Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 22

“Waaqayyoon Waaqeffadhu!”

“Waaqayyoon Waaqeffadhu!”

MULʼATA 22:9

YAADA IJOO: Irra deebii dhaamsawwan guguddaa kitaaba Hisqiʼelii fi hiika yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti qaban

1, 2. (a) Hundi keenya filannoo akkamii gochuu qabna? (b) Maleekaan amanamaan tokko yommuu waaqeffannaan isaaf dhihaatetti deebii akkamii kenne?

HUNDI keenya iyyuu gaaffii barbaachisaa ‘Eenyuunan waaqeffadha?’ jedhuuf deebii kennuu qabna. Namoonni hedduun dhimmi kun wal xaxaa fi kan nama burjaajessu dha jedhu taʼa. Dhugaa dubbachuuf garuu filannoon jiru ifaa fi salphaa dha. Waaqeffachuu kan dandeenyu Yihowaa ykn Seexana dha.

2 Seexanni waaqeffatamuu barbaada. Keessumaa yeroo Yesuusiin qoretti fedhiin isaa kun ifa taʼeera. Akkuma Boqonnaa 1⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ibsame, Seexanni Yesuusiif mootummoota addunyaa hundumaa irratti aangoo akka kennuuf dubbachuudhaan badhaasa dinqisiisaa isaaf dhiheesseera. Seexanni affeerraa kana kan dhiheesse maal argachuu barbaadee ti? ‘Na waaqeffadhu’ jechuudhaan Yesuusiin gaafateera. (Mat. 4:9) Haala kana irraa faallaa taʼeen, maleekaan Yohaannis ergamaatti mulʼata argisiise waaqeffatamuu dideera. (Mulʼata 22:8, 9 dubbisi.) Yommuu Yohaannis maleekaa kana waaqeffachuuf jedhetti, maleekaan gad of qabu kun, “Akkana hin godhin!” jedheera. Maleekaan kun ‘Na waaqeffadhu’ jechuu mannaa “Waaqayyoon waaqeffadhu!” jedheera.

3. (a) Kaayyoon kitaaba kanaa maali dha? (b) Boqonnaa kana keessatti maal ilaalla?

3 Kaayyoon kitaaba kanaa, ajaja maleekaan sun Yihowaa qofa akka waaqeffannu kenne hojii irra oolchuuf murtoo goone nuuf cimsuu dha. (Kes. 10:20; Mat. 4:10) Mee waaqeffannaa qulqulluu ilaalchisee wanta raajiiwwanii fi mulʼatawwan Hisqiʼel irra baranne gabaabumatti irra deebinee haa ilaallu. Achiis Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan gara fuulduraatti yeroo namoonni lafa irra jiraatan hundi qorumsa isa dhumaa itti qoraman ilaalla; qorumsi dhumaa kun waaqeffannaa qulqulluun Yihowaadhaaf dhihaatu guutummaatti deebiʼee yommuu hundeeffamu kan argu eenyu akka taʼe kan murteessu dha.

Dhaamsawwan Kitaaba Hisqiʼel Keessatti Ibsaman Sadii

4. Kitaaba Hisqiʼel keessatti dhaamsawwan sadii akkamiitu ibsame?

4 Kitaabni Hisqiʼel waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuun sirna amantii raawwachuu caalaa wanta dabalatu akka qabu nu barsiisa. Waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuun (1) Yihowaa qofa waaqeffachuu, (2) waaqeffannaa qulqulluu keessatti tokko taʼanii jiraachuu fi (3) warra kaanitti jaalala argisiisuu gaafata. Raajiiwwanii fi mulʼatawwan kitaaba kana keessatti ibsaman dhaamsawwan kana kan addeessan akkamitti akka taʼe qalbeeffadhaa.

Dhaamsa tokkoffaa: Yihowaa qofa waaqeffachuu

5-9. Yihowaa qofa waaqeffachuu ilaalchisee maal baranne?

5 Boqonnaa 3: * Mulʼanni dinqisiisaan Yihowaan sabbata waaqaatiin marfamee akka jiruu fi uumamawwan hafuuraa humna guddaa qaban irra taaʼee akka jiru ibsu dhugaa baayʼee barbaachisaa taʼe tokko, jechuunis waaqeffannaan keenya Isa Hundumaa Dandaʼuuf qofa akka malu nu hubachiisa.—His. 1:4, 15-28.

6 Boqonnaa 5: Mulʼata manni qulqullummaa Yihowaa akka xuraaʼe ibsu arguun nama naasisa! Mulʼanni kun wanti Yihowaa jalaa dhokatu tokko illee akka hin jirre argisiisa. Yihowaan, waaqolii tolfamoo waaqeffachuu dabalatee gochawwan gantummaa sabni isaa dhoksaatti raawwatan illee ni arga. Inni gochawwan akkasiitti ni gadda, namoota gochawwan akkasii raawwatanis ni adaba.—His. 8:1-18.

7 Boqonnaa 7: Murtiin saboota, Israaʼelotatti ‘akka malee qoosanii’ fi naannoo isaanitti argaman irratti dabarfame, Yihowaan namoota saba isaa miidhan akka adabu mirkaneessa. (His. 25:6) Haa taʼu malee, walitti dhufeenya Israaʼelonni saboota kanaa wajjin qaban irraa, wanta kam iyyuu caalaa Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu akka qabnus ni baranna. Firoota keenya warra Yihowaa hin waaqeffannee wajjin wal fakkaachuuf jecha ulaagaalee keenya matumaa hin laaffisnu, akkasumas qabeenyatti hin amanamnu ykn Yihowaa caalaa mootummoota ilmaan namootaatiif ajajamuudhaan ejjennoo keenya hin laaffisnu.

8 Boqonnaa 13 fi 14: Mulʼanni manni qulqullummaan gaara dheeraa irratti argamuu isaa ibsu, Yihowaan waaqolii kan biroo hundumaa irra akka caalu hubachuudhaan ulaagaalee isaa warra ol aanoo eegnee jiraachuu akka qabnu nu barsiisa.—His. 40:1–48:35.

9 Boqonnaa 15: Raajiin Israaʼelii fi Yihudaan sagaagaltoota akka taʼanitti ibsu, karaa hafuuraa ejja raawwachuun Yihowaan biratti hammam jibbisiisaa akka taʼe nu yaadachiisa.—His., boq. 16, 23.

Dhaamsa lammaffaa: Waaqeffannaa qulqulluu keessatti tokko taʼanii jiraachuu

10-14. Waaqeffannaa qulqulluu keessatti tokko taanee jiraachuu akka qabnu kan ibsame akkamitti?

10 Boqonnaa 8: Raajiiwwan Yihowaan saba isaa kunuunsuuf “tiksee tokko” akka kaasu dubbate, bulchiinsa Yesuus jalatti tokkummaa fi nagaadhaan hojjechuu akka qabnu addeessa.—His. 34:23, 24; 37:24-28.

11 Boqonnaa 9: Raajiiwwan Hisqiʼel sabni Waaqayyoo boojuu Baabilon jalaa baʼuudhaan gara biyya isaanitti akka deebiʼan dubbate, warra yeroo harʼaatti Yihowaa gammachiisuu barbaadaniif ergaa dabarsu tokko qaba. Namoonni Yihowaadhaaf waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan, dhiibbaa amantii sobaa isa nama faalu irraa bilisa taʼanii jiraachuu qabu. Amantii, sadarkaa jireenyaa fi sanyii garaa garaa keessaa kan dhufne taʼus, tokkummaa keenya isa saba Waaqayyoo taʼuu keenya adda baasee beeksisu eegnee jiraachuu qabna.—His. 11:17, 18; 12:24; Yoh. 17:20-23.

12 Boqonnaa 10: Dhaamsi waaʼee tokkummaa ibsu mulʼata waaʼee lafeewwan goggoganii fi gara jireenyaatti dhufanii dubbatu keessatti ibsameera. Waaqeffattoota Yihowaa qulqulleeffamanii fi deebiʼanii hundeeffaman warra akka raayyaa tokkootti waliin hojjetan keessaa tokko taʼuun mirga guddaa dha!—His. 37:1-14.

13 Boqonnaa 12: Tokkummaan keessumaa raajii uleewwan lamaan walitti qabsiifamuudhaan tokko akka taʼan dubbatu keessatti ibsameera. Dibamtoonnii fi hoolonni kan biroon raajiin kun akka raawwatamu gochaa akka jiran arguun amantii namaa kan cimsu dha. Addunyaa jibba amantii fi siyaasaatiin wal qoqqoode keessa kan jiraannu taʼus, jaalalaa fi amanamummaadhaan tokko taanee jiraanna.—His. 37:15-23.

