Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 19

‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’

‘Iddoo Lagichi Itti Yaaʼu Hundumaa Keessa Wanti Jiru Hundi Lubbuudhaan ni Jiraata’

HISQIʼEL 47:9

YAADA IJOO: Mulʼanni waaʼee laga mana qulqullummaa keessaa yaaʼuu ibsu bara duriittii fi yeroo ammaatti kan raawwatame akkamitti? Gara fuulduraatti hoo?

1, 2. Akka Hisqiʼel 47:1-12 jedhutti, wanti Hisqiʼel argee fi hubate maali dha? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)

HISQIʼEL mulʼata waaʼee mana qulqullummaa ibsu keessatti ammas wanta nama dinqisiisu kan biraa arge: Gamoo qulqulluu sana keessaa lagni tokko yaaʼaa jira! Bishaan qulqulluu sana hordofee yommuu deemu yaadaan ilaalaa. (Hisqiʼel 47:1-12 dubbisi.) Lagichi gubanii balbala iddoo qulqulluu jalaa burqa, achiis karaa karra isa bahaa biratti argamuun gamoo mana qulqullummaa keessaa baʼa. Maleekaan isa daawwachiisu sun mana qulqullummaa keessaa isa baasee fageenya isaa safaraa deeme. Sana booda Hisqiʼel yeroo baayʼee bishaanicha keessa akka deemu godhe; achiis raajichi gadi fageenyi bishaan kanaa saffisaan dabalaa akka deemu hubate; utuma baayʼee hin turin bishaanichi laga guddaa daakaadhaan yoo taʼe malee ceʼuun hin dandaʼamne taʼe.

2 Hisqiʼel lagichi gara Galaana Duʼaatti akka yaaʼu, achiis bakka bishaan lagichaa itti yaaʼu hundumaatti bishaan soogidda taʼee fi lubbuun keessa hin jiraanne akka fayyisu, akkasumas bishaanichi qurxummiidhaan akka guutamu akka godhu hubateera. Achiis qarqara lagichaatti akaakuun mukeetii hundi baayʼinaan biqiluu isaanii arge. Mukeetiin kun jiʼa jiʼaan firii haaraa nyaataaf taʼu ni godhatu, baala qorichaaf taʼus ni baafatu. Hisqiʼel wantoota kana hunda arguun isaa garaan isaa nagaa fi abdiidhaan akka guutamu godhee taʼuu qaba. Maarree kutaan mulʼata mana qulqullummaa kanaa isaafis taʼe warra isaa wajjin boojiʼamanii jiraniif hiika maalii qaba? Yeroo harʼaatti hoo nuuf hiika maalii qaba?

Lagni Mulʼataan Argame Kun Warra Boojiʼamaniif Hiika Maalii Qaba?

3. Yihudoonni bara durii mulʼata Hisqiʼel waaʼee laga tokkoo arge kallattiidhaan hin hubanne kan jennu maaliifi?

3 Yihudoonni bara durii lagni mulʼataan argame kun laga kallattiidhaan jiru akka hin taane akka hubatan beekamaa dha. Kanaa mannaa yaanni Kitaaba Qulqulluu kun raajii waaʼee haaromsaa ibsuu fi gara jaarraa lamaa dura Yooʼel raajichi barreesse isaan yaadachiisee taʼuu hin oolu. (Yooʼel 3:18 dubbisi.) Yihudoonni boojuu jala turan wanta Yooʼel geggeessaa hafuuraatiin barreesse kana yommuu dubbisan kallattiidhaan gaarreen “daadhii wayinii miʼaawaa ni coccophsu,” tabbawwan “aannan ni yaasu,” ykn “mana Yihowaa keessaa” burqaan tokko ni yaaʼa jedhanii hin eegne. Haaluma wal fakkaatuun Yihudoonni bara isaa turan ergaan mulʼata Hisqiʼel raajichaa kallattiidhaan waaʼee laga tokkoo kan ibsu akka hin taane hubatanii taʼuu hin oolu. * Maarree Yihowaan ergaa akkamii dabarsaa jira? Kitaabni Qulqulluun kutaan mulʼata kanaa tokko tokko hiika akkamii akka qabu hubachuuf nu gargaara. Walumaa galatti garuu ergaa raajii kana irraa abdii ifa taʼee fi jaalala irratti hundaaʼe sadii argachuu akka dandeenyu ilaalla.

