Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 46

Uffata Yesuus Tuqxee Fayyite

Uffata Yesuus Tuqxee Fayyite

MAATEWOS 9:18-22 MAARQOS 5:21-34 LUQAAS 8:40-48

  • DUBARTIIN TOKKO UFFATA YESUUS TUQXEE FAYYITE

Oduun Yesuus Dikaappoolisii deebiʼuu isaa ibsu Yihudoota kaaba lixa qarqara Galaana Galiilaa jiraatan bira gaʼe. Baayʼeen isaanii obomboleettii dhiheenya kana kaʼee ture irratti, Yesuus qilleensichaa fi bishaanicha akka cal jechisiise, tokko tokko immoo namoota jinniidhaan qabaman akka fayyise dhagaʼaniiru taʼa. Kanaaf, “namoonni hedduun” Yesuus deebiʼee yommuu dhufu isa simachuuf qarqara galaanichaatti, tarii naannoo Qifirnaahomitti walitti qabamanii isa eegaa jiru. (Maarqos 5:21) Yeroo qarqara galaanichaa gaʼu wanta hedduu raawwata jedhanii eegaa jiru.

Namoota Yesuusiin hawwiidhaan eegan keessaa tokko, Yaayiros isa geggeessaa mana sagadaa taʼe dha; kan inni geggeessu tarii mana sagadaa Qifirnaahomitti argamu taʼuu hin oolu. Miilla Yesuus irratti kufuudhaan, “Intalli koo akka malee dhukkubsatteetti. Maaloo ishiin fayyitee akka jiraattuuf, kottuutii harka kee ishii irra kaaʼi” jedhee irra deddeebiʼee isa kadhate. (Maarqos 5:23) Yesuus, gaaffii Yaayiros intala isaa umuriin ishii waggaa 12 taʼee fi baayʼee jaallatu akka isaaf fayyisu dhiheesseef deebii akkamii kenna laata?—Luqaas 8:42.

Yesuus gara mana Yaayiros utuu deemaa jiruu, wanta miira namaa tuqu kan biraatu isa mudate. Namoonni Yesuusii wajjin jiran hedduun yeroo inni dinqii gara biraa raawwatu arguuf hawwaniiru. Dubartiin namoota kana gidduu jirtu garuu, dhukkuba cimaa ishii qabatee jirutu ishii yaaddessaa jira.

Dubartiin Yihudii taate kun waggaa 12f dhiigni ishii dhangalaʼaa ture. Ogeeyyii fayyaa hedduu bira kan deemte siʼa taʼu, yaalii fayyaa isaan ishiidhaaf ajajan argachuuf qarshii ishii hunda baasteetti. Garuu itti fooyyaʼuu hin dandeenye. Kanaa mannaa, “ittuma caalaa deeme.”—Maarqos 5:26.

Dhukkubni ishii kun kan humna ishii dhabsiisu taʼuu isaa irra iyyuu, hammam akka ishii qaanessu hubachuu ni dandeessa. Namni dhukkuba akkasiitiin qabame tokko waaʼee dhukkuba isaa ifatti hin dubbatu. Kana malees, akka Seera Museetti, dubartiin dhiigni ishii dhangalaʼu tokko akka xurooftetti ilaalamti. Namni ishii ykn uffata ishii dhiigni itti buʼe tuqe, dhiqachuu kan qabu siʼa taʼu, hamma galgalaattis xuraaʼaa taʼa.—Lewwoota 15:25-27.

Dubartiin kun ‘waaʼee Yesuus waan dhageesseef’ amma isa barbaadaa jirti. Xurooftuu waan taateef namoota sana gidduu kan adeemtu hamma ishiidhaa dandaʼametti akka ishii irratti hin baramne gochuudhaan siʼa taʼu, “Uffata isaa qofa illee yoon tuqe nan fayya” ofiin jetti. Akkuma fiixee uffata isaa tuqxeen, dhiigni ishii dhangalaʼuu akka dhiise ishiitti dhagaʼame! “Dhukkuba ishii isa ishii dhiphisu irraa” ni fayyite.—Maarqos 5:27-29.

Achiis Yesuus, “Eenyutu na tuqe?” jedhe. Dubartiin kun jechoota kana yeroo dhageessu maaltu ishiitti dhagaʼame jettee yaadda? Pheexiros gaaffiin Yesuus gaafate sirrii akka hin taane haala argisiisuun, “Namoonni sitti marsanii si dhiibaa jiru mitii?” jedheen. Maarree Yesuus, “Eenyutu na tuqe?” jedhee kan gaafate maaliifi? Yesuus, “Humni akka na keessaa baʼe waan anatti beekameef, namni tokko na tuqeera” jechuudhaan ibse. (Luqaas 8:45, 46) Eeyyee, dubartiin sun kan fayyite humna Yesuus keessaa baʼeeni dha.

Dubartittiin akka ishii irratti beekame waan ishiidhaa galeef, sodaadhaan hollachaa Yesuus duratti kufte. Namoota hunda duratti, waaʼee dhukkuba ishii dhugaa isaa kan dubbatte siʼa taʼu, fayyuu ishiis ni dubbatte. Yesuus gaarummaadhaan, “Intala ko, amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan dhaqi; dhukkuba kee isa si dhiphisu irraas fayyi” jechuudhaan ishii jajjabeesse.—Maarqos 5:34.

Dhuguma iyyuu, inni Waaqayyo akka inni lafa bulchuuf filate, jaalala qabeessaa fi gara laafessa siʼa taʼu, namootaaf yaaduu qofa utuu hin taʼin, humna isaan gargaaruuf isa dandeessisus qaba!