Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 96

Yesuus Gaggeessaa Sooressaa fi Dargaggeessa Taʼeef Deebii Kenne

Yesuus Gaggeessaa Sooressaa fi Dargaggeessa Taʼeef Deebii Kenne

MAATEWOS 19:16-30 MAARQOS 10:17-31 LUQAAS 18:18-30

  • NAMICHI SOORESSI WAAʼEE JIREENYA BARA BARAA GAAFATE

Yesuus gara Yerusaalem deemuuf amma iyyuu Peeriyaa keessa qaxxaamuraa jira. Namichi sooressi tokko fiigee dhufee Yesuus duratti jilbeenfate. Namichi kun “geggeessitoota Yihudootaa keessaa tokko” siʼa taʼu, tarii geggeessaa mana sagadaa ykn miseensa Saanhedriin taʼuu dandaʼa. Namichi kun, “Yaa Barsiisaa gaarii, jireenya bara baraa dhaaluuf maal gochuun qaba?” jedhee Yesuusiin gaafate.—Luqaas 8:41; 18:18; 24:20.

Yesuusis deebisee, “Maaliif gaarii naan jetta? Waaqayyo tokkicha malee gaariin hin jiru” isaan jedhe. Dargaggeessi kun, akkuma warri rabbii godhan, jecha “gaarii” jedhutti kan fayyadame akka aadaa amantii isaatti maqaa ulfinaatiin isa waamuuf taʼuu hin oolu. Yesuus barsiisuu irratti gaarii taʼus, maqaa ulfinaa “Gaarii” jedhuun waamamuu kan qabu Waaqayyo qofa akka taʼe namicha hubachiise.

Yesuus, “Ati garuu jireenya argachuu yoo barbaadde yeroo hunda ajajawwan sana eegi” jedhee isa gorse. Kanaaf dargaggeessi kun, “Warra kam?” jedhee gaafate. Yesuus Ajajawwan Kurnan keessaa shan jechuunis, waaʼee ajjeechaa, ejja, hanna, sobaan ragaa baʼuu fi waaʼee abbaa fi haadhaaf ajajamuu caqase. Achiis, “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedhee seera caalaatti barbaachisaa taʼe kan biraa caqase.—Maatewos 19:17-19.

Namichis deebisee, “Wantoota kana hunda eegeera; kan biraa hoo maal gochuutu na hafa?” jedhe. (Maatewos 19:20) Gochi gaariin, gootummaa isaa argisiisuu fi jireenya bara baraatti isa galchu akka isa hafu isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Yesuus namichi kun gaaffii kan isa gaafate garaa qulqulluudhaan akka taʼe waan hubateef, “isa jaallate.” (Maarqos 10:21) Taʼus, namicha kana dura gufuun tokko jira.

Namichi kun qabeenya isaatiif iddoo guddaa kenna. Kanaaf, Yesuus akkana isaan jedhe: “Wanta tokkotu si hafa: Dhaqi, wanta qabdu gurgurii hiyyeeyyiidhaaf kenni, samii irrattis qabeenya guddaa ni argatta; sana booda kottuu duuka buutuu koo taʼi.” Eeyyee, namichi kun qabeenya isaa hiyyeessota warra deebisanii isaaf kaffaluu hin dandeenyeef hiree barataa Yesuus akka taʼu gaafatame. Taʼus, gaddaa kaʼee achii deeme; yeroo kanatti Yesuus gaddaan isa ilaalee taʼuu hin oolu. Namichi kun, ‘qabeenya hedduu qabuuf’ iddoo guddaa kennuun isaa, qabeenya isa dhugaa akka hin argine isa jaamseera. (Maarqos 10:21, 22) Yesuus, “Namoota qarshii qabaniif Mootummaa Waaqayyootti galuun akkam rakkisaa dha!” jedhe.—Luqaas 18:24.

Yaadni kunii fi wanti inni itti aansee dubbate barattoota isaa baayʼee dinqisiise. Akkana jedhe: “Namni sooressi Mootummaa Waaqayyootti galuu mannaa, gaalli qaawwa lilmoo keessa hulluuquutu salphata.” Yaadni kun barattoonni isaa “Eenyutu fayyuu dandaʼa ree?” jedhanii akka gaafatan isaan kakaase. Fayyuun ulfaataa taʼuun isaa, waan hin dandaʼame akka taʼe argisiisaa? Yesuus gara isaanii ilaalaa, “Wanti namootaaf hin dandaʼamne, Waaqayyoof ni dandaʼama” jedhee isaaniif deebise.—Luqaas 18:25-27.

Pheexiros, “Kunoo, nuti wanta hundumaa dhiisnee si duukaa buuneerra; egaa maal arganna ree?” jechuudhaan filannoo namicha sooressa sana irraa adda taʼe akka godhan dubbate. Yesuus filannoo sirriin isaan godhan dhuma irratti buʼaa akkamii akka qabu addeesse. Akkana jedhe: “Yeroo Waaqayyo wantoota hunda haaressuu fi Ilmi namaa teessoo ulfinaa isaa irra taaʼu, isin warri na duukaa buutan teessoo 12 irra teessanii gosoota Israaʼel 12n irratti murteessitu.”—Maatewos 19:27, 28.

Yesuus yeroo akkas jedhu, gara fuulduraatti haalli lafa irra jiru haareffamee akka isa duraan dhaaba Eeden keessa turetti yeroo itti deebiʼu dubbachuu isaa akka taʼe hin shakkisiisu. Pheexirosii fi barattoonni kaan lafa Janata taatu sana irratti Yesuusii wajjin bulchuuf mirga argatu; kun badhaasa aarsaa akkamii iyyuu yoo kaffalaniif nama hin gaabbisiisne dha!

Haa taʼu malee, badhaasichi isa gara fuulduraa qofa miti. Barattoonni amma iyyuu badhaasa tokko tokko argachaa jiru. Yesuus akkana jedhe: “Namni Mootummaa Waaqayyootiif jedhee, mana yookiin haadha manaa yookiin obboloota yookiin warra yookiin ijoollee dhiise, yeroo ammaatti kana caalaa dachaa hedduu hin arganne, sirna dhufu keessatti immoo jireenya bara baraa hin arganne hin jiru.”—Luqaas 18:29, 30.

Eeyyee barattoonni isaa eessa iyyuu yoo dhaqan, namoota karaa amantii hidhata isaanii taʼanii wajjin miira obbolummaa maatii isaanii wajjin qaban irra caaluu fi gatii guddaa qabu argatu. Kan nama gaddisiisu, geggeessaan sooressaa fi dargaggeessa taʼe kun eebba kana, akkasumas badhaasa Mootummaa Waaqayyoo isa samii keessatti jireenya isaaf argamsiisu waan argatu hin fakkaatu.

Yesuus itti fufee, “Haa taʼu malee, warri duraa hedduun warra boodaa taʼu, warri boodaa hedduun immoo warra duraa taʼu” jedhe. (Maatewos 19:30) Maal jechuu isaa ti?

Geggeessaan dargaggeessaa fi sooressi kun, geggeessitoota Yihudootaa keessaa tokko waan taʼeef ‘warra duraa’ keessaa tokko dha. Ajaja Waaqayyoo waan eeguuf akkaataan jireenya isaa gaarii waan taʼeef, wanti baayʼeen irraa eegamuu dandaʼa. Inni garuu wantoota hunda caalaa qabeenyaa fi badhaadhummaadhaaf dursa kennaa jira. Haala kana irraa faallaa taʼeen, namoonni biyyichaa iddoo guddaa hin qabne barumsi Yesuus dhugaa fi jireenyatti kan geessu taʼuu isaa hubataniiru. Namoonni kun ‘warra boodaa’ kan turan taʼus, amma garuu ‘warra duraa’ taʼuuf jedhu. Yeroo samii irratti Yesuusii wajjin teessoo irra taaʼanii lafa ishii Jannata taatu itti bulchan eeggatu.