Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 83

Afeerraa Nyaataa

Afeerraa Nyaataa

LUQAAS 14:7-24

  • BARUMSA GAD OF QABUU ILAALCHISEE KENNAME

  • NAMOONNI AFEERAMAN SABABA DHIHEESSAN

Yesuus namicha dhukkuba qaama namaa dhiitessuun qabame erga fayyisee booda, amma iyyuu mana Fariisichaa jira. Keessummoonni afeeraman bakka hunda irra caalu yeroo filatan argee, carraa kanatti fayyadamee waaʼee gad of qabuu barsiise.

Akkana jedhe: “Namni tokko yommuu cidha gaaʼelaa irratti si afeeru bakka hunda irra caalu hin taaʼin. Tarii namni si caalaa bakka guddaa qabu afeeramee taʼuu dandaʼa. Achiis namichi lamaan keessan afeere sun dhufee, ‘Iddoo kana nama kanaaf gadhiisi’ siin jedha. Atis qaanoftee dhaqxee iddoo hunda caalaa gad aanaa taʼe teessa.”—Luqaas 14:8, 9.

Itti fufee akkana jedhe: “Yommuu afeeramtu, namichi si afeere sun dhufee, ‘Michuu ko, bakka ol aanutti ol siqi’ akka siin jedhutti, dhaqiitii bakka hunda caalaa gad aanaa taʼe taaʼi. Achiis namoota sii wajjin afeeraman hunda duratti ulfina argatta.” Kun naamusa gaarii qabaachuu irra wanta caalu dha. Yesuus, “Namni ol ol of qabu hundi gad ni qabama; namni gad of qabu hundi garuu ol ol qabama” jechuudhaan ibse. (Luqaas 14:10, 11) Eeyyee, dhaggeeffattoonni isaa amala gad of qabuu akka horatan jajjabeessaa jira.

Kana booda Yesuus, afeerraa Waaqayyoon gammachiisu qopheessuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe ilaalchisee, Fariisicha isa isa afeereef barumsa kenne. Akkana jedhe: “Yommuu laaqana yookiin irbaata qopheessitu, michoota kee yookiin obboloota kee yookiin firoottan kee yookiin ollaawwan kee warra sooreyyii taʼan hin waamin. Sababiin isaas isaanis gaaf tokko si waamanii gatii kee sii deebisuu dandaʼu. Haa taʼu malee yommuu afeerrii qopheessitu, hiyyeeyyii, warra qaamni isaanii hirʼate, warra naafatanii fi warra qaro dhabeeyyii taʼan waami; isaan gatii sii deebisuu waan hin dandeenyeef, gammachuu argatta.”—Luqaas 14:12-14.

Yesuus michoota, firoota ykn ollaa ofii afeeruun dogoggora akka taʼe dubbachaa hin jiru. Haa taʼu malee, namoota gargaarsi isaan barbaachisu, kanneen akka hiyyeeyyii, warra qaamni isaanii hirʼatee fi warra qaro dhabeeyyii taʼaniif nyaata kennuun eebba guddaa akka argamsiisu ibsuu isaa ti. Yesuus namicha isa afeereen, “Yeroo duʼaa kaʼuu qajeelotaatti gatiin kee sii deebiʼa” jedhe. Keessummaan kan biraan tokko yaada kana irratti walii galee, “Namni Mootummaa Waaqayyoo keessatti maaddiitti dhihaatu gammadaa dha” jedhe. (Luqaas 14:15) Namni kun, kun mirga guddaa taʼuu isaa hubateera. Taʼus, akkuma Yesuus fakkeenya itti aansee dubbate irratti ibse dinqisiifannaa akkanaa kan qaban namoota hunda miti.

“Namni tokko afeerrii irbaataa guddaa qopheessee namoota hedduu afeere. Namichis . . . garbichi isaa dhaqee warra afeeraman sanaan, ‘Amma wanti hundi waan qophaaʼeef kottaa’ jedhee akka waamu isa erge. Haa taʼu malee, hundi isaanii sababii adda addaa dhiheessuu jalqaban. Inni jalqabaa, ‘Ani lafa waanan bitadheef dhaqee ilaaluun qaba; kanaaf, dhiifama akka anaaf gootu sin kadhadha’ jedheen. Inni tokkos, ‘Ani qotiyyoo cimdii shan waanan bitadheef dhaqeen isaan qora; kanaaf, dhiifama akka anaaf gootu sin kadhadha’ jedhe. Inni tokko immoo, ‘Reefuu fuudhuu koo ti; kanaaf, dhufuu hin dandaʼu’ jedhe.”—Luqaas 14:16-20.

Sababiin isaan dhiheessan quubsaa miti! Namni tokko lafa ykn qotiyyoo kan ilaalu bituu isaa dura dha; kanaaf, erga bitee booda akkas gochuun ariifachiisaa miti. Namni inni sadaffaanis fuudhuuf qophaaʼaa jira miti. Kanaa mannaa fuudheera. Kanaaf afeerraa iddoo guddaa qabu kana fudhachuu isa hin dhorku. Gooftichi sababa isaan dhiheessan kana yommuu dhagaʼu baayʼee aaree garbicha isaatiin akkana jedhe:

“‘Dafiitii karaawwan guguddaa fi xixinnaa magaalichaatti baʼiitii, hiyyeeyyii, warra qaamni isaanii hirʼate, warra qaro dhabeeyyii taʼanii fi warra naafatan waami’ jedheen. Boodas garbichi sun, ‘Yaa gooftaa wanti ati ajajje raawwatameera; garuu ammas iddoon jira’ jedhe. Gooftaan sunis garbicha sanaan akkana jedhe: ‘Gara karaawwan guguddaa fi karaawwan baadiyyaatti baʼiitii manni koo akka guutuuf namoota dirqisiisii ol galchi. Ani siin nan jedha, namoota afeeraman keessaa tokko illee irbaata ani qopheesse hin dhamdhamu.’”—Luqaas 14:21-24.

Yaadni kun, Yihowaan, Yesuus Kiristoos namoonni Mootummaa samii akka dhaalaniif akka isaan afeeru akkamitti akka isatti fayyadame kan ibsu dha. Afeerraan kun jalqaba irratti Yihudootaaf keessumaa immoo warra geggeessitoota amantii taʼaniif dhihaate. Hedduun isaanii yeroo Yesuus tajaajila irratti dabarse hundatti afeerraa kana hin fudhanne. Taʼus, afeerraan kun kan dhihaatu isaan qofaaf miti. Yesuus gara fuulduraatti afeerraan lammaffaan Yihudoota tuffatamoo taʼanii fi warra amantii Yihudootaa fudhataniif akka dhihaatu ibsaa jira. Booda immoo, afeerraan kun yeroo sadaffaa fi isa xumuraatiif namoota Yihudoonni Waaqayyo biratti fudhatama hin qaban jedhanii yaadaniif dhihaata.—Hojii Ergamootaa 10:28-48.

Wanti Yesuus dubbachaa jiru wanta keessummaan sun, “Namni Mootummaa Waaqayyoo keessatti maaddiitti dhihaatu gammadaa dha” jedhee dubbate dhugaa taʼuu isaa kan mirkaneessu dha.