14 Boqonnaa 16: Mulʼanni waaʼee nama gaanfa qalamaa qabatee fi namoota meeshaa waraanaa ittiin ajjeesan qabatanii dubbatu akeekkachiisa cimaa of keessatti qabateera: Namoonni badiisa irraa ooluuf mallattoon irratti godhamu, warra yeroo ‘rakkina guddaatti’ waaqeffannaa qulqulluu dhiheessan qofa dha.—Mat. 24:21; His. 9:1-11.

Dhaamsa sadaffaa: Warra kaanitti jaalala argisiisuu

15-18. Jaalala argisiisuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi? Kana gochuu kan dandeenyu hoo akkamitti?

15 Boqonnaa 4: Mulʼanni waaʼee uumamawwan jiraatoo afurii dubbatu amaloota Yihowaa nu barsiiseera; amaloota kana keessaa inni hunda irra caalu immoo jaalala dha. Dubbii fi gocha keenyaan jaalala kan argisiisnu yoo taʼe, Yihowaan Waaqa keenya akka taʼe mirkaneessina.—His. 1:5-14; 1 Yoh. 4:8.

16 Boqonnaa 6 fi 11: Jaalalli Waaqayyo qabu waardiyyoota kan akka Hisqiʼel jiran muuduuf isa kakaaseera. Waaqayyo jaalala waan taʼeef, yommuu addunyaa Seexanni toʼachaa jiru kana balleessutti eenyu illee akka badu hin barbaadu. (2 Phe. 3:9) Nutis hojii waardiyyaan bara keenya jiru raawwatu deeggaruuf itti gaafatamummaa qabnu raawwachuudhaan jaalala Waaqayyoo argisiisuuf mirga arganneerra.—His. 33:1-9.

17 Boqonnaa 17 fi 18: Yihowaan namoonni hedduun araara isaa fudhachuu diduudhaan waaqeffattoota isaa warra amanamoo balleessuuf akka yaalan beeka. Jaalalli Yihowaa yommuu ‘Goog inni biyya Maagoog’ warra Yihowaadhaaf amanamoo taʼan irratti haleellaa banu saba isaa oolchuuf isa kakaasa. Jaalalli warra kaaniif qabnu, Yihowaan warra saba isaa cunqursan akka balleessu hamma dandaʼametti namoota hedduu akeekkachiisuuf nu kakaasa.—His. 38:1–39:20; 2 Tas. 1:6, 7.

18 Boqonnaa 19, 20 fi 21: Jaalalli Yihowaan namootaaf qabu mulʼatawwan waaʼee laga bishaan jireenya kennuu fi lafa hihiruu dubbatan keessatti akka gaariitti ibsameera. Mulʼatawwan kun Yihowaan lubbuu Ilma isaa nuuf kennuudhaan cubbuu keenyaaf dhiifama akka argannuu fi kutaa maatii Waaqayyoo keessaa tokko taanee jireenya mudaa hin qabne akka jiraannu gochuudhaan jaalalli guddaan inni nutti argisiise buʼaawwan akkamii akka nuuf argamsiisu ibsu. Namootaaf jaalala akka qabnu karaawwan itti argisiisnu keessaa inni guddaan, Yihowaan warra Ilma isaatti amananiif gara fuulduraatti wantoota gaggaarii akka qopheesse isaanitti himuu dha.—His. 45:1-7; 47:1–48:35; Mul. 21:1-4; 22:17.

Gocha Gad of Qabuu Bulchiinsa Barkumee Booda Argisiifamu

19. Yesuus yeroo Bulchiinsa Barkumeetti maal raawwata? (Saanduqa, “Qorumsa Isa Dhumaa” jedhu ilaali.)

19 Yesuus yeroo Bulchiinsa Barkumeetti namoota biliyoonaan lakkaaʼaman gara jireenyaatti deebisuudhaan, gadda duuti inni diina keenya taʼe geessise balleessa. (1 Qor. 15:26; Mar. 5:38-42; HoE. 24:15) Yeroo Addaamii fi Hewaan cubbuu raawwatanii jalqabee, ilmaan namootaa jireenya gaddisiisaa jiraachaa jiru. Taʼus, Yesuus namoota duʼan duʼaa kaasuu fi jireenya gammachiisaa Addaamii fi Hewaan cubbuu raawwachuu isaanii dura qaban akka argatan gochuudhaan ilmaan namootaa jireenya gaddisiisaa kana keessaa baasa. Aarsaa furichaatti fayyadamuudhaan, miidhaa dhukkubaan, waraanaa fi beelaan dhufe hundumaa ni balleessa. Hunda caalaa immoo wanta gadda keenyaaf sababa taʼe, jechuunis cubbuu Addaam irraa dhaalle guutummaatti akka balleessinu nu gargaara. (Rom. 5:18, 19) Yesuus guutummaatti ‘hojii Diyaabilos ni diiga.’ (1 Yoh. 3:8) Sana booda hoo maaltu taʼa?

