Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 94

Wantoota Baayʼee Barbaachisan Lama—Kadhannaa fi Gad Of Qabuu

Wantoota Baayʼee Barbaachisan Lama—Kadhannaa fi Gad Of Qabuu

LUQAAS 18:1-14

  • FAKKEENYA DUBARTII ABBAAN MANAA IRRAA DUʼEE FI IRRA DEDDEEBITEE KADHATTUU

  • FARIISII FI NAMICHA QARAXA SASSAABU

Yesuus kanaan dura barattoota isaatti waaʼee irra deddeebiʼanii kadhachuu fakkeenya tokko himee ture. (Luqaas 11:5-13) Tarii amma Samaariyaa ykn Galiilaa kan jiru siʼa taʼu, ammas fakkeenya armaan gadii dubbachuudhaan abdii utuu hin kutatin kadhachuun barbaachisaa akka taʼe ibse.

Akkana jedhe: “Magaalaa tokko keessa abbaan seeraa Waaqayyoon hin sodaannee fi namaaf ulfina hin kennine tokko jira ture. Dubartiin abbaan manaa irraa duʼee fi yeroo hunda gara isaa dhaqxee, ‘Anaa fi nama anaa wajjin falmu gidduutti murtii sirrii naa kenni’ jettu tokkos magaalaa sana keessa jirti turte. Innis yeroo muraasaaf kana gochuuf tole hin jenne; booda garuu akkana ofiin jedhe: ‘Ani Waaqayyoon kan hin sodaanne yookiin nama kamiif iyyuu ulfina kan hin kennine yoon taʼe illee, dubartiin abbaan manaa irraa duʼe kun yeroo hunda dhuftee waan na rakkistuuf, akka ishiin dhuftee taaʼuu fi kaʼuu na hin dhowwineef murtii sirrii akka ishiin argattu nan godha.’”—Luqaas 18:2-5.

Yesuus ergaa fakkeenya kanaa akkana jedhee ibse: “Abbaan seeraa kun jalʼaa yoo taʼe illee maal akka jedhe hubadhaa! Maarree, Waaqayyo warri inni isaaniif obsu, jechuunis warri isaaf filatamanii fi halkanii fi guyyaa isatti iyyatan murtii sirrii akka argatan hin godhuu?” (Luqaas 18:6, 7) Yesuus akkas kan jedhe waaʼee Abbaa isaa maal barsiisuu barbaadee ti?

Yesuus, Yihowaan karaa kamiin iyyuu yoo taʼe, akka abbaa seeraa jalʼaa taʼe kanaa akka taʼe dubbachuu isaa miti. Abbaan seeraa jalʼaan tokko illee namni tokko irra deddeebiʼee waan isa gaafateef deebii kan kennuuf erga taʼee, Waaqayyo akkas akka godhu matumaa akka hin shakkisiisne ibsuu barbaadee ti. Inni qajeelaa fi gaarii dha; namoonni abdii utuu hin kutatin yoo isa kadhatan deebii ni kennaaf. Yaada Yesuus, “Ani isinitti nan hima, [Waaqayyo] dafee murtii sirrii akka argatan godha” jechuudhaan dubbate irraa kun dhugaa taʼuu isaa ni hubanna.—Luqaas 18:8.

Yeroo baayʼee namoota aangoo qabanii fi sooressoota malee, hiyyeessonni murtii sirrii hin argatan. Wanti Waaqayyo godhu garuu kana irraa adda dha. Yeroon inni murteesse yommuu gaʼu, hamoota adabuu fi tajaajiltoota isaatiif jireenya bara baraa kennuudhaan murtii sirrii kenna.

Amantii akka dubartii abbaan manaa irraa duʼe sanaa kan qabu eenyu? Waaqayyo ‘dafee murtii sirrii akka isaan argatan akka godhu’ kan amanan hoo namoota hammamii ti? Yesuus irra deddeebiʼanii kadhachuun barbaachisaa taʼuu isaa fakkeenyaan ibseera. Amma immoo, humna kadhannaan qabu irratti amantii qabaachuu ilaalchisee, “Ilmi namaa yommuu dhufu, dhuguma lafa irratti amantii akkanaa ni argataa laata?” jedhee gaafate. (Luqaas 18:8) Yaadni kun yeroo Kiristoos dhufu amantiin akkasii baayʼinaan akka hin argamne nu hubachiisa.

Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran tokko tokko amantii akka qaban mirkanaaʼoo akka taʼan isaanitti dhagaʼama. Qajeelota akka taʼanitti of ilaalu; warra kaan immoo ni tuffatu. Yesuus namoota akkasii ilaalchisee fakkeenya armaan gadii dubbate.

Akkana jedhe: “Namoonni lama kadhannaadhaaf gara mana qulqullummaa dhaqan; inni tokko Fariisii, inni tokko immoo nama qaraxa sassaabu ture. Fariisichis dhaabatee garaa isaatti akkana jedhee kadhachuu jalqabe: ‘Yaa Waaqayyo, ani akka namoota kaanii, jechuunis akka saamtotaa, akka jalʼootaa, akka ejjitootaa yookiin keessumaa immoo akka nama qaraxa sassaabu kanaa waan hin taaneef sin galateeffadha. Torbanitti siʼa lama nan sooma; waanan argadhu hunda keessaas harka kudhan keessaa harka tokko nan kenna.’”—Luqaas 18:10-12.

Fariisonni qajeelota taʼuu isaanii namoota duratti argisiifachuudhaan beekamu. Akkas kan godhanis xiyyeeffannaa namootaa harkisuufi dha. Soomii ilaalchisee seera ofii isaanii baasan irratti guyyaan isaan soomiidhaaf murteessan Wiixataa fi Kamisa dha; guyyoonni kun immoo guyyaa gabaa fi namoonni hedduun itti isaan argani dha. Biqiltoota xixinnoo irraa illee kudhan keessaa tokko of eeggannoodhaan kennu. (Luqaas 11:42) Jiʼoota muraasa dura tuffii namoota iddoo guddaa hin qabneef qaban, “Sabni Seericha hin beekne kun [akka ilaalcha Fariisotaatti] abaaramaa dha” jedhanii turan.—Yohaannis 7:49.

Fakkeenya isaa itti fufee akkana jedhe: “Inni qaraxa sassaabu garuu fagoo kan dhaabate siʼa taʼu, gara samii ilaaluuf illee ija hin jabaanne; kanaa mannaa qoma isaa rurrukutaa, ‘Yaa Waaqayyo, ani cubbamaa dha garaa naa laafi’ jedhe.” Eeyyee namichi qaraxa sassaabu kun gad of qabuudhaan dadhabina kan qabu taʼuu isaa amanee fudhateera. Yesuus akkana jechuudhaan xumure: “Ani isinitti nan hima, namichi kun Fariisicha caalaa qajeelaa taʼee gara mana isaatti deebiʼe. Sababiin isaas namni ol ol of qabu hundi ni salphifama; namni gad of qabu hundi garuu ol ol qabama.”—Luqaas 18:13, 14.

Yesuus karaa kanaan barbaachisummaa gad of qabuu ifa godhe. Kun barattoota isaa warra hawaasa Fariisonni qajeelota of godhanii fi aangoodhaaf iddoo guddaa kennan keessatti guddataniif gorsa barbaachisaa dha. Duuka buutota Yesuus hundaafis gorsa iddoo guddaa qabu dha.