Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 100

Fakkeenya Inni Waaʼee Miinaa Kudhanii Dubbate

Fakkeenya Inni Waaʼee Miinaa Kudhanii Dubbate

LUQAAS 19:11-28

  • FAKKEENYA YESUUS WAAʼEE MIINAA KUDHANII DUBBATE

Yesuus kan deemu gara Yerusaalem taʼus, amma iyyuu barattootaa wajjin mana Zakkewoos jiraachuu hin oolu. Barattoonni “Mootummaan Waaqayyoo” dhiheenyatti hundeeffamuuf akka jedhuu fi Yesuus mootummicha irratti mootii akka taʼu yaadu. (Luqaas 19:11) Barattoonni, Yesuus duʼuu akka qabu sirriitti akkuma hin hubanne, waaʼeen dhimma kanaas isaaniif hin galle. Kanaaf, Yesuus Mootummichi kan hundeeffamu yeroo dheeraa booda akka taʼe akka hubataniif fakkeenya tokko isaanitti hime.

Akkana jedhe: “Namichi sanyii mootii taʼe tokko aangoo mootummaa isaa fudhatee deebiʼuuf gara biyya fagoo tokko dhaqe.” (Luqaas 19:12) Deemsi akkasii immoo yeroo fudhata. “Namichi sanyii mootii” jedhame Yesuus akka taʼe beekamaa dha. Inni “gara biyya fagoo” jechuunis, gara samii iddoo itti Abbaan isaa aangoo mootummaa isaaf kennu dhaqa.

Fakkeenyicha irratti, “namichi sanyii mootii taʼe” deemuu isaa dura, garboota isaa kudhan ofitti waamee tokkoon tokkoon isaaniitti miinaa meetii kennee, “Hangan dhufutti kanaan daldalaa” isaaniin jedhe. (Luqaas 19:13) Miinaan meetii gosa maallaqaa gatii guddaa qabu dha. Miinaan tokko miindaa namni hojii qonnaa hojjetu jiʼa sadii olitti argatuu wajjin qixxee dha.

Yesuus kanaan dura, barattoota, namoota hojii midhaan sassaabuu hojjetanii wajjin wal fakkeessee waan tureef, garboonni kurnan fakkeenyicha irratti ibsaman isaaniin akka argisiisan hubatanii taʼuu dandaʼa. (Maatewos 9:35-38) Taʼus, midhaan akka sassaaban utuu hin taʼin, barattoota Mootummaa Waaqayyoo keessatti iddoo argachuu dandaʼan akka sassaabani dha. Barattoonni dhaaltota Mootummichaa dabalataa argachuuf wanta qaban hundatti fayyadamu.

Yesuus fakkeenya kana irratti wanta dabalataa maal ibse? Namoonni biyyichaa, “[Namicha sanyii mootii taʼe] waan jibbaniif, isa duubaan namoota erganii, ‘Namichi kun nu irratti mootii akka taʼu hin barbaadnu’” akka jedhan dubbate. (Luqaas 19:14) Yihudoonni Yesuusitti amanuu akka hin barbaadne, tokko tokko immoo isa ajjeesuu illee akka barbaadan barattoonni beeku. Yesuus erga duʼee fi gara samii erga dhaqee booda, Yihudoonni barattoota isaa ariʼachuudhaan jibba isaaf qaban argisiisaniiru. Mormitoonni kun Yesuus Mootii akka taʼu akka hin barbaadne ifa taasisaniiru.—Yohaannis 19:15, 16; Hojii Ergamootaa 4:13-18; 5:40.

Garboonni kurnan, “namichi sanyii mootii taʼe” “aangoo mootummaa” fudhatee hamma deebiʼutti miinaa isaaniitti akkamitti fayyadamu laata? Yesuus akkana jedhe: “Yeroo booda namichi aangoo mootummaa isaa fudhatee yommuu deebiʼu, garboonni isaa warri inni maallaqa itti kenne sun maallaqa sanaan daldalanii meeqa akka buufatan beekuuf ofitti isaan waame. Kanaaf, inni jalqabaa isa duratti dhihaatee, ‘Yaa Gooftaa, miinaan kee miinaa kudhan dhaleera’ jedhe. Innis namichaan, ‘Baʼeessa goote, garbicha gaarii nana! Ati wanta baayʼee xinnoo taʼe irratti amanamaa waan taateef, magaalota kudhan irratti aangoo qabaadhu’ jedhe. Inni lammaffaanis dhufee, ‘Yaa Gooftaa, miinaan kee miinaa shan dhaleera’ jedhe. Namichi isa kanaanis, ‘Atis magaalota shan irratti aangoo qabaadhu’ jedhe.”—Luqaas 19:15-19.

Barattoonni, akka garboota barattoota dabalataa argachuuf qabeenya isaaniitti guutummaatti fayyadamanii yoo taʼan, Yesuus akka isaanitti gammadu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu. Warra ciminaan hojjetan akkasii akka inni badhaasus amantaa qabaachuu ni dandaʼu. Barattoonni hundi haala jireenyaa, carraa fi dandeettii wal fakkaatu akka hin qabne beekamaa dha. Taʼus, Yesuus inni “aangoo mootummaa” fudhatu, barattoota gochuu irratti carraaqqii isaan amanamummaadhaan raawwatan ni hubata, akkasumas isaan eebbisa.—Maatewos 28:19, 20.

Yaada kana irraa faallaa taʼee fi Yesuus xumura fakkeenya isaa irratti dubbate hubadhu. Akkana jedhe: “Haa taʼu malee, garbichi inni kan biraan dhufee akkana jedhe: ‘Yaa Gooftaa, miinaan kee inni ani huccuudhaan maree dhoksee kaaʼe kunoo ti. Ati nama hamaa wanta hin keenye fudhattu, wanta hin facaafnes haammattu waan taateef sin sodaadhe.’ Innis akkana jedheen: ‘Garbicha hamaa nana, wantuma ati dubbatteenan sitti murteessa. Ani nama hamaa wantan hin keenye fudhadhu, wantan hin facaafnes haammadhu taʼuu koo beekta turtee? Maarree, maallaqa koo maaliif mana baankii naaf hin keenye? Silaa yommuun deebiʼee dhufu dhala isaa wajjin nan fudhadhan ture.’ Yeroo kanatti warra achi dhaabataniin, ‘Miinaa isaa harkaa fuudhaatii isa miinaa kudhan qabu sanaaf kennaa’ jedhe.”—Luqaas 19:20-24.

Garbichi kun, qabeenyi mootummaa gooftaa isaa akka dabalu gochuuf waan hin hojjenneef, kasaaraan isa irra gaʼeera. Ergamoonni, yeroo Yesuus Mootummaa Waaqayyoo irratti mootii taʼu hawwiidhaan eegaa jiru. Kanaaf, cimanii hin hojjetan taanaan Mootummicha keessatti iddoo akka hin arganne wanta inni garbicha isa dhumaa ilaalchisee dubbate irraa hubachuu hin oolan.

Wanti Yesuus itti aansee dubbate, barattoonni amanamoo taʼan carraaqqii godhan akka dabalan isaan kakaasee taʼuu qaba. Akkana jedhe: “Ani isiniin nan jedha, isa qabu hundaaf dabalataan ni kennama; isa hin qabne irraa garuu wanti inni qabu illee isa irraa fudhatama.” Itti dabaluudhaanis, diinonni isaa warri akka inni “isaan irratti mootii taʼu” hin barbaadne akka ajjeefaman dubbate. Achiis Yesuus deemsa gara Yerusaalemitti godhu itti fufe.—Luqaas 19:26-28.