4. (a) Lagni mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsame Yihudoonni Yihowaa biraa eebba akkamii argachuuf akka abdatan isaan taasiseera? (b) Jechoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti ‘lagaa’ fi “bishaan” jedhan Yihowaan saba isaa akka eebbisu kan nuu mirkaneessan akkamitti? (Saanduqa “Lageen Eebba Yihowaa Argamsiisan” jedhu ilaali.)

4 Laga eebba argamsiisu. Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee lagnii fi bishaan eebba Yihowaa biraa burquu fi jireenya kennu argisiisuuf itti hojjetama. Hisqiʼel lagni akkasii tokko mana qulqullummaa keessaa yommuu yaaʼu argeera; kanaafuu mulʼanni kun sabni Waaqayyoo waaqeffannaa qulqulluu yoo hordofan eebbi hafuuraa jireenya argamsiisu Yihowaa biraa akka isaaniif dhangalaʼu akka abdatan isaan taasiseera. Eebbi kun maalfaa dabalata? Isaan ammas luboota irraa qajeelfama hafuuraa ni argatu. Mana qulqullummaa keessatti aarsaawwan waan dhihaataniif cubbuu isaaniitiif dhiifama argachuu akka dandaʼan mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. (His. 44:15, 23; 45:17) Kanaafuu, akka waan bishaan qulqulluu mana qulqullummaa keessaa yaaʼuun dhiqataniitti deebiʼanii qulqulluu taʼuu dandaʼu.

5. Lagni mulʼaticha keessatti ibsame sun yeroo hunda eebbi namoota hundumaatiif gaʼu akka jiraatu kan mirkaneessu akkamitti?

5 Yeroo hunda eebbi hunda isaanii gaʼu ni jiraataa? Mulʼanni kun bishaanichi haala dinqii taʼeen fageenya gara kiilomeetira lamaa gidduutti burqaa xinnoo irraa gara laga guddaatti akka guddatu waan ibsuuf, eebbi kun nama hundumaatiif ni gaʼa. (His. 47:3-5) Lakkoofsi Yihudoota biyya isaaniitti deebiʼanii dabaluu dandaʼa; haa taʼu malee eebbi Yihowaa dabalee fedhii isaanii ni guuta. Lagichi eebbi sun baayʼee taʼuu isaa argisiisa.

6. (a) Mulʼanni kun abdii gammachiisaa akkamii qabateera? (b) Mulʼatichi akeekkachiisa akkamii qabateera? (Miiljalees ilaali.)

6 Bishaan jireenya kennu. Mulʼata Hisqiʼel keessatti lagni gara Galaana Duʼaatti yaaʼu harka caalaa bishaanichaa fayyiseera. Bishaanichi akaakuuwwan qurxummii hedduu Galaana Guddaa ykn Galaana Meditiraaniyaa keessatti argamanii wajjin qixxee taʼeef jireenya akka argamsiise hubadhaa. Kana irra darbees qarqara Galaana Duʼaatti, jechuunis magaalota hamma tokko wal irraa fagoo jiran lama gidduutti namoonni qurxummii kiyyeessan hedduun jiru turan. Maleekaan sun, “Iddoo lagichi itti yaaʼu hundumaa keessa wanti jiru hundis lubbuudhaan ni jiraata” jedheera. Maarree kana jechuun bishaan mana Yihowaa keessaa yaaʼu Galaana Duʼaa waliin gaʼa jechuu dhaa? Akkas jechuu miti. Maleekaan sun bishaan jireenya kennu naannoo dhaqdhaqii tokko tokko bira akka hin geenye ibseera. Iddoowwan kun, “iddoo soogiddaa taʼanii hafu.” * (His. 47:8-11) Kanaafuu mulʼanni kun waaqeffannaa qulqulluun sabichi karaa hafuuraa akka fayyuu fi akka lalisu akka godhu abdii gammachiisaa kenna. Haa taʼu malee akeekkachiisni tokko himamuu isaas hubadhaa: Eebba Yihowaa kan argatanis taʼe kan fayyan namoota hunda miti.

