Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 97

Fakkeenya Namoota Maasii Wayinii Keessa Hojjetanii

Fakkeenya Namoota Maasii Wayinii Keessa Hojjetanii

MAATEWOS 20:1-16

  • NAMOONNI MAASII WAYINII KEESSA HOJJETAN “WARRI BOODAA” “WARRA DURAA” TAʼAN

Yesuus Peeriyaatti ‘warri duraa hedduun warra boodaa, warri boodaa hedduun immoo warra duraa akka taʼan’ dhaggeeffattootatti himee ture. (Maatewos 19:30) Amma immoo, fakkeenya waaʼee hojjetoota maasii wayinii keessa hojjetanii dubbachuudhaan yaada kana cimse.

Akkana jedhe: “Mootummaan samii abbaa maasii wayinii, namoota maasii wayinii isaa irratti hojjetan qacaruuf ganama obboroo baʼee wajjin wal fakkaata. Innis hojjettoota sanaaf guyyaatti dinaaree tokko tokko kaffaluuf walii galee gara maasii wayinii isaatti isaan erge. Gara saʼaatii sadiittis gad baʼee, namoota hojii malee bakka gabaa dhadhaabatan kan biraa arge; isaaniinis, ‘Isinis gara maasii wayinii koo dhaqaa, gatii sirrii taʼe isiniif nan kaffala’ jedheen. Kanaaf, isaanis kaʼanii dhaqan. Ammas gara saʼaatii jaʼaa, achiis gara saʼaatii sagalii baʼee akkasuma godhe. Dhuma irrattis gara saʼaatii 11 tti gad baʼee namoota naannoo sana dhadhaabatan kan biraa argee, ‘Guyyaa guutuu hojii malee maaliif as dhaabataa ooltan?’ jedhee isaan gaafate. Isaanis, ‘Nama nu qacaru waan dhabneefi’ jedhanii deebisaniif. Innis, ‘Isinis gara maasii wayinii koo dhaqaa’ isaaniin jedhe.”—Maatewos 20:1-7.

Namoonni Yesuusiin dhaggeeffachaa jiran jecha ‘Mootummaa samii’ fi “abbaa maasii” jedhu yeroo dhagaʼan waaʼee Yihowaa yaadanii taʼuu qaba. Kitaabonni Qulqulluun Yihowaa akka abbaa maasii wayiniitti ibsu. Maasiin wayinii immoo Saba Israaʼeliin bakka buʼa ture. (Faarfannaa 80:8, 9; Isaayaas 5:3, 4) Warri kakuu Seerichaa jala jiran namoota maasii wayinii keessa hojjetanitti fakkeeffamaniiru. Taʼus, Yesuus fakkeenyaan dubbachaa kan jiru waaʼee durii utuu hin taʼin, haala yeroo isaatti jiru dha.

Geggeessitoonni amantii, akkuma Fariisota guyyoota muraasa dura wal hiikuu ilaalchisee Yesuusiin qoruuf yaalanii, yeroo hunda Waaqayyoon tajaajilu jedhamee amanama. Isaan akka namoota guyyaa guutuu hojjetanii fi kaffaltii guyyaa tokkoo guutuu isaa argachuuf eeggatanii ti. Kaffaltiin guyyaa tokkoo immoo dinaaree tokko dha.

Luboonnii fi namoonni garee kana keessa jiran kaan, Yihudoonni iddoo guddaa hin qabne tajaajila Waaqayyoo irratti balʼinaan akka hin hirmaannee fi akka namoota yeroo murtaaʼeef maasii wayinii Waaqayyoo keessa hojjetaniitti isaan ilaalu. Akka fakkeenya Yesuus irratti ibsametti, namoonni kun warra “gara saʼaatii sadiitti” ykn erga yeroon darbee booda, jechuunis gara saʼaatii jaʼaa, sagalii fi kudha tokkotti qacaramani dha.

