Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 41

Dinqiiwwan—Humna Eenyuutiin?

Dinqiiwwan—Humna Eenyuutiin?

MAATEWOS 12:22-32 MAARQOS 3:19-30 LUQAAS 8:1-3

  • ADEEMSI LALLABAA YESUUS INNI LAMMAFFAA NI JALQABE

  • JINNIIWWAN BAASE, AKKASUMAS WAAʼEE CUBBUU DHIIFAMA HIN QABNEE AKEEKKACHIISE

Yesuus, mana Simoon Fariisichaatti waaʼee dhiifama gochuu dubbatee baayʼee utuu hin turin, Galiilaatti adeemsa lallabaa kan biraa jalqabe. Tajaajila isaa erga jalqabee waggaan lama kan darbeera. Deemaa kan jiru kophaa isaa miti. Ergamoonni 12 fi dubartoonni inni ‘hafuurota hamoo fi dhukkuba adda addaa irraa fayyise’ isaa wajjin jiru. (Luqaas 8:2) Isaan keessaa tokko tokko Maariyaam ishii Magdalaa, Susaanaa fi Yoʼaanaa ishii abbaan manaa ishii itti gaafatamaa mana Heroodis Antiiphaas taʼe dha.

Namoonni hedduun waaʼee Yesuus beekaa yeroo deeman, hojii isaa ilaalchisee falmiin ni dabale. Nama jinniidhaan qabame, qaro dhabeessa taʼee fi arrabni isaa hidhame tokko gara Yesuus fidanii yeroo inni isa fayyisetti, kun caalaatti ifa taʼe. Amma namichi toʼannaa jinniiwwanii jalaa bilisa kan baʼe siʼa taʼu, arguus taʼe dubbachuu ni dandaʼa. Namoonni kun baayʼee dinqisiifatanii, “Namni kun tarii Ilma Daawit taʼinnaa laata?” jedhan.—Maatewos 12:23.

Namoonni mana Yesuus buufatetti walitti qabaman hedduu waan taʼaniif, Yesuusii fi barattoonni isaa nyaata illee nyaachuu hin dandeenye. Yesuus “Ilma Daawit” isa abdachiifame akka taʼetti kan yaadan garuu namoota hunda miti. Barsiisonni seeraa fi Fariisonni tokko tokko fagoodhaa Yerusaalem dhufan. Kan isaan dhufan isa irraa barachuuf ykn isa deggeruuf miti. ‘Inni Biʼeelzebuliin akka qabamee’ fi kan inni hojjechaa jirus “mootii jinniiwwaniitiin” akka taʼe namootatti himaa jiru. (Maarqos 3:22) Firoonni Yesuus waaʼee jeequmsa kanaa yeroo dhagaʼan isa qabuu dhufan. Maaliif?

Yeroo kanatti obboloonni isaa Yesuus Ilma Waaqayyoo taʼuu isaa hin amanne. (Yohaannis 7:5) Yesuus inni jeequmsi kan kaʼe sababa isaatiin akka taʼe dhagaʼan, Yesuus isa isaan Naazireetitti yeroo wajjin guddatan beekanii wajjin tokko miti. Sammuun isaa tuqamee taʼuu qaba jedhanii waan yaadaniif, “Inni maraateera” jedhan.—Maarqos 3:21.

Haa taʼu malee, dhugaan jiru maali dha? Yesuus nama jinniidhaan qabamee fi arguus taʼe dubbachuu hin dandeenye fayyisee kaʼe. Kana namni haaluu dandaʼu hin jiru. Taʼus, barsiisonni seeraa fi Fariisonni oduu sobaa odeessuudhaan maqaa isaa balleessuuf yaalan. Akkana jedhan: “Namni kun mootii jinniiwwanii Biʼeelzebuliin yoo taʼe malee, jinniiwwan hin baasu.”—Maatewos 12:24.

Yesuus yaada barsiisota seeraa fi Fariisotaa waan beekeef akkana jedhe: “Mootummaan wal qoqqoodu hundinuu ni bada; magaalaan yookiin manni wal qoqqoodu hundinuus jabaatee hin dhaabatu. Haaluma wal fakkaatuun, Seexanni Seexana kan baasu yoo taʼe, wal qoqqoodeera jechuu dha; maarree mootummaan isaa akkamitti jabaatee dhaabachuu dandaʼa?”—Maatewos 12:25, 26.

Kun yaada amansiisaa taʼe dha! Fariisonni, Yihudoonni tokko tokko jinniiwwan akka baasan beeku. (Hojii Ergamootaa 19:13) Kanaaf Yesuus, “Ani Biʼeelzebuliin jinniiwwan kanan baasu yoo taʼe, ilmaan keessan hoo humna eenyuutiin isaan baasu?” jedhee gaafate. Kanaaf, wanti isaan Yesuusiin jedhan isaaniifis ni hojjeta. Yesuus itti fufuudhaan, “Ani garuu jinniiwwan kanan baasu hafuura Waaqayyootiin yoo taʼe, Mootummaan Waaqayyoo utuu isin hin beekin isinitti dhufeera jechuu dha” jedhe.—Maatewos 12:27, 28.

Jinniiwwan baasuun isaa humna inni Seexana irratti qabu kan argisiisu taʼuu isaa fakkeenyaan ibsuuf akkana jedhe: “Namni tokko, nama humna guddaa qabu tokko jalqaba utuu hin hidhin akkamitti mana isaa seenee qabeenya isaa saamuu dandaʼa? Mana namichaa saamuu kan dandaʼu akkana yoo godhe qofa dha. Namni na cinaa hin dhaabanne hundi na morma; namni anaa wajjin walitti hin qabne hundi ni bittinneessa.” (Maatewos 12:29, 30) Barsiisonni seeraa fi Fariisonni Yesuusiin mormaa akka jiran ifa waan taʼeef, Seexanaaf akka hojjetan mirkaneessaa jiru jechuu dha. Jarri kun, Ilma Waaqayyoo isa gargaarsa Yihowaatiin hojjechaa jiru jalaa namoota bittinneessaa jiru.

Yesuus, namoota Seexanaan geggeeffamanii isa morman kana akkana jedhee akeekkachiise: “Cubbuun isaan hojjetanii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi ilmaan namootaatiif ni dhiifama. Namni hafuura qulqulluu arrabsu garuu bara baraaf cubbamaa taʼa malee dhiifama hin argatu.” (Maarqos 3:28, 29) Yaadni kun namoota wanti hafuura Waaqayyootiin taʼe, Seexanaan akka hojjetame dubbatan kana irratti haala kamiin akka hojjechuu dandaʼu mee yaadi!