Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 39

Dhaloota Dantaa Hin Qabneef Wayyoo

Dhaloota Dantaa Hin Qabneef Wayyoo

MAATEWOS 11:16-30 LUQAAS 7:31-35

  • YESUUS MAGAALOTA MURTAAʼAN BALAALEFFATE

  • BOQONNAA AKKA ARGATAN NAMOOTA AFEERE

Yesuus, Yohaannis Cuuphaadhaaf iddoo guddaa kenna; haa taʼu malee, namoonni hedduun Yohaannisiif ilaalcha akkamii qabu? Yesuus akkana jedhe: “[Dhaloonni kun] ijoollee bakka gabaa taaʼanii hiriyoota isaanii waamuudhaan akkana jedhanii wajjin wal fakkaata: ‘Ulullee isiniif afuufne, isin garuu hin sirbine; wayyoo wayyoo jenne, isin garuu gaddaan qoma keessan hin rurrukunne.’”—Maatewos 11:16, 17.

Yesuus maal jechuu barbaadee ti? Akkana jechuudhaan yaadicha ibse: “Yohaannis utuu hin nyaatinii fi utuu hin dhugin dhufe; namoonni garuu, ‘Jinniitu isa keessa jira’ jedhan. Ilmi namaa immoo nyaachaa fi dhugaa dhufe; namoonni garuu, ‘Kunoo nama albaadhessaa fi nama wayiniidhaaf bule, michuu warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa’ jedhaniin.” (Maatewos 11:18, 19) Yohaannis nama Waaqayyoof addaan baʼe waan taʼeef daadhii wayinii irraa illee fagaachuudhaan jireenya salphaa jiraate, dhaloonni kun garuu hafuura hamaa qaba jedhan. (Lakkoobsa 6:2, 3; Luqaas 1:15) Karaa biraatiin immoo Yesuus akkuma namoota kaaniitti jiraata. Madaallii isaa eegee kan nyaatuu fi kan dhugu taʼus, wantoota kana akka waan inni baayʼisutti isa morman. Namoota kana gammachiisuun waan hin dandaʼamne fakkaata.

Yesuus dhaloota kana ijoollee bakka gabaa jiranii fi ijoolleen kaan ulullee isaaniif afuufnaan sirbuu didan, akkasumas wayyoo wayyoo jennaan gadduu didanitti fakkeesseera. Yesuus, “Kanas taʼe sana, ogummaan qajeelaa taʼuun ishii hojii ishiitiin mirkaneeffameera” jedhe. (Maatewos 11:16, 19) Eeyyee, ‘hojiin,’ jechuunis wanti Yohaannisii fi Yesuus hojjetan mormiin isaan irratti kaʼe soba taʼuu isaa mirkaneesseera.

Yesuus dhaloonni kun dantaa kan hin qabne taʼuu isaa erga dubbatee booda, magaalaawwan dinqiiwwan keessatti hojjete kanneen akka Koraaziin, Beetasaayidaa fi Qifirnaahom adda baasee balaaleffate. Yesuus, dinqiiwwan kana magaalaa warra Finiiqee kan taʼan Xiroosii fi Siidoon keessatti hojjeteera utuu taʼee, yaada akka geddaratan dubbate. Qifirnaahom ishii yeroo murtaaʼeef keessa jiraates balaaleffateera. Achitti illee namoonni hedduun barumsa isaa hin fudhanne. Yesuus waaʼee magaalaa kanaa, “Guyyaa Murtiitti adaba si irra gaʼu mannaa isa biyya Sodoom irra gaʼutu salphata” jedhe.—Maatewos 11:24.

Achiis, Yesuus Abbaan isaa beekumsa hafuuraa “ogeeyyii fi beektota jalaa” dhoksee, warra gad of qabanii fi akka daaʼimmanii taʼanitti waan mulʼiseef isa jajate. (Maatewos 11:25) Namoota akkasiitiif afeerraa garaa namaa tuqu armaan gadii dhiheesse: “Isin warri dadhabdanii fi baʼaan isinitti ulfaate hundi gara koo kottaa, anis boqonnaa isiniif nan kenna. Waanjoo koo baadhaa, ana irraas baradhaa, ani garraamii fi kanan gad of qabu waanan taʼeef lubbuu keessaniif boqonnaa argattu. Waanjoon koo nama hin quuqu; baʼaan koos salphaa dha.”—Maatewos 11:28-30.

Yesuus namootaaf boqonnaa kan kennu akkamitti? Geggeessitoonni amantii aadaawwan nama garboomsaniin, fakkeenyaaf Sanbataa wajjin haala wal qabateen qajeelfama asiif achi nama hin jechisiisne baasuudhaan namoota irratti baʼaa feʼu. Yesuus garuu, dhugaa aadaawwan kanaan hin faalamne isaan barsiisuudhaan boqonnaa isaaniif kenna. Kana malees, warra dhiibbaa abbootii taayitaatiin akka hacuucamanii fi warra cubbuun isaanii akka baayʼate isaanitti dhagaʼamutti daandii boqonnaa argamsiisu argisiisa. Eeyyee, Yesuus cubbuun isaanii kan isaaniif dhiifamuu fi Waaqayyoo wajjin nagaa uumuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan beeksisa.

Warri waanjoo Yesuus isa nama hin quuqne fudhatan, Waaqayyoof of murteessuu fi Waaqa keenya gara laafessa taʼee fi dhiifama namaaf godhu tajaajiluu ni dandaʼu. Ajajni Waaqayyoo ulfaataa waan hin taaneef, akkas gochuun baʼaa namatti hin taʼu.—1 Yohaannis 5:3.