7. Mulʼanni waaʼee mukeetii qarqara lagaatti argaman sanaa ibsu Yihudoota boojiʼamanii turaniif abdii akkamii kenneera?

7 Mukeetii nyaataa fi qorichaaf taʼan. Mukeetiin qarqara lagaa sanatti argaman hoo? Mukeetiin kun mulʼata sanaaf miidhagina kan dabalan qofa utuu hin taʼin, hiikas qabu. Hisqiʼelii fi namoonni biyya isaa firii miʼaawaa haaraa mukeetiin kun jiʼa jiʼaan godhatan yaaduudhaan akka gammadan beekamaa dha. Mulʼanni nama gammachiisu kun Yihowaan karaa hafuuraa akka isaan soorus isaaniif mirkaneessa. Mukti kun faayidaa kan biraa akkamii qaba? Baalli mukeetii kanaa ‘qorichaaf akka tajaajilu’ hubadhaa. (His. 47:12) Yihowaan hundumaa caalaa warri boojuudhaa deebiʼan karaa hafuuraa fayyuun akka isaan barbaachisu beeka; kanuma isaaniif gochuufis waadaa galeera. Akkuma Boqonnaa 9⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaalle, kana kan godhe akkamitti akka taʼe raajiiwwan waaʼee haaromsaa dubbatan kan biroo keessatti ibsameera.

8. Mulʼanni Hisqiʼel raawwii isaa isa guddaa akka argatu wanti argisiisu maali dha?

8 Haa taʼu malee akkuma Boqonnaa 9⁠ffaa keessatti ilaalle, warri boojuudhaa deebiʼan raajiiwwan kun guutummaatti yommuu raawwataman hin argine. Raajiin kun guutummaatti akka hin raawwatamne kan godhe sabicha ture. Dhuguma iyyuu namoonni kun gocha isaanii isa hamaatti deebiʼanii, ajajamuu didanii, akkasumas waaqeffannaa qulqulluun isaan gidduutti hammana dagatamee utuu jiruu Yihowaan akkamitti guutummaatti isaan eebbisuu dandaʼa? Namoonni amanamoon amala Yihudoonni kan biroon argisiisanitti gaddanii, akkasumas abdii kutatanii turan. Taʼus namoonni amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffatan abdiiwwan isaa matumaa utuu hin raawwatamin akka hin hafne beeku turan; abdiiwwan kun yeroo hundumaa ni raawwatamu. (Iyyaasuu 23:14 dubbisi.) Kanaafuu gaaf tokko mulʼanni Hisqiʼel raawwii isaa isa guddaa ni argata. Garuu yoom?

Laga Yeroo Ammaatti Yaaʼu

9. Mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge raawwii isaa isa guddaa kan argatu yoomi?

9 Akkuma Boqonnaa 14⁠ffaa kitaaba kanaa keessatti ilaalle mulʼanni Hisqiʼel mana qulqullummaa ilaalchisee arge raawwii isaa isa guddaa kan argatu “guyyoota dhumaatti,” jechuunis yeroo waaqeffannaa qulqulluun haala kanaan dura taʼee hin beekneen ol kaafamutti dha. (Isa. 2:2) Haa taʼu malee, kutaan mulʼata Hisqiʼel kun yeroo ammaatti raawwatamaa kan jiru akkamitti?

10, 11. (a) Eebbawwan yeroo harʼaatti akkuma lagaatti gara keenyatti yaaʼan kam faʼi? (b) Eebbi Yihowaa biraa yaaʼu guyyoota dhumaatti fedhii namoota lakkoofsi isaanii dabalaa jiruu hamma guututti kan guddate akkamitti?

10 Laga eebba argamsiisu. Bishaan mana Yihowaa keessaa yaaʼu eebbawwan yeroo ammaatti argachaa jirru akkamii nu yaadachiisa? Bishaan kun wantoota fayyaa fi nyaata hafuuraa keenyaaf gumaacha godhan hundumaa nu yaadachiisa. Wantoota kana keessaa inni hunda irra caalu immoo aarsaa furii Kiristoos isa nu qulqulleessuu fi cubbuu keenyaaf dhiifama nuuf argamsiisuu dandaʼu dha. Dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman bishaan jireenya argamsiisu, isa karaa naamusaa fi karaa hafuuraa nu qulqulleessuu wajjinis wal fakkeeffamaniiru. (Efe. 5:25-27) Bara keenyatti eebbawwan kun kan yaaʼan akkamitti?

11 Bara 1919⁠tti tajaajiltoonni Yihowaa lakkoofsi isaanii gara 5,000 qofa kan ture taʼus nyaata hafuuraa barbaachisu argachuun isaanii baayʼee isaan gammachiisee ture. Waggoota kurnan sana booda turanitti lakkoofsi isaanii baayʼee dabalaa deeme. Yeroo harʼaatti lakkoofsi saba Waaqayyoo miliyoona saddeetii ol taʼeera. Maarree guddina kanaa wajjin haala wal simuun bishaan dhugaa yaaʼuu isaa itti fufeeraa? Eeyyee. Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu ilaalchisee ibsa arganneerra. Jaarraa darbetti sabni Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu, kitaabota, barruulee, birooshurootaa fi tiraaktota biliyoonaan lakkaaʼaman argataniiru. Akkuma laga Hisqiʼel mulʼataan arge sanaatti dhugaawwan qulqulluun fedhii namoota karaa hafuuraa dheebotanii fi addunyaa maratti argamanii guutuuf baayʼinaan yaaʼaa jiru. Barreeffamoonni Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan yeroo dheeraadhaaf maxxanfamaa turaniiru. Amma immoo barreeffamoonni kun weebsaayitii jw.org jedhamu irratti bifa eleektiroonikiitiin afaanota 1,000 oliin argamu. Bishaanonni dhugaa kun namoota garaa qajeelaa qaban irratti dhiibbaa gaarii kan godhan akkamitti?

12. (a) Ergaan dhugaa, karaa hafuuraa namootaaf jireenyaa fi fayyaa argamsiisaa kan jiru akkamitti? (b) Mulʼatichi yeroo harʼaatti akeekkachiisa barbaachisaa akkamii nuuf dabarsa? (Miiljalees ilaali.)

12 Bishaan jireenya kennu. Hisqiʼel, ‘iddoo lagichi itti yaaʼu hundumaa keessa wanti jiru hundi lubbuudhaan akka jiraatu’ itti himameera. Mee akkaataa itti ergaan dhugaa gara namoota biyya hafuuraa keenya isa deebiʼee hundeeffametti dhufan hundumaatti yaaʼaa jiru yaadaa. Dhugaan Kitaaba Qulqulluu namoota dhugaa kana fudhatanii fi miliyoonaan lakkaaʼamaniif jireenyaa fi fayyina hafuuraa argamsiiseera. Haa taʼu malee mulʼanni kun akeekkachiisa barbaachisaa taʼe tokkos qabateera: Dhugaa kana kan fudhatan namoota hunda miti. Akkuma iddoowwan dhaqdhaqii fi caffee Galaana Duʼaa mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsaman sanaa, namoonni dhugaa kana fudhachuu fi hojii irra oolchuu didan jiru. * Nuti garuu matumaa namoota akkanaa taʼuu hin barbaannu.—Keessa Deebii 10:16-18 dubbisi.

13. Yeroo harʼaatti mukeetii mulʼataan argaman sana irraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?

13 Mukeetii nyaataa fi qorichaaf taʼan. Mulʼanni waaʼee mukeetii qarqara lagaatti argaman sanaa ibsu yeroo ammaatti barumsa nu jajjabeessu qabateeraa? Eeyyee! Mukeetiin sun jiʼa jiʼaan firii miʼaawaa haaraa akka godhatanii fi baala qorichaaf taʼu akka baasan yaadadhaa. (His. 47:12) Mukeetiin kun Waaqa karaa hunda caalaa barbaachisaa taʼeen, jechuunis karaa hafuuraa arjummaadhaan nu sooruu fi nu fayyisu kan tajaajillu taʼuu keenya nu yaadachiisa. Addunyaan yeroo harʼaatti argamu karaa hafuuraa dhukkubsachaa fi beelaʼaa jira. Kana irraa haala faallaa taʼeen wanta Yihowaan nuuf gochaa jiru yaadaa. Barreeffamoota keenya keessaa mata duree tokko erga dubbistee, walgaʼii aanaa ykn walgaʼii naannoo tokko irratti faarfannaa xumuraa erga faarfattee ykn viidiyoo keenya keessaa isa tokko erga ilaaltee booda nyaata hafuuraa akkanaa argachuu keetti akka eebbifamte sitti dhagaʼamee hin beekuu? Dhuguma iyyuu akka gaariitti soorachaa jirra. (Isa. 65:13, 14) Nyaanni hafuuraa keenya fayyina hafuuraa kan argamsiisu dhaa? Gorsi gaariin Dubbii Waaqayyoo irraa argannu cubbuuwwan kanneen akka halalummaa, sassataa fi amantii dhabuu jiran irraa fagaachuuf nu gargaara. Kana malees, Yihowaan Kiristiyaanota cubbuu cimaa raawwachuudhaan karaa hafuuraa dhukkubsatan gargaaruuf qophii tokko godheera. (Yaaqoob 5:14 dubbisi.) Akkuma Hisqiʼel mulʼata isaa keessatti waaʼee mukeetii sanaa ibsetti, dhuguma iyyuu eebba arganneerra.

