Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 20

‘Biyyattii Dhaala Godhaa Hihiraa’

‘Biyyattii Dhaala Godhaa Hihiraa’

HISQIʼEL 45:1

YAADA IJOO: Hiika biyyattii hihiruun qabu

1, 2. (a) Hisqiʼel Yihowaa irraa qajeelfamoota akkamii argateera? (b) Gaaffiiwwan akkamii irratti mariʼanna?

MULʼANNI Hisqiʼel arge tokko wanta gara waggaa 900 dura bara Musee fi Iyyaasuutti raawwatame isa yaadachiisee taʼuu hin oolu. Yeroo sanatti Yihowaan daangaawwan Biyyattii Abdachiifamte sanaa Museedhaaf ibseera; yeroo booda immoo Iyyaasuun gosoota Israaʼeliif akkamitti biyyattii hihiruu akka qabu itti himeera. (Lak. 34:1-15; Iya. 13:7; 22:4, 9) Dhaloota Kiristoos Dura bara 593⁠tti garuu Yihowaan Hisqiʼelii fi namoonni isaa wajjin boojiʼaman Biyyattii Abdachiifamte ammas gosoota Israaʼeliif akka hihiran qajeelfama kenneera.—His. 45:1; 47:14; 48:29.

2 Mulʼanni kun Hisqiʼelii fi namoota isaa wajjin boojiʼamanii jiraniif ergaa akkamii qabateera? Saba Waaqayyoo yeroo harʼaatti argamaniifis madda jajjabinaa taʼa kan jennu maaliifi? Gara fuulduraatti hoo raawwii isaa isa guddaa ni argataa?

Mulʼata Abdii Afur Qabate

3, 4. (a) Mulʼanni Hisqiʼel arge inni dhumaa, warra boojiʼamaniif abdii akkamii afur kenneera? (b) Boqonnaa kana keessatti abdii kam irratti mariʼanna?

3 Mulʼanni Hisqiʼel arge inni dhumaa boqonnaawwan saglan kitaaba isaa keessatti galmeeffameera. (His. 40:1–48:35) Mulʼanni kun saba Israaʼel isa deebiʼee hundeeffamu ilaalchisee warra boojiʼamaniif abdii nama jajjabeessu afur kenneera. Abdiiwwan nama jajjabeessan kun kam faʼi? Tokkoffaa, waaqeffannaa qulqulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti deebiʼee ni hundeeffama. Lammaffaa, luboonnii fi tiksitoonni qajeelota taʼan saba deebiʼee hundeeffamu sana ni geggeessu. Sadaffaa, warri Israaʼelitti deebiʼan hundi lafa dhaalan ni qabaatu. Akkasumas arfaffaa, Yihowaan ammas isaan gidduu jiraachuudhaan isaanii wajjin ni taʼa.

4 Boqonnaa 13⁠ffaa fi 14⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti abdiiwwan jalqabaa lamaan, jechuunis waaqeffannaa dhugaan deebiʼee akka hundeeffamuu fi tiksitoonni qajeelota taʼan sabicha akka geggeessan abdiin kenname akkamitti akka raawwatame ilaalleerra. Boqonnaa kana keessatti abdii sadaffaa, jechuunis abdii lafa sana dhaaluu ilaalchisee kenname irratti xiyyeeffanna. Boqonnaa itti aanu keessatti immoo, abdii Yihowaan saba isaa gidduutti akka argamu kenname irratti mariʼanna.—His. 47:13-21; 48:1-7, 23-29.

‘Lafti Kun Akka Dhaalaatti Isiniif Ramadameera’

5, 6. (a) Mulʼata Hisqiʼel keessatti naannoon ramadamu isa kami? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Mulʼanni waaʼee lafa ramaduu ibsu kaayyoon isaa maali dha?

5 Hisqiʼel 47:14 dubbisi. Yihowaan Hisqiʼel mulʼataan lafa yeroo muraasa booda akkuma “iddoo biqiltuu Eedan” taatu irratti akka xiyyeeffatu godheera. (His. 36:35) Achiis Yihowaan, “Naannoon isin akka dhaalaatti gosoota Israaʼel 12⁠niif ramaddan isa kana” jedhe. (His. 47:13) “Naannoon” ramadamu kun biyya Israaʼel isa deebiʼee hundeeffamuu fi namoonni boojiʼaman deebiʼanii keessa jiraatani dha. Itti aansuudhaan akkuma Hisqiʼel 47:15-21 irratti ibsame Yihowaan daangaawwan guutummaa biyyattii tokko tokkoon ibseera.

