Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Namoota Yihowaa Jaallatan Hundaaf:

Yeroon isaa bara 1971 ture. Namoonni Walgaʼii Koonyaa mata duree, “Maqaa Waaqayyoo” jedhuu fi waggaa sanatti geggeeffame irratti argaman, barreeffamoota haaraa hedduu argachuu isaaniitti baayʼee gammadanii turan. Kitaabni Waggaa bara 1972⁠tti baʼe barreeffamoonni kun, “baayʼee dinqisiisoo” akka taʼan ibseera. Barreeffamoota haaraa baʼan keessaa isa tokko ilaalchisee obboleessi tokko, “Barreeffama waaʼee wantoota gara fuulduraatti raawwatamanii ibsu akkasii arginee hin beeknu!” jechuudhaan dubbateera. Obboleessi kun waaʼee maalii dubbachuu isaa ture? Waaʼee kitaaba mata dureen isaa “Saboonni Ani Yihowaa Taʼuu Koo Dhugumaan ni Hubatu”—Akkamitti? jedhuu dubbachuu isaa ture. Haa taʼu malee, kitaabni kun hammana kan isaan gammachiise maaliifi? Sababiin isaas, kitaabichi raajiiwwan kitaaba Hisqiʼel keessatti argaman ilaalchisee ibsa haaraa waan qabateefi; raajiiwwan kunis egeree ilmaan namootaa hundumaa kan ilaallatani dha.

Waggoottan kitaabni kun erga baʼee booda jiranitti lakkoofsi saba Waaqayyoo saffisaan dabaluudhaan miliyoona 1.5 irraa gara miliyoona 8 olitti guddateera. (Isa. 60:22) Tajaajiltoonni Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼaman kun walumaa galatti afaanota 900 ol ni dubbatu. (Zak. 8:23) Namoonni hedduun kitaaba raajiiwwan Hisqiʼel raajichi geggeessaa hafuuraatiin barreesse balʼinaan ibsu qoʼachuuf carraa argatanii hin beekan.

Kana malees ifichi caalaatti dabalaa waan deemeef, bara 1971 irraa eegalee hubannaan nuti dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu irratti qabnu baayʼee fooyyaʼeera. (Fak. 4:18) Bara 1985⁠tti ‘hoolonni kan biroon’ michoota Waaqayyoo taʼuudhaan qajeelota kan jedhaman akkamitti akka taʼe sirriitti hubachuu jalqabne. (Yoh. 10:16; Rom. 5:18; Yaq. 2:23) Achiis bara 1995⁠tti murtiin dhumaa ‘hoolotaa’ fi “reʼoota” jechuudhaan dabarfamu yeroo ‘rakkina guddaatti’ taʼuu isaa yeroo jalqabaatiif ni hubanne. (Mat. 24:21; 25:31, 32) Sirreeffamni kun hundi kitaaba Hisqiʼel ilaalchisee hubannaa qabnu irratti jijjiirama fideera.

“Yaa ilma namaa, ati as kan fidamte kanaaf waan taʼeef, qalbeeffadhuu ilaali, of eeggannoodhaan dhaggeeffadhu, wantan sitti argisiisu hundumaatiifis xiyyeeffannaa kenni.” HISQIʼEL 40:4

Waggoota dhihoodhaa asittis ifichi caalaatti dabalaa deemuu isaa itti fufeera. Mee barumsawwan fakkeenyota Yesuus irraa arganne yaadaa. Yeroo ammaatti barumsawwan kanneen keessaa hedduun isaanii sammuu fi garaa keenya keessatti caalaatti ifa taʼaniiru. Fakkeenyota kanneen keessaa hedduun isaanii taʼeewwan dhiheenyatti, jechuunis yeroo rakkina guddaatti raawwataman kan ibsani dha. Haaluma wal fakkaatuun hubannaan raajiiwwan kitaaba Hisqiʼel keessatti argaman tokko tokko irratti qabnus ifa taʼeera. Raajiiwwan kun waaʼee Goog isa biyya Maagoog (boqonnaa 38 fi 39), hojii namichi gaanfa qalama barreessaa hidhate sun hojjetu (boqonnaa 9), sulula lafeewwan goggoganiin guutame, akkasumas uleewwan fakkeenyaan ibsamanii fi walitti qabsiifaman lamaanii (boqonnaa 37) kan ibsani dha. Ibsawwan kun hundi, wanti waggoota hedduu dura kitaaba olitti caqasame irratti barreeffame fooyyaʼuu isaa kan argisiisani dha.