14, 15. (a) Iddoowwan dhaqdhaqii hin fayyifamnee fi mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsaman irraa maal baranna? (b) Yeroo harʼaatti laga mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsame irraa faayidaa akkamii arganna?

14 Iddoowwan dhaqdhaqii hin fayyifamne sana irraas barumsa argachuu dandeenya. Matumaa eebbi Yihowaa gara keenyatti akka hin yaane dhowwuu hin barbaannu. Akkuma namoota hedduu addunyaa dhukkubsate kana keessa jiraniitti utuu hin fayyin hafuun nama gaddisiisa. (Mat. 13:15) Kanaa mannaa laga eebba argamsiisu kana irraa faayidaa argachuu keenyatti ni gammanna. Bishaan dhugaa isa qulqulluu Dubbii Waaqayyoo irraa argamu hawwiidhaan yommuu dhugnu, hojii lallabaa keenyatti fayyadamnee dhugaa kana warra kaaniif yommuu hirru, akkasumas jaarsolii garbichi amanamaan leenjise irraa qajeelfama, jajjabinaa fi gargaarsa jaalala irratti hundaaʼe yommuu argannu laga Hisqiʼel mulʼataan arge sana ni yaadanna taʼa. Lagichi bakka dhaqu hundumaatti jireenyaa fi fayyina argamsiisa.

15 Mulʼanni waaʼee lagaa ibsu kun gara fuulduraatti raawwii akkamii argata? Akkuma kanatti aansinee ilaallu lagichi Jannata dhufu keessatti kana caalaa yaaʼuu isaa itti fufa.

Mulʼanni Kun Jannata Keessatti kan Raawwatamu Akkamitti?

16, 17. (a) Bishaan jireenya kennu Jannata keessatti caalaatti kan balʼatu akkamitti? (b) Jannata keessatti laga eebba argamsiisu kana irraa faayidaa akkamii arganna?

16 Michoota kee fi maatii keetiin marfamtee Jannata keessatti jireenya guutummaatti gammachuu qabu yommuu jiraattu sitti mulʼataa? Waaʼee laga Hisqiʼel mulʼataan arge sanaa qoʼachuun kee, kun caalaatti akka sitti mulʼatu gochuu dandaʼa. Akkamitti? Mee wantoota mulʼaticha keessatti ifatti ibsamanii fi jaalala Yihowaa argisiisan sadii irra deebinee haa ilaallu.

17 Laga eebba argamsiisu. Lagni fakkeenyaan ibsame kun karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaa fooniis faayidaa waan argamsiisuuf Jannata keessatti caalaatti kan balʼatu taʼa. Mootummaan Waaqayyoo yeroo Bulchiinsa Barkumee Yesuusitti namoonni amanamoo taʼan furicha irraa kana caalaa faayidaa akka argatan gargaara. Namoonni kunis suutuma suuta mudaa kan hin qabne taʼu. Yeroo sanatti dhukkubni, doktaroonni, narsoonnii fi hospitaalonni hin jiraatan. Bishaan jireenyaa kun ‘tuuta uummataa guddaa’ miliyoonaan lakkaaʼamanii fi ‘rakkina guddaa’ keessaa dhufanii Armaagedoon irraa oolaniif ni yaaʼa. (Mul. 7:9, 14) Haa taʼu malee, lagni eebba argamsiisuu fi jalqaba irratti yaaʼu, baayʼee kan nama ajaaʼibsiisu taʼus, yommuu wanta booda dhufuu wajjin wal bira qabamu akkuma burqituu xiqqoo tokkoo taʼa. Akkuma mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsame lagichi fedhii namoota hedduu guutuuf balʼachaa deema.

