Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Karaa, Dhugaa, Jireenya

Karaa, Dhugaa, Jireenya

Misiraachoo dhagaʼuun akka si gammachiisu beekamaa dha. Siifis taʼe namoota jaallattuuf misiraachoon amansiisaa taʼe jira.

Misiraachoon kun Kitaaba Qulqulluu, jechuunis kitaaba Waaqni keenya Yihowaan inni Uumaa uumama cufaa taʼe bara dheeraa dura barreessise keessatti argama. Kitaaba kana keessatti, kutaawwan Kitaaba Qulqulluu misiraachoo baayʼee gaarii taʼe qabatan afur irratti xiyyeeffanna. Kitaabonni kun maqaa namoota Waaqayyo kitaabicha akka barreessan taasiseen waamamu; isaanis Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis jedhamu.

Namoonni hedduun kitaabota kana arfan, Wangeelota arfan jedhanii waamu. Kitaabonni arfan iyyuu waaʼee Yesuus wangeela ykn misiraachoo dubbatu. Jechuunis, inni karaa itti Waaqayyo fayyina fidu akka taʼe, akkasumas Mootii Mootummaa Waaqayyoo isa samii taʼuudhaan namoota isatti amanan hundaaf eebba bara baraa akka fidu ibsu.—Maarqos 10:17, 30; 13:13.

WANGEELOTA AFUR BARREESSUUN KAN BARBAACHISE MAALIIFI?

Waaqayyo seenaa jireenyaa Yesuusii fi wanta inni barsiise ilaalchisee Wangeelota afur kan barreessise maaliif akka taʼe gaaffii sitti uuma taʼa.

Wantoota Yesuus dubbatee fi hojjete ilaalchisee Wangeelonni garaa garaa barreeffamuun isaanii faayidaa qaba. Fakkeenyaaf, mee namoonni afur barsiisaa beekamaa taʼe bira dhaabachaa akka jiranitti yaadi. Namichi barsiisicha fuuldura dhaabate qaraxa sassaaba. Inni karaa mirgaa dhaabate immoo ogeessa fayyaa ti. Inni karaa bitaa dhaabatee dhaggeeffatu qurxummii kan qabu siʼa taʼu, michuu barsiisichaa ti. Namichi inni arfaffaan duubaan dhaabate immoo, nama haala jiru ilaalaa jiruu fi warra kaan irra umuriidhaan xinnaa taʼe dha. Arfan isaanii iyyuu namoota amanamoo dha; tokkoon tokkoon isaanii wanti isaan irratti xiyyeeffatan garaa gara dha. Arfan isaanii wanta barsiisichi dubbatee fi hojjete utuu barreessanii, balʼinni wanti isaan barreessanii fi wanti isaan caqasan garaa gara taʼuu dandaʼa. Namoonni seenaa kana barreessan kallattii isaan dhimmicha itti ilaalanii fi galmi isaanii garaa garummaa waan qabaatuuf, Wangeelota arfan qoruun keenya wanta barsiisichi dubbatee fi hojjete guutummaatti hubachuuf nu gargaara. Kun Yesuus isa Barsiisaa Guddicha taʼe ilaalchisee Wangeelonni afur barreeffamuun isaanii akkamitti akka nu fayyadu kan argisiisu dha.

Mee fakkeenya kana itti haa fufnu; namichi inni qaraxa sassaabu namoota Yihudii taʼan irratti xiyyeeffachuu waan barbaadeef, barumsa isaa fi wantoota raawwataman akkaataa namoota kana gargaaruun qindeessa. Namichi ogeessa fayyaa taʼe immoo namoonni dhukkubsatan ykn hirʼina qaamaa qaban fayyifamuu isaanii irratti waan xiyyeeffateef, wantoota namichi qaraxa sassaabu barreesse tokko tokko ni hambisa ykn duraa duuba adda taʼeen barreessa. Inni michuu barsiisichaa taʼe miiraa fi amala barsiisichaa irratti xiyyeeffata. Seenaan dargaggeessi tokko barreessu immoo gabaabaa fi caalaatti ifaa dha. Taʼus, seenaan namoonni kun barreessan hundi sirrii dha. Fakkeenyi kun, seenaan jireenya Yesuus namoota afuriin barreeffamuun isaa gocha, barumsaa fi eenyummaa isaa ilaalchisee hubannaa qabnu akka nuu dabalu argisiisa.

