Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 34

Yesuus Ergamoota Kudha Lama Filate

Yesuus Ergamoota Kudha Lama Filate

Yohaannis Cuuphaan, Yesuus Hoolaa Waaqayyoo taʼuu isaa erga beeksisee gara waggaa tokkoof walakkaa taʼeera. Yesuus tajaajila erga jalqabee booda dhiironni garaa qajeelaa qaban muraasni barattoota isaa taʼanii turan. Isaanis Indiriyaas, Simoon isa Pheexiros jedhamu, Yohaannis, tarii immoo Yaaqoob (obboleessa Yohaannis), Filiphoosii fi Bartolomewos (Naatnaaʼel jedhamees ni waamama) dha. Yeroo booda, namoonni hedduunis Yesuus duukaa buʼuu jalqaban.—Yohaannis 1:45-47.

Amma Yesuus ergamoota isaa filachuuf qophaaʼeera. Warri inni filatu isatti dhihaatanii ni hojjetu, leenjii adda taʼes ni argatu. Haa taʼu malee, Yesuus isaaniin filachuu isaa dura, gaara tarii Galaana Galiilaa biratti argamuu fi Qifirnaahomitti dhihoo jirutti ol baʼee halkan guutuu kadhachaa bule. Kan inni kadhate ogummaa fi eebba Waaqayyoo argachuuf taʼuu hin oolu. Borumtaa isaa barattoota isaa ofitti waamee isaan keessaa 12 ergamoota godhee filate.

Yesuus barattoota isaa jaʼan olitti caqasamanii fi Maatewos isa bakka qaraxa itti sassaabanii waame filate. Warri shanan hafan immoo Yihudaa (Taadewosii fi “ilma Yaaqoob” jedhamees ni waamama), Simoon isa hinaafticha, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewosii fi Yihudaa Asqorotuu dha.—Maatewos 10:2-4; Luqaas 6:16.

Ergamoonni 12n kun Yesuusii wajjin adeemu, innis sirriitti isaan beeka. Muraasni isaanii firoota isaa ti. Yaaqoobii fi Yohaannis warri obbolaa taʼan durbii Yesuus warra jalqabaa ti. Akka namoonni tokko tokko yaadanitti Alfewos obboleessa Yoseef isa abbaa buddeenaa Yesuus taʼee yoo taʼe, Yaaqoob ergamaa inni ilma Alfewos taʼes durbii Yesuus taʼa jechuu dha.

Yesuus maqaa ergamoota isaa yaadachuun akka isa hin rakkisne beekamaa dha. Ati hoo maqaa isaanii yaadachuu ni dandeessaa? Mala maqaa isaanii yaadachuuf gargaaru keessaa tokko Simoon lama, Yaaqoob lamaa fi Yihudaan lama akka jiran yaadachuu dha. Simoon (Pheexiros) obboleessa Indiriyaas jedhamu, Yaaqoob (ilmi Zabdewoos) immoo obboleessa Yohaannis jedhamu qaba. Kun maqaa ergamoota saddeetii qabachuuf gargaara. Warri hafan arfan immoo isa qaraxa sassaabu (Maatewos), isa yeroo booda shakke (Toomaas), isa muka jalaa waamame (Naatnaaʼel) fi isa michuu Naatnaaʼel taʼe (Filiphoos) dha.

Ergamoota Yesuus keessaa kudha tokko naannoo Galiilaa ishii bakka jireenyaa Yesuus taatee dhufan. Naatnaaʼel Qaanaadhaa dhufe. Filiphoos, Pheexirosii fi Indiriyaas Beetasaayidaatti dhalatan. Yeroo booda Pheexirosii fi Indiriyaas gara Qifirnaahom ishii tarii Maatewos keessa jiraachaa turee deeman. Yaaqoobii fi Yohaannisis Qifirnaahom keessa ykn naannoo ishii kan jiraatan siʼa taʼu, naannoo kanatti hojii qurxummii qabuu hojjechaa turan. Ergamaan Yihudaadhaa dhufe, Yihudaa Asqorotuu isa yeroo booda Yesuusiin dabarsee kenne qofa taʼuu hin oolu.