika Addunyaa Haaraa irraa Kutaa Dabalataa A4 ilaali.

^ key. 13 Waggoota hedduudhaaf barreeffamoonni keenya amaloota Yihowaa gara 50 taʼan irratti ibsa kennaniiru.—Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe irraa mata duree “Yihowaa,” “Amalawwan Yihowaa” jedhu ilaali.

^ key. 15 Namni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennu tokko akka dubbatetti, jechi “achitti” jedhu “kallattiidhaan, akkasumas karaa salphaa taʼeen miira dinqisiifannaa kan dabarsu dha. . . . Waaqayyo achi, Baabilon keessa jira! Kun immoo nama jajjabeessa!”