Dhiironnii fi dubartoonni Yesuus duukaa buʼan ‘abaaramoo’ akka taʼanitti ilaalamu. (Yohaannis 7:49) Namoonni kun jireenya isaanii keessaa gara caalaa, hojii qurxummii qabuu fi hojii humnaa kan biraa irratti kan dabarsan turan. Achiis, birraa Dh.K.B. bara 29 tti, “abbaan maasichaa” namoonni iddoo guddaa hin qabne barattoota Kiristoos taʼuudhaan Waaqayyoof akka hojjetan akka isaan waamuuf Yesuusiin erge. Isaan ‘warra boodaa,’ Yesuus saʼaatii 11 tti maasii wayinii keessatti hojii akka jalqaban dubbate dha.

Yesuus xumura fakkeenya isaa irratti, guyyichi yeroo raawwatamu wanta taʼe dubbate. Akkana jedhe: “Yommuu dhihus abbaan maasichaa nama isaan hojjechiisu sanaan, ‘Hojjettoota waami; achiis isa dhuma irratti qacarame irraa jalqabiitii hamma isa dura qacarameetti miindaa isaanii kaffaliif’ jedheen. Namoonni saʼaatii 11 tti qacaraman dhufanii hundi isaanii dinaaree tokko tokko fudhatan. Kanaaf, warri dura qacaraman yommuu dhufan kana caalaa kan argatan isaanitti fakkaatee ture; garuu isaaniifis dinaaree tokko tokkotu kaffalame. Yommuu miindaa isaanii fudhatan garuu, abbaa maasii wayinichaatti gungumuu jalqaban; ‘Namoonni dhuma irratti dhufan kun saʼaatii tokkittii hojjetan; ati garuu nu warra aduu saafaa keessa guyyaa guutuu dadhabaa oollee wajjin wal isaan qixxeessite!’ jedhan. Inni garuu isaan keessaa isa tokkoof akkana jedhee deebise: ‘Michuu ko, ani waanan si miidhe hin qabu. Ati dinaaree tokkoon anaa wajjin walii galtee hin turree? Kanaaf, miindaa kee fudhadhuu deemi. Ani namicha dhuma irratti dhufe kanaaf hammuman siif kenne isaafis kennuu nan barbaada. Qarshii kootiin wantan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Moo ani nama gaarii waanan taʼeef iji kee hinaafe?’ Akka kanaan, warri boodaa warra duraa taʼu; warri duraas warra boodaa taʼu.”—Maatewos 20:8-16.

Wanti Yesuus dhuma fakkeenya isaa irratti dubbate barattootatti gaaffii kaasee taʼuu dandaʼa. Geggeessitoonni amantii ‘warra duraa’ akka taʼanitti of ilaalan “warra boodaa” kan taʼan akkamitti? Barattoonni hoo “warra duraa” kan taʼan akkamitti?

Barattoonni Yesuus warri Fariisonnii fi namoonni kaan ‘warra boodaa’ akka taʼanitti isaan ilaalan, “warra duraa” taʼuuf, jechuunis miindaa guutuu argachuuf haala isaan dandeessisu keessa jiru. Yesuus yeroo duʼu Yerusaalem ishiin lafa irraa kan dhiifamtu siʼa taʼu, Waaqayyo saba haaraa, jechuunis “Israaʼel Waaqayyoo” filata. (Galaatiyaa 6:16; Maatewos 23:38) Yohaannis Cuuphaan waaʼee hafuura qulqulluutiin cuuphamuu yeroo dubbate, kan inni caqase waaʼee namoota kanaa ti. Namoonni ‘warra boodaa’ taʼan cuuphaa kana argachuu fi “hanga andaara lafaatti” dhugaa baatota Yesuus taʼuuf mirga argachuu irratti warra duraa taʼu. (Hojii Ergamootaa 1:5, 8; Maatewos 3:11) Barattoonni kun jijjiirama dinqisiisaa Yesuus waaʼee isaa dubbachaa jiru sirriitti yeroo hubatan, geggeessitoonni amantii “warra boodaa” taʼan rakkina hedduu akka isaan irraan gaʼan eeguu dandaʼu.