Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 48

Dinqiiwwan Hojjetus, Naazireetitti Illee Fudhatama Hin Arganne

Dinqiiwwan Hojjetus, Naazireetitti Illee Fudhatama Hin Arganne

MAATEWOS 9:27-34; 13:54-58 MAARQOS 6:1-6

  • YESUUS QARO DHABEEYYII FI NAMA ARRABNI ISAA HIDHAME FAYYISE

  • NAMOONNI NAAZIREET ISA MORMAN

Yesuus hojii baayʼee hojjechaa oole. Naannoo Dikaappoolisii erga deebiʼee booda, dubartii dhiigni dhangalaʼaa ture tokko fayyiseera, intala Yaayirosis duʼaa kaaseera. Taʼus guyyichi hin dhiine. Akkuma mana Yaayirosii baʼeen namoonni qaro dhabeeyyii taʼan lama, “Yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi” jechaa isa duukaa buʼan.—Maatewos 9:27.

Namoonni kun “Ilma Daawit” isaan jechuun isaanii, teessoo Daawit akka dhaaluu fi Masiihii akka taʼe akka amanan argisiisa. Utuu isaan isatti iyyanii callisee bira darbee deeme. Kan akkas godhe dhuguma fayyuu akka barbaadan baruuf taʼuu hin oolu. Isaanis cimsanii isa kadhatan. Yeroo inni mana tokkotti ol seenu isa faana ol seenan. Yesuusis, “Ija keessan banuu akkan dandaʼu ni amantuu?” jedhee gaafate. Isaanis amanannaa guutuudhaan, “Eeyyee, yaa Gooftaa” jedhanii deebisan. Achiis ija isaanii qaqqabee, “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedhe.—Maatewos 9:28, 29.

Battaluma sanatti namoonni kun arguu dandaʼan! Yesuus akkuma kanaan dura gochaa ture ammas wanta inni hojjete kana namootatti akka hin himne isaan abboome. Isaan garuu baayʼee waan gammadaniif wanta inni isaaniif godhe kana iddoo hundatti odeessan.

Akkuma namoonni kun gad baʼaniin, namoonni nama jinniidhaan qabamee fi arrabni isaa hidhame fidanii dhufan. Yesuus namicha keessaa jinnii baase; innis dubbachuu jalqabe. Namoonni bakka kana jiran baayʼee dinqisiifamanii, “Wanti akkanaa matumaa Israaʼel keessatti argamee hin beeku” jedhan. Fariisonnis bakka kana jiru. Dinqii inni hojjete haaluu waan hin dandeenyeef ammas, “Gargaarsa mootii jinniiwwaniitiin, jinniiwwan baasa” jedhanii isa morman.—Maatewos 9:33, 34.

Sana booda Yesuus utuma baayʼee hin turin, barattoota isaa wajjin Naazireet ishii keessatti guddatetti deebiʼe. Gara waggaa tokkoo dura mana sagadaa bakka kanatti argamu keessatti barsiiseera. Jalqaba irratti namoonni wanta inni jedhe dinqisiifatanii kan turan taʼus, booda garuu barumsa isaatti mufachuudhaan isa ajjeesuuf yaalanii turan. Yesuus ammas namoota ollaa isaa turan kana gargaaruuf yaalaa jira.

Gaafa Sanbataa barsiisuudhaaf mana sagadaatti deebiʼe. Namoonni baayʼeen barumsa isaa dinqisiifachuudhaan akkana jedhan: “Namni kun ogummaa fi dandeettii dinqiiwwan kana hojjechuuf isa gargaaru eessaa argate? Kun ilma isa anaaxii sanaa mitii? Haati isaa Maariyaam jedhamti mitii? Obboloonni isaas Yaaqoob, Yoseef, Simoonii fi Yihudaa jedhamu mitii? Obboleettonni isaa hundis nuu wajjin jiru mitii? Maarree wanta kana hunda eessaa argate?”—Maatewos 13:54-56.

Namoonni kun Yesuus namuma naannoo sanaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. ‘Numa biratti hoo guddatee akkamitti Masiihiicha taʼuu dandaʼa?’ jedhanii yaadan. Kanaan kan kaʼes, ogummaa isaa fi hojii dinqisiisaa inni hojjetu utuma arganii isa morman. Yesuusiin sirriitti waan beekaniif firoonni isaa illee isatti gufatan. Kun immoo, “Namoonni bakka hundatti argaman raajii tokko ni kabaju; biyya isaa fi mana isaa keessatti garuu hin kabajamu” jedhee akka dubbatu isa taasise.—Maatewos 13:57.

Namoonni kun amantii kan hin qabne taʼuun isaanii Yesuusiin dinqisiisuun isaa sirrii dha. Kanaaf, “harka isaa namoota dhukkubsatan muraasa irra kaaʼee fayyisuudhaan alatti” iddoo kanatti dinqii gara biraa hin hojjenne.—Maarqos 6:5, 6.