6 Mulʼanni waaʼee lafa ramaduu ibsu kun kaayyoon isaa maali dha? Daangaawwan qixxeetti safaraman ilaalchisee ibsi kenname, Hisqiʼelii fi namoonni boojiʼaman biyyi isaanii ishiin jaallatamtuun deebitee akka hundeeffamtu isaaniif mirkaneesseera. Abdiin Yihowaan balʼinaan, akkasumas karaa ifa taʼeen ibse kun warra boojiʼamanii jiran hammam akka gammachiise mee yaadaa! Sabni Waaqayyoo dhuguma lafa akka dhaalaatti isaaniif qoqqoodame kana fudhataniiruu? Eeyyee fudhataniiru.

7. (a) Wanti Dh.K.D. bara 537⁠tti raawwatamuu jalqabe maali dha? Kun hoo maal nu yaadachiisa? (b) Jalqaba irratti gaaffii akkamii ilaalla?

7 Hisqiʼel mulʼata kana erga argee gara waggaa 56 booda, jechuunis Dh.K.D. bara 537⁠tti namoonni kumaan lakkaaʼamanii fi boojiʼamanii turan gara biyya Israaʼelitti deebiʼuu jalqabaniiru, akkasumas biyyattii dhaalaniiru. Taʼee guddaan waggoota hedduu dura raawwatame kun, wanta kanaa wajjin wal fakkaatuu fi yeroo ammaatti saba Waaqayyoo gidduutti raawwatamaa jiru tokko nu yaadachiisa. Isaanis lafa tokko akka dhaalaatti fudhataniiru jechuun ni dandaʼama. Akkamitti? Yihowaan sabni isaa biyya hafuuraa tokkotti seenanii akka dhaalan heyyameera. Kanaafuu bara duriitti Biyyattiin Abdachiifamte deebitee hundeeffamuun ishii, yeroo harʼaatti biyyi hafuuraa saba Waaqayyoo deebiʼee hundeeffamuu isaa ilaalchisee wanta nu barsiisu hedduu qaba. Haa taʼu malee barumsa kana ilaaluu keenya dura biyyi hafuuraa yeroo harʼaatti dhugumaan jira kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu.

8. (a) Yihowaan saba Israaʼel durii saba kamiin bakka buuse? (b) Biyyi ykn jannanni hafuuraa maali dha? (c) Biyyi kun kan hundeeffame yoomi? Kan keessa jiraatan hoo eenyu faʼi?

8 Yihowaan mulʼata jalqaba Hisqiʼelitti argisiise keessatti raajiiwwan Israaʼel deebitee akka hundeeffamtu dubbatan ‘tajaajilaan isaa Daawit,’ jechuunis Yesuus Kiristoos Mootii taʼee bulchuu erga jalqabee booda raawwii isaanii isa guddaa akka argatan ibseera. (His. 37:24) Kunis kan raawwatame Dh.K.B. bara 1914⁠tti dha. Yeroo sanatti sabni Israaʼel inni durii, saba Israaʼel hafuuraa isa Kiristiyaanota hafuuraan dibaman of keessatti qabateen erga bakka buufamee waggoonni hedduun darbaniiru. (Maatewos 21:43; 1 Pheexiros 2:9 dubbisi.) Haa taʼu malee, Yihowaan saba Israaʼel isa durii saba hafuuraa tokkoon bakka buusuu qofa utuu hin taʼin, biyya Israaʼelis biyya ykn jannata hafuuraa tokkoon bakka buuseera. (Isa. 66:8) Akkuma Boqonnaa 17⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaalle, biyyi hafuuraa kun naannoo karaa hafuuraa tasgabbaaʼaa taʼe ykn bakka sochiin hafuuraa itti godhamuu fi dibamtoonni hafan bara 1919 irraa jalqabee Yihowaa waaqeffachaa itti turan argisiisa. (Saanduqa 9B, Bara 1919⁠tti kan Jennu Maaliifi?” jedhu ilaali.) Yeroo booda ‘hoolonni kan biroon’ warri lafa irra jiraachuuf abdii qabanis biyya hafuuraa kana keessa jiraachuu jalqabaniiru. (Yoh. 10:16) Yeroo harʼaatti jannanni hafuuraa kun guddachuu isaa fi balʼachuu isaa kan itti fufe taʼus, eebbawwan isaa garuu guutummaatti kan argaman Armaagedoon booda dha.