Kanaafuu sabni Yihowaa hedduun “Kitaaba raajii Hisqiʼel irratti ibsa haaraa kennu kan argannu yoomi?” jedhanii gaafachuun isaanii nama hin dinqisiisu. Kitaabni Yihowaan Waaqeffannaa Qulqulluu Deebisee Hundeesse! jedhu ibsawwan haaraa kana qabateera. Boqonnaawwan kitaabichaa 22 yommuu dubbistuu fi fakkiiwwan babbareedoo achi keessatti argaman irratti yommuu xiinxaltu, qorannoo guddaan kitaabicha qopheessuuf godhame si dinqisiisuu dandaʼa. Yihowaan kitaaba Hisqiʼel isa dinqisiisaa taʼe kana kan qopheesse maaliif akka taʼe hubachuuf kadhannaadhaan irratti yaadameera. Gaaffiiwwan armaan gadiitiifis xiyyeeffannaa guddaan kennameera: Kitaabni Hisqiʼel namoota bara sana turaniifis taʼe nuuf barumsawwan akkamii qabateera? Raajiiwwan waaʼee wantoota gara fuulduraatti raawwatamanii ibsan kam faʼi? Raajiiwwan Hisqiʼel keessatti wantoota gaaddidduu taʼan barbaaduu qabnaa? Gaaffiiwwan kanaaf deebiin argannu, kitaaba yeroo dheeraadhaaf hawwaa turre kana ilaalchisee hubannaa sirrii taʼe argachuuf nu gargaara.

Kitaaba Hisqiʼel jalqabaa kaastee hamma xumuraatti yommuu dubbistu kutaa jaarmiyaa Yihowaa isa samii akka dinqisiifattu beekamaa dha. Kana malees, ulaagaalee guguddaa Yihowaan warra samii keessas taʼe lafa irra jiraatanii fi karaa isa biratti fudhatama qabuun isa waaqeffachuu barbaadaniif baase akka dinqisiifattu hin shakkisiisu. Kitaabni Waaqeffannaa Qulqulluu jedhamu kun, wanta Yihowaan saba isaatiif godhee fi dhiheenyatti isaaniif godhuuf dinqisiifannaa qabdu guddifachuuf si gargaara. Kitaabni kun yaadawwan ijoo taʼan lama irra deddeebiʼee akka ibsu ni hubatta. Tokkoffaa, Yihowaa gammachiisuu yoo barbaanne inni uumama cufa irratti ol aantummaa akka qabu beekuu fi amannee fudhachuu qabna. Lammaffaa, jireenya keenya ulaagaalee isaa warra ol aanoo taʼanii wajjin wal simsiisuudhaan karaa isa biratti fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffachuu qabna.

Kitaabni kun karaa maqaa isaa isa guddaa fi qulqulluu taʼeef ulfina fiduun Yihowaa waaqeffachuuf murtoo goote akka siif cimsu garaadhaa ni hawwina. Akkasumas yeroo saboonni hundi inni Yihowaa taʼuu isaa dhugumaan itti beekan dammaqinaan eeguuf akka si kakaasu hawwina.—His. 36:23; 38:23.

Abbaan keenya Yihowaan geggeessaa hafuura isaatiin kitaaba Hisqiʼel raajichi barreesse hubachuuf carraaqqii gootu siif haa eebbisu.

Obboloota kee,

Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa