Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 82

Tajaajila Yesuus Peeriyaatti Raawwate

Tajaajila Yesuus Peeriyaatti Raawwate

LUQAAS 13:22–14:6

 

  • BALBALA DHIPHAADHAAN OL SEENUUF DHAMAʼUU

  • YESUUS YERUSAALEMITTI DUʼUU QABA

Yesuus Yihudaa fi Yerusaalem keessatti namoota barsiisaa fi fayyisaa ture. Achiis, koonyaa Peeriyaa keessatti magaalota hunda keessatti barsiisuuf Laga Yordaanos ceʼe. Yeroo muraasa booda garuu Yerusaalemitti ni deebiʼa.

Yesuus Peeriyaa utuu jiruu namichi tokko, “Yaa Gooftaa, warri fayyan namoota muraasa qofa dhaa?” jedhee isa gaafate. Namichi kun namoonni fayyan baayʼee ykn xinnoo taʼuu isaanii ilaalchisee falmii geggeessitoota amantii gidduu jiru beeka taʼa. Yesuus dhimmicha baayʼina namoota fayyifamanii irraa gara fayyuuf maaltu barbaachisa jedhutti jijjiire. “Balbala isa dhiphaadhaan ol seenuuf dhamaʼaa” jedhe. Eeyyee, carraaqqii fi walʼaansoo gochuun barbaachisaa dha. Maaliif? Yesuus, “Ani isiniin nan jedha, namoonni hedduun itti galuu barbaadu, garuu hin dandaʼan” jechuudhaan ibse.—Luqaas 13:23, 24.

Yesuus dhamaʼuun barbaachisaa taʼuu isaa fakkeenyaan ibsuuf akkana jedhe: “Yommuu abbaan manichaa kaʼee balbala cufu, isin ala dhaabattanii balbala rurrukutaa, ‘Yaa Gooftaa nuu bani’ jettu. . . . Inni garuu, ‘Isin eessaa akka dhuftan hin beeku. Isin warra jalʼina hojjettan nana, hundi keessan na biraa badaa!’ isiniin jedha.”—Luqaas 13:25-27.

Fakkeenyichi, namni turee tarii yeroo isaaf mijatetti dhufu, balballi cufamee yeroo argu hammam akka dhiphatu argisiisa. Mijachuufii baatus, dafee dhufuu qaba ture. Namoonni barumsa Yesuus achitti isaan barsiisaa jiru irraa fayyadamuu dandaʼan hedduunis haalli isaanii akkasuma. Namoonni kun waaqeffannaa dhugaa kaayyoo jireenya isaanii isa guddaa gochuuf carraa argatanitti hin fayyadamne. Warra Yesuus isaaniif ergame keessaa baayʼeen isaanii qophii Waaqayyo fayyinaaf isaaniif godhe hin fudhanne. Yesuus namoonni kun alatti yommuu gataman, ‘akka booʼan, ilkaan isaanis akka qaran’ dubbate. Haa taʼu malee, “namoonni baha biiftuu fi lixa biiftuutii, akkasumas kaabaa fi kibbaa dhufan,” jechuunis namoonni saba hunda keessaa dhufan “Mootummaa Waaqayyoo keessatti maaddiitti dhihaatu.”—Luqaas 13:28, 29.

Yesuus akkana jedhee ibse: “Warra boodaa keessaa [kanneen akka namoota Yihudii hin taanee fi Yihudoota cunqurfaman] warra duraa kan taʼan, warra duraa keessaas [geggeessitoota amanii sanyii Abrahaam taʼuu isaaniitti kooran] warra boodaa kan taʼan jiru.” (Luqaas 13:30) “Warra boodaa” taʼuun isaanii, warri galata hin qabne akkasii Mootummaa Waaqayyootti akka hin galle argisiisa.