Namoonni duʼaa kaʼan jireenya gaarii taʼe argachuuf carraa qabu

20. Yesuusii fi namoonni 144,000 taʼan amala gad of qabuu kan argisiisan akkamitti? Ibsi. (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

20 1 Qorontos 15:24-28 dubbisi. Yommuu ilmaan namootaa hundi jireenya mudaa hin qabne jiraachuu jalqabanii fi yommuu lafti kun akka kaayyoo Yihowaa isa jalqabaatti gara Jannataatti jijjiiramtu, Yesuusii fi namoonni 144,000 warri isaa wajjin bulchan Mootummicha harka Yihowaatti dabarsanii kennuudhaan baayʼee akka gad of qaban ni argisiisu. Aangoo waggaa kuma tokkoof itti fayyadamaa turan fedhiidhaan, akkasumas karaa naga qabeessa taʼeen deebisanii kennu. Wanti Mootummaan kun raawwatu hundis bara baraaf ni jiraata.

Qorumsa Isa Dhumaa

21, 22. (a) Dhuma waggaa kuma tokkootti addunyaan kun maal fakkaatti? (b) Yihowaan Seexanaa fi jinniiwwan kan gadhiisu maaliifi?

21 Sana booda Yihowaan wanta dinqisiisaa saba isaa warra lafa irra jiraatan irratti amanannaa akka qabu argisiisu tokko ni raawwata. Yihowaan Seexannii fi jinniiwwan qilee waggaa kuma tokkoof keessa turan keessaa akka baʼan godha. (Mulʼata 20:1-3 dubbisi.) Namoonnii fi addunyaan yeroo sanatti argamu isa kanaan dura beekan irraa garaa garummaa guddaa qaba. Waraana Armaagedoon dura namoonni hedduun Seexanaan gowwoomfamanii turan, tokkummaan ilmaan namootaas jibbaan qoqqoodamee ture. (Mul. 12:9) Dhuma waggaa kuma tokkootti garuu ilmaan namootaa hundi maatii tokkummaa fi jaalala qaban taʼanii Yihowaa waaqeffatu. Laftis Jannata nagaa qabdu taati.

22 Haa taʼu malee, Yihowaan Seexanaa fi jinniiwwan isaa warra yakkamtoota taʼan kana gara naannoo qulqulluu kanaatti kan gadhiisu maaliifi? Sababiin isaas, namoonni dhuma waggaa kuma tokkoo booda jiraatan, waaqeffattoota Yihowaa amanamoo taʼuu fi dhiisuun isaanii hin qoramne. Namoonni Jannata keessatti duʼaa kaʼan hedduun warra Yihowaa utuu hin beekin duʼani dha. Yihowaan jireenya qofa utuu hin taʼin wanta karaa qamaa fi hafuuraa isaan barbaachisu hundumaa isaaniif kenneera. Namni dhiibbaa gadhee isaan irraan geessisu hin jiraatu. Namoota Yihowaa jaallatanii fi tajaajilaniin marfamanii jiraatu. Seexanni warra duʼaa kaʼan kana irratti himata Iyyoob irratti dhiheessee wajjin wal fakkaatuu fi Waaqayyoon kan tajaajilan inni eegumsa waan isaaniif godhee fi isaan eebbiseef qofa dha jedhu ni dhiheessa. (Iyo. 1:9, 10) Kanaafuu Yihowaan maqaa keenya bara baraaf kitaaba jireenyaa irratti barreessuu isaa dura, akka Abbaa keenyaa fi Bulchaa Ol Aanaa keenyaatti isa ilaaluudhaan isaaf amanamoo taʼuu keenya akka mirkaneessinu carraa nuuf kenna.—Mul. 20:12, 15.

23. Namoota hunda irra qorumsa akkamiitu gaʼa?

23 Seexanni namoonni Yihowaa tajaajiluu akka dhaaban gowwoomsuuf yeroo gabaabaan isaaf kennama. Qorumsi kun maali dha? Qorumsi Addaamii fi Hewaaniin mudatee wajjin wal fakkaatu namoota hunda akka mudatu beekamaa dha; qorumsi kunis ulaagaalee Yihowaa fudhachuu, bulchiinsa isaa deeggaruu fi isa waaqeffachuu ykn Waaqayyo irratti finciluudhaan Seexana deeggaruu keessaa tokko filachuu dha.

24. Namoonni fincilan Googii fi Maagoog kan jedhaman maaliifi?

24 Mulʼata 20:7-10 dubbisi. Kan nama dinqisiisu, warri dhuma waggaa kumaatti fincilan Googii fi Maagoog jedhamaniiru. Namoonni kun amala finciltoonni yeroo rakkina guddaatti saba Waaqayyoo irratti haleellaa akka banan Hisqiʼel raajiidhaan dubbate argisiisanii wajjin wal fakkaatu argisiisu. Gareen namootaa “Goog isa biyya Maagoog” jedhaman kun saboota qoqqoodamanii fi bulchiinsa Yihowaa mormani dha. (His. 38:2) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni dhuma Bulchiinsa Barkumee Kiristoositti fincilan “saboota” jedhamanii waamamaniiru. Namoonni kun “saboota” jedhamanii waamamuun isaan xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. Maaliif? Sababiin isaas yeroo Bulchiinsa Barkumeetti wal qoqqoodinsi saboota gidduu jiru ni balleeffama; namoonni hundi bulchiinsa tokko, jechuunis Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulu. Hundi keenya iyyuu saba tokko taana. Raajichi finciltoota kana Googii fi Maagoog, akkasumas “saboota” jedhee waamuudhaan, Seexanni saba Waaqayyoo tokko tokko gidduutti wal qoqqoodinsa uumuudhaan akka milkaaʼu ibseera. Namni Seexana cinaa akka dhaabbatuuf dirqisiifamu hin jiru. Namoonni mudaa hin qabne hundi filannoo mataa isaanii godhu.

Warri fincilan Googii fi Maagoog jedhamaniiru (Keeyyata 24 Ilaali)

25, 26. Namoonni Seexana cinaa hiriiran hammam taʼu? Wanti isaan irra gaʼu hoo maali dha?

25 Namoonni Seexana cinaa hiriiran hammam taʼu? Baayʼinni namoota fincilan kanaa “akka cirracha galaanaa ti.” Akkas jechuun garuu ilmaan namootaa keessaa harki caalaan isaanii ni fincilu jechuu miti. Kana akkamitti beekna? Mee abdii Abrahaamiif kenname haa ilaallu. Yihowaan sanyiin Abrahaam “akka cirracha qarqara galaanaa” akka taʼan dubbateera. (Uma. 22:17, 18) Haa taʼu malee, lakkoofsi sanyii isaa 144,001 dha. (Gal. 3:16, 29) Lakkoofsi kun baayʼee taʼus guutummaa lakkoofsa ilmaan namootaa wajjin wal bira qabamee yommuu ilaalamu baayʼee xiqqoo dha. Haaluma wal fakkaatuun, lakkoofsi namoota Seexana cinaa dhaabbatanii baayʼee taʼuu dandaʼus, garmalee baayʼee hin taʼu. Finciltoonni kun tajaajiltoota Yihowaa warra amanamoo taʼan balleessuu hin dandaʼan.

26 Namoonni fincila kana irratti hirmaatan hundi hatattamaan ni balleeffamu. Namoonni kun Seexanaa fi jinniiwwan isaa wajjin ni badu; lammata gara jireenyaatti deebiʼuufis abdii hin qaban. Wanti bara baraaf yaadatamu murtoo dogoggoraa isaan godhanii fi miidhaa murtoon kun isaan irraan geessise qofa dha.—Mul. 20:10.

27-29. Namoonni qorumsa isa dhumaa darban maal argatu?

27 Karaa biraatiin immoo namoonni qorumsa isa dhumaa kana darban, maqaan isaanii bara baraaf “kitaaba jireenyaa” keessatti ni barreeffama. (Mul. 20:15) Achiis ijoolleen Yihowaa warri amanamoo taʼan hundi maatii tokko taʼuudhaan waaqeffannaa isaaf malu ni dhiheessu.

28 Mee waaʼee yeroo sanaa yaadi. Yeroo sanatti hojii gammachiisaa fi michoota gaarii ni qabaatta. Sana booda atis taate namoonni ati jaallattu matumaa hin rakkattan. Cubbuu irraa guutummaatti walaba waan taatuuf, aarsaan Yesuus utuu si hin barbaachisin Yihowaa dura dhaabbachuu ni dandeessa. Namni hundi Waaqayyoo wajjin michummaa hin daangeffamne ni qabaata. Hunda caalaa immoo samii irrattis taʼe lafa irratti waaqeffannaa qulqulluun mudaa tokko malee ni geggeeffama. Yeroon sun yeroo waaqeffannaa qulqulluun guutummaatti deebiʼee itti hundeeffamu taʼa.

Yeroo cubbuu irraa guutummaatti walaba taatutti, aarsaan Yesuus utuu si hin barbaachisin Yihowaa dura dhaabbachuu ni dandeessa (Keeyyata 28 Ilaali)

29 Ati hoo achitti argamtee guyyaa dinqisiisaa kana ni argitaa laata? Barumsawwan ijoo kitaaba Hisqiʼel keessatti ibsaman sadan hojii irra oolchuu kee yoo itti fufte, jechuunis Yihowaa qofa yoo waaqeffatte, warra kaanii wajjin tokkummaadhaan waaqeffannaa qulqulluu irratti yoo hirmaattee fi warra kaanitti jaalala yoo argisiiste achitti argamuu dandeessa. Dhuma irratti barumsa barbaachisaa raajiiwwan Hisqiʼel nu barsiisan tokko haa ilaallu. Barumsi kun maali dha?

Yeroo uumamni hundi samii irrattis taʼe lafa irratti waaqeffannaa qulqulluudhaan tokko taʼu gammachuu guddaatu jiraata (Keeyyata 27-29 Ilaali)

“Ani Yihowaa Taʼuu Koo . . . ni Hubatu”

30, 31. Yaanni “Ani Yihowaa taʼuu koo . . . dhugumaan ni hubatu” jedhu (a) diinota Waaqayyootiif hiika maalii qaba? (b) saba Waaqayyootiif hoo hiika maalii qaba?

30 Guutummaa kitaaba Hisqiʼel keessatti yaanni, “Ani Yihowaa taʼuu koo . . . dhugumaan ni hubatu” jedhu irra deddeebiʼamee caqasameera. (His. 6:10; 39:28) Yaanni kun diinota Waaqayyootti waraannii fi duuti akka dhufu argisiisa. Yihowaan jiraachuu isaa amanuu caalaa wanta dabalataa gochuufis ni dirqamu. Hiika maqaa Yihowaa isa, “Akka Taʼu Godha” jedhu rakkina irraa baratu. ‘Yihowaan Gooftaan Raayyaa’ “loltuu humna qabeessa” taʼuudhaan isaan lola. (1 Sam. 17:45; Bau. 15:3) Yihowaan kaayyoo isaa akka hin raawwanne wanti isa dhowwuu dandaʼu akka hin jirre kan hubatan erga yeroon darbee booda dha.

31 Yaanni “Ani Yihowaa taʼuu koo . . . dhugumaan ni hubatu” jedhu sabni Waaqayyoo nagaa fi jireenya akka argatan argisiisa. Yihowaan akkuma kaayyoo isaa isa jalqabaatti, ijoollee isaa warra guutummaatti amaloota isaa calaqqisiisnu akka taanu godha. (Uma. 1:26) Yihowaan ammuma iyyuu Abbaa jaalala qabeessaa fi Tiksee eegumsa godhu nuuf taʼeera. Dhiheenyattis Mootii keenya isa injifannoo argatu taʼa. Yeroon sun gaʼuu isaa dura garuu ergaa Hisqiʼel haa yaadannu. Yeroo hundumaa dubbii fi gocha keenyaan Yihowaan eenyu akka taʼee fi Waaqa akkamii taʼuu isaa akka beeknu haa argisiisnu. Akkas kan goonu yoo taʼe yeroo rakkinni guddaan jalqabutti hin sodaannu. Kanaa mannaa fayyinni keenya akka dhihaate waan beeknuuf mataa keenya ol qabanna. (Luq. 21:28) Hammasitti garuu namoonni bakka hunda jiran Waaqa tokkicha isa waaqeffannaan isaaf malu, jechuunis Yihowaa isa maqaa hunda caalaa guddaa taʼe qabu akka beekanii fi akka jaallatan haa gargaarru.—His. 28:26.

^ key. 5 Lakkoofsi boqonnaa, boqonnaawwan kitaaba kana keessa jiran argisiisa.