Jannata keessatti lagni eebba argamsiisu namni hundi dargaggeessaa fi fayya buleessa akka taʼu godha (Keeyyata 17 Ilaali)

18. Bulchiinsa Barkumee keessatti ‘lagni bishaan jireenyaa’ laga guddaa kan taʼu akkamitti?

18 Bishaan jireenya kennu. Bulchiinsa Barkumee keessatti ‘lagni bishaan jireenyaa’ laga guddaa taʼa. (Mul. 22:1) Namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman duʼaa kaʼanii bara baraaf Jannata keessa jiraachuuf carraa argatu. Eebbi Yihowaa inni karaa Mootummichaa argamu namoota hedduu duʼanii biyyoo keessa turan gara jireenyaatti deebisuus kan dabalatu dha. (Isa. 26:19) Haa taʼu malee namoonni duʼaa kaʼan hundi bara baraaf ni jiraatuu?

19. (a) Jannata keessatti qajeelfamoonni hafuuraa haaraan akka jiraatan wanti argisiisu maali dha? (b) Gara fuulduraatti namoonni tokko tokko ‘iddoo soogiddaa taʼanii kan hafan’ akkamitti?

19 Namni hundi filannaa mataa isaa gochuu qaba. Yeroo sanatti maraawwan kitaabaa haaraan ni banamu. Kanaafuu bishaan nama gammachiisuu fi Yihowaa biraa yaaʼu dhugaawwan haaraa ibsaman, jechuunis qajeelfamoota hafuuraa haaraa kan dabalatu dha. Abdii kana irratti yaaduun kan nama gammachiisu mitii? Haa taʼu malee namoonni tokko tokko Yihowaadhaaf ajajamuu diduu filachuudhaan eebba kana fudhachuu didu. Namoonni tokko tokko yeroo bulchiinsa Barkumeetti fincila kaasuu dandaʼu; taʼus namoonni kun Jannata akka jeeqan isaaniif hin heyyamamu. (Isa. 65:20) Tarii haalli isaanii iddoowwan dhaqdhaqii mulʼata Hisqiʼel keessatti ibsamanii fi ‘iddoo soogiddaa taʼanii hafan’ nu yaadachiisa taʼa. Namoonni kun taʼe jedhanii bishaan jireenyaa isa gatii guddaa qabu irraa dhuguu diduun isaanii gowwummaa guddaa dha. Bulchiinsa Barkumee booda gareen finciltootaa Seexana cinaa dhaabbatu tokko ni jiraata. Warri bulchiinsa Yihowaa isa qajeelaa fudhachuu didan hundi wantuma wal fakkaatu, jechuunis duʼa bara baraatu isaan eeggata.—Mul. 20:7-12.

20. Qophii Bulchiinsa Barkumee keessatti godhamu akkamiitu mukeetii Hisqiʼel arge nu yaadachiisa?

20 Mukeetii nyaataa fi qorichaaf taʼan. Yihowaan eenyu illee jireenya bara baraa akka dhabu hin barbaadu. Carraa dinqisiisaa inni nuuf qopheesse kana akka argannuuf, yeroo sanattis qophiin mukeetii Hisqiʼel argee wajjin wal fakkaatu akka jiraatu godha. Taʼus Yihowaan Jannata keessatti karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa nu eebbisa. Yesuus Kiristoosii fi namoonni 144,000 taʼan samii keessatti mootota taʼanii Waggaa Kuma Tokkoof bulchu. Namoonni 144,000 taʼan kutaa lubootaa waan taʼaniif, namoonni amanamoo taʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan gargaaruudhaan, aarsaa furii Kiristoos irraa akka fayyadaman godhu. (Mul. 20:6) Qophiin karaa qaamaas taʼe karaa hafuuraa fayyina argamsiisu kun mukeetii Hisqiʼel qarqara lagaatti arge warra firii nyaataaf taʼu godhatanii fi baala qorichaaf taʼu qaban sana nu yaadachiisa. Mulʼanni Hisqiʼel raajii kan biraa Yohaannis ergamaan barreessee wajjin wal fakkaata. (Mulʼata 22:1, 2 dubbisi.) Baalli mukeetii Yohaannis arge “saboota fayyisuuf gargaara.” Namoonni amanamoon miliyoona hedduutti lakkaaʼaman tajaajila lubummaa warri 144,000 taʼan dhiheessan irraa faayidaa argatu.

21. Laga Hisqiʼel mulʼataan arge irratti xiinxaluun kee kan si fayyadu akkamitti? (Saanduqa, “Burqaa Xinnoon Tokko Laga Guddaa Taʼe!” jedhu ilaali.) (b) Boqonnaa itti aanu keessatti waaʼee maalii qorra?

21 Yommuu laga Hisqiʼel mulʼataan arge irratti xiinxaltu garaan kee nagaa fi abdiidhaan hin guutamuu? Gara fuulduraatti yeroo baayʼee dinqisiisaa taʼetu nu eeggata. Mee yaadi, Yihowaan waggoota kumaan lakkaaʼaman dura raajiiwwan hedduu Jannanni maal akka fakkaatu yaaduuf nu gargaaran nuu kenneera; akkasumas achitti argamnee abdiiwwan raajii kana keessatti ibsaman yommuu raawwataman akka arginu obsaan nu affeeraa jira. Ati hoo achitti ni argamtaa? Tarii, ‘Ani dhugumaan Jannata keessa jiraachuu nan dandaʼaa?’ jettee yaadda taʼa. Boqonnaa itti aanu keessatti raajiiwwan Hisqiʼel warri dhumaa abdii kan nuuf kennan akkamitti akka taʼe qorra.

^ key. 3 Kana malees Yihudoonni boojuu jala turanii fi teessuma lafaa biyya isaanii yaadatan lagni kun kallattiidhaan laga dhugumaan jiru akka hin taane beekuu hin oolan; sababiin isaas lagichi mana qulqullummaa gaara baayʼee dheeraa taʼe irratti argamuu fi bakka ibsame kanatti illee hin argamne irraa yaaʼuu jalqabe. Dabalataanis mulʼanni kun lagichi kallattiidhaan gufuu tokko malee gara Galaana Duʼaatti akka yaaʼu argisiisuu dandaʼa; kun immoo akka haala teessuma lafaatti wanta taʼuu hin dandeenye dha.

^ key. 6 Namoonni Kitaaba Qulqulluu irratti yaada kennan tokko tokko namoonni naannoo kana jiraatan yeroo dheeraa dhaaf naannoo Galaana Duʼaatti soogidda nyaanni utuu hin mancaʼin yeroo dheeraa akka turu godhu oomishaa akka turan caqasuudhaan ibsi kun gaarii akka taʼe yaadu. Haa taʼu malee, seenaan isaa iddoowwan dhaqdhaqii taʼan sun akka ‘hin fayyifamne’ ifatti dubbata. Iddoowwan kun bishaan jireenya kennuu fi mana Yihowaa keessaa yaaʼu achi waan hin geenyeef, lubbuun kan keessa hin jiraannee fi kan hin fayyifamne taʼanii hafu. Kanaafuu, mulʼata kana keessatti iddoowwan soogiddaa dhaqdhaqii taʼan kun yaada gaarii kan dabarsan hin fakkaatu.—Far. 107:33, 34; Er. 17:6.

^ key. 12 Fakkeenya Yesuus waaʼee saaphanaa dubbate keessattis yaanni wal fakkaatu ibsameera. Kiyyoon sun qurxummii hedduu kan qabate taʼus, hundi isaanii garuu qurxummii “gaggaarii” hin turre. Kanaafuu, warri gatii hin qabne ni gatamu. Yesuus fakkeenya kanatti fayyadamee namoonni gara jaarmiyaa Yihowaatti dhufan hedduun yeroo booda amanamoo utuu hin taʼin hafuu akka dandaʼan akeekkachiiseera.—Mat. 13:47-50; 2 Xim. 2:20, 21.