Achiis, Fariisonni muraasni gara isaa dhufanii, “Heroodis [Antiiphaas] si ajjeesuu waan barbaaduuf asii baʼiitii deemi” jedhanii isa gorsan. Tarii Yesuus naannoo sanaa akka baqatuuf, oduu kana kan odeessise Heroodis Mooticha taʼuu hin oolu. Heroodis tarii ajjeechaa Yohaannis Cuuphaa irratti akkuma hirmaate, duʼa raajii kan biraa irrattis akka hin hirmaanne sodaatee taʼuu dandaʼa. Yesuus garuu Fariisota sanaan, “Dhaqaatii jeedala sanatti, ‘Kunoo ani harʼaa fi boru jinniiwwan nan baasa, namoota dhukkubsatanis nan fayyisa, guyyaa sadaffaattis hojii koo nan xumura’ jedhaatii itti himaa” jedhe. (Luqaas 13:31, 32) Yesuus Heroodisiin “jeedala” yeroo jedhu, jeedaloonni hammam haxxee akka taʼan ibsuu barbaadee taʼa. Haa taʼu malee Heroodisis taʼe namni kam iyyuu Yesuus wanta tokko akka hojjetu dhiibbaa isa irratti gochuu ykn isa ariifachiisuu hin dandaʼu. Hojii Abbaan isaa isaaf kenne raawwachuuf jedha; kanas kan raawwatu akka sagantaa namootaatti utuu hin taʼin akka kan Waaqayyootti dha.

Akkuma inni jedhe “raajiin Yerusaalemii alatti ajjeefamuu waan hin qabneef,” Yesuus gara Yerusaalem deemuu jalqabe. (Luqaas 13:33) Raajiin Kitaaba Qulqulluu, Masiihichi magaalaa kanatti duʼuu akka qabu ibsu hin jiru; maarree Yesuus achitti akka ajjeeffamu kan dubbate maaliifi? Yerusaalem magaalaa guddoo, miseensonni mana murtii ol aanaa Saanhediriin 71 keessa jiraatanii fi bakka namoonni raajota sobaa taʼuu isaaniitiin itti himataman waan taateefi dha. Aarsaan qalma horiis kan dhihaatu asitti dha. Kanaaf, Yesuus iddoo biraatti ajjeefamuun isaa fudhatama akka hin qabaanne hubateera.

Yesuus akkana jedhee gadda isaa ibse: “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, raajota kan ajjeestu, warra gara keetti ergamanis dhagaadhaan kan tumtu, akkuma lukkuun cuucota ishii qoochoo ishii jalatti walitti qabdu siʼa meeqan ijoollee kee sassaabuu barbaade! Isin garuu hin barbaadne. Kunoo, manni keessan isiniif kan dhiifame taʼa.” (Luqaas 13:34, 35) Sabichi Ilma Waaqayyoo fudhachuu didaa waan jiruuf, hojii harka isaa argachuu qaba!

Yesuus Yerusaalem gaʼuu isaa dura geggeessaan Fariisotaa tokko guyyaa Sanbataatti nyaata isa afeere. Namoonni afeeraman Yesuus namicha dhukkuba qaama namaa dhiitessuun qabameef maal akka godhu arguuf xiyyeeffannaadhaan isa hordofu; (dhukkubni kun dhukkuba qaama namaa keessatti bishaan garmalee akka kuufamu godhu siʼa taʼu, yeroo baayʼee miillaa fi faana namaa miidha.) Yesuus, “Guyyaa Sanbataatti fayyisuun seeraan heyyamameera moo hin heyyamamne?” jedhee Fariisotaa fi warra seericha beekan gaafate.—Luqaas 14:3.

Eenyu illee isaaf deebisuu hin dandeenye. Yesuus namicha kana erga fayyisee booda akkana jedhee isaan gaafate: “Isin keessaa namni ilmi isaa yookiin qotiyyoon isaa guyyaa Sanbataatti boolla keessatti yoo jalaa kufe yeruma sana harkisee achi keessaa hin baasne eenyu?” (Luqaas 14:5) Ammas yaada amansiisaa inni dhiheesse kanaaf namni deebii kenne hin jiru.