Namoonni ‘Wangeela Maatewos’ ykn ‘Wangeela Yohaannis’ jedhanii dubbatu. Kitaabonni kun ‘Misiraachoo waaʼee Yesuus Kiristoos’ waan ibsaniif akkana jechuun isaanii dogoggora miti. (Maarqos 1:1) Haa taʼu malee, akka walii galaatti barreeffamoota arfan keessa wangeela ykn misiraachoo waaʼee Yesuus nuuf barreeffame tokkotu jira.

Barattoonni Dubbii Waaqayyoo hedduun, yaadawwan Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohaannis keessatti argaman wal bira qabanii kan ilaalan siʼa taʼu, iddoo tokkotti qindeessaniiru. Dh.K.B. naannoo bara 170⁠tti, barreessaan lammii Sooriyaa Taatiyaan jedhamu akkana gochuuf yaaleera. Kitaabonni arfan kun sirrii fi hafuura qulqulluudhaan kan barreeffaman taʼuu isaanii kan hubate siʼa taʼu, seenaa jireenyaa Yesuusii fi tajaajila inni raawwate qindeessuudhaan kitaaba Diyaatesaaron jedhamu qopheesseera.

Kitaabni, Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya jedhamu kunis akkanuma kan godhe taʼus, caalaatti sirrii kan taʼee fi yaada guutuu kan qabate dha. Kun taʼuu kan dandaʼe, yeroo ammaatti hubannaan nuti raajiiwwan Yesuusiin ilaalchisanii dubbatamanii fi fakkeenyota isaa irratti qabnu waan dabaleefi dha. Hubannaan keenya kun, wanta inni dubbatee fi hojjete, akkasumas duraa duuba wantoonni ittiin raawwataman ilaalchisee hubannaa fooyyaʼaa akka qabaannu taasiseera. Argannoowwan arkiʼooloojiis odeeffannoowwan tokko tokkoo fi kallattii barreessitoonni dhimmicha itti ilaalan ilaalchisee hubannaa qabnu dabalaniiru. Taʼus, namni kam iyyuu duraa duuba wantoonni hundi itti raawwataman mirkanaaʼaa taʼee dubbachuu akka hin dandeenye beekamaa dha. Haa taʼu malee, kitaabni, Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya jedhamu yaada kana karaa amansiisaa taʼeen dhiheesseera.

KARAA, DHUGAA, JIREENYA

Kitaaba kana yommuu dubbistu ergaa guddaa inni sii fi namoota jaallattuuf dabarsu qalbeeffadhu. Yesuusumti iyyuu Toomaas ergamaadhaan, “Karaan, dhugaanii fi jireenyi ana. Karaa koo yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara Abbaa dhufuu hin dandaʼu” akka jedhe yaadadhu.—Yohaannis 14:6.

Kitaabni, Yesuus—Karaa, Dhugaa, Jireenya jedhamu kun, Yesuus “karaa” kan taʼe akkamitti akka taʼe akka hubattu si gargaara. Yihowaatti kadhannaadhaan dhihaachuu kan dandeenyu karaa isaa qofa dha. Kana malees, Yesuus karaa itti Waaqayyoo wajjin araaramnu dha. (Yohaannis 16:23; Roomaa 5:8) Kanaaf, Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandeenyu karaa isaa qofa dha.

Yesuus “dhugaa” dha. Wanti inni dubbatee fi akkaataa inni itti jiraate dhugaa wajjin kan wal simu dha. Raajiiwwan hedduun akka raawwataman kan godhe siʼa taʼu, raajiiwwan kunis “karaa isaa ‘eeyyee’ taʼaniiru.” (2 Qorontos 1:20; Yohaannis 1:14) Raajiiwwan kun gaʼee guddaa Yesuus raawwii kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu hubachuuf nu gargaaru.—Mulʼata 19:10.

Kana malees, Yesuus Kiristoos “jireenya” dha. Lubbuu isaa fi dhiiga isaa isa mudaa hin qabne furii godhee kennuudhaan, “jireenya isa dhugaa,” jechuunis “jireenya bara baraa” argachuu akka dandeenyu taasiseera. (1 Ximotewos 6:12, 19; Efesoon 1:7; 1 Yohaannis 1:7) Namoonni duʼanii fi miliyoonaan lakkaaʼaman, duʼaa kaʼanii abdii Jannata keessa bara baraaf jiraachuu waan argataniif, Yesuus isaaniifis “jireenya” ni taʼa.—Yohaannis 5:28, 29.

Hundi keenya gaʼee Yesuus kaayyoo Waaqayyoo keessatti qabu hubachuu fi iddoo guddaa kennuufii qabna. Waaʼee Yesuus isa ‘karaa, dhugaa fi jireenya’ taʼee caalaatti barachuu kee akka itti fuftu hawwina!