Biyyattii Qixxeetti Hihiruu

9. Yihowaan biyyattii qoqqooduu ilaalchisee qajeelfama balʼaa akkamii kenne?

9 Hisqiʼel 48:1, 28 dubbisi. Yihowaan daangaawwan biyyattii erga murteessee booda biyyattiin akkamitti akka qoqqoodamtu balʼinaan ibseera. Gosa Daan isa fiixee kaaba biyyattiitti argamu irraa jalqabee hamma gosa Gaad isa fiixee kibbaatti argamuutti biyyattiin kaabaa hamma kibbaatti gosoota 12⁠niif qixxeetti hihiramtee dhaalaan akka kennamtus ajajeera. Dhaalli gosoota 12n kanaaf kennamu lafa karaa bahaatiin daangaa biyyattii irraa jalqabee, hamma Galaana Guddaatti ykn Galaana Meditiraaniyaa isa karaa dhihaatiin argamuutti dalga diriiree jiru kan dabalatu dha.—His. 47:20.

10. Kutaan mulʼata kanaa warra boojiʼamaniif abdii akkamii kennee taʼuu hin oolu?

10 Kutaan mulʼata kanaa warra boojiʼamaniif abdii akkamii kennee taʼuu hin oolu? Laficha qoqqooduu ilaalchisee ibsi balʼaan Hisqiʼel kenne, laficha hihiruun hojii qindoomina guddaadhaan hojjetamu taʼuu isaa sabicha hubachiisee taʼuu qaba. Kana malees lafichi gosoota 12⁠niif qixxeetti hihiramuun isaa namoonni boojuudhaa deebiʼan hundi biyyattii deebitee hundeeffamtu keessatti dhaala akka argatan kan isaaniif mirkaneessu dha. Isaan keessaa namni lafa ykn mana hin qabaanne hin jiraatu.

11. Mulʼata waaʼee biyyattii qoqqooduu ibsu irraa barumsa akkamii arganna? (Saanduqa, “Biyyattii Hihiruu” jedhu ilaali.)

11 Yeroo harʼaatti mulʼata kana irraa barumsa nama jajjabeessu akkamii arganna? Biyyattii Abdachiifamtee fi deebitee hundeeffamtu keessatti iddoo kan argatan luboota, Leewwotaa fi geggeessitoota qofa utuu hin taʼin miseensota gosoota 12⁠nii hunda turan. (His. 45:4, 5, 7, 8) Haaluma wal fakkaatuun jannata hafuuraa keessatti iddoo kan qaban dibamtoota hafanii fi tuuta uummataa guddaa keessaa warra itti gaafatamummaa qaban qofa utuu hin taʼin, miseensota tuuta uummataa guddaa hunda dha. * (Mul. 7:9) Gaʼeen jaarmiyicha keessatti qabnu hammam iyyuu xinnoo yoo taʼe, biyya hafuuraa keessatti iddoo amansiisaa fi hojii guddaa qabna. Kun abdii nama gammachiisu mitii?

Jaarmiyaa Waaqayyoo keessatti itti gaafatamummaa akkamii iyyuu yoo qabaanne Yihowaan carraaqqii keenyaaf iddoo guddaa kenna (Keeyyata 11 Ilaali)

Garaa Garummaa Guddaa Lamaan—Hiika Maalii Nuuf Qabu?

12, 13. Yihowaan gosoota hundumaatiif qooda hihiruu ilaalchisee qajeelfama ifa taʼe akkamii kenneera?

12 Qajeelfamoonni Yihowaan laficha hihiruu ilaalchisee kenne tokko tokko qajeelfamoota kanaan dura Museedhaaf kennee wajjin garaa garummaa qabaachuun isaa Hisqiʼeliin burjaajessee taʼuu dandaʼa. Mee garaa garummaa isaan gidduu jiru lama ilaalaa. Garaa garummaan kunis inni tokko laficha kan ilaallatu yeroo taʼu, inni kan biraan immoo jiraattota biyyattii kan ilaallatu dha.

13 Tokkoffaa, laficha. Museen gosoota xixinnoo caalaa gosoota guguddaadhaaf lafa balʼaa akka kennu ajajamee ture. (Lak. 26:52-54) Haa taʼu malee, mulʼata Hisqiʼel keessatti Yihowaan gosoota hundumaatiif ‘qoodni wal qixa taʼe [‘tokkoon tokkoon isaaniitiif akka obboleessa isaaniitti,’ milj.]’ akka kennamu qajeelfama ifa taʼe kenneera. (His. 47:14) Kanaafuu fageenyi daangaa kaabaa irraa hamma daangaa kibbaatti dhaalli gosoota 12⁠niif hiramu qixxee taʼuu qaba ture. Gosa kam keessaa iyyuu yoo dhufan Israaʼelonni hundi oomisha gaarii Biyyattiin Abdachiifamtee fi lalistuu taate argamsiistu irraa qixxee fayyadamu.

14. Qajeelfamni Yihowaan namoota biyya ormaa ilaalchisee kenne wanta Seera Musee keessatti ibsame irraa adda kan taʼe akkamitti?

14 Lammaffaa, jiraattota biyyattii. Seerri Musee namoota biyya ormaatiif eegumsa kan godhuu fi waaqeffannaa Yihowaa irratti akka hirmaatan kan isaaniif heyyamu taʼus, namoonni kun biyyattii keessatti qooda qabaachuu hin dandaʼan turan. (Lew. 19:33, 34) Haa taʼu malee, wanti Yihowaan yeroo kanatti Hisqiʼelitti hime wanta Seericha keessatti ibse irraa adda ture. Yihowaan, “Nama biyya ormaatiif naannoo gosa inni gidduu jiraachaa jiru keessatti dhaala isaaf kennaa” jechuudhaan isa ajajeera. Yihowaan ajaja kana kennuudhaan garaa garummaa guddaan ‘lammii Israaʼelii’ fi nama biyya ormaa biyyattii keessa jiraatu gidduu jiru akka hafu godheera. (His. 47:22, 23) Hisqiʼel biyyattii deebitee hundeeffamtee fi mulʼataan arge keessatti wal qixxummaanii fi tokkummaan waaqeffannaa akka jiru hubateera.—Lew. 25:23.

15. Qajeelfamni Yihowaan lafichaa fi jiraattota biyyattii ilaalchisee kenne waaʼee isaa dhugaa hin jijjiiramne akkamii mirkaneessa?

15 Qajeelfamoonni dinqisiisoon Hisqiʼel waaʼee lafichaa fi jiraattota biyyattii ilaalchisee arge lamaan warra boojiʼaman jajjabeessanii taʼuu qabu. Namoonni kun Yihowaan Israaʼelotaafis taʼe namoota biyya ormaa isa waaqeffataniif iddoo qixxee taʼe akka kennu beeku. (Iz. 8:20; Nah. 3:26; 7:6, 25; Isa. 56:3, 8) Kana malees, qajeelfamoonni kun dhugaa nama jajjabeessuu fi hin jijjiiramne tokko, jechuunis tajaajiltoonni Yihowaa hundi isa biratti wal qixa gatii guddaa kan qaban akka taʼan nuu mirkaneessu. (Haagee 2:7 dubbisi.) Yeroo harʼaatti warri samii irra ykn lafa irra jiraachuuf abdii qabnu, dhugaa kanaaf bakka guddaa kennina.

16, 17. (a) Lafichaa fi jiraattota biyyattii ilaalchisee wantoota gad fageenyaan ibsaman kana qorachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? (b) Boqonnaa itti aanu keessatti waaʼee maalii ilaalla?

16 Lafichaa fi jiraattota biyyattii ilaalchisee wantoota gad fageenyaan ibsaman kana qorachuun keenya kan nu fayyadu akkamitti? Yeroo ammaatti wal qixxummaa fi tokkummaan obbolummaa addunyaa maraa keessatti ifatti mulʼachuu akka qabu nu yaadachiisa. Yihowaan hin loogu. Kanaafuu, nutis akkana jennee of gaafachuu qabna: ‘Ani hoo amala Yihowaa kana nan argisiisaa? Sanyiin isaanii ykn haalli jireenyaa isaanii kan akkamii iyyuu yoo taʼe namoota Yihowaa waaqeffatan hunda garaadhaa nan kabajaa?’ (Rom. 12:10) Yihowaan hundi keenya iyyuu jannata hafuuraa irraa qixxee akka fayyadamnu gochuu isaatti baayʼee gammanna; jannanni hafuuraa kun bakka lubbuu keenya guutuudhaan Abbaa keenya isa samiitiif tajaajila qulqulluu itti dhiheessinuu fi eebba isaa itti argannu dha.—Gal. 3:26-29; Mul. 7:9.

Loogii irraa fagaachuudhaan fakkeenya Yihowaa ni hordofnaa? Warra kaan garaadhaa ni kabajnaa? (Keeyyata 15, 16 Ilaali)

17 Mee amma abdii arfaffaa mulʼata Hisqiʼel isa dhumaa keessatti ibsame, jechuunis abdii Yihowaan warra boojiʼamanii wajjin akka taʼu ibsu haa ilaallu. Abdii kana irraa maal baranna? Boqonnaa itti aanu keessatti deebii isaa arganna.

^ key. 11 Biyya hafuuraa keessatti Yihowaan iddoo fi hojii addaa lubootaa fi geggeessitootaaf kenne ilaalchisee ibsa kenname beekuuf Boqonnaa 14⁠ffaa kitaaba